Barattooti Oromoo Yunversitii Jimmaa Waamicha Warraasaa Baldhinaan Facaasuun Diddaa Isaanii Itti Fufan.

Aside

Amajjii 14,2013 Jimma

Baratooti Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa sochii Fincilaa Diddaa Garbummaa [FDG] egalee jiruu jabeessuun itti fufan.Baratootni Oromoo halaa yeroo ilmaan Oromoo fi Oromiyaa akkasumas rakkinaa biyyaattiin keessaa seentee jirtu ilaalchisuun wamicha FDG bifa haaraa ta’een waraqaa warraaqsaa mooraa Yuniversitii fi magaalaa Jimmaa kaasaa facaasaa akka jiran gabaasi nu dhaqabe addeessa.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaatiin mooraa Yuunivarsiitichaa eegaa kan ture daran jabeessuun yeroo ammaa kana ammoo humna waraanaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Afranitti jechuun Mooraa isaa Main Campus, mooraa Economics fi Business, Mooraa Qonnaa, fi Mooraa saayinsii fi Teekinologii tti Humna Waraanaa fi basaastotaa isaa ol seensisuun sirna baruu fi barsiisuu goolaa jiraachuun beekamaa dha.

Qeerroon Yunversitiilee haala kana jabeessanii mormuun irree jabeeffachuu fi uummata keenya daran dammaqsuu irraan FDG kan wal irraa hin cinne Oromiyaa mara keessatti gaggeessuun irree mootummichaa laaffisuun sirna walabummaa biyyaa mirkanneessuun murteessaa ta’uu isaa kan ibsu waraqaalee heddumminaan akka facaasaa jiran beekame. Kana malees Qeerroon yunversitii Jimmaa sochii Wayyaanotaa fi baasasota wayyaanee mormuun mirgii abbaa biyyuummaa saba keenyaa kabaajamuu qabaa jechuun barsiisotaa, baratootaa fi hojjeetootaa Mooraa Yuunivarsitii Jimmaa fi Ummaataa Oromoo hundaaf Waamichaa FDG dabarsuun gaaffii ilmaan Oromoo yeroo si’anaa kaasuu qabanii fi jiruuf jireenyaa Ummatichaa irraatti hudhaa ta’ee jiruu barreessuun Ummataaf bakka hundaattii faacaasaa jiraachuu irra darbee  garagalchaa gaffiiwwaan kanaas Dr Fiqiree Lammeessaa Peresedentii Yuunivarsiitii Jimmaa, Akkasumaas Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif jechuun Qeerroon Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Biroo staffi barsiisotaa, Laabiraarii Baraatotaa fi bakkeewwaan beeksisni adda addaa itti maxxanfamuu hundatti maxxanssuun diddaa isanii jabeessuun itti fufani jiraachuun gaca’uu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

 

Dhaamsa H-Duree ABO J/Daawud Ibsaa Guyyaa WBO Bara 2013

Aside

Diddaan Barattoota Yuuniversitii Aksum Itti Fufe.Barattoota Irras Miidhaan Gahe.

Aside

Amajjii 14,2013 Maqalee

Diddaan barattoota Yuunversitii Aksum itti fufee barattootaa fi loltoota Wayyaanee jidduu rakkoon ulfaataa uumamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Guyyaa kaleessaa nyaata summaaye nyaachuu irraan barattooti lama lubbuun isaanii darbuu waliin wal qabatee ammos fincila barattootaa daran jabeessee jira.

Haala kanaan barattooti lubbuun darban keessaa:-

1.Meselech Taadiyoos -barattuu Maths waggaa 2ffaa,dhalootaan Hawaasaa

2.Sannaayit-barattuu Nusring waggaa 1ffaa-dhalootaan Boorana kan taatee

Yeroo ta’an  gaaffii barattootni guutuutti gaafataniif deebiin argamee waan hin jirreef barattootni ammallee fincila kaasan jabeessanii akka itti jiran gabaasan Qeerroo ganama kana addeessa.

Waldaan Dargaggoota Itoophiyaa yeroo dheeraa wayyaaneen faarfame wayyaanumaan shakkamee bittannaa’uun diddaa dargaggootaa uume

Aside

Amajjii 1,2013 Finfinnee

Waldaan dargaggoota Itoophiyaa jedhamu yeroo dheeraaf biyyattii keessatti mootummaa wayyaaneen faarfamaa ture isin hojii mootummaaf hojjetu osoo hin tahiin mootummaa aangoo irraa buqqisuuf wal gurmeessaa jiru jechuun bittinfame.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dargaggoota irraa shakkii godhachuu kan itti jabaate yoommuu tahu dargaggoota amanamtoota wayyaanee tahan waldaa kana keessa galchuun harka mirgaa godhatee itti fayyadamaa turuun isaa ni yaadatama.Garboomfataan mootummaa wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf bu’aa fi aangoon qabuun dargaggoota gowwoomsaa kan ture dargaggootni filannoo dharaa dhufaa jiruun wal qabsiisuun mormii kaasanii jiran.Filannoon biyyattii keessatti gaggeeffamaa turee fi itti jiramu filannoo haqaa waan hin taaneef hin filannu jechuun waldaan kun mormii wayita dhiyeessutti bakka oolmaa kana irraa shakkii guddaan mootummaa wayyaanee keessa waan seeneef bittinsee jira.Gaaffiin mirgaas bitaa fi mirga irraa hojjettoota mootummaan wayyaaneetti jabaachaa jira.Diddaa wal fakkaataanis barattoota yuunivarsiitii dirree dawaan gamataa barattootaan dho’ee jira.

SBO Amajjii 13 Bara 2013

Aside

Hin Hifatiin Dhiibii !!! Dhiibii- Dhiibiii- Dhiibii ni Dhiibamti Dhiibii….

Aside

Ibsa Info Desk ABO.

Aside

Fincila Baattoota Yuuniversity Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Info Desk ABO Irraa Kenname.

Info Desk ABO Fincila Barattoota FFU irratti.pdf

OLF Info Desk on the Latest Protest in AAU’s 4 Kilo-Amharic.pdf

Mooraan Yuuniversitii Aksum Fincila Barattootaan Jeeqamaa Jiraachuun Gabaafame

Aside

Amajjii 12,2012 Maqalee

OromiaALutaContinua2011FDGAkka gabaasaa Qeerroo mooraa yuuniversity Aksum irraa addeessutti arman dura nyaata summiidhaan xuqameen barattootni lama Yuuniiversitii Aksuum keessattu dhu’uun ni yaadatama.

Haalli itti fufa fincila barattoota guyyaa har’aa Amajjii 12 sababa guddaa ta’e nyaatni barattootaa garmalee baduu irraan kan ka’e,qulqullina dhabuu irraa baratoonni hedduun fayyaa dhabanuun rakkoo guddaa ta’e,sana irrattis barattooti Yuunversitii Finfinnee mooraa Kiiloo 4 heddummaniin hidhamuun gaaffii gabarattoota maraa ta’ee  FDG kaase. Kana xiiqeffachuun bulchitoonni mooraa Yuunversity Maqalee nyaata bade guyyaa sadiif bule barattooti akka nyaatan dhiheessuu irraan sababa ta’ee gaaffiin mirgaa har’a ganama sa’aa 8:00WD irraatti fincilli akka ka’u taasisee jira.

Haalka kana irratti hundaawuudhaan hidhattootni Wayyaanee poolisoonni mooraa,waraana federaalaa waliin mooraa keessa galuudhaan barattoota moorichaa guutummaatti rukutuu fi qabuudhaan jeequmsi guddaan ture,lolli guddaan barataa fi hidhattoota Wayyaanee gidduutti jabaatee oole,hammachuu barattootaan dhukaasni naannoo sa’a 5:00 keessa barattoota irratti kan banameen shamarran lama garmalee mada’anii amma mana yaalaa galanii jiru.Barattootni 5 bakka buuteen isaanii dhabamee jira,maqaa barattoota kanaa walitti qabnee odeessaa gabaasa itti fufu keessatti dhiheessina.

Gaaffiiwwan barattooti Yuniversitii Maqalee barreessanii maxxansuu fi akka dhaadanootti qabatanii jiran keessaa gariin:-

  • Waraannii fi poolisiin akkasuma basaastonni mooraa gadi nuuf dhiisaa,
  • Torban tokko dura barataan namni lama summii nyaatan makamee nyaatee du’e sun akka hin dhaga’amneef ukkaamsamee hafee jira, kun amma ifatti hamma bahutti barumsa keenyatti hin deebinu,
  • Hatattamaan barataan nu keessaa butamee bakka buuteen isaa dhabame kun nuuf haa deebi’u, jedhanii gaaffiwwan kana barreessanii bakkaa adda addaatti maxxansanii jiru, gaaffiin kun hamma deebii quufsaa argatutti yoo nu fixxan nu fixaa malee boodatti hin jennu jedhuun tokkummaadhaan mooraa keessatti iyyaa akka jiran gabaasaan qeerroo nu gahee jira.
    • Mirgi uummata biyyattii haa kabajamu
    • Bilisummaa barbaadna
    • Qaala’insi jireenyaa haa dhaabbatu
    • Miindaan jireenyaaf gahaa miti
    • Arrabsoon ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu
    • Mootummaan wayyaanee ofii barattoota walitti buusuu haa dhaabu

Kanneen jedhan ta’uu qeerroon naannicha irraa gabaasa

Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa

Aside


Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa

Ibsa Miseensota KG Dh.D.U.O

Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa. Galmee seenaa keessattis bara baraan jiraata. Akkuma beekamu mootummaan wayyaanee haala yeroo ammaa akkaataa hammaataa fi jibbisiisaa taheen ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira. Kaanis saamaa, kaanis ajjeesaa, kaanis biyyaa arii’uu daran jabeessuun waanjoo garbummaa jabeessee hudhaa jira. Kun kan hiika argatu tokkummaa Oromoo jabeessuun sochii bilisummaaf godhamu finiinsuu qofaan taha. Uummatni Oromoos haala kana hubachuun qotee bulaa, barsiisaa, barataa, hojjetaa, daldalaa, dafqaan bulaa fi marti osoo lagaa fi aangoon wal hin qoodiin QBO jabeessuun dirqama. Wayyaaneen paartiilee biyya bulchan keessaa addatti xiyyeeffannoo fi ija shakkiin irra caalaa kan ilaalu Dh.D.U.Oti. Kunis haqa lafa kaawee darbu qaba. Dh.D.U.O ofii bixxilee har’a Oromoo ittiin gowwoomsuuf dhaaba siyaasaa qabdu jedhu kana irraa amantamummaa waan hin qabneefi. Dhiibbaa addaa fi qorannoo, akkasumas namuusaan jechuun aangoo irraa darbaa, dhoksaan tikaan ajjeesisaa waan tureefi. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif kufanii ka’an bakka kumaatamatti dhiiga isaanii dhangaalaase. Dhiigni dhangala’e kan miseensummaa DH.D.U.O qaban dabalatee malee ati miseensa keenya jedhee guyyaa itti Oromummaa keef dhugaa dubbadhu jedhe hin qabu. Filannoo gaggeeffamaa ture keessattis paartiileen mormitootaa ija guutuun osoo ilaalanii sagaleen anatu caala jedhee uummatatti lallaba. Namootni dhugaaf dubbatanis bakka nyaatanii fi dhuganitti, bakka bashannanitti tika mootummaa wayyaanee fi ifaan ajjeefaman. Dhugaan biyyattii keessatti bakka dhabaa fi jireenyi uummata biyyattii keessumaa kan ilmaan Oromoo daran hammaataa tahee jira. Gochaa isaa kanaafis guyyaan seenaan itti gaafatamnu dhiyaachuun hundatti akka biiftuu barraaqaa mul’achaa jira. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf QBOf kan beekumsa qabu beekumsaan, kan qabeenya qabu qabeenyaan, kan humna qabu humnaan waan danda’u maraan qooda keessaa fudhatuu qaba.
Yaa Ilmaan Oromoo,

Wareegama barbaachisaa kaffalanii bilisummaa uummata ofii mirkansuun nama boonsa.pdf

Godina Baalee magaala Gobbaa Keessatti Qeerroon Olola Wayyaanee Fashalse. Hidhaa fi Ukkaamsaanis Itti Fufe.‏

Aside

Amajjii 11,2013 Gobbaa

BilisummaaGodina Baalee magaala Gobbaa keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa leenjii namuusaa jedhuun olola siyaasaaf kan karoorse dura dhaabbannaa Qeerroo bilisummaan bakka gahuu dhabe. Qeerroon naannicha irratti Wayyaanota dursee olola dharaa mootummaan gabroomfataa oofaa jiru rakkoo saba Oromoo hin furu jechuun dhadannoo fi barruulee facaaseen dabballoonni Wayyaanee akeeka isaanii bakkaan gahuu hin dandeenye. Haala kanatti kan rifatan Wayyaanotnni  hidhuu fi hiraasuun filmaata jedhanii Qeerroo Oromoo maqaa miseensummaa ABOn daran dararaa jiru.

Dargaggoota Oromoo isin miseensota ABOti,ABOf hojjechaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee kaan ammo qorannoon rakkisaa jira.Dargaggootni oromoo

1.       Dargaggoo Amiin Ida’oo

2.       Dargaggoo Girmaa Olaanii

3.       Dargaggoo Mangistuu Alaqaa Dheeraa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu daraggoon Jibriil Usmaan jedhamu ammoo kaabinoota mootummaa wayyaaneen yeroo yerootti qoratamaa jira.Dargaggootni mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsan ulee wayyaaneen hedduu reebamaa kan jiranii fi warra isaaniin akka hin dubbisne dhorkamanii jiran.Qeerroon magaala kanaa miidhaa fi daba ilmaan oromoo irratti gaggeeffamu adda durummaan mormuu ibsuun hanga Bilisummaan keenya mirkanaa’u qabsoo jabaatanii itti fufuu ibsatanii jiran.