SBO Guraandhala 3 Bara 2013

Aside

Gaaffiii mirgaa Qeerroo fi Dargaggoon Sidaamaa gamtaan kaasan dura dhaabbachuuf wayyaaneen namoota mana hidhaatti guure keessaa 9 murtii dabaa itti kenne

Aside

Gurraandhala 1,2013 Finfinnee

Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf tokkummaan sabaa fi sablammii biyyattii keessaa murteessaa dha.Diina waloo waliin loluu irratti kan xiyyeeffate Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa dhaadannoolee garaa garaa magaala Hawaasaa fi aanolee Godina Sidaamaa garaa garaa keessatti maxxansuun isaa ni yaadatama.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage ilmaan oromoo fi sidaamaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadatama.Haala kanaanis Godina Sidaamaa aanaa Harbegoonaa keessaa namoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas murtii dabaa murteessee jira.Ilmaan oromoo fi Sidaamaa yeroo ammaa daba mootummaa wayyaaneen adabbiin hidhaa jia 6 itti murtaaee jira.Isaanis

Lakk Maqaa Sadarkaa Barnootaa Lammummaa
1 Taammiraat Shawulaa Managment B.A degree Sidaamaa
2 Buurkaa Bushee ICT Bsc degree Sidaamaa
3 Haroo Harqaa Nursing Diploma Sidaamaa
4 Kabbadaaa Tuunnoo Human Resource BA degree Sidaamaa
5 Waaxee Daabessaa Accountant BA degree Sidaamaa
6 Gobaanaa Godaanaa Clinical Nursing Diploma Oromo
7 Baqqalaa Yukkuraa Law 1st degree Sidaamaa
8 Muliyyee Muuddee Accontant BA degree Sidaamaa
9 Didhaa Dheeressaa Nursing Diploma Oromo

Yoommuu tahan yeroo ammaa kanas mana hidhaa mootummaa wayyaanee Godina kanaa aanaa daallee magaala Yirgaalem mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala kanaa keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne nurraan gahus qabsoon keenya daran jabaattee itti fufti jechuun dargaggoon Sidaamaa fi qeerroon ibsanii jiran.

Waraaqaalee dhaadannoo Godina wallagga lixaa aanaa Ayiraatti maxxanfamaniin wayyaaneen darggaggoota yakkuun hidhaa jira

Aside

Gurraandhala 1,2013 Gimbii

Godina wallagga lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo mana hidhaatti guuruu itti fufgee jira.Magaala Ayiraa Gullisoo keessatti waraqaalee dhaadannoo qalamaan barreeffamuun maxxanfaman mootummaan wayyaanee dargaggoo oromoo Barakat Efreem kan maxxansiise sidha jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun reebicha irraan gahanii jiran.Dhaadannooleen mootummaa wayyaanee balaaleffatan magaala kana keessatti kana maxxanfaman yoommuu tahu dhaadannooleen kunneen 1. ABO haqa 2. Kai Qeerroo 3. Wayyaaneen Garboomsaa dha 4. Bilisummaan dhufe,Garbummaaan Hafe Kan jedhan qalama diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman yoommuu tahu jala deemtotni mootummaa wayyaanee magaala kanaa 1. Obbo Taammiree Hirqee fi 2. Obbo Margaa Qajeelaa kaabinee magaala kanaa Kan tahan dargaggoota oromoo hojii dhaban isintu gocha kana hojjechaa jira jechuun mana hidhaatti guuruuf karoorfachuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun isaaniis saaxilamee jira.Jala deemtotni kunneen hojii gocha farrummaa kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon dhaammatee jira.

Seife Nebelbal Radio Interviews Jemal Ibrahim on minorities’ right in Oromia

Aside

Bakka Bu’ootiin Qonnaan Bultooti Oromoo Godina Horroo Guduruu fi Shawaa Lixaa Walitti Dhufuun Dhimma QBO Irratti Mari’atan.

Aside

Gurraandhala 1,2013 Baakkoo

Oromian resistanceQabsoo Bilisummaa oromoo galmaan geessisuuf wareegamni qotee bultootaan gaggeeffamaa ture daangaa hin qabu.Yeroo ammaa kanas QBO gaggeeffamaa jiru galmaan geessisuuf qotee bultootni Godina Shawaa lixaa magaala aanaa Baakkoo keessaa gochaa hammeenyaa ummata Oromoo irratti ta’u dura dhaabbachuuf jecha qotee bultoota Horroo waliin walitti dhufuun marii gaggeessan.Qotee bultootni kunneen

  1. Ilmaan keenya akka bineensaa manneen barnootaa keessatti adamsamuun hanga yoomiitti?,
  2. Nuyi qe’ee keenya irraa buqqaanee qe’ee dhabeessa kan taanu hanga yoomiitti?
  3. Gibirri humnaa ol kan nutti fe’amuu fi gabaa bilisaan dhorkamnu kun xumurri yoomi?

qabxiilee jedhan kaasuun tokkummaan ilmaan oromoo murteessaa akka tahe ibsuun mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti qotee bultoota gowwoomsuun maqaa misoomaan bittaa umrii isaa dheereffachuu ibsatanii jiran.Fuulduratti quunnamtii bu’a qabeessummaan itti fufuun qotee bultoota Oromiyaa mara hammachuun gaaffii mirgaa kaasuuf murteessuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiran.

  1. Mootummaan wayyaanee hanga aangoo irraa darbamutti qabsoo keenya cichinee itti fufna
  2. Ilmaan keenya mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsaman akka gadhiifaman ni gaafanna
  3. Gibira mootummaa wayyaanee hin kaffallu
  4. Waraana Bilisummaa Oromoo ni nyaachisna,Obaasna,Iccitii isaaniis ni tiksina
  5. Dabballoota mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo garbummaa jalatti hambisuuf kurukuran ni balaaleffanna
  6. Mootummaan wayyaanee badii balleessaa turetti seeraan akka gaafatamu ni iyyanna
  7. Qe’ee irraa buqqa’uu fi saaminsa ni mormina

Kan jedhan erga baafatanii Koree Hojii raawwachiistuu ”BIIFTUU JAALLAN QOTEE BULTOOTAA” jechuun moggaasanii dirqama wal irraa fuudhuun galmaan gahuuf waadaa seenuun milkiin xumuranii jiran.

Tokkummaan Haa Kaanu!!

Aside


firehiwetQeerroo                                                                                                  

  Firehiwot Guluma Tezera Irraa

   Keetimdhufeera@yahoo.com

Amajjii 19,2013

Tokkumman Haa Kanuu

Sareen ofii wal nyaattuu

Waraabessa ofirraa ittistuu

Yoo wal hin taane

Ilaa umrii gabroomne

Hangi dhumes dhumu

Hangi fedhes hidhamu

Oromoon hin dhumu galaanaa

Gaafa waltaane takkaa irra baana

Oromoon hin baduu hogguu margaa

Kana namuu beeka dubbinsaa aagaa

ABO nurraa dhiqi xurii gabrummaa

Kan dharraane nuu fidi bilisummaa

Gabrumma keessa akkamiin teenya

Labooba qabsoo waliin geenya

Walaaloo.docx

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Xumura Baatii Amajjii 2013

Aside

Dorgommii Kubbaa Miillaa Kibba Afirca Guyyaa Lammataa Irrattis Qeerroon Seenaa Guddaa Galmeessan.

Aside

Amajjii 31,2013 Kibba Afirca

qeerroo k/ADorgommii Kubbaa Miillaa biyyoota Africa Amajjii 2013 keessa kibba Africa keessatti gaggeefamaa jiru irratti gootonni Qeerroon Oromoo alabaa ABO stadiyoomii kubbaa sanii keessatti balaliisuun eenyummaa ummata Oromoo fi biyya Oromiyaa aduunyaatti beeksisuu irratti seenaa guddaa hojjetanii jiru. Guyyaa jalqabaa alaabaan ABO aduunyaa irratti muldhate sanitti biyya Ethiopia keessatti hordoftooti kubbaa miillaa sanii karaa TV Ethiopia warri hordofaa turan alaabaa ABO dirree kubbaa keessatti balali’u ilaalaa turan.Haalli kun Absahootaa fi warra Wayyaanee haalaan yoo rifaasise iyyuu Oromoota Oromiyaa jiran ammo guddoo gammachiisee jira.Qeerroon manneen barnootaa fi magaalota adda addaa jiran akkuma TV irratti arganiin sirboota warraaqsaan magaalaa fi kolleejjota howwisaa bulanii turan.

Haalli kun daran kan riifaasise mootummaan Wayyaanee gaafa guyyaa dorgommii lammataa namni alaabaa ABO qabatee akka dirree kubbaa san akka hin seennee fi akka dhorkamu jechuun mootummaa kibba Africa itti iyyachuun beekamee jira.Haala kanaan namni itti ramadamee Qeerroo Oromoo alaabaa baatanii Stadiyooma san seenan akka dhorkaman qoqqobbii irra kaayan, warri kaameeraan waraabanis akka hin waraabne qajeelfama akka itti darbu ta’e.Gara alaabaan ABO jirutti qabanii akka hin waraabnes itti himame. Kun kana haata’u malee Qeerroon kanaaf hin abboomamne alaabaa Oromoo miidhagduu san ol qabachuun seenan yeroo kana warri itti ramadaman dhufanii dhorkuu yaalan. Garuu Qeerroon “ Nuti seeraan bakka kana dhufne waan ta’eef baqataa seeraati” jechuu dhaan waraqaa isaanii itti agarsiisan.Amma illee namtichi dhorguuf yaalii guddaa goonaan “maaliif dhiibbaan kun nurratti ta’aa?ykn maaliif dhorkamnaa? Yoo nu dhorku ta’e warri tapha kana qopheesse warri CAF yoo dhiibbaa kana nurraa gahee ta’e akka nuu himan barbaadna yeroo san gaazexessitoota yaamnee itti himnee akka isaan dhiibbaa nurratti godhan adduunyaatti himnee sirnaan baana” ittiin jedhan.

Yeroo kana namtichiis “lakkisaa nuti discriminate isin hin goone, CAF illeen akkasuma discriminate hin goonne” jechuudhaan falmaan itti jabaannaan ofirraa lakkise. Warri kaameraas hanga kaasan kaafatan. Qeerroonis Injifatnoon eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa aduunyaatti beeksisaa oolan.

BIRROOLEEN MAAL TAATE?

Aside

Gammachiis Naadoo irraa

parchment 7Birrooleen maal taate maaliif qara ilaalte,
Naasuu tokko malee dallaa keessaa baatee,
Barcuma ulfinaa of jalaa darbattee,
Bakka isheef hin malle qe’ee halagaa galte.

Tarii nagaa miti isheen waa rakkatte,
Gaaf tokko deebiti yaada naanneffatee,
Jennee mari’atnee irratti walii gallee,
Ilmaan abbaa tokkoo wal qooduuf hin malle.

Dhiiginni dhiiga hin dheessu waliin dhalatanii,
Marabbaa fi jaalala yoo dhabuuf baatanii,
Maal maatii ishee dhiiftee maaliif qara ilaaltii,
Masaraa ulfinaa maliif diiguuf yaaltii?

Dachii Taaddee Birruu kan Elemoof Baaroo,
Galma hunda keenyaa fi qe’ee Guuree Faaroo,
Kan gootaan marfamte darbiin nuti dhaalle,
Maaliif nyaapha hafeertii moo seenaa irraa laallee?

Galma abbootii gadaa fii dachii kumatamaa,
Masaraa booranaa fii ardii barantumaa,
Seenaa raga bahaa biyya goota hundumaa,
Tasa hin gurguramuu eenyuun jijjiiramaa?

Akkan hin shakkineef nama hormaa miti,
Qaamaan nuu wajjini fedhiin fagoo jirti,
Bu’aa lubbuun fidnee halagaaf sharafti,
Maalummaa ishee gantee maaliif jijjiiramtii?

Waadaa waliif seennee nu lachuu gaaf tokko,
Nuti foon tokkicha ilmaan abbaa tokkoo,
Maaliif hin furannu waliin teenyee raakkoo,
Maal abaarsa qabnaa waan dur bara rakkoo?

Kan keenya raajii dha hamtuu nu mudatee
Maal yoo nu baraareef Rabbitti hin guddatee?

Yaadaan wal dadhabuun jira marraa tokko,
Gargar baana hin seene fira gaafa rakkoo,
Erga na tuffattee hormaaf taatee fakkoo ,
Bakka feete dhaqi karaan dudda indaqqoo.

Nuti duute seene isheen muuxateettii,
Haala ilaallattee mormiif dhihateettii,
Carraan suma tokkoo duraan milkoofteettii?
Moo ofiisheef raatoftee nu joonjessuu fetii?

Gochaan ishee inni duraa barumsa naaf tahee,
Hallan dabarsine seenaadhaaf ol kaa’ee,
Ani diiguu hin beeku ijaaruun bobba’ee,
Kan hojii koo hin dhabu waan Rabbi naaf kaa’e.

Bra baayyee joorte ittis dadhabdeettii,
Badii isheen dalagdes kan dagatan mitii,
Tarkaanfii fudhachuuf mataa nama hiitii,
Kan nuun nu mudate rakkoo salphaa miti.

Hormi nu gaafata mal taate hin maraattee?
Akkamittiin diigdi masaraa ofii jaarate ,
Jaallewan ishee duriif mala akkamii dhaamte,
hin yaadin baatee galli waa’ee taatee?

Kan ishee seenaaf dhiifnaa baayyee nutti cophxee,
Waa hundaan nu miitee yeroo keenyas gubdee,
Waa sirrachaa hin jirtu kan darbe irraa bartee,
Erga nuuf hin taanee dhiisaa baga dhaqxee.

Mee sana itti dhiifnee waan harraa dubbannaa,
Nama ofii isaa ganautti maalumaaf dhiphannaa,
Akka wal fakkannuun waliin mari’atnaa,
Lammii dhumaa jiruuf ol kaanee dirmannaa.

Kanan wal mufadheen amma wal hubadhee,
Hamataa fii goomataas hunda adda baafadhee,
Kan saba koo dursee dhiifama wal gaafdhee,
Barumsa irra argannaas sirriitti abdadhee.

Imimmaan jaalalaa baayyeen dhangalasee,
Gargar baanee turuun gar malee na aarsee,
Hojii isaa haa argatuu kan gargar nu baasee,
Walitti nu deebisee Rabbi koo naannessee.

Tokkumaan Oromoo ammas haa dagaaguu,
Jalalli saba koo yoomuu haa bargaaguu’
Nu riqicha taanee lammii koof haa darbuu,
Sabinni koo gaaf tokko bilisummaa haa arguu.

Natti hin dallaninaa waan taheen dubbadhee,
Kanan yeroo dheeraa baayyee itti dhiphadhe,
Kun nu hin baasu jedhees baayyedhan iyyadhee,
Harra carraa argadheen saba kootti himadhee.

Amma milkahuufii bara baayyeen jooree,
Adeemsa koo keessas fira bayyeen horee,
Ililliin facaafne ija godaeeraa,
Hayataan dhihannee isa wal hafeerraa.

Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen bilsoomti !!
Injifatnnoon uummaa Oromoof!!

Gammachiis Naadoo: abdii.bori@yahoo.com

Qeerroon Oromoo Afrikaa Kibbaa Seenaa Boonsaa Galmeessan

Aside

Goototi Dargaggoota Oromoo  Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan, seenaa Uummata Oromoo keessatti yeroo jalqabaaf alaabaa Oromoo fi Saba Oromoo adduunyaatti beeksisan.

Dargaggooti Oromoo kunneen dirree taphni kubbaa miilaa biyyooti Afrikaa keessatti gaggeeffamu argamuun hojii seenaan hin daganne hojjetanii jiru.