Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa 4 Hidhuun Kaan irraa Ammoo Waraqaa Eenyummaa Funaane.

Aside

Ebla 1,2013 Jimmaa

BilisummaaGaaffii mirgaa barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa kaasan waliin wal qabatee Bitootessa 30,2013 waraanni mootummaa Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessa qubatee jiru barattoota Oromoo 4 diddaa kaastaniittu,gaaffii mirgaa kan mootummaan hin feene kaaftanii jirtu.Biyyi Oromoo kan Oromooti jechuun sagalee dhageessiftan sababa jedhuun barattoota 4 hidhuun beekame. Kanneen 7 taan ammo waraqaa eenyummaa isaanii seeraan ala irraa fuudhee akka jiru Qeerroon Jimmaa gabaasa.

Barattoota kanneen hidhamanii mana hidhaa Jimmaa keessatti dararamaa jiran kuniin:-

1, Barataa Tashomee Girmaa barataa siviili Injiineriigii waggaa 3ffaa,
2, Brataa Faar Mohaamed Barataa Seeraa waggaa 3ffaa ,
3, Barataa Qananiisaa barataa water injiineringii waggaa 3ffaa,
4, Barataa Iyyaasuu barataa Soshoologii waggaa 2ffaa
Yeroo tahan barattootni kaanis poolisootaan dorsifamaa jiraachuun beekame.

Harás Borus Biyti Te enya Oromiyaa, Umman ni Keenya Oromoo, Ka ayyoon Keenyas Bilis ummaa dha! (Ibsa In fo Desk ABO)

Aside

abo

Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOdhaan hogganamu waggoota afurtamman dabran gargaarsa tokkoon maleetti fi duula diinota qabsoo kana dhabamsiisuuf irratti faraqaan bobba’an lakkoobsaan hedduu fi dandeetti guddaa qaban irra aanee hundee sabboonummaa hin buqqaane gad dhaabuu danda’ee jira. Hundeen sabboonummaa kunis Oromummaa fi hawwii (aspiration) bilisummaa Oromiyaa ti. Har’a barri itti Oromoodhaan ati Oromoo dha, biyti tee Oromiyaa dha jedhanii barsiisan dabarteetti. Akkasumas faallaa kanaan afaan alagaa tahanii Oromootti gadi bahuun, ati Itoophiyaawii dha, biyti tees Itoophiyaa dha jechuun kan qabsoo Oromoo dura dhaabbatanii maqaa Oromoo dhawatuun lallaban deddeebi’anii mul’atan illee mul’atni isaanii fudhatama hin arganne; har’as fudhatama hin qabaatu. Galanni jaallan hundee Oromummaa jabaa kana akka hin buqqaanetti gad dhaabuuf jecha wareegama qaalii baasanii fi har’s kaayyoo kanatti cichanii baasaa jiraniif haa tahuutii, har’a Oromoon eenyummaa saba isaa fi biyya isaa baruu bira dabree waan isaaf tahu murteeffachuuf illee gahummaa dammaqinsa siyaasaa amansiisaa horatee argama. Kun injifannoo hangafaa fi bu’uuraa kan milkaawina qabsichaaf akka furtuutti ilaalamuu dha.

Sabboonummaan Oromoo har’a bakkayyuu daraare diinnan Oromoo yoo yaaddessu lammiif ammoo abdii ol’aanaa dha. Sochiin diddaa gabrummaa barattoonni Oromoo yuniversiitiilee, kooleejotaa fi manneen barnoota sadarkaa adda addaa keessatti taasisaa jiran kanaaf ragaa hangafaa taha. Har’a ‘Dhaloota Qubee’ jechuun kan beekamu dhaloonni jalaa ol dhufaa jiru injifannoolee hangafootaan galmeeffame dhaalee tiksuu fi injifannoolee dabalataa galmeessuuf Oromiyaa mara keessaa of qopheessuu irratti argama. Dhaloota hangafaa kan qabsoo baroota dheeraatiin hundee sabboonummaa hin daddaaqamne kana gad dhaabeef kabajaa fi mararfannoo guddaa kan qabu dhaloonni Oromoo haaraan, tarkaanfiin itti aanu hoo maali, jedhee wal gaafachuu fi mariyachuutti jira. Sabboonummaan Oromoo kaayyoo bilisummaa Oromiyaa mirkaneessuu irratti jaarame akkamitti dhugooma kan jedhu irratti dhaloonni haaraan dirqama seenaan isa irra keesse bahachuuf sochiitti seenee akka argamus ifa galaa dha. Diinni deemsa QBO bifa abdachiisaa kanaan deemaa jiru doomsuuf ijibaachuu irraa wayta itti duubatti jedhe hin qabu. Tarkaanfii humnaa fi haxxummaatiin sabboonummaa Oromoo kolaasuu carraaquu irraa dhaabbatee hin beeku. Tarkaanfii humnaa fudhatee lubbuu qabsaayota hedduu gaaga’eera, qaama hir’iseera. Kumoota hidheera, kumoota biyya irraa baqachiiseera. Tarkaanfii haxxummaa fudhateenis dargaggootaa fi sabboontota Oromoo baay’ee kaayyoo QBO ABOdhaan durfamuu irraa maqsuuf jecha doorsisaanis tahee gowwoomsaadhaan miseensummaa dhaaba bixxillee isaa OPDO guuchifateera. QBO keessattis lukkeelee qabsicha keessaan diigan kumaan kadhimmatee jeequmsa ulfaataa mooraa QBO keessatti gaggeessaa bahee jira. Tarkaanfiileen humnaas tahee haxxummaa kun marti garuu daranuu sochii sabboonummaa fi falmaa mirga Oromummaa finiinsisan malee duubatti deebisuu hin dandeenye; gonkumaas hin dandayani. Diinas tahe kanneen bitamanii shiroota kana irratti itti fufinsaan bobba’an kana akka gaariitti beeku.

INFO DESK ABO haala yeroo irratti.pdf

OLF INFO DESK on current affairs- Amharic.pdf

“Harka Koo Kennuu Mannaa Harka Koo Nyaachuu Wayya” Jedhe Geendaan Buushan Gooti Oromoo Durii

Aside

Labsa Dhaaba Dimokiratawaa Oromoo/ODF

http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/labsa-dhaaba-dimokiratawaa-oromooodf/

VOA: Yunivarsitii Jimmaa Keessatti Barattooti Oromoo Mormii Sirna Wayyaanee Kaasan

Aside

Wallisaan Oromoo Toleraa Ittisaa Maal Jedhee???

Aside

Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree gaaffii mirgaa kaasaniif Hojjettooti Oromoo 4 hidhaman

Aside

Bitootessa 30,204 Finfinnee

Sirni cunqursaa mootummaa abbaa irree daran jabaachaa dhufuu irraan kan kae hojjettootni mootummaa aanaa Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree mormiitti seenan.Aanaa ejeree keessatti dabballootni mootummaa wayyaaneen kaadhimaman ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatanii fi dabalinsa miindaa kaasaa jiran isin miseensota ABOti jechuun qorachuu irratti argamu.Ilmaan oromoo hojjettoota aanaa kanaa tahan miseensa ABO tahuun nama boonsa malee waan nama qaanessu hin qabu jechuun ifaan diddaa eegalanii jiran.Bulchinsi aanaa ejerees hojjettoota kan qindeessu isini jechuun sabboontota hojjettoota oromoo qorannoon rakkisaa jira.Ilmaan oromoo

1. Habtaamuu Dachaasaa hojjetaa waajjira babalina hojii gamtaa

2. Zalaalam Taarraqeny hojjetaa waajjira babalina hojii gamtaa

3. Taarikuu Jimaa waajjira babalina hojii gamtaa ganda gabaa Jimaataa

4. Barsiisaa Badhaadhaa Nagaraa barsiisaa mana barumsaa Hinaaftuu

Kanneen tahan yeroo ammaa kana isin miseensota ABO dha,kan hojjettootaa fi uummata kakaasaa jiru isini jedhamuun qoratamuu irratti argamu.Mootummaan wayyaanee hidhaa,ajjeechaa,doorsisa,qorannoo fi kanneen kaan baayisus gaaffii mirgaa finiinaa jiru dura dhaabbachuu akka hin dandeenye qeerroon aanaa ejeree gabaasee jira.

Seife Nebelbal Radio and Radiyoo Simbirtuu

Aside

Magaala Finfinnee ba rattooti mana barums aa Madaanalam qophaa ‘ina baratan mootumm aa Wayyaanee balaale ffachuun sagalee did daa dhageessisan

Aside

Bitootessa 28,2013 Finfinnee

Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa jabaachaa kan dhufe manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessattis finiinuun mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa naqe.Magaala Finfinnee keessatti barattootni mana barumsaa Madaalam qophaa’ina baratan mormii mootummaa wayyaanee irratti kaasanii jiran.Bulchinsa abbaa irrummaa mootummaan wayyaanee diriirseen dhiibbaan nurra gahaa jiru haa dhaabbatu,mirgi barattootaa haa kabajamu,arrabsamuun haa dhaabbatu jechuun barattootni gamtaan balbala mana barumsaa irratti walitti qabamuun sagalee diddaa dhageessisanii jiran.Uummatnis rakkoo keenya nuuf akka hubatu jechuun karaa mana barumsaa kana bira dabarsu cufuun diddaa isaanii bifa qindaa’een dhageessisanii jiran.Itti gaafatamaan mana barumsaa kanaa dhalootaan Tigiree tahe barsiisaa Silashii kan jedhamu mootummaa wayyaanee waliin harka wal keessa naquun dhiibbaa gaggeessu dhaabuu qaba jechuun barsiisotni mana barumsaa kanaas diddaa barattootaa deeggaranii jiran.Sababa gaaffii miindaan diddaan mana barumsaa kana keessatti dhalate Impaayera biyyattii guutummaan dhaqqabuun isaas ni yaadatama jechuun qeerroon mana barumsaa kanaa gabaasee jira.

Godina Shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti diddaan uummataa itti fufe

Aside

Bitootessa 28,2013 Gindebarat

Godina Shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti diddaan uummataa jabaachaa dhufuun uummatni walgahii mootummaa wayyaanee guutummaan lagatee jira.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa kanatti maqaa filannoo jedhuun uummata irratti siyaasa mataa isaa deemsisaa kan jiru uummatni si hin dhageenyu jechuun wal gahii lagatee jira.Mootummaan wayyaanees aanaa kana keessatti miseensa about jira jechuun uummata hidhuu fi dararuu kan itti fufe yoommuu tahu ilmaan oromoo

1. Dhaabaa Dheeressaa fi

2. Caalaa

Jedhaman uummatni akka wal gahii hin baane kan qindeessu isini jedhaamuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsanii jiran.Mootummaan wayyaanee sirna abbaa irrummaa osoo gaggeessaa jiruu sirna Dimokiraasiin gaggeessaan fudhatama akka hin qabnee fi uummata keessa akka hin bittinnoone guutummaan akka dura dhaabbatan qeerroon ona Abuunaa Gindabarat,Calliyaa fi Midaaqeny gabaasee jira.

Hanga gaaffiin mirgaa deebi’utti hojii barsiisummaa dhaabuu isaanii barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa Bulchinsa Yuunivarsiitii beeksisan

Aside

Bitoootessa 28,2013 Asoosaa

AsoosaaMootummaan garboomfataa wayyaanee uummata biyyattii garbummaan hacuucee kan bulchu irratti diddaan jabaachaa dhufuun waamichi barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barsiisota Yuunivarsiitii Asoosaa barsiisotni Engineering and technology barsiisan iyyannoo galchan.Mootummaan wayyaanee firoottan isaa malaammaltummaa fi saaminsaan guddisaa hojjettoota mootummaa ammo miindaa gad aanaan hojjechiisuu mormuun barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa haalli kun hatattamaan hin sirratu taanaan hojii dhaabuu isaanii beeksisuun bulchinsa Yuunivarsiitichaa iyyannoo galchanii jiran.Gaaffiin mirgaa barsiisotni Dirree Dawaa gaafatan gaaffii bilisummaa tahuu ibsuun barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.Diddaan barsiisotaa waamicha barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaan bakka mara dhaqqabuun ifaan mormii jabaan eegalamee jira.