Bitootessa 28,2013 Haromayaa
Diddaan barattootaa daran jabaachaa deemuun Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar Koollejjii fayyaa keessatti mootummaa Wayyaanee sodaan liqimsiise.Mootummaan wayyaanee erga aangootti ol bahee qabeenya oromoo fi oromiyaa saamaa akkasumas malaammaltummaa fi baajata miliqsuun waraana isaa jabeeffachuu kan bare Yuunivarsiitii haramaayaa dame Harar keessatti handout barattootaaf baajata bahe dhorkatee jira.Barattotnis gamtaan waan nuuf bahe nuu kennamuu qaba,Sirni bulchinsaa mootummaa wayyaanee nurraa jijjiiramuu qaba,Nuyi doorsifamuu fi hidhamuun yeroo mara hin jiraannu jechuun diddaa gamtaan eegalanii jiran.Dhaadannoo naannoo Kaaffeetti taasifamees barattootni dhaadannoowwan
1. Sagaleen keenya haa dhagaamu
2. Mirgi keenya haa eegamu
3. Mootummaan uummataaf kabaja haa kennu
4. Gaaffii mirgaa waan gaafanneef hidhamuun haa dhaabbatu
Kanneen jedhan kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun sagalee isaanii dhaamsuuf wayita yaalutti foddaan kaaffee yuunivarsiitii kanaa caccabee jira.Waraanni wayyaanee barattoota rukkutuuf itti seenus barattootni gamtaan dhagaan of irraa ittisanii jiran.Wayyaaneen yeroo ammaa Yuunivarsiitii kana keessaa ilmaan oromoo addatti adamsaa kan jiru yoommuu tahu diddaan jabaatee jira.
Yaa ilmaan oromo kaaneehaafalmannuu Harqootagabrummaa kaaneehaamulqinuu Qabsaa,ota,oromoseenaanhayadanuu Bilisummaadhaafjechanneenwareegaman Qabsaawaanikufa qabsoon ittifufa Afaani afaani afaanfiiwallaluungabrumma,edaanu Yodhayaadannewaa,eesirnnadabree Afaan alagaatiindubbachuufdirqamnne Qabsaa,onni,oromo afaankanabaasuufmeeqaawareegamee Kaaba,kibbaafi baha,dhihaan ittihaafufnnuuqabsoojabeessinee!