Barsiisonni Ona Ejeree Dhimma Miindaan Wal Qabsiisaanii Hojii Barsiisummaa Dhaaban

Aside

Ebla 03,2013 Ejere

Gabaasaa Godina Shawaa Kaabaa Ona Ejeree har’a Ebla 03 irraa addeessuun armaan dura jireenyi nutti cime miindaan nuuf haa dabalamu jedhuun barsiisonni mana barumsaa qophaayinaa oan Ejeree irraa barsiisan dhimma miindaan dabalamuu waliin gaaffii barruudhaan dhiyeeffatan. Gaaffii kana dhiyeeffachuun isaa Bitootessa gaafa 18 ture jedhu,hanga har’aatti deebiin dhibuu irraan har’a ganama irraa ka’anii hojii dhaabuu isaanii beeksisan. Barattootni kutaa 11ffaa fi 12ffaa nutis gaaffiin barsiisota keenyaa mootummaa kana irraa hanga deebii argatutti barumsa hin barannu jedhanii barruu tamsaasan kan jedhu gabaasaan isaa addeessa.
Barsiisonni kun gaaffiin isaanii dhimma daballii mindaa haata’u iyyuu malee gaaffii mirga Oromoo kaan irraa gaaffiin akka walii galaatti mootummaa irratti waan kaasaniif Qeerroon tumsa barbaachisu gochuun mirgi ummatootaa akka kabajamuuf sochiii guddaa akka godhaa jiru gabaasaan Qeerroo adeessa.
Barsiisoti sabummaan ummatoota Kibba tahanii fi Amaara tahan sochii kana keessatti Qeerroo waliin akka hiriiranii jiranis gabaasi qeerroo ibsa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SBO Ebla 03 Bara 2013

Aside

Kaayyoo Koo Hin Jijjirruu Gonkumaani!!!

Aside

Wal Jabeeffadha Hirmaannaa Cimisaa.

Aside

Alagaa Garaa Hin Garsiisiinaa

Tokkummaa Malee Wal Hin Dhiigsiinaa

Osoo kuun loluu, kuun hin ciisiinaa

Waliif dirmadha,walittii hin eegiina!!

Sochii Qeerroo Yuiniversitii Jimmaa Keessaa Harka Qabdu Sababaa Jedhuun Miseensotiin OPDO 3 Hidhaman.

Aside

Ebala 03,2013 Jimmaa
diddaa barattootaBaratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa daran jabaachuun itti fufee jira, Mootummaan abbaa Irree Wayyaanees Miseensotaa OPDO baratootaa Oromoo ta’an Sochii warraaqsaa Qeerroon gaggeessaa jiruu keessaa harka qabduu jechuun baratootaa Oromoo yeroo dheeraadhaaf Wayyaanee waliin hojjechaa turan hidhaa jira, Haaluma kanaan Baratootni Oromoo miseensotni OPDO sadii hidhaman

Kanneen miseensummaa OPDO fudhatanii sochii warraaqsaa keessan harka qabdu jedhamanii mana hidhaa wajjiraa poolisii Magaalaa Jimmaa Awweetuutti galan keessaa tokko  Barataa Mul’ataa Hirkoo mummee barnotaa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kan keessaatti argama.

Barataa Mul’ataa Hirkoo waggaa 3 guutuu miseensaa OPDO itti gafatama ijaarsaa dhaabaa OPDO kan mummee barnotaa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa ta’uudhaan tajaajilaa kan ture, yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee isiin nu keessaatti caasaa ABO ijaaraa jirtuu, sochii warraaqsaa Qeerroo keessaatti hirmaannaa gochaa jirtuu icciitii dhaaba keenyaa dabarsitanii qeerroof kennaa jirtuu isiin diinaa, FDG keessaatti hirmaatan jechuun mana hidhatti darbatamanii jiraachuu gabafameera.

Dabbaalloonnii Wayyaanee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa raafamaa guddaa keessaa seenuun guyyaa gaafa Ebla 1/2013 baratootaa Oromoo miseensotaa OPDO ta’aan Walga’ii atattamaa guyyaa keessaa galgala sa’aatii 11:00 irraatti Mana barumsaa Jireen Sadarkaa 2ffaatti waamuun, miseensonnii OPDO baratootni Oromoo walga’ii dabbaalotaa kana irraa qooda fudhaachuu diduun dabbaalotaa fi ergamtuu diinaa qaaneessaan, ergamtootni kun caasaan ABO miseensaa keenyaa keessaa galee jiraa jechuun raafama jiraachuu qeerroon godnichaa gabaase.

Godina Addaa Finfinnee Ona Akaakoo Keessatti Diddaa Sirna Wayyaanee Irratti Ka’een Wal Qabatee Barattooti 7 Dhiaman

Aside

Gabaasaa godina addaa naannoo Finfinnee ona Akaakoo irraa ibsuun Bitootessa 31 barattoota kutaa 8ffaa keessaa nama sadii,kutaa 6ffaa keessaa nama 4 ergamtoota Wayyaaneen qabamanii hidhamuu fi gaaffii irraan gahaa jiraachuu gabaasaan addeessa. Kanaaf sababa kan tahe inni guddaan Bitootessa gaafa 28 waraqaan dhaadannoo mana barumsaa aanaa kanaa fi mana sagadaa amantaa ortodoksii Maariyaam jedhu cinatti “Gabroomuun Haa Dhaabbatu??,Wayyaaneen Kan Nu Bittu Hanga Yoomittii? jedhuu fi waraqaan adda addaa bittimfamee jira. kana irratti hundaa’ees uummanni mootummaaaf hin ajajamu kan jedhu kaabinoonni ona sanaa mootummaa qaama isaan olitti gabaasaa dhiyeeffataniiru. Gama Uummata keessaa nama shakkan dhabuu irraan shakkii isaanii yeroon kan wal qabateen barattota kanneen kan shakkaman akka qoratamaniif qabamanii mana hidhaatti qorrannaan irratti gaggeeffamaa jira. Barattootni kunis: 1.Shimallis Goobanaa barataa kutaa 8ffaa
2.Haayluu Jigsaa barataa kutaa 8ffaa
3.Naatinaa’el Amsaaluu barataa kutaa 8ffaa
4.Solomon Buzaayyoo barataa kutaa 6ffaa
5.Geetachoo barataa kutaa 6ffaa
6.Nabiyyuu Duulaa barataa kutaa 6ffaa
7.Tolinaa Baayisaa barataa ku9taa 6ffaa
Kan tahanii fi barataan tokko kan hafe maqaa isaa ammatti waan hin aragatiniif hambisnee jirra. Barattootni kun kaleessa irraa ka’anii naannoo jiran irraa funaanamanii jiraachuu isaanii gabaasaan addeessa.

HUNDA DURA,BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!

Aside

Y.G. (2005)*

Barruu QeerrooNamni ykn humni yk Biyyi tokko , Qabsoo gaaffii mirgaa wayita gaggeessu, bu’urri murannoo isaa mata duree har’aa kana ta’uu, kan haalu jira natti hin fakkaatu. Humni ykn namni ejjannoo kana irratti hin hundoofne, adeemsi isaa fixeensa ganamaatii. Namoonni ykn murni ykn dhaabni ejjannoo kana akka dhaadannottis itti hin gargaaramiin hin jiru. “HUNDA DURA BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!” sadarkaa addunyaattu jechuudha. Ejjannoo kanatu namni tokko murteeffatee Qabsoo saba isaatti akka makamu taasisa. Yk deeggaraa fi sagaleen ummata isaa akka dhaga’amuuf karaa gara garaa carraaqa. Ykn yaadaan ykn Dingdeen ykn bifa gara garaan akka carraaqu isa taasisa. Faallaa kanaa ejjannaan firii ol aanaa argamsiisu danda’u kun garuu waanuma rakasaa tokkon danqamu danda’a. Namni “hunda dura Biyyaa fi Ummata kiyyaaf ” jedhu tokko , gaafa waan dhuunfaa keessa fiduu eegalee , ejjannaan kabajaa Ummata biraa nama goonfachiisu kun, biyyeetti makamti. Abbaa sanas salphifti. Mata dureen kabajamaan kun, waanuma dhuunfaan summooftee, saba tokko ykn qabsoo saba tokko gaaga’uu dandeessi jechuudha. Kanatu umama namaa kumaantamaan dirree salphinaa hiriirse.

Biyyoonni gurguddanne jedhanii Addunyaa kana akka fedha isaanii hammacaa jiran hundi, Mata duree kana ejjannaa isaanii taasifatanii ,badhaaftootaa fi hundeessitoota Dimokiraasii of taasisan, ejjannaan isaanii kun isa kaan keessa akka hin jiraanneef irratti hojjatan. Biyyaa fi Ummata isaanii har’aa mitii, isa waggaa 200 booda dhufaniif jecha, isa kaan hiyyummaa fi sirna wal nyaachuu keessa akka jiraatan taasisu. Isaaniif sabni ykn dhaabni ykn Biyyi ejjannoo kana qabu, saamichaa fi ol aantummaa isaaniif yaaddoooodha waaaannn jedhaniif bara lakkaawwatanis haa ta’u irratti duulan. Adeemsa kana kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Adeemsi kun garuu kaleessa fageenyaan qabsoo keenya irrati baawuzaa ibsee nu tu’ataa turee, har’a ofitti nu makatee nu dhamaasuuf jedhaatii of eeggachuun gaariidhaa, Qabsoon Maanguddoonni keenya cichoomiinaan asiin ga’an kan har’aaf bu’uraa, inni har’aa ammo isa boriif hundeedhaa, inni borii isa hegareef firiidhaatii waan fageessinee ilaaluu qabnu har’a mata duree kana jalatti waliif dhaamuun dansaa ta’aa jedhee yaade.

HUNDA DURA , BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!.docx

“Nu Biyyi Keenya Oromiyaa” Artist Hayiluu Kitaabaa

Aside

Qeerroo Yuuniversitii Amboo Bakka Waaqeffatnaa Dhorkaman

Aside

Ebala 1,2013 Amboo

T-shirt irreechaAkka gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Amboo irraa har’a addeessuun guyyaa lamaan kana jechuun Ebla 1 fi 2 magaalaa Ambootti yeroo itti barattootni oromoo miseensa Waaqeffataa Yuuniversitii irraa walitti dhufuun magaalaa kanatti gaggeeffatantu ture. Kunis akka konfiraansiitti kan qopheeffatan sirna waaqefanna ilaalchise guyyaa lamaan sagantaa qaban mootumaan wayyaanee isin cina Qeerroo fi ABOtu jira akka odeeffannaa keessan qabnuttis buusii dhaaba ABOf buusudha,jedhuun bakka waaqeffannaa isaanii irraa dhorkuu irrayyuu barattoota baayee waajjira garagaraatti dhiyeessuudhaan qorannaa irratti gaggeessaa akka turan gabaasaan qeerroo addeessa.
Sirna waaqeffanaa qofaaf walitti qabamtu miti, ajandaan keessan dhimmaa ABOti,kun beekamadha jedhuun barattoota dhimma kanaaf gara magaalaa kanaa yuunievsritii adda addaa irran dhufan irratti gaggeessaa jiraachuushee gabaasaan addeessa. Bakka kanaan dura miseensi waaqeffattootaa itti sagadan kana irraas dhorkamanii akka jiran waliin gabaasaan isaa nu gahee jira.

Qabsoon Itti Fufa!Gabrummaan Ni Kufa!!

Diddaa Uummataa fi Barattootaa Aanaa Calliyaa Daran Jabaate

Aside

Ebla 1,2013 Geedoo

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan mootummaa wayyaanee irratti yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufuudhaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaa magaala Geedoo keessatti jabaatee jira.Mootummaan Wayyaanees gocha kana dura dhaabbachuudhaaf ilmaan oromoo mana hidhaatti Jumlaan guuruu irratti argama.Yeroo ammaa kana ilmaan oromoo

1. Tamasgeen Ambishaa

2. Fiqiruu Lataa

3. Badhaadhaa looyaa

4. Milkiyaa dhaabaa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti kan ukkaamsamanii jiru.Mootummaan wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa dura dhaabbachuuf yeroo mara hidhaa filachaa kan jiru yoomuu duuba nu hin deebisu jechuun qeerroon aanaa Caalliyaa,Abuunaa Gindabaratii fi Midaaqeny beeksisee jira.