Bitootessa 30,204 Finfinnee
Sirni cunqursaa mootummaa abbaa irree daran jabaachaa dhufuu irraan kan kae hojjettootni mootummaa aanaa Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree mormiitti seenan.Aanaa ejeree keessatti dabballootni mootummaa wayyaaneen kaadhimaman ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatanii fi dabalinsa miindaa kaasaa jiran isin miseensota ABOti jechuun qorachuu irratti argamu.Ilmaan oromoo hojjettoota aanaa kanaa tahan miseensa ABO tahuun nama boonsa malee waan nama qaanessu hin qabu jechuun ifaan diddaa eegalanii jiran.Bulchinsi aanaa ejerees hojjettoota kan qindeessu isini jechuun sabboontota hojjettoota oromoo qorannoon rakkisaa jira.Ilmaan oromoo
1. Habtaamuu Dachaasaa hojjetaa waajjira babalina hojii gamtaa
2. Zalaalam Taarraqeny hojjetaa waajjira babalina hojii gamtaa
3. Taarikuu Jimaa waajjira babalina hojii gamtaa ganda gabaa Jimaataa
4. Barsiisaa Badhaadhaa Nagaraa barsiisaa mana barumsaa Hinaaftuu
Kanneen tahan yeroo ammaa kana isin miseensota ABO dha,kan hojjettootaa fi uummata kakaasaa jiru isini jedhamuun qoratamuu irratti argamu.Mootummaan wayyaanee hidhaa,ajjeechaa,doorsisa,qorannoo fi kanneen kaan baayisus gaaffii mirgaa finiinaa jiru dura dhaabbachuu akka hin dandeenye qeerroon aanaa ejeree gabaasee jira.