SBO/VOL Silver Jubilee- 25th Anniversary 0n air! – June 15, 2013

Aside

SBOLogoAnimationSagalee Bilisummaa Oromoo/ Voice of Oromo Liberation will mark its 25th anniversary on 15thJune 2013. Launched on June 15th 1988, SBO/VOL has been contributing a lot in the long journey of Oromo struggle for freedom, despite several relentless attempts of the enemy to quit the media. This quarter-a-century contribution of SBO in informing, organizing and agitating the Oromo nation for the struggle to self determination enables the OLF organ the first Oromo media launched to entertain Oromo cause.

It is our great pleasure to celebrate this historical Silver Jubilee with our people in Oromia and around the world. You are all invited to take part in this historical celebration, being in your localities. We are so grateful to those who have made unforgettable contributions to keep SBO staying on air to this very day. Your contributions to make this celebration successful and still keeping the radio on air in the future (by donating money, sharing idea and forwarding your constructive comments or suggestions) are much appreciated.

Contact us:

Email: sbo.radio88@gmail.com

Victory to the Oromo People!

SBO/VOL Editorial Board

Jubilii Meetii (Waggaa 25ffaa) Tamsaasa SBO!

Waxabajjii 15, 2013

Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 25ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 15, bara 2013 kabajata. SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha oláanaa waliin waggaa 25ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bardhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo hiree murteeffannaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana meediyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.

Jubilii Meetii (Waggaa 25ffaa) guyyaa hundeeffama keenyaa kana ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu gudaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.

Waggoottan 25nan dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtan maraaf galatni bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona.

Nu qunnamuuf:

Email: sbo.radio88@gmail.com

Injifannoo Ummata Oromoof!

Boordii Gulaalaa SBO

Dhaamsa Bifa Faaruun Qalbeefatamuu Qabu/Tolawaaq Elyaas: Mudaammuddii

Aside

Haasaa HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2013 Kutaa Xumuraa

Aside

Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Amboo keessatti imaamata Wayyaanee irratti diddaan dhalate

Aside

Ebla 30,2013 Amboo

Mootummaan abbaa irraa Wayyaanee erga aangootti ol bahee xiyyeeffannoon inni irratti hojjechaa ture afaan,aadaa,seenaa,amantii fi duudhaa uummata oromoo ukkaamsuun kan isaa gabbifachuu irratti ture.Haalli kun ammas hordoftoota isaan jabaachuun magaala Amboo mana barumsaa qophaainaa fi sadarkaa 2ffaa Amboo keessatti barattootni barnoota amaariffaa baratan kan Afaan Oromoo baratan kanneen dandeettii hin qabnedha yoommuu jedhan barattootni oromoon gamtaan barattoota erga wayyaanee galmaan gahuuf deeman 85 nu waliin hin baratan jechuun diddaan eegalee jira.
Mootummaan Wayyaanee kutannaa barattootni Oromoo eenyummaa isaanii tikfachuuf roorroo of irraa ittisuuf taasisaan kan sodaate poolisaa hedduumminaan bobbaasuun basaastota mana barumsaa keessa naquun gaaffii mirgaa barattootni Oomoo eenyummaa abbaatu mirkanfata jedhan dura dhaabbachuuf yaalus milkii dhabaa jira.

SBO Caamsaa 1 Bara 2013

Aside

Qeerroo Bilisummaa Yuniversiitii Arbaa Micni Part 3 (Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 2013)

Aside

Goototni Sabboontota Oromoo Biyya Norway Jila Wayyaanee Salphisuun Ergama Irraa Hanqisan

Aside

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran dubbisuuf deeman ukkamfaman

Aside

Ebla 30,2013 Ambo

BilisummaaYuunivarsiitiilee jiran mara keessatti gaaffiiwwan miraa barattootni Oromoo gaafatan wayyaaneen yeroo mara hidha,barnoota irraa ariiuu fi ajjeesuun dura dhaabbata.Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattoota oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti sababa tokko malee dararamaa jiran barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo gaafachuuf wayita deemanitti mootummaan wayyaanee mana hidhaatti isaan darbee jira.Barattootni oromoo

1. Barataa Tamasgeen Tafarii barataa Horticulture waggaa 3ffaa

2. Barataa Guutuu Hirphaa Horticulture waggaa 3ffaa

Baratan ilmaan oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsaman dubbisuuf wayita deemanitti sababa tokko malee mana hidhaatti darbamuun isin ABOtu isin erge, Isin Miseensota ABOti jechuun badii tokko malee mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Gochaan farrummaa mootummaa wayyaanee hanga hireen murteeffannaa uummata oromoo mirkanfamutti tasa kan hin dhaabbanne tahuu hubachuun uummatni oromoo marti dirqama nurraa eegamu akka baanu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Amboo dhaammatee jira.

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti dhiibbaa Wayyaaneen barsiisota irraan gahu jabaachaa dhufe

Aside

Ebla 30,2013 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee cunqursaa addaa ilmaan Oromoo irratti geessisuu kan aadeffate Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti barsiisota ilmaan oromoo tahan addatti miidhaa addaaf saaxilaa jira.Barsiisota oromoo mana barumsaa Baloo Jigaa keessaa barsiisan miindaa dhorkachuun qorannaan rakkisaa jiru.Barsiisaa Habtaamuu Oljirraa fi barsiisotni mana barumsaa kanaa gocha farrummaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiruun rakkachuu irratti argamu.

Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiruunis barsiisotni oromoo 12 tahan Godina Kamash aanaa Kamash keessaa gadhiisuuf dirqamanii jiran.Gocha farrummaa kana irratti mootummaa wayyaanee waliin tahuun uummata qeee irraa buqqisaa fi barsiisota ammoo miindaa dhorkachuuf isin diina jechaa kan jiran jala deemtota mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa Obbo Fiqaaduu fi Obbo Mazgabuu jedhaman akka tahe ifaan beekamuu dandaeera.Mootummaan wayyaanee basaastota ishee ulee gochuun uummata ittiin doorsisaa jirtu kana dabballootni gocha farrummaa irratti bobbaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu akka hubatan dhaammanna.

Ibsa Ejjennoo Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Godina Iluu fi Jimmaa

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa3

Ibsa Ejjennoo Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Godina Iluu fi Jimmaa

Nuti bakka bu’ootiin  Qeerroo Bilisummaa godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 26/2013 walitti dhufuun haalaa yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo fi doorsisaa fi dararaa mootummaan Wayyaanee baratootaa Oromoo Yuunivarsiitiilee garaagaraa keessaatti adeemsisaa jiruu fi addaatti immoo Wayyaaneen  xiyyeeffaannaa baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo fi Finfinnee irraatti taasisaa jiruu ilaalchisuun marii bal’aa godhannee milkiin xummurachuun Ibsaa Ejjeennoo itti anuu fudhanne.

  1. Gochaa mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsaa baratootaa Oromoo danquuf mooraa baratootaa Oromoo Oromummaan yakkuun hidhuu, doorsiisuu, barnotaa irraa arii’achuu fi ajjeessuu akka toftaa itti  fudhachaa kan jiruu attaamaan dhaabuu qaba. Akeeknii mootummaa Wayyaanee kun kayyoo keenyaa irraa kan nu hin laaffisnes ta’uu firaas diinaas ni  hubachifna.
  2. Torbee kanaa keessaa doorsiifni mootummaa Wayyaaneetiin baratootaa   Oromoo  Yuunivarsiitii Jimmaa nagaan barnotaa isaanii barachaa jiranii fi baratootaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barnotaa isaaniitiin illee qabxii ol aanaa galmeessaa jiran baratootaa Oromoo 7 irraattii gaggeeffaamaa jiruu, atattaamaan dhaabbachuu qaba.
  3. Qabsoon goototni ilmaan Oromoo bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa Oromiyaaf gaggeessaa utuu jiranii lubbuu itti wareegamaan fiixaan baasuuf:-

a)     Ilmaan Oromoo tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun bakka jirruu hundaattii jabeessiinee wal haa ijaarru.

b)    Maqaa Ummaataa Oromootiin Jaarmiyaa Siyaasaa Omishuun bu’aan isaa uummataa keenyaa waanjoo garbummaa jala tursuu fi umrii abbootii irree dheereessuu qofa ta’uu beektotaa Oromoo ni hubachiifna.

c)     Gidduu kanaa karaa ilmaan Oromoo biyyaa ambaa jiraaniin fi hoggaantootaa fi miseensotaa ABO duraaniitiin dhaabnii haaraan hundeeffaamee jechuuu dhageenya, dhaabni kun qabsoo uummataa Oromoo lamsheessuu fi umrii bittaa garbummaa Oromoo irraatti dheeressuuf itti yaadamee kan hundeeffame ta’uu ni hubanna, keessaattuu Itoophiyaa ijaarraa jechuun kan dhaadataan maqaa Ummataa Oromootiin dhaadachuu dhaabuu qabu, guyyaa tokkoo miseensotni dhaabaa ADO ofiin jedhuu kun itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa ba’uu kan hin dandeenyee ta’uu ni hubachiifna, ilmaan Oromoo nagaan biyyaa Ambaa jirattaan utuu hin beekiin akeekaa kana keessaatti qooda fudhachaa kan jirtaan atattaamaan harkaa keessaa akka baafattaan ni dhaamna.

d)    Uummaannii Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jiraatnu ololaa fi afaan faajjii wayyaanotaa fi gorsiitotaa Wayyaaneetiin qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii gaggeeffaamaa jiruu fashaleessuuf jabeessiinee dhaabaa kaayyoo dhugaa kaleessaa ilmaan Oromoo irraatti wareegaman hin jijjirree ABO jalatti  wal ijaaruun tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun qabsoo:

e)     Yeroo irraa gara yerootti bifa qindaa’een qabsoo FDG biyyaa  keessaattii jabeessinee itti fufna.

f)      Qabeenyaa , beekumsaa , humna fi waan dandeenyuu hundaan WBO ni jajjabeessina.

4.  Mootummaan Abbaa irree EPRDF sodaa guddaa keessaa seenuun Mooraa Yuunivarsiitiilee  biyyaatii keessaa jiran human waraanaa fi dabbalotaan eeguu irraa darbee baratootaa goolaa jira, kun immoo biyyaa keessaa jiratuu keessaattii lammiileen biyyaatii mirgi nagaan barachuu sarbamaa jira, Addaattii immoo ilmaan Oromoo miseensaa fi jala deemtuu wayyaanee hin ta’iin mirgii namummaa fi barnootaa irraa mulqamee akka lammii lammaaffaatti ilaalamuun galgalaa ganamaa qoratama, wayyaanotaan hordofamaa jiraachuun saxilamee jira, hallii kun wayyaanee kufuuf raafamaa jirtuu kufaatii wayyaanee kan ariifachiisuu ta’uu hubachiisuun mooraa Yuunivarsiitilee biyyaattii keessaatti gaffii mirgaa barnootaa fi bilisummaa sarbamuu ilaachiisuun FDG wal irraa hin citnee gaggeessuun jabeessiinee ni hojjeetna. Kanuma waliin mooraan Yuunivarsiitiis beektotaa fi hayyootaa Omishaa turtee amma dabbalotaa wayyaanee Omishuutti xiyyeeffaattee jirtuu atattamaan dhaabuu qabdii.

5.Biyyaa keenyaa Oromiyaa keessaattii midhaa fi dhiibbaan Mootummaa EPRDF’n gaggeeffaama jiru hedduu jabaachaa jira, qotee bulaan Oromoo qotatee of jiraachiisuu dadhabaa jira, Xaa’oo yeroon hin argatuu, yoo argatees, xaa’oon karaa Abbootii qabeenyaa wayyaanee dhiyaatu gatiin isaa human qotee bulaa olidha, kaffaltiin gibiraa, buusiwwaan fi kanfaltii taksii fi qaraxaa dachaan dabaluun uummaannii keenyaa dararamaa jira, rakkoo uummataa keenyaa kanatti furmataa gochuunf uummataa keenyaa cinaa dhaabbaannee, gaffii mirgaa:-

a) Laftii kan qotee bulaatii, qotee bulaa Oromoof mirgii abbaa lafummaa haa kabajamuu.

b) Xaa’oon  qotee bulaa keenyaaf karaa mootummaa haa dhiyaatu,

c) Kaffaltiin gibiraa, qaraxaa, fi busiin taksii humnaa olii qotee bulaa irraa kafamuu qaba,

d) Maqaa investimentii jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisuun dhaabbaachuu qaba jennee , rakkoo ummaataa keenyaaf furmaataa fiduuf uummataa keenyaa ijaaruun FDG ni gaggeesina, sagalee uummataa keenyaas addunyaa ni dhageesifna, uummaannii keenyaa tokkummaan harkaa wal qabannee wal wajjiin haa kaanu jechuun marii haala yeroo irraatti gaggeeffatan milkiin xummuratan.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!