Ebla 30,2013 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee cunqursaa addaa ilmaan Oromoo irratti geessisuu kan aadeffate Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti barsiisota ilmaan oromoo tahan addatti miidhaa addaaf saaxilaa jira.Barsiisota oromoo mana barumsaa Baloo Jigaa keessaa barsiisan miindaa dhorkachuun qorannaan rakkisaa jiru.Barsiisaa Habtaamuu Oljirraa fi barsiisotni mana barumsaa kanaa gocha farrummaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiruun rakkachuu irratti argamu.
Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiruunis barsiisotni oromoo 12 tahan Godina Kamash aanaa Kamash keessaa gadhiisuuf dirqamanii jiran.Gocha farrummaa kana irratti mootummaa wayyaanee waliin tahuun uummata qeee irraa buqqisaa fi barsiisota ammoo miindaa dhorkachuuf isin diina jechaa kan jiran jala deemtota mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa Obbo Fiqaaduu fi Obbo Mazgabuu jedhaman akka tahe ifaan beekamuu dandaeera.Mootummaan wayyaanee basaastota ishee ulee gochuun uummata ittiin doorsisaa jirtu kana dabballootni gocha farrummaa irratti bobbaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu akka hubatan dhaammanna.