RAB – Obbo Zalaalam Abarraa(interview)

Aside

RAB – Zelalem Abera (interview)

Yaadannoo guyyaa gootota Oromo (Oslo )

SBO Ebla 28 Bara 2013

Aside

ABO Dhaaba Koo Abdiin Tiyyaa Sumaa./Sabboonticha Jaal Elemoo Alii

Aside

ABO dhaaba koo abdiin tiyyaa sumaa..

Hagamuu yoo turte moohinsi keetuma.

An dide gabrummaa je’e bilisummaa

ABO dhaaba koo abdiin kiyyaa sumaa

Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Maadheeleen Qabsoo GGO Haala Gaariin Kabajatan

Aside

Ebla 27,2013 Mattuu

guyyaaGuyyaan Goototaa Oromoo (GGO)n Eblii 15 Godina Iluu Abbaa Booraatti Ebla 24/2013 Sabboontota Oromoo Maadhee garaagaraa jalatti hundeeffaaman sirna ho’aa ta’een kabajatan. Madheewwaan kunneenis walittii dhufuun bakka lamatti kabajatan, Magaalaa Mattuu fi Baddaallee irraattii walittii dhufuun dungoo warraaqsaa halluu Alaabaa ABO Oromoo qabu diimaa magariisaa diimaa qabsiifachuun yaadannoo Sammuu daqiiqaa lamaaf  goototaa Ilmaan Oromoof gochuun  kabajatan. Madheewwaan kunis:- Madhee Laga Soor lakkofsa 430B, Maadhee Oromiyaa Bu’uuraa Biyyaa,  Maadhee Ilmaltu Maadhee Dhaamsaa Barii fi Madhee   Tokkummaa Biyyaaf jedhamanii GGO sirna ho’aa ta’een kabajame.

Maadheewwaan kunis GGO sababeeffaachuun haala qabsoo bilisummaa Ummataa Oromoo irraatti marii godhachuun waan itti qabsoo bilisummaa Oromoo jajjabeessaan buusii mallaqaa qarshii 680  fi Boombii lama bituun qabsoo bilisummaa Oromoof gumaachaa taasisan.

Maarii isaanii keessaatti Irbuu isaanii haroomsachuun kaayyoo goototni keenyaa kaleessaa nutti dabarsanii nuf wareegaman galmaan haa geenyuu, Jabeessiinee tokkummaa keenyaa haa jajjabeeffaannuu, Ololaa Gantootaan hin gowwomfamnuu, Affaan fajjii fi Waliindhahiinsaa Ayyaan-Laaltootaan deeddeebi’ee qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaatti deeddebi’ee mul’atuu ni balaaleeffaanna, Yeroon kun yeroo itti yaadaa garaagaraa itti dhiyeessinee danqaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti uummnee umrii abbaa irree dheeressuuf sababaa taanuu utuu hin ta’iin yeroo itti tokkummaa gurmuu Qabasaa’otaa fi Ummataa jabeessinee kufaatii wayyaaneef sababa guddaa ta’uu qabna jechuun dhaamsa dabarfatan.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Torbee Kanaa

Aside

Qeerroo Yuuniversitii Arbaa Minci GGO 2013 Part 2

Aside

Hojjettooti Oromoo Guyyaa Gootota Oromoo Sirna Addaan Kabajatan

Aside

Gabaasaa Qeerroo Naqamtee Ebla 25,2013

Hojjettooti Oromoo hojii mootummaa gara garaa hojjetan magaalaa Naqamtee keessatti walitti dhufuun GGO bara 2013 sirna howwaan kabajatan. Kabajaan GGO kun Ebla 24,2013 waaree booda hanga halkaniitti walitti dhufuun alaabaa Oromoo fannifachuun faaruu dhaamsa goototaa fi kan alaabaa Oromoo faarfattu waliin faarfachuun yaadannoo jaallan wareegamanii yeroo taasisan,gariin hojjettootaa maadhee ABO keessa jiran warra haala miidhagaa akkasii irraa adda ta’anii mana hidhaa keessatti roorrifamaa jiran akkasumas kanneen biyyaa bahan yaadachuun boo’ichaan jaalala qabsoo fi ummata isaaniif qaban muldhisanii jiru.

Guyyaa kana haala qabsoon Oromoo keessa baatee fi har’a irra jirtu gahaatti mariyachuun san irrattis uummanni Oromoo haala keessa jiru irrattis marii baldhaa gaggeessanii ejjennoo wal fakkaataa akka qabaataniif jecha akeeka armaa gadii waliin lafa kaayyatanii jiru.

  1. Nuti hojjettooti Oromoo bakkoota garagaraa irraa hojjetaa jirru,haala ammaan dura jiraannuun addatti bifa qabsoo fi haala itti mormii mootummaa gaggeesinu cimsuuf murteeffanne.
  2. Gantootaa fi galtoota diinaa dursinee of irraa ittiisuu fi tiksuun maadhee keenyas ta’e akeeka dhaaba keenyaa tikfachuuf murteeffanne.
  3. Kaayyoo goototi Oromoo irratti wareegamanii fi dhaamsa isaan nuu dhaamanii darban hamma bakkaan geenyutti murannoo jabduun irratti hojjechuun akeekkanne.
  4. Kaayyoo goototi keenya irratti wareegaman warri faallessuuf jecha biyya ambaa keessa ta’anii ummata keenya jeeqanii fi akeeka dhabsiisuuf tattafatan humna kamiinuu dura cimsisee akka dhaabbannuu fi dhaaba keenya ABO akka qaroo ijaatti akka eeggannu waadaa keenya haaromsine.
  5. Sochii hojjettootaa fi qonnaan bultootaa akkasumas Qeerroo daran murii mata mataa fi gamtaa waan fudhanneef akkeeki kaaneef akka bakka gahu murteeffanne.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Haasaa HD ABO Guyyaa Gootota Oromoo 2013 Ilaalchisee

Aside

SBO Ebla 24 Bara 2013

Aside

Qeerroon Yuuniversitii Arbaa Minci Guyyaa Gootota Oromoo Bifa Addaa fi Dhaamsa Qabeessan Kabajatan(Part 1)

Aside