Damee Boruutiin
Uummata of eegannaa tokko malee nagaan jiruu fi jireenya isaatti boba’ee jiru utuu waan tokko hin xuqqamiin humni Agaazii haala baayyee suukaneessaa taheen uummta Oromoo fixxuunn amma fudhannee wajjin jiraannu bira darbaa jira. Kanaan booda uummatni Oromoo karaa nagaa qabsoo goona jennee odeessuun injifatamuu Keenya harka keenyaan adda keenya irratti maxxanfachuu irraa gargar hin jiru. Biyyi lafaa nuuf biramachaa hin jiru. Biyyi lafaa Agaazii nu irraa dhowwuu fi nu irraa baasuuf hin deemu. Waan qabnuun of irraa dhoofnee cabsuu malee filmaata biraa hin qabnnu. Lolli amma deemaa jiru kan sammuu uummataa keenyaa jeeqee fi (psychological war) sodaachisee jilbeefatuuf xiyyeefatame dha. Continue reading
