QDh tiin
Hordoftoota qophii agartuu Qeerroo. Torban torbaniin haala torban ooltii Oromiyaa fi diina innika TPLF isiniin gahaa turuun keenya nii yaadatama. Ammas kan torban kanaa “Raafama” mata duree jedhun qabannee dhiyaanneerra. Hordofaa!
“Guntutiif mootummaan garboomsaa dhaabatee hinafu” jedha Oromoon. Har’a qabsoon Oromoo qabsoo mirga abbaa biyyummaa, qabsoo hiree ofii ofiin murteeffachuu guddatuurra gaheera. Adeemsa qabsootu suuta deemaa, suuta garboomsaa golgoleessa. Kanaaf sardamsa, jarjartiirraa bilisa ta’ee bifa diinni hinbeeknee hulluuqee guutummaa uummatasaa dammakfatuurra tareeyyuu ollota Oromoo TPLF garboomsee dammaksee jabaate adeemutti jira. Qabsoon Adda Bilisummaa Oromootiin durfamu,Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummatasa ijaaruun ABO jala hiriiree qabsoo waggoottan 10 darban keessa ture keessatti ajjeechaan jumulaa uummatarras ta’ee Caasaalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo irra gaaga’ama ulfaataan gahaa turaniiru.
Addatti dhiigi Milishuuf, Bilisummaa Adaamaatti konkolaataa dinninnatiin dhangala’e yaadannoo yeroo dhiyoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessaa belbeludha. Gumaan dargaggoota kanaa, yeroof haala eeggatee akka baafamus shakkii hinqabnu. Daraggoonni kunneen Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hiriiruun ABO Oromoon hogganamanii FDG gaggeessaa turan illee, uummata isaaniif lubbuu dabarsaniiru.
Har’a sana kaasee sammuu gaddaan uffisuuf utuu hintaane, yeroo waa’ee qabsoo kaafnu Wareegamtoota bilisummaa san yaadachuun kaayyoosaanii galmaan gahuuf akka tattaafannu nu godhaafi. Qabsaa’aan Garbummaa jibbee uummatasaaf qabsaa’u akka du’uu ofitti murteessee kan deemuuf wareegama jaallansaa yaadachuu yeroo kamuu akka sochiisaarraa hinkutne gochuuf qarqaara.
Tibbana maaltu Oromiyaa keessa turee?
Tibbana injifannoo gurguddaatu Karaa WBO dagarsiifamaa ture. Kun ammoo ilmaan Nioo minilik dabalatee Tigirootaaf raafama guddaa ta’ee jira. ABO’n haala adeemsasaa qaacceffatee, ilmaan Oromoo karaa dandaa’an maraan ijaaree sochiinni taasisaa jiru, galgala Wayyaaneetti gadda guddaa uffisuuf akka jirus nama hubachiisa.
Waraanni Bilisummaa Oromoo, Erga J/Laggasaa Wagii wareegamee akka waan barbadaa’eetti dubbatamaa tureera. Gantoonniif galtuun tokko tokkos “ABO dhaaba kaayyoon jiru malee museensaan hinjirredha” jechuun ji’oota muraasa darban keessa Wayyaanoonnof gantoonni akkasuma galtuun akka OPDO wal harkaa fuudhee jilba uummata Oromootti bishaan naquun abdii kutachiisuuf ifaajamaa tureera. Haa ta’u malee, ABO’n dhibbantaa 90 ta’u uummatasaa keessa sochii isaa taasifachuun, qabsoo uummataaf qabsoo wareegamtoota qaqaaalii kaleessaa galmaan gahuuf hojii qabsoosaa itti fufuun aagartuu uummataa jalaa miliqee kan hinbeekne waan ta’eef holola namoota ABO jibbaniif uummanni gurra laatuu hindhaqne.
Sun marti har’a gaafa WBO’n Oromiyaa mara keessaa sochiin bifa addaan agarsiisaa jirutti, jabina uummataaf qabsoo uummatichaa egereesaa tolchuuf adeemaa jiraatuu hubatuun uummatasaarraa diinota hedduu haleelee gumaa uummataa baafateera. Kun marti Raafama TOLF guddaa ta’ee argama. TPLF waan qabattuuf waan dubbattu harkaa dhiibeera. Kallattiin baatees jumulaan uummata nagaa ajjeesuutti fuulleffannaan dalaguutti jirti. Kun ammoo shororkeessitoota nagaa Sabaaf sablammootaa akkasuma nagaa gaanfa Afirikaa hinfeene ta’uusaanii saaxileera.
Waraanni TPLF torban kana keessatti, magaalaa Moyyaalee keessatti guyyaa kaleessaa mucaa waggaa 8 galaafachuuf Jaarroolee umuriin dullooman rasaasan madeessuun isaa raafama keessa jiraachuusaa raageessa. Akksuma magaalaa Danbidoolloo keessatti ilmaan Oromoo nagaa 5 mana ukkaamsuun isaas kanuma raageessa. Guyyaa har’aa gocha WBO Zoonii dhiyaan baaraguun uummata nagaa Shamara illee osoo hinabbisin ukkaamsuunsaa kanuma raageessa.
Gama biraan Giddu gala Oromiyaa Lixa Shaggar bosona Cillimoo cinatti dargaggeessa tokko ajjeesanii gataniiru. Kun marti bineensummaa sirnichaa saaxiluurraan akkanni raafama hamaa keessa gale saaxiile. Akkasumas caasaawwan isaa bakkoota hedduutii hidhaa jiraachuusaatu dubbatamaa jira. Caasaawwan mootummaa sirnichaaf hojjetaa sirnichaa dalagan humna Waraanaa Command Postn qabamanii hidhamuun waraanni biyya Xoophiyaa keessatti ijaaramee uummata goola jiru bineensummaasaa haalan saaxiila.
Duuchaatti sochiwwan giddu kana WBO taasisaa jiru TPLF fi sirna nama nyaata Wayyaaneef raafama guddaa ta’eera. Egeree jiruusaas caccabsee balleesseera. Amma qabsoon ishee dhumaarra gahuuf deemaa jirti. Abbaltiin ilmaan Oromoo maraaf laatamaa jirti. Kanaaf bakka jiruu uummanni Oromoo of qopheessuu qabaa. Siyyaasaan walqoodee waraanasaa halagaatti saaxiluurra walaba ta’uu qaba. Hojii seenaan abaaru hojjechuurraa, waraanasaa halagaaf ykn TPLF tti dabarsee laachuurra of qusachuun isaaniin(WBO) jabeeffachuu qaba.
Horaa Bulaa
Qophii torbaniin walagarra