Waggaa 25ffaa SBO Kabajachuuf Jettu Sababaa Jedhuun Barattooti Oromoo 5 Hidhaman.

Aside

Waxabajjii 18,2013 Sabbataa

Sagaleen Bilsiummaa Oromoo(SBO)n wagga 25ffaa isaa kabajachaa kan jiru Oromomiyaa keessattis barattooti Oromoo bakkoota adda addaatti haala miidhagaan kabajachaa akka jiran beekamaa dha. Haaluma kanaan barattoota Oromoo Kolleejjii Barsiisota Sabbataa keessaa kanneen baratan ergama ABO qabdu guyyaa SBO wagga 25ffaa kabajuuf jettu sababaa jedhuun seeraan ala tika Wayyaaneen qabamanii mana dhihaa Waajjira Poolisa Aanaa Sabbataa ganda 01 keessatti hidhamanii akka jiran gabaasi Qeerroo kolleejjii Barsiisota Sabbataa irraa addeessa.

Barattooi kunis :-

1.Dinqaa Mangistuu-Keemistirii 2ffaa bakki dhalootaa Qellem Aana Anfillooti.

2.Seefuu Taammiruu-Keemistirii 2ffaa-Bakki dhalootaa Wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo

3.Obsaa Sabbooqaa-Civics 4ffaa,Bakki dhalootaa-Wallagga Lixaa Najjoo

4.Warqinaa Tolasaa-Civics 4ffaa,Bakki dhalootaa Shawaa Kibba Lixaa,Aanaa Dawoo

5.Saamu’el Alamuu-Hojjetaa Mootummaa kollejichaa.

Barattootni kun mana barumsaa fi bakka jireenya isaanii irraa qabamuun hidhaman.

 

SBO Waxabajjii 16 2013

Aside

Iyyaannoo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

Aside

Iyyannoo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpgNuti Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa barachaa jirru biyyaa keenyaa keessaatti yeroo irraa gara yerootti Sarbamuun mirga dimookiraasii,qabinsii mirga namummaa, Malaamaltummaan , Hidhaan, Ajjeechaan fi barnotaa irraa ariiamuun baratootaa Oromoo fi maqaa investimentii habaaboon qeee irraa buqqauun uummataa Oromoo daran hammaatee jira. Yeroo irraa gara yerootti rakkinnii ulfataan jiruu fi jireenya keenyaa waliin wal qabatuu hammaachuun iyyannoo keenyaa qaama dhimmii isaa ilaalutti akka iyyaannuu nu dirqee jira. Keessaattuu yeroo amma kana Mirgii baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guutummaa guututti mulqame jira. Nuti baratootni Oromoo gaffiiwwaan armaan gadiif Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Itoophiyaa, Ministera Barnotaa Itoophiyaa fi Oromiyaa , Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Komishinii Poolisii Federaalaa, irraa Deebii atattamaa barbadna.

Gaaffii Baratotaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

1.Bulchinsi Yuunivarsiitii Jimmaa waxabajjii 1/2005 Beeksisaa dorgommii galmee kaadhimamtota Gamtaa baratootaa (Student president) saatii 12:oo irraatti maxxansee yeroo galmee daqiiqaa 20 qofaa jechuun (saa 12:00-12:20)tti miseensi barataa Yuunivarsiitii Jimmaa Idilee tataan kamuu galmooftanii dorgomuu dandeessuu jechuun Baratoota 36,000 oliif carraan daqiiqaa 20 seerri takkaa biyyaa lafa kana irraatti rawwatamee hin beekne bulchiinsaa Yuunivarsiiti Jimmaan egalamuun guutummaatti mirgi baratootaa waliigalaa sarbamee jira. Kanaaf yeroon galmee dabalataan nuf haa kennamu, beeksisa daqiiqaa 20f bulchiinsi Yuunivasiitii Jimmaa itti nuf haa gaafatamu.

2.Addaatti Mirgii Baratoota Oromoo ni Ukkaffame.Waxabajjii 2/10/2005 Wajjiirri DH.D.U.O Godina Jimmaa dhimmaa Baratoota Oromoo miseensota OPDO Yuunivarsiitii Jimmaa irraatti hojjetu Walga’ii  ariifachiisaa waaree booda sa’aatii 10:00 irraatti bartoota 50 miseensotaa fi dabbaalotaa OPDO ta’anii dhalotaan ijoollee Oromoo hin ta’iin kan afaan Oromoo qofa dubbachuu danda’an galma Gibeetti waliitti qabuun Filannoo Gamtaa baratoota baratoota 36,000 oliif namota 50’n bifa dhoksaa ta’een gaggeessuun Baratoota 3 keessaa 1ffaa Barataa Badhaasaa Firraajaa  muummee barnota Oromoo Folklore waggaa 2ffaa sagalee 24’n filatan.

A.Wajjirri bulchiinsa Yuunivarsiitiin ala jiruu OPDO’n akkamitti Fedhii keenyaa fi beekamtii keenyaa malee bakka bu’aa baratootaa nuf  filuu danda’a? kun mirga dimokiraasii cabsuu fi seeraa biyyaatti millaan irraa deemuu waan ta’eef attattamaan seeraatti nuf haa dhiyaatan.

B.Nuti baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa jirru yoo xiqqate 16,000 gadi miti, hireen keenyaa akkamitti baratootaa 24 kan murtaa’uu ta’ee? Bakka bu’aa baratootaa (student president) qaamni miseensa baratootaa hin ta’iin wajjirrii OPDO akkamitti nuf filuu danda’ee?  Kanaaf bakka baratootni hundi jiranitti nama bakka bu’aa keenyaa ta’ee tajajila seera qabeessaa nuf kennu danda’uu dirree irraatti filanna (through direct democracy)

C.Barataa Badhaasaa Firraajaa Yakkamadha. Nama baratoota Oromoo bakka bu’uu utuu hin ta’iin nama siyaasaa dahoo godhachuun  malammaltummaa,  Olola sobaa ofuun Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti yakka garaagaraa rawwaachuun beekamudha waan ta’eef attattamaan seeraatti dhiyaachuu qaba.

3.Mirgi keenya (baratoota Oromoo) maliif poolisota mooraa yunivarsiitii bulcha jiraniin sarbama? ID ‘n ittin barannuu yeroo garaagaratti balleessaa keenya tokko malee nurraa fudhamee dorsifni ciman jirachuuf nu sodaachisuu nurraatti godhamee jira. ID nurraa fuudhuun nyaataa illee waan ittin nyaannuu dhabne rakkinaf saxilamne.

4.Yeroo garaagaratti baratootni Oromoo balleessaa tokkoo malee Yuunivarsiitii irraa humnotaa poolisaa fi nageenyaan ukkafamanii rakkoo ilaalcha qabdu jechuun hidhaman atattamaan hiikamanii gara barnotaa isaanitti haa deebi’an . Ammas balleessaa keenyaa malii dorsifnii fi sodachiisuun psychologically nu jeequun nurraa dhaabbachuu qaba.

5.Ummaannii Oromoo biyyaattii keessaatti rakkoo gama siyaasaa, Dimookiraasii (mirga gurma’uu, mirga yaadaa ofii karaa bilisaan ibsachuu, mirga hiriira nagaa gochuu,mirga ilaalcha siyaasaa dimokiraatawaa ta’ee fedhan hordofuu,mirga filachuu fi filatamuu dhabuu), mirga qabeenyaa isaa irraatti abbaa qabeenyummaa dhabee qe’ee irraa buqqa’uun lafti irraa fudhatamee investimentii garagaraaf kennaamun uummaanni dararamuu fi  qabinsaa mirga namummaa dhabuuf maalii? Maqaa siyaasaa dahoo godhateen Oromoon maaliif hidhama? Hidhaan  nurraa dhabbachuu qaba; Kanneen hidhaman hiikamuu qabu.

6. Mootummaan maqaaf biyyaa bulchaa jiruu uummataa Oromoo meeshaa maleeyyii irraatti waraana bifa garaagaraan gaggeessuun keessaattu sabootaa Ollaa keenyaa nurraatti ( Godina Harargee Bahaatti Somaalotaa hidhachiisuunii fi Godina Waallaaggaa bahaatti saboota Guumuzii hidhachiisuun ) lubbuun Uumataa Oromoo nagaa kumatamatti lakka’amuu jumlaan ajjeefamera, Yakka waraana uummataa keenyaa irraatti gaggeeffamaajiruuf mootummaan EPRDF nuf haa gaafatamu.

7.Bulchiinsii baratoota Yuunivarsiitii Jimmaa (Student Dean ) Baajataa Kaffee baratootaaf ramadamee gara qabeenyaa dhuunfaa isanitti naanneeffaachuun malamaltummaan ija baase, yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti dalagamaa jira. Sababa kanaan kan ka’ee balaa beelaa fi dhukubotaa garaagaraan dararama jirra. Rakkoon kanaf furmata barbadna.

Walumaa galatti rakkinotaa walii galaan qabnu mootummaan nuf hubatee gaaffii keenyaa bal’inaan nurraa fuudhee rakkoo keenyaa akka ibsannuuf mirgii hiriira nagaa gochuu akka nuf eeyyamamuu ni gaafanna.

•Rakkoo nu mudatee jiru kana Ibsachuuf Mirgii Hiriiraa Nagaa Gochuu Nuf Haa Eeyyamamu.

Garagalcha :

1.Mootummaa Nannoo Oromiyaa fi Mootummaa Itoophiyaatiif

2.Ministeeraa Barnotaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaaf,

3.Bulchiinsa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaaf,

4.Komishinii Poolisii Federaalaa fi Oromiyaaf,

5.Bulchiinsaa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina Jimmaaf

6.Saba himaalee Addunyaa: VOA, BBC,Algezira fi kkf,

7.Dhabbilee Mirga namummaa Addunyaaf.

8.Uummata Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa sadarka garaagaraa irraa jirtan hundaf.

Civil servants in Oromia forced to become member of OPDO

Aside

Firehiwot Guluma Tezera | June 15, 2013

Firehiwot Guluma Tezera

Firehiwot Guluma Tezera

TPLF is forcing Oromo civil servants to become member of the Oromo Peoples’ Democratic Organization (OPDO). The Oromo civil servants are now facing a choice between becoming member of the organization they hate to be associated with, and immerse their hands into the dirty work of OPDO, which is arresting, torturing, and killing innocent Oromo’s, or lose their jobs. Living under difficult economic situation, job loss is a very serious matter which is considered a suicide in the Empire, and, therefore, the Oromo civil servants will have to think twice before saying “no” to the warning of the Wayyaanee authorities and endangering their life and their families.

Contrary to its “democratic” naming, the so called OPDO is an undemocratic “organization” created by the Tigrai Peoples’ Liberation Front (TPLF), from the war prisoners of the former military junta, Mengistu Haile Mariam in the jungles of Tigrai. It is a pseudo organization completely controlled by ruling party, the TPLF. The TPLF regime uses this organization to arrest, harass, torture, and kill innocent Oromo’s who do not support their tyrannical rule. Moreover, the OPDO is used by the TPLF leaders as a tool to abuse their political power and exploit the entire economy of Oromia for their personal account and build their home base of Tigrai regional state.

Over the years the TPLF regime has been abusing its political power to put every sector of the Oromo society under its control by denying them their natural right. For instance the TPLF regime is notoriously known for:

  • using food aid for its political purpose by denying the donated food to those farmers who do not support and/or who are not members of OPDO,
  • using the distribution of fertilizer for its political purpose by denying fertilizer to those farmers who do not support their political agenda,
  • using job entrance criteria for its political purpose those who graduated from universities, colleges, and other educational and training institutions, to show their OPDO membership before they are employed.
  • using business license for political purpose by denying the businessmen the right to renew their business license and by over taxing them, and above all,
  • using its state apparatus such as police, judiciary, prosecutors, security personnel with plain clothes, and even the army, to unlawfully arrest, torture, convict, intimidate, and harass innocent Oromo’s who are not willing to support their anti-Oromo agenda.

article (3).pdf

Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!

Aside

Jiituu Lammii; Unbarsiitii Finfinnee

Waxabajjii 13/2013

Barreessaa dhugaa baasa!Dur, yoon daa’ima ture, ijoolleen dhiiraa arfaasaa laga, lafa ciraa deemanii gogorrii ykn. sololaa adamsu. Gogorrii ykn. sololaan kiyyoon qabanii galan “ ….alaa sagalee warraa ishee yoo dhageessee baduu yaaddi, nihuuqqatti.” Waan jedhamuuf hanga guyyaan qalmaa gahutti xaafii hammaaranii gurra isheetti naqu – Akka isheen sagalee dhugaa, qooqa fira ishee hindhageenyee gurra duuchanii, raatessanii haaduuf qopheessuudha akeekni isaa. Kun yaaddannoo ijoollummaati. Ittigala dubbii kanaa arguuf waliin haa turru!

Bitoottessa, 2003 murna guddina sabboonummaa Oromootti garmalee hinaafu tokkotu harka lafa jalaatiin walitti dhaamee, hasaasee dhoksaatti wal waamee, Finfinnee bakka ‘galma lotorii biyyoolessaa’ jedhamu keessatti sadoof wal gahe. Sadoon murna kanaa sabboonnummaa Oromoo dura dhaabbachuuf humna dabalataa horachuu akeekkatta. Akumma kanaan, sabboonummaa Oromoo yunbarsiitiifi dhaabbilee barnootaa heddu keessatti dagaagaa dhufe dura dhaabachuu dhimma dursaa godhatee barattoota dhalootaan Habashaa ta’an [ilmaan Amaaraafi Tigree] dhoksaatti walitti qabachuu karoorfate. Guyyaan gahee, namoonni dhoksaan waamaman qofa osoo hintaane warri hineegamnes wal gahee barii galmicha guute. Namoonni Prf. Masfin W/M fi Dr.Biraanuu Naggaa jedhaman mataa murna kanaa ta’uun fuulleetti yoo bahan, jaarmiyaaleen isaan oogganan [Ethiopian Human Rights Council -EHRCO, Ethiopian
Economic Association – EEC]
fi Profeesaroonni Olaantummaa Amaaraa leellisan harka lafa jalaan dubbii kana tumsu. Asirratti wanti hubatamuu qabu guyyichi guyyaa akeeka Oromomiyaa keessatti, Oromoorratti duuluuf qaban jabeeffatan waan ta’eef barattoota Oromoo dabalatee warri kibbaa biyyattiirraa dhufan waamicha kanatti akka hirmaatan hinbarbaadamu. Akka yaadan hintaane malee.

Harmee haadha ilmaan hedduu.doc

Gaaffiin Mirga Sabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Kaasan Daran Jabaate.

Aside

Waxabajjii 14,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGWaxabajjii 14/2013 Gototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Sagalee FDG jabeessuun dhageesisa olan. Sochiin warraaqsaa diddaa garbummaa qeerroon Oromiyaa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti gaggeeffaama jiru daran jabaachuun mootummaa abba irree boqonnaa dhorkate jira. Godina Jimmaa Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni Qeerroon baratotni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa gara yerootti FDG fi mormii sirna wayyaaneef qaban jabeessuun itti fufuun Waxabajjii 12/2014 irraa eegaluun gaffii isaanii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa fi FDG gaggeessuun dhageessifachuuf bulchiinsa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti dhiyeeffaatan.

Saboontotni Oromoo filannoo presidentummaa baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa ilaalchisuun kan OPDO’n beekamtii keenyaa malee dubarraan dabbaallee fi basaastuu nurraatti filaa jirtuu nuti baratootni Oromoo hin fudhannu. basaastuu fi ergamtuun diinaa bakkaa nu bu’uu hin dandeessu. ifaan ifatti dimookiraasii kallattii (direct democracy)’n nuf eeyyamamee baratootaa Oromoo dandeetii fi Cimina qabdu bakka ni buufanna malee utuu nuti hin filatiin OPDO’n Mooraa Yuunivarsiitiin alatti dabbaallee filamee jiruu sagalee guddaan balaleeffaatan. bulchiinsi mooraas atattaamaan furmataa akka kennuu ni gaafanna.Jechuun gaaffii isaanii itti fufaan.
Gaamaa biraan Waanjoon garbummaa nutti ulfatee jira, kanaan boodaa garbummaa baannee taa’uun nu ga’aa, mootummaan abbaa irree gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa fi dimookiraasii uummaannii keenya yeroo yeroon biyyaa keessaa fi biyyaa ambaatti gaafachaa jiru deebii argachuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu. waranaanan uummataa keenyaa doorsisuu fi hidhaan, ajjeechaan nurraa dhaabbachuu qaba.
Nutis tokkummaa keenyaa cimsachuun gaaffii mirga abbaa biyyuummaa keessaa fi alatti gaggeeffaama jiruu jabeessuun itti fufuu irraa duubatti hin deebinu jechuun guyyaa har’aa FDG mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti walitti dhufuun gaaffii isanii karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een president baratootaa Jimmaatti dhiyeeffaatan .

Presedentiin baratootaa Jimmaa barataa Dawuuti Geetachoo Wayyaanotaan doorsiifamaa kan ture, har’a akeekkachiisaa fi dorsiisaa isa irraa ga’ee jiruu sodaachuun baratoota Oromoo sossobuuf yaalus baratootni Oromoo gaaffii isaanii lafa waraanaa Wayyaanee fi humnota tikaa Wayyaaneen marfamanii utuu jirani itti fufan. kanan boodaa hidhaa du’a, fi dararaa sodannee garbummaa baannee hin teenyu jechuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa sagalee diddaa garbummaa (FDG) dhageesisuu itti fufaan. gaaffii mirga kabajamuu uummataa Oromoo fi sarbamuu mirga abbaa biyyuummaa Oromoof yeroof nu hin ilaallaatu jechuun harkatti didduuf yaalanis qeerroon Oromoo qaama dhimmii isaa ilaaluu nuf waamaa jechuun dura dhaabbatan.
hub: sagaleen attachment gabaasa kana waliin jiruu gaaffii baratootaa Orommoo fi kan president baratoota Yuunivarsiiti Jimmaa ti.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Waxabajjii 14,2013

Aside

Qeerroo- Walaloo Jaal Abdii Boorii

Aside

Walaloo Qeerroo

Jaal Abdii Boriin

Q Qee Abbaa keenyaa Oromiyaa deeffachuuf!
E Eenyummaa Saba keenyaa Tikfachuuf!
E Ejjennoo hin daddaaqabne qabannee!
R Roga hundaan QB finiinsinee!
R Roorroo diinaa ofirraa mancaafnee!
O Oromiyaa wala-boomsuuf Irbuu senne!
O Oromoo saba keenya bilisoomsuuf waadaa lammiif seenne!

Namni Muka hin yaabbannee,
Nama Miila Tokkootii,
Dhiirti /Lammiin/ biyyaaf hin duullee,
Kan qomoof Hin dirmannee,
Dhiira Cinaan/Kolaan/tokkootii!

Marrataan Kottee hin qabuu,
Barruusaati Jaatamaa,
Dabeessii Onnee hin qabuu,
Marrumaantuu raafamaa!

Abbaya malakaa siree,
Nooraa karaa Bidiruu,
Ani yooman garaa iree,
Yartuuttun garaa ha hirtuu!

Baddeessaa muka faachaa,
Oomii Muka Waaqayyoo,
Anoo kan namaan faachaa,
Koo ammoo Yoomi Waaqayyoo?

Qiqqiriixaniitii Jiddu lamaan Uruu,
Maal maqaan qaqqallii,
Qabsoo Finiinsaanii,
Diina mo`aniitii gita namaa buluu,
Maal maqaan Gabbarrii!
Diina figgimsaan,
Mirga guuttuun bulu.

Yeroo Iriyyaan kee mana qayyifattuu,
Mana gubdi seetee? Jedhu.

Qeerroo tu Falma Bilisummaa!!! Kaate Qeerroon Falmaa Bilisummaa (Artist Kabajama Elemoo Alii)

Aside

OSAs Appeal Letter to the United Nation s High Commissioner for Refugees (UNHCR)

Aside

OSA_QNewsletter_April2013

P.O Box 32391, Fridley, MN 55432
http://www.oromosudies.org

June 12, 2013

Mr. Antonio Guterres
United Nations High Commissioner for Refugees (UNHCR)
Case Postale 2500
CH-1211 Genve 2 Dpt Suisse.
Email: InfoDesk@ohchr.org; GUTERRES@unhcr.org

OSAs Appeal Letter to the United Nations High Commissioner for Refugees (UNHCR)

RE: Urgent Action Needed to Protect Oromo Refugees in Egypt

Dear Mr. Guterres,

I am writing this urgent letter on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly, multi-disciplinary, and non-profit international organization established to promote studies relevant to the Oromo people and other peoples of the Horn of Africa. We are gravely concerned over the current situation of the Oromo refugees in Egypt because we have received reports from the Oromo refugee community of Egypt that some Egyptian youth groups have verbally and physically attacked some members of their community. These Egyptian groups are angry by the current escalation of disputes over the diversion of the Blue Nile from its course by the so-called Renaissance Dam being built by the Ethiopian government. As you know, the Oromo refugee community is alarmed by the attacks, and currently holding protest in front of the UNHCR office in Cairo. Members of this community are staging demonstration four days and four nights in front of the UNHCR office in Cairo demanding protection from attacks, abuses and human rights violations. They told me that they have decided to stay there until they get protection since they are scared for their lives to go back to their homes.

Oromo Refugee Community in Cairo: demonstrating and sleeping in front of the UNHCR office for four consecutive days (June 9 12, 2013)

Oromo Refugee Community in Cairo: demonstrating and sleeping in front of the UNHCR office for four consecutive days (June 9 12, 2013)

On May 30, 2013, a 25 year-old Oromo woman was attacked when she was going to Ambabarsum Hospital in Helwan area of the city for a medical follow up. She was pushed under a Tuktuk car by an unknown group of people and her face and other parts of her body were severely injured. An eye witnesses said that she was attacked after she mentioned that she was from Ethiopia. Furthermore, on June 7, 2013 a group of Egyptians broke into an apartment of Oromo residents and attacked two men and a woman. The attacked Oromos said that the attackers live in the same apartment complex and know that they are refugees from Ethiopia. These Egyptians violently attacked these Oromo refugees by knife and Pepsi bottle to a point that the refugees lost their consciousness. They kicked the woman in her stomach, who was a five months pregnant, causing her a severe bleeding. Although she was later taken to a hospital by the help of other Oromo refugees, she was denied treatment at least from two hospitals after they identified their identity from their UNHCR ID card. These attacked refugees said that the attackers were telling them we will cut your necks as your government has cut our water.

Letter_to_UNHCR_OSA_Expresses_Grave_Concern_about_Oromo_Refugees_June_2013edit1.pdf
Letter_to_UNHCR_OSA_Expresses_Grave_Concern_about_Oromo_Refugees_June_2013edit1.docx