SBO Onkoloolessa 30 Bara 2013

Aside

NAMA FOON BEEKU SOMBAAN HIN GOWOMSAN!

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee irraa

Mootummaan Wayyaanee barattoota saayinsii fayyaa (medical science) baratan muummee barnoota gargaraatin Yuunivarsiitiwwan garagaraa irraa bara 2005 A.L.Htti  eebbifamaniif yeroo gargaraatti muummen addaan qoodee leenjii hojii duraa kennaafii jira.Mootummaan Wayyaanee barattoota hojii qabattachuu dura imaammataa fi tarsiimoo keenya beekuu fi beektanii fudhachuun dirqama keessan jedhee torbee darbe Onkoloolessaa 22,2013  irraa kaasee magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Garbii(sangaa taraa) hoteela Waabee Shabaleetti barattoota muummeewwan barnootaa afur irraa Yunivarsiitii gargaraatii eebbifaman walitti qabee guyyoota afuriif leenjisaa turee jira. Muummewwan barnootaa kunniinis; Midwife, Optometry , Anaesthesia fi Saaykaatirii yoo ta’an ajandaan inni irratti leenjisuuf waame akkaataa hojiin itti hojjetamuu fi waa’ee seektara fayyaa ture. Haata’u malee haalli kun jijjiramee mootummaan Wayyaanee guyyaa walakkaaf waa’ee fayyaa irratti mariisisaa eerga turee booda fedhii barattootaa malee dirqamaan waa’ee siyaasa isaa itti lallabaa ture. Mata dureewwan inni irratti leenjisaa ture;

1. Ijaarsa sirna dimokraasii

2.Misooma fi bulchiinsa gaarii

3-Hidhaa haaromsa laga abbayyaa

4.Midiyaa bilisaa(free press)

5.Haala ijaarsa impaayeera itoophiyaa

6.Dipiloomaasii biyyoota ollaa kanneen akka Eertiraa, Keeniyaa, Somaale ,Jibuutii fi Suudan wajjin qabu cimsuu akka qabu

7.Dhaabbilee siyaasa kanneen shororkeessitoota jedhee paarlamaan isaanii moggaase waliin namni tokko hidhata qaba yoo ta’e dhiifamni akka hin godhamneef kan jedhu irratti leenjii jedhee kennaa tureera.
Barattoonni leenjii irratti argaman dhimma kana irratti leenji’uun nu hin barbaachisu jedhanii gaafannaan hirmaachuun fedhiidhani garuu namni leenjicha hin fudhanne akka hin qacaramne jalamuranii dubbatan. Barattoonni immoo hojii qabachuu waan fedhaniif kan garaa garaatu beeka jechuun waltajjicha isaanii hangadhumaatti irratti hirmatanii jiru. Mootummaan wayyaanee gama tokkoon siyaasa barbaadan deeggaruun mirga jedha gama kaanin immoo hojjetaan mootummaa kamiiyyuu imaammata keenyatti amanee fudhachuun dirqama jedha. Leenjii kana irratti mootummaan Wayyaanee qabxiiwwan itti aananii kaa’aman kana akka ibsa ejjannootti lafa kaa’ee jira;

Leenjifamtoonnis dhimmoota isaan leenjisan irratti leenjisan kana akka hin fudhanne argisiisuf gaaffillee armaan gadii gaaffatan;

1.Nuti hidhaa laga abbayyaafis ta’ee dhimma misoomaa kamiifuu mindaa keenya irraa saantimni tokko akka muramu hin eyyemnu.

2.Mootummaan kun yoo democracy hordofa ta’e free press babal’isuu qaba.

3.Miidiyaan itoophiyaa kaabineen hoogganamuun isaa hafee nama biraan hoogganamuu qaba.

4.Miidiyaan itoophiyaa oduu hawaasaf dabarsu kamiiyyu ragaan deeggaree erga dhugoomsee booda ummata qaqqabsiisuu qaba.

5.Diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 11.6 guddate jechuu eerga jalqabdanii waggaa shan lakkoofsistanii jirtu kun dhugaa osoo ta’e maalif hin dabalu ykn gadi hin bu’u, dhibbeentaa kana yommuu baastan ikonomistoonni addunyaa irratti hirmaatanii jiruu?

Walumaa galatti kaayyoon leenjichaa siyaasa Wayyaanee gara ummataatti fiduu fi ummata gara siyaasichaatti fiduudha. Leenjiin kun torbee kanas haaluma walfakkaatun torbeewwan lamaan kanas muummewwan barnoota gargaraa waliin itti fufa.Wanta baay’ee nama gaddisiisu mootummaan wayyaanee kaabinoota isaa yommuu leenjisu durgoo guyyaa tokkotti dhibba shan herreegaf garuu warra amataa irraa hin qabneef guyyaan dhibba tokko herreegaf. Maluma hantuunni beektu adurreenis beekti jedhuu mitiiree , leenjii kana irratti namni tokko siyaasa Wayyaanee kana amanee fudhachuuf fuula isaa waan gara isaanii naannesse hin fakkaatu. Yoomiyyuu kaayyoo qabnu galmaan gahuuf boodatti hin jennu jedhu barattootni wal gayicha irratti argaman.

INJIFANNOON  UMMATA OROMOOF!!!

GADAAN GADAA BILISUMMAA!!!!

October 27, 2013 Radio Afuura Biyyaa

Aside

Godina Gujii keessatti diddaan barattootaa dho’e uummata dabalachuun itti fufe!

Aside

Gabaasi Qeerroo  Onkoloolessa 27,2013 akka addeessutti,Barattootni Oromoo Godina Gujii gaaffiiwwan mirgaa finiinsuun diddaa dhageessisuu itti fufan. Barattootni Oromoo kunneen qabeenyi Oromoo Oromoof malee alagaaf tahuu hin qabu, tajaajilawwan hawaasaa guutummaa guutuutti Oromoof guutamuu qaban, hidhaa fi ajjeechaan doorsisni dhaabbachuu qaba jechuun gaaffii mirgaa finiinsuu kan eegalan ejjennoo tokkichaan itti fufanii jiran. Rakkoowwan tajaajilawwan hawaasaa aanaa Bulee Horaa keessatti mudachaa dhufee fi rakkoowwan hedduu Nagallee keessatti uumamaniifis Wayyaaneen itti gaafatama haa fudhatu jechuun mana barnootaa keessatti dhaadannoo gamtaan dhageessisaa jiran.

Mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo Galgaloo Waariyoo jedhamuu fi kanneen biroo mana hidhaatti ukkaamses guutummaan akka hiiku gamtaan gaafachuun sagalee isaan ii dhageessisaa jiran. Uummatni Oromoos gaaffiin mirgaa barattootni keenya gaafatan gaaffii sirriidha, saaminsi qabeenya lafa Oromoo investeroota halagaan gaggeefamu nurraa haa dhaabbatu jechuun barattoota isaanii waliin hiriiruun diddaa dhageessisaa jiru.

Gama biraan oduun keessa Wayyaanee jiru ,Waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo hoogganummaan gosummaa irratti hundaa’e haa dhaabbatu jechuun mormii dhageessisan. Mootummaan Wayyaanee keessa isaa bututaa dhufe dura dhaabbachuuf amanamtoota isaa yeroo dheeraa waraana Ittisa biyyaa keessa turaniif muudama kennuun isaa ni yaadatama. Muudamni kun amanamtoota wayyaanee yeroo dheeraa fi lammummaan Tigiree tahan irratti xiyyeeffannoon maaliif kenname jechuun waraanni Ittisa biyyaa Iizii bahaa fi Kaabaa gaaffii mirgaa gaafachaa jira. Waraana keessatti waraanni ijaaramu sabaa fi sablammiin osoo haasa’muu ajajootni maaliif dhaloota Tigiree duwwaa tahu jechuun gaaffii dhiyeessanii jiran. Ajajootni kaabaa fi bahaas gaaffii kanaaf deebii kennuu waan dadhabaniif caasaan ijaarsa ittisa biyyaa kallattii kanneen irraa laamsha’uun sirni bulchinsa waraana ittisa biyyaa rakkoof saaxilamee jira. Adda durummaan ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa keesaa hojjetan gaaffii kana adda durummaan gaafachaa kan jiran yoommuu tahu sabawwan cunqurfamoo sidaamaa fi Beenishaangulis cinaa dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa kanaan dhiphina keessa seenuun wal gahii hatattamaa hooggantoota olaanaan finfinnee keessatti gaggeessaa jiran. Wal gahii isaanii kana irrattis gaaffiileen wal fakkaataan mudachuu irraa milkiin itti hin jiran..

Barattooti Yuunivarsitii Mattuu FDG Eegalan. Gaaffii Mirgaa Qabanis Bulchitoota Mooraatti Dhihefatan.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Onkololessaa 24/2013 Godina Iluu Abbaa Booraa Yuunivarsiitii Mattuu keessaatti FDG barattoota Oromoon eegale jabaatee itti fufuu qeerroon Yuniversitii Mattuu gabaase.

Akka gabaasaan Qeerroo ibsutti,barattotni Oromoo biyyaa olaantummaan seeraa hin kabajamne, kan mirgi namummaa fi dimookiraasiin keessatti sarbamaa jiru keessaatti barachuun hafee, wabii jireenyaa iyyuu dhabnee jireenya yaaddeessaa ta’ee keessa jiraachaa waan jirruuf mirga keenya kabachiifachuuf, harka walqabannee haa kaanu jechuun dallaa Yuuniversitichaa keessatti walitti qabamuun sirna bulchiina Wayyaanee balaaleffaachaa turuun isaanii beekame.

Haala kanaan gaaffiin barattoota Oromoo kun bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuuttin dhihaate.Gaaffii barattooti kaasan keessatti gadi jabeenyaan kan ka’ee bulchiinsatti himame keessaa mirgi baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu sarbamuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitiicha irraa barachaa jiran mooraa Yuunivarsiitichaan alatti magaalaa Mattuu keessaatti Poolisotaa, Milishotaa fi dabbalota Wayyaaneetiin qabeenyaan akka moobayila, qarshii fi kkf irraa samamuu fi reebichi seeraan alaa irratti gaggeefamaa jiraachuu irraan baratootni Oromoo barnoota dhaabanii mirgaa isanii fi saba isaanii kabachiisuuf akka FDG gaggeessanif kan isaan kakaase ta’uu ifa gochuun, Qeerroon Yuunivarsiitii Mattuu FDG jabeessuun akka itti fufan dhaamsa dabarfatan.

Ummaanni fi barsiisonni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu fi nannoo magaalaa mattuu jiraatan dabbalonnii Wayyaanee malaamaltummaan qabeenyaa keenya nu saamaa jiru, lafa keenya gurgurachaa jiru, mirga keenya sarbaa jiru, mirgii baratoota keenyaa sarbamaa jira, gaaffiin qeerroo baratootaa keenyaa gaaffii keenya, qooda irraa fudhachuu qabna jechuun FDG qeerroo gootota baratoota dargaggoota abdii egreen eegalame cina ni dhaabbanna jechuun deggersa isaanii garee barattootaaf ibsaa jiraachuu gabaasi kanuma waliin jiru addeessa.

 

Ba’aa Wal Irraa Qoodachuun ,Humna Ta’aa Jiraachuu Keenya Mirkaneessa.

Aside

Barreessaa dhugaa baasa!Y.G(2005),kutaa 2ffaa

Har’a diinni keenya Biyyaa keessaa fi alatti adda qoodamee kan nu irratti roorrisaa jiru ta’u hubachuun nama hin rakkisu.diinni keenya bifa lamaan nu dura dhaabbatuuf hojjachaa jiru kun, caba keenya ijaan arguuf hanga dadna’an hojjachaa jiraachuu dhala Oromoo eessallee jiruufu dhokataa miti. rakkoon jiru waan jarri kun barbaadanii fi hojjatanis wallaalu irraa miti. Diina bifa lamaa kana dura dhaabbachuu, qaamuma tokkotti dhiifnee teenye haa ilaallu moo, diina irratti walii haa gallu yk ba’a mataa baayyifachaa jiru kana wal irraa qooddannee dura haa dhaabbannu ? isa jedhu qindeeffachuu yk qooda ofii ba’achuuf murteeffachuu dhabuudha.

Rakkoon kun haa jiraatu malee, kaka’umsi har’a argaa jirru kan kaleessa keessa keenya hin turreedha. Kana jabeefatanii waan nuuf hin hafnetti tarkaafachuun ala furmaati biro akka hin jirre irra jireessi walii galuu qofaatu hafa. Har’a Oromoo ykn nama Afaan Oromoo dubbatu kan qabsoo Oromoo keessa Oromoo fakkaate kan socha’u yoo hin ta’iin, dhalli Oromoo wal gawwamsuu yaalu jira natti hin fakkaatu. Hojii fakkeessaa uumee Ummata kana qalbii hatuu kan barbaaduus hagas maraa natti hin fakkaatu. Yoo ka’een deebi’ee taa’a jedhee yaade Yk kan kaleessaa irraa baratus, xiiqii eessaanu nama hin geenyen hiraaraa jiru yoo ta’e malee.

Wayyaanoonni waan wareegamaniif odoo hin taane, har’a jumulaan saba keenyaa kan fixaa jiran, qabeenyaa saaman jiraachisuuf jedhaniiti. Dhugaa jiru odoo beekanii Oromoon Angotti dhufnaan nu dhumate jedhanii yakka dhala namaa irrattii hin raawwatamne nu irratti raawwataa jiru.  Gutuu barruu kanaa dubbisuuf:-  BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN,,,,,,,kutaa 2ffaa.docx

SBO Onkoloolessa 27 Bara 2013

Aside

Aside

Sirni Awwaalchaa J/ Obsee Kabajaa Olaanaan Raawwate

 

Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo

Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo

(Oromedia, 26 Onkoloolessa 2013) Sirni awwaalchaa, Jaal Obsee Margoo, bakka maatii, firoottanii ishii akksumas miseensootii fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo heddumminaan argamanitt biyya Norwey magaala Berganitti Onkoloolessa 11, 2013 akka aadaa fi sirna amantii ishiitti raawwate.

Waa’elli keenya Dassuu Duulaa akka nuuf ibsetti, sirna awwaalachaa kana irratti Oromooti Hoolandi, Jarman, Ingilizii fi bakkoota aaddaddaa jiraatan Onkoloolessa 24, 2013 Norwey Bergan seenuun akka aadaa biyyaatti reeffatti nagaa dhaammatan.

Akkanaan sirna awwaalchaa Jaal Obsee Onkoloolessa 25, 2013 bakka Oromooti kumaa ol ta’an otuu ilaalchaa fi amantiin adda walii hin qoodiin sirna kana irratti argamuun jaalalaa fi kabajaa Hayyu Duree ABO fi maatii isaaniif qaban agarsiisanii jiru.

Oduun nu gahe akka ibsutti, sirna awwalchaa kana irratti Jaal Daawud Ibsaa fi Oromooti argaman marti gadda dhugaa ibsachuun cinattis, jabinaa fi murannoo Jaal Obseen qabaachaa turte dabaree dabareedhaan ibsaniiru. Read More:-  http://oromedia.net

Aside

“Kan nama nyaatu nu keessa jira” Hacaaluu Hundeessaa at Atlanta Concert (10-19-2013): “Oromiyaa Maaltu Gadhiisa”

Godina Shawaa lixaa aanaa Hincinnii keessatti uummatni Oromoo gamtaan gaaffii mirgaa kaasan.

Aside

Onkoloolessa 25,2013 Finfinnee
Godina shawaa lixaa aanaa Hincinnii ganda Abay Waraabessaa keessatti uummatni Oromooo gamtaan gaaffii mirgaa kaasuun jala deemtota wayyaanee irratti tarkaanfii sirreessaa fudhatana. Aanaa kana keessatti gaaffiileen mirgaa kanneen akka dabalinsa himna ibsaa, bishaanii fi karaa gaafatamaa turuu irraan darbee dargaggootni hojii dhabdummaan rakkachuun waan jabaateef uummatni gamtaan bulchinsa aanaa gaafatee jira. Bulchaan aanaas yeroo hedduu waadaa sobaan dura dhaabbachaa turuu irraan darbee hojjettootni humna ibsaa waan malaammaltummaan uummata cinqaniif uummatni gamtaan yaa’uun reebuun tarkaanfii sirreessaa irratti fudhatee jira. Mootummaan wayyaanee milishoota gandaa bobbaasuun uummata reebsisuu fi sakattaasisuuf yaalii taasisus milishootni gaaffiin uummatni gaafate gaaffii kenya, qawween baanu afaan qawwee gara diinaa malee gara uummataa miti jechuun mootummaa wayyaanee afaanfaajjessanii jiran. Wayyaaneenis poolisoota federaalaa naannoo kanatti bobbaasaa jira. Dhiibbaa kamuu wayyaaneen gaggeessus gaaffii mirgaa irraa uummatni akka hin dhaabbanne qeerroon Godina Shawaa lixaa irraa addeessee jira.