Aside

Raadiyoo Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu Onkoloolessa 24,2013 caqasuuf :-   http://www.Ayyaantuu.com

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Shirqoolee keessatti Ergamtooti Wayyaanee fi Ummanni walitti bu’uu irraan miidhaan qabeenya irra gahe.

Aside

Onkoloolessa 24,2013 Asoosaa

Sabaa fi Sablammootni Impaayera Itoophiyaa keessaa mootummaa wayyaaneen bitamne jedhanii guyyaan itti dhiisan hin turre. Hin jiraatus. Mootummaan wayyaanee sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessattis dhiibbaa daangaa hin qabne gaggeessaa as gahe. Haalli kun jabaachuun Godina Beenishaangul Gumuz aanaa Shirqoolee keessatti ergamaan mootummaa wayyaanee lammii Beenishaangul ajjeesuu irraa uummatni gamtaan diddaa gaggeessaa jira. Uummatni aanaa Shirqoollee nuyi yoomuu isiniif hin bitamnu jechuun waraana wayyaanee fi poolisoota akkasumas waajjira poolisii dhagaan tumaa jira. Konkolaattotni poolisii hedduun dhagaan kan tumaman yoommuu tahu mootummaan wayyaaneen dhiphina jabaa keessa seenuun waraana dabalataa 600 gara aanaa kanaa geessuu irratti argamti. Dargaggootni aanaa kanaas diddaa kana itti fufinsaan gumaa ilma isaanii akka baasan addeessanii jiran.

Oromia:- Irreessa Bishooftuu fi Burraayyu Kan Bara 2013 akkasumas Sochii Qeerroo

Aside

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa keessatti hojjettootni qonnaa Almii sirna Wayyaanee irratti diddaa kaasan.

Aside

Onkoloolessa 23,2013 Jimmaa

Mootummaan Wayyaanee fi jala deemtotni garboomfataa wayyaanee dhiibbaan isaan ilmaan Oromoo irratti gaggeessaa as gahan daangaa hin qabu. Investerootni habashaa fi alagootaas saaminsa gaggeessuu irraan darbee dhiibbaa daran sirna bulchinsa wayyaanee ol gaggeessaa jiran. Godina Jimmaa aanaa Saqqaa keessatti investimentiin qonnaa Almii jedhamu hojjettootaaf miindaan kaffalaa ture hedduu xiqqaa tahuu irraan darbee yeroon kaffaluu dhabuu irraa hojjettootnii fi uummatni gamtaan diddaa dhageessisanii jiran. Hojjettootni qonnaa kanaa guutumman hojii dhaabuun mootummaan wayyaanee garboomfataa dha. miindaan kaffalamu gahaa miti jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran. Namoota isaan dura dhaabbachuuf yaalanis waardiyoota gorsanis waan didaniif reebuun tarkaanfii sirreessaa irratti fudhatanii jiran. Mootummaan wayyaanees gocha kanaan dhiphachuun waraana hedduumminaan bobbaasee dargaggootaa fi hojjettoota hidhaa jira. Ilmaan Oromoo

  1. Jamaal Nuuree
  2. Caalii Abbaa Gaarree
  3. Sintaayyoo Lammeessaa
  4. Mohaammed Aliyyii
  5. Suraafel Kamaal

Jedhaman mana hidhaatti kanneen ukkaamsaman yoommuu tahu gariin doorsifamaa jiru.

Fincila Diddaa Garbummaa Barattoota Oromoo Godina Gujiin.

Aside

Onkoloolessa 23,2013 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoon finiinaa ture jabaachuun itti fufee jira. Gaaffiileen mirgaa kan bilisummaa barattoota Oromoo Godina Gujii mana Barumsaa haranfaamaa fi magaala Garjii keessatti finiinuu eegale. Mootummaan wayyaanee duula saamichaa gaggeessaa jiru nurraa haa dhaabu, ilmaan Oromoo bilisummaa barbaadna, Saaminsi warqee gaggeeffamaa jiru haa dhaabbatu jechuun gamtaan fincila diddaa garbummaa gaggeessuu irratti argamu. Gaaffii wal fakkaataan aanaa Bulee Horaa keessatti finiinuun ibsaan, bishaan guutummaatti tajaajilawwan hawaasaa kanneen jedhaman uummataaf guutumuu qabu jechuun gaaffii mirgaa finiinsaa jiran. Biyya Oromiyaa keessaa maddi ibsaa elektrikii alatti osoo gurguramuu nuyi dukkana keessa hin teenyu jechuun gaaffii finiinsaa jiran. Haalli kunis jabaachuun mootummaan wayyaanee dura dhaabbachuuf humna dafee dhaqqabaa geessuun uummata doorsisaa jira. Ilmaan Oromoo fi barattootni hedduunis mana hidhaatti guuramuu irratti argamu.

SBO Onkoloolessa 23 Bara 2013

Aside

Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa diddaa barattootaan dhuunfatamuun gabaafame

Aside

Onkoloolessa 22,2013 Finfinnee

Yuunivarsiitiileen Impaayera Itoophiyaa keessaa gaaffii mirgaan mudda keessa seene. Gaaffiileen mirgaa mirgi namummaa fi Dimokiraasii keessatti haa kabajamu jechuun Yuunivarsiitii Dabra Maarqos, Jimmaa fi Walloo keessatti finiinaa jira. Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti bulchinsootni yuunivarsiitii humna waraanaa dabalinsaan barbaaduu isaanii ibsatanii jiran. Yuunivarsiitiilee mara keessatti gaaffiileen wal fakkaataan sirni bulchinsa mootummaa wayyaanee sirrii miti jechuun diddaan dhageessifamaa jira. Yuunivarsiitii Baahirdaar keessattis diddaa wal fakkaataan dhageessifamaa kan jiru yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraanaa fi tika ishee naannessuun doorsisa guddaa gaggeessaa jirti. Mootummaan wayyaanee dura dhaabbannaa kamuu taasisu yuunivarsiitiilee keessatti gaaffiileen mirgaa finiinan dhaabbii akka hin qabne qeerroon Yuunivarsiitiilee kanaa beeksisee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessattis gaaffiin mirgaa barattootaa fi barsiisota hamate sirna bulchinsa wayyaanee mormuun wayyaanee dhiphina keessa buusee jira.

Yuunivarsiitii Diillaa damee Samaaraa keessatti diddaan barattootaa ka’een walitti bu’iinsi loltoota Wayyaanee waliin ta’e

Aside

Onkoloolessa 22,2013 Diillaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiittii Diillaa dame eSamaaraa keessatti haalaan finiine. Qeerroon Yuunivarsiitii Diillaa gaaffiileen mirgaa bara darbe gaafachaa bane tokko illee deebii argatee hin jiru jechuun gamtaan walitti bahuun Bilisummaa jechuun dhaadatanii jiran. Rakkoowwan bulchinsaa fi gaaffiilee mirgaa ukkaamsamaa tureef itti gaafatamummaan mootummaa abbaa irree wayyaanee tahuu uummatni haa baru jechuun soda malee barattoota gamtaan qindeessuun dhaadannoo isaanii dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanee barattoota keessumaa ammo barattoota Oromoo hidhuu fi ajjeesuu irraa haa dhaabbatu, baajatni Yuunivarsiitii keessaa dhimma siyaasaaf ooluu hin qabu jechuun diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan wayyaanees akkuma bare gaaffii mirgaa rasaasaan dhaabuu fi dargaggoota hidhuuf yaalii taasisu irratti nuyi wal irratti duuna jechuun barattootni gamtaan waraana wayyaanee dura dhaabbatanii jiran. Yeroo ammaa kanas dame hundumaa keessatti guutuun gaaffiin mirgaa finiinaa jira.

Aside

Oromo talk show hosted by Artist Dawite Mekonen

Sareen gooftaa tajaajiltu,maaliif kabaja hin argattuu????

Hiikkaa Abjuu Gaarii/Dhaamsa

Aside