FinfinneeTube Presents: OYA’s 2013 “Treasuring Oromia” – A NIGHT OF STORY AND POETRY

Aside

Madda;http://www.Gadaa.com 

SBO Sadaasa 03 Bara 2013

Aside

Aside

Waamicha FDG Oslo Norway

Fincila-Diddaa-Gabrummaa

 HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!!!

ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway akka kabajuu Fulbaana 16/ 2013 waamicha  dabarsuun isaa beekamaa dha. Ammas waamicha kana haaroomsun ilmaan Oromoo kutaa Iskandinevia fi Awurophaa bakka addaa addaatti argamtan akkasuma biyyoota Awuroophaa ala ta’an keessa jiraattan akka irratti argamtan kabajaan isin afeerra.  Akkuma kanan dura ibsaa bahe keessatti beeksifne qophii seminaaraa fi galgaala aadaa qabna. Seminaarri keenyas kan itti xiyyeeffatu akeeka gotooti ilmaan Oromoo qabsoo keessatti bifa addaa addaan bakka adda addaatti  irratti wareegaman fiixaan baasuuf tumsa barbaachisu gochuuf oromoo irraa maaltu akka eegamu mari’achuuf gahee keenya gumaachuu taha. Mata dureen seminaaraa akka armaan gadii ti.

  1. Haala Qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiruu fi Oromoo irraa maaltu eegama
  2. FDG tooftaa qabsoo keessaa isa tokkoo tahee, itti milkaa’uuf haalli guutamuu qaban maali?
  3. Mannii hidhaa Waayyaanee afaan Oromoo dubbata, Oromoo hidhuun  oromoo jiilchee qabsoo bilisummaa dhiisisaa?
  4. Qooda shamarran Oromoo qabsoo hidhannoo keessatti

Qophii FDG, 2013 kana irratti HD. ABO Jaal Dawud Ibsaa qamaan irratti argamuun ibsaa haala qabsoon ABOnni geeggefamu latu.

Akkuma aadaa turettis qophii galgala aadaa guyyaa kana ni jiraata.

Artistoota: Galagala aadaa irratti bo’aarsuuf qophii irra jiran artistoota oromoo bebbeekamoon akka armaan gadii ti

  1. Ilfinesh Qannoo
  2. Hayiluu Kitaabaa
  3. Hawwii H. Yesuus
  4. Daangaa H. Yesuus
  5. Yohaannis Abaatee
  6. Asaantii Hajii

Bakki walgahii Galma:
Det Chilenske kulturhus.
Veitvetvn  8, Oslo

Guyyaa: Sadasaa 09/2013.

Akkaataa bakka galmaa gahan: Oslo Center bus 31 Grorud jedhu fudhattanii bakka Veitvet jedhutti buutu.
Baabura (Metro) lakkoobsa shan Vestli jedhu- gara bahaatti (East bound) qabatanii Veitvet buutu

Yeroo Sa’aa 11:00 akka Oslootti

Koree qindeessittu.

Yuunivarsiitii Jmmaatti Keessatti Barattootni Haaraan Sagalee Warraqsaan Simataman

Aside

Sadaasa 1,2013 Jimmaa

daadeeqqGabaasaa: Onkololessa 31/2013 Galgala Yuuniversiitii Jimmaa mooraa qonnaa keessaatti Qophiin anaa dhufuu baratootaa Oromoo haaraaf godhame irratti goototni baratootaa Oromoo barattoota wagga jalqabaaf haarayaa gara Yuuniversitii Jimmaatti dhufan simachuuf walleelee warraaqsaa fi sagalee wallee diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee dhageessisuun dhichisanii kanneen haaraa dhufan simatan.

Qophiin kun dura bu’ummaa gumii guddina fi dagagiina afaa, aadaa fi seenaa uummataa Oromootiin kan qophaa’ee haala miidhagaa ta’een simannan baratoota Oromoof godhame.

Qeerroon Yuuniversitichaas barattoota haaraa simataman kanaaf dhaamsa jaabannee kan wal cinaa dhaabbannee rakkoo walxaxaa fi garbummaa bar dhibbaa uumataa keenya irraa kan qolannu akka taanuuf baga carraa kana argattaanii sagalee uummata Oromoo taatan,jajjabaadha, nuti ijoollee Oromooti! Biyyi keenyaas Oromiyaa dha , malee kan eenyuu mitii, kutaa,Amantii, gandaan uumataa keenyaa qoqodanii warrii uummataa keenyaa bitaa turan ammas toftaa dulloomaa kana yeroo fayyadamanitti gurraa
keessan itti hin qabiina nuti ilaaman Oromooti, biyya Oromiyaa qabna. Jechuun wallee tokkummaa jedhuu fi faarsuu WBO fi ABO faarsuun sagantaa miidhagaa gaggeefachuun gabaafame.

 

Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti diddaan barattootaa Oromoo Itti Fufe‏

Aside

Gabaasa Sadaasa 1,2013 Haromaya ,Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti jabaachaa jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Debre Berhan keessatti diddaan barattootaa dhalachuun mootummaa Wayyaanee muddama keessa seensisee jira.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti Onkoloolessa 28,2013 irraa eegalee barattootni Oromoo gaaffiilee mirgaa cunqursaa Afaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa hedduu kaasanii jiran. Baajata mootummaan Wayyaanee barattootaaf ramadame dhimma siyaasaaf oolchuu irraas akka of qusatu barattootni gamtaan bulchinsa mooraatti gaaffii dhiyeessanii jiran. Yuunivarsiitii Dabra Behaan keesssattis gaaffiileen wal fakkaataan finiinuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee Impaayera Biyyattii keessatti gaaffiilee mirgaa jala deemtotaa ishee mudde dura dhaabbachuuf baajata olaanaa ramadaa akka jirtus saaxilmee jira.

 

Raadiyoo Seife Nebelbal,Onkoloolessa 31,2013

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Onkoloolessa 31,2013

Aside

Oromo Demonstrajon i Bergen Oktober 26,2013

Aside

Aside

Mootummaan Wayyaanee Walgahii Miseensota Isaaf Magaalaa Sulultaa Irratti Taasiseen Naannoo addaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinnee Keessatti Afaan Hojii fi Barumsaa Afaan Amaaraa Qofa Akka Tahuu Qabu Beeksise.

Aside

Gabaasa Onkoloolessa 30,2013 Finfinnee

Onkoloolessa 25 irraa kaasee godina addaa naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irratti mootummaan wayyaanee guyyaa 5niif wal gayii miseensota isaa kanneen tahan hundaaf teesisee jira. Akka madda gabaasaa kanaatti kaayyoo wal gayii isaanii :

1.  Ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii kan miseensa isaanii tahanii jiran irratti qorannoo irratti gaggeessaa fi gaggama hojii isaanii keessa seenuudhaan wal irratti kaasuudhaan isintu iccitii mootummaa dhaaba mormitootaaf kennaa jira,keessumaa ammo dhaaba Adda Bilisummaa Oromoof(ABO)  haala mootummaa keenyaa gabaasaa kan godhu numa keessaa isini jettee miseensa isaanii keessaa kanneen sabboonummaa qaban irratti yakka kana banuudhaan hojii irraa ari’uuf murtoo irra akka jirantu gabaasaa Qeerroo aanaa kanaa irraa addeessa.

2.  Gama biraan namoota sirnichaaf amanamoo jedhaman maraaf waraqaa eenyuummaa kan Federaalaa baasanii kennuu akka jalqaban beeksisuu ture.

3.  Ddhimma afaan Oromoo irratti,naannoo addaa Finfinnee fi magaalaa Finfinnee keessatti afaan hojii  fi barumsaa afaan Amaaraa qofa akka tahuuf iccitii dhaan mareen kun akka mariyatamaa jiruutti gabaasaaan addeessa.

4.  Barataan Yuuniversitii fi koollejji kam irraayyuu eebbifame miseensa dhaaba keenyaa kan tahe hundi hojii barbaachisu ni argata ,garuu hanga miseensa keenya hin guunnetti hanga siyaasa keenya hin fudhannetti hojii kamiyyuu argachuu akka hin dandeenye hubattanii,ijoollota keessan dirqamaan akka miseensa guuchistan jedhanii wal gayii isaanii irratti murtoo dabarsitee jirti.

5.  Ijaarsi 1/5nii jabaatee akka itti fufuuf kunis miseensa keenya adda baafachuuf waan nu gargaaruuf kana irratti miseensa keenya kan taatan guyyaa guyyaatti ijaaruudhaan,isa ijaarame ammo gabaasaa akka nuuf gootan dirqama dabarsina jechuudhan dhaamsa dabarsa  turan.

6.  Maayyii irratt yeroo fillannoo waan jala gaheef jecha uummata ofitti harksisuuf dhimma lafaa irratti kana booda lafti keessan hin gurguramu,isin irraa hin fuudhamu,xaa’oon hanga barbaaddan uummataaf ni kennama,dhimma qonnaaf waan barbaachisu mootummaa keenya isiniif guuta jedhanii miseensa isaatiin dhaamsi kun gara uummataatti akka darbuuf waadaa sobaa kana dabarsaa akka jirtu odeessaan madda gabaasichaa addeessa.

Qabxiiwwan 6n kunneen wal gayii mootummaan Wayyaanee aanaa kana irratti guyyaa 5niif miseensota isaa waliin gaggeessaa fi dhaamsa isaa dabarsaa tureedha.