FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Magaalaa Naqamteetti Alaabaa Habashaa Guban. Har’a Ebla 29,2014 FDG Magaalota Gudar,Dambi Doolloo Fi Adaamaa Keessatti Eegale. Magaalaa .

Aside

Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo

naqmteFincilli diddaa gabrummaa itti fufuun gootonni Qeerrooo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessa jiraan diddaa jabeessuun har’a sa’aa 6:00 ganama irraa kaasee mana barumsaa Biiftuu irratti kan eegale uumataan wal qabtee diddaan itti fufuu gabaafame. Haala kanaan loltooti Mootummaa Wayyaanee barattoota Oromoo reebuu fi dararuun eenyummaa isaanii xiqqeessuun waan itti fufee jiruuf jecha Oromiyaan biyya abbaa qabu taatee bilisummaa barbaadna jechuun alaabaa Habshaa gubuun diddaa isaanii itti fufan. Haala kanaan loltooti Wayyaanee maqaan Agaazii jedhaman humna guddaan barattoota irratti bobba’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan diddaan magaalota Gudearii fi Dambi Doolloo keessatti itti fufee jira.Magaalota Shambuu fi kannen hafan keessattis sa’aa kana akka eegalee jiru hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo ibsee jiraachuu dhagahama.

naqaNaqamte1

Latest News

Aside

FDG Ambo Keessatti Qabate Daran Jabaachuu Irraan Waraanni Wayyaanee Gaaza Nama Boosisuun gadi dhiisuu fi reebicha akkasumas rasaasaan Oromoota reebaa jiraatu illee gaaffii mirgaa gaafachuun duuubatti hin deebine.

Waraanni Agaaxii jedhamu Barataa Oromoo Abirihaam Suufaa adda isaa irra rasaasaan rukutuun FDG daran hammeesse!

DiddaaEbla 29/2014 Goototni Barattootni Oromoo, Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo,fi Barattootni m/b Amboo sadarkaa 2ffaa, Qopha’inaa fi sadarkaa 1ffatiin FDG dhoofamee guutummaatti Uummata Magaalaa Amboo hunda hirmaachisee hiriirrii Guddaan Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jira.

Hiriira kana bittineessuuf Mootummaan abbaa irree waraanaa Agaazii jedhamuu Magaalaa Amboo fi Mooraa manneen barnootaatti gadhiisuun dhukaasaa uummata nagaa karaa nagaa fi Dimookiraasii mirga isaa falmachaa jiru qawweedhaan goolaa jiru.
Hiriirrii guddaan Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiru kun
Manneen Barnootaa sadarkaa 2fffaa, kanneen akka;
1. Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Amboo,
2. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Liiban Maccaa Amboo,
3. Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo naannoo pan Afrikaatti argamu,
4. Mana Barumsaa sadfarkaa 1ffaa Carii Amboo
5. Yuunibarsiitii Amboo Damee Amboo irraa walitti dhufuun Jiraattoota
Guutummaa Uummata Oromoo Magaalaa Amboo dabalatee hiriirrii guddaa
kan namoota 25,000 ol hirmaachisee magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamuun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa qabatee jira.

Mootummaan Abbaa irree fi shororkeessaan Wayyaanee gaafffii uummataa fi dargaggoota barattoota Oromoo bakkaayyuu itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuu fi deebii kennuu dhabee dhiphatee utuu uummaanni nagaadhan mirga isaa qe’ee isaa irratti falmachaa jiruu uummata nagaa irratti waraanaa Agaazii bobbaasuun dhukaasaa gaazii immimmaan ija keessa nama naquu fi rasasaa uummata irraatti dhukaasuun barattoota m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina lama rasaasan rukkuchuun gabaafamera.
Haala kanaan barattoota Oromoo rukutaman keessa kan amma hospitala Amboo galee yaalaamaa jiru:

Barataa Oromoo Abirihaam Suufaa kan jedhamu barattaa Mana Barumsaa Ambootti Barataa kutaa 12ffaafi qopha’inatti barataa  Natural science kan baratuadda isaa irra madeeffamuun yeroo amma Hospitaalaa Amboo galee jira.

Barattootni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo hedduun yeroo amman kanatti gaazii nama boosisuu fi sochii nama dhorkuu irratti dhukaasuun konkolaataadhan ukkanfamanii qabamanii mana hidhatti guuramaa jiru.
Haalli kun hamma ammaatti sochii FDG hiriira gaggeeffamaa jiru dhaabuu hin dandeenye hiriirrii fi dhaadannoo mirgii keenyaa kabajamuu qaba, sagaaleen keenya dhaga’amuu qaba, hidhamtootni oromoo hiikamuu qabu, jedhuu fi Mirgii abbaa biyyuummaa Finfinnee irraa qabnu nuuf kabajamuuqaba jedhu ittuma fufee jira gabaasaan kun itti fuufa.

Gabaasii guutuun itti aanee ni qindaawa.
Injifannoon U/Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati1
Ebla 29/2014
Amboo.

Mattuu:- Gootonni Qeerroon Yuuniversitii Mattuu Guyyaa 2ffaa FDG Itti Fufan. Waraanni Wayyaanees Doorsisaan Dhaabuu Dadhabe!

Aside

” Qawweeen dhiisaatii Xiyyaaranis ta’u yoo nu weeraruu yaaltan duubatti hin deebinu”

“Dhiiga Keenyaan Oromiyaan haa bilisoomtu”  jedhu Goototi Barattooti Oromoo Mattuu

Ebla 28/2014 FDG Gaaffiin kabajamuu mirga abbaa biyyuummaa gootota barattoota Oromoo yuunibarsiitii Mattuun guyyaa kaleessa itti fufe, har’a guyyaa 2ffaaf hiriirrii guddaan kun Mooraa Yuunibarsiitii Mattuu irraa eeggaluun goototni barattootni Oromoo yuunibarsiitii mattuu hiriira guddaa magaalaa mattuu keessatti uummata illee dabalachuun yeroo ammaa kanattii dhaadannoo jajjaabaa rakkoo uummata keenyaa hudhee qabee jiru dhageesisaa jiru, humni waraanaa kora bittinneessaa, Agaazii fi Poolisiin Federaalaa garaa magaalaa Mattuu guuramuun uummataa fi dargaggoota gootota barattoota Oromoo dura dhaabbaachuun sochii dhukuu fi hiriira nagaa fi dimookiraatawaa ta’ee kana ugguruuf jiru, guyya har’a dargaggootaa Oromoo magaalaa mattuu fi jiraattoota magaalitti dabalachuun namoonni 9000 olitti tilmaamaman hiriiricha irratti argamuun loltoota wayyaanee kanaan dhaadannoo:

  1. Nu dabarsaa, nuti mirgaa keenyaaf dhugaa keenyaaf falmannaa,
  2. Qawween nu hin dangeessuu, hidhaan, nu hin daangessuu ,
  3. Ajjeechaan, nu hin daangeessuu, reebichii nu hin daangeessuu,
  4. Nuti mirgaa keenyaaf mirga keessaan kabachiisuuf dhaabbanna,
  5. Sagaleen keenya sagalee ummata bal’aa Oromooti,
  6. Sagalee keenyaa hojjettootati, sagalee beektotaati, sagalee barattootati, -sagalee qotee bulaa Oromooti, sagalee uummata bal’a Oromooti,

Nu hin daangessinaa jechuun dhaadannoo ajaa’ibsiisa ta’ee dhageesisan.

Injifannoon Ummataa Oromoo hundaaf!

Ebla 29/2014

Mattuu.

FDG Haalaan Jabaachuu Irraan Har’a Ebla 29,2014 Magaalaan Amboo Dirree Waraanaa Fakkaattee Jirti.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGEbla 29/2014 Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina FDG Dhoosuun hiriiraa Mormii guddaa magaalaa Amboo keessatti gaggeessa jiru. Ummaannii Oromoo Amboo akkuma maqaa isaa ilmaan isaa waliin hiruuruun har’a yeroo ammaa kanatti hiriiraa guddaa sagaalee guddattiin magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jira. yeroodhuma kanatti mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa hiriira guddaa namoota kumaatamaan lakka’aman kanatti rifachuun dhukaasaa irratti banee Amboo Uummata Oromoo nagaan mirga isaa falmachuuf gaaffii mirgaa barattootni Oromoo dhiyeessan cina dhaabbachaa jiruu irraatti mootummaan abbaa irree rasasa xaaxessaa jiraachuu odeessii qeerroo amma Amboo irraa gabaasaa jira. Magaalaan Amboo dirree waraanatti jijjiramtee jirti, hiriirrii fi FDG garuu dhaabbachuu hin dabdeenye itti fufee jira. Gabaasaan kun itti fufa.

Kana malees Barattooti Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Amboo fi Qphaa’inaa xalayaa gaaffii mirga saba Oromoo gaafattu bakkoota armaa gadiitti galfatanii jiru.

Iyyannoo Barattoota Oromoo M/B  Amboo Sadarkaa 2ffaa  fI Qopha’inaa.

1 . Bulchiinsa Mana Barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaatiif,

2. Bulchiinsa Godina Lixa Shawaaf

3. Bulchiinsa Magaalaa Amboof,

4 Komishinii Poolisii Godina  Lixa Shawaa Amboof,

Guutummaa xalayaa kanaa dubbisuuf:-IYYAANNOO Barattoota Amboo M (44)

Gaffiin Mirgaa Abbaa Biyyuumaa Adaamaa Yuuniversitii Keeessatti Dho’e,Barattootni Oromoo Gamtaadhaan Ganama Kana Hiriira Bahan!

Aside

Ebla 29,2014 Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa

Barattootni sabboontotni Oromoo Yuuniversitii Adaamaa har’a Ebla 29 mormii cunqurusaa mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf tokkummaadhaan uummata magaalaa waliin bahanii jiru. Uummanni magaalaa dursee mooraa yuuniversitii biratti argamuudhaan barattoota kan simatee waliin gaaffii mirgaa dhaadannoo akka kanaa gadiitiin dhageessisuu eegalanii jiru,humni waraana wayyaanee Agaazen jedhamu konkolaataa 5 ol tahuun gara yuuniversitii kanatti ramadamee mooraa seenee jira kun suuraa waliin kan dhiyaatuudha,dhaadannoon barattootaa walii galaan: Oromiyaan Haa bilisoomtu,

  1. Hireen Murteeffannaa nuu haa kabajamu
  2. Nuti biyya keenyaaf ni wareegamna,
  3. lafti keenya hin saamamin,hin gurguramanin,
  4. Hidhamaan keenya hidhaadhaa haa bahu,
  5. afaan oromoo afaan walii galaa kan biyyooleessaa nuuf haata’u
  6. lafti oromoo fi naannowaa Finfinnee federaala jala galuu hin qaban,
  7. Oromia freedom,

Kanneen jedhuun ganama kana irraa eegalanii itti jiru gabaasa guutuu waraabbii waliin itti fufnee ergina.uummanni mooraa alatti eegaa jira barataan kaaffee fi man kitaabaa cufsiisuudhaan hojjetoota waliin bahaa jiru waraabbin guutummaattii ni dhiyaata sagaleewwan kanneen ragaadhaaf kan dhiyaaateedha,itti fufa!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Godina Lixa Shawaa M/b Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti FDG Jabaa Eegalan!

Aside

Ebla 28/2014 Godina Lixa Shawaa M/b Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti FDG galgala kana qabateen magaalaan Geedoo raafama guddaa keessa jirti, Bulchitootni Aanaa Calliyaa FDG akka guutuu Oromiyaatti deemaa jiru irraan sodaa keessa seenuun guyyaa har’a barattoota Oromoo M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa Walitti qabuun gorsuufi akka isaan FDG hin hirmaannee barattoota burjaajessuuf yaaliin godhamee gootota Barattoota Oromoo M/B Geedootiin fashaalaa’e.

Gootonni barattootni m/b Geedoo gaaffii mirgaa gaaffachuu irraa nu dhorkuu hin dandeessaan jechuun, Gaaffiin har’a Oromiyaa guutuu irratti dargaggoonni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii gaaffachaa jiran gaaffii keenya ni deeggarra; deebii argachuu qaba jechuun galgala kana sagalee mormii guddaa dhageesisan.

GAMTAA DARGAGGOOTA OROMOO MAGAALA ADAAMAA(GDOMA) Waraqaalee Gaaffii Mirgaa fi Dhadatnoo Waajjiroota Mootummaa Fi Bakkoota Adda Addaatti Ifaan Maxxansan!!

Aside

q1DHAADANNOO IYYAA IYYA DABARSAA

  1. Gaaffiin hiree murteeffannaa Uummata Oromoo haa kabajamu.
  2. Finfinneen,handhuura keenya kan nurraa hin cinne,irraatti duuna hin kenninu kunnee
  3. Mootummaan barboomfataa biyya keenya irraa haa bahu
  4. Heerrii fi seerri Oromoof hin hojjenne,Oromoorattis hojjechuuhinqabu.
  5. Saamichi lafaa fi qabeenya Oromiyaa dhaabbachuu qaba.
  6. Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee,Finfinneetti dabaluun heera biyyaatti cabsuudha.
  7. Mootummaan feedaraalaa lafa naannolee irratti aangoo homaatu hin qabu
  8. Siidaan Miniliik handhuura Oromiyaa finfinneedhaa haa buqqa’u
  9. Afaan Oromoo ,Afaan feedaraalaa Biyyoolessaa haa ta’u.
  10. Hayyoonni fi Barattootni  Oromoo, Oromummaan ya akkamanii mana hidhaa jiran haa gadhiifaman.
  11.  Abbaan biyyummaa Oromoo,Oromiyaan haa mirkanooftu.

 

GAMTAA DARGAGGOOTA OROMOO MAGAALA  ADAAMAA(GDOMA) 

Barruun  kuni magaala Adaamaa bakkeewwaan  armaan gadii kanatti Ebla 28/4/2014  guyyaa keessaa sa’aa 10 :00 irraa hanga halkaan keessaa sa’aa 1:00ttii jajjabbee qeerroo bilisummaan maxxanfameeraa.

1.Waajjira DH. D.U.O,kan Humna Ibsaa magaala ADAAMAA.

2.M/B/Adaamaa sad. 2ffaa

3.M/B/Lakkoofsa  4,kutaa 1-8ffaatti.

4.Koollajjii riiftii vaalii.

5.koollajjii Harraambee.

6.koollajjii Rooyaal.

7.Waajjira Aadaa fi Turizimii magaala Adaamaa.

8.Waajjira Dargaggoota fi Spoortii magaalaa Adaamaa  

9.Koollajjii Teekiniikaa fi Ogummaa magaala Adaamaa(BLTO)

10.M/B/Dambalaa sad.1ffaa fi 2ffaa

11.Waajjira ganda 09

12.giddugala gabaa Amadee

13.Keellaa

14.Mana amantaa Ortoodoksii Maariyaamii

15.Mana  poostaa

16.Hoteelaa paan Afrikaa

17.Hoospitaala Adaamaa.

18.Koollajjii Paaradaayiiz vaalii

19.Gidduu gala dargaggoota lakk. 2

20 Waajjira ganda 04

21.M/B/ Lakka.2

22.BBO

Akkasumas mooraa yuuniveersitii adaamaa hundatti kan maxxaanfamee fi waraaqaa balaalituun barattoota hundatti kan hiramee dha.

Raadiyoo Sagalee Oromoo Ebla 28,2014 /Odeessa FDG Barattoota Oromoo

Aside

FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessatti Har’a Ebla 28 Qabsiifame,

Aside

Ebla 28,2014 Madda Walaabuu

Fincila-Diddaa-GabrummaaFDG yuuniversitiilee oromiyaa keessatti finiinaa akka jiru beekamaadha.Har’a Ebla 28 yuuniversitii Mattuu f Bulee Horaa keessatti FDG barattoota sabboontota oromootiin qabsiifame jabaatee oolee jira,mootummaan wayyaanee abdii kutannaa isa dhumaa keessa jira,halkanii guyyaa boqonna dhabuudhaan waraana isaa bakka adda addaatti tamsaasuudhaan kan beekame yoo tahu itti fufuudhaan guyyaama har’a Ebla 28 barattootni sabboototni oromoo yuuniversitii Madda Walaabuu irraa tokkummadhan FDG qabsiisanii oolanii jiru.Goototni barattoonni Oromoo yuunivarsiiti madda walaabuu hiriira nagaa guddaa mooraa yuunivarsiiti madda walaabuu keessatti walitti qabamuun gaaffiin barattootni keenyaa Yuunibarsiitii Jimma, Harammayyaa, Amboo, fi Wallaggaa kaasan gaaffii keenyaa waliigalaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jechuun iyyaannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti galchachuun, hiriira guddaa kan barattoota dargaggoota Oromoo 5000 ol kan irratti hirmaachiisee akka ture barattoonni yuunivarsiiti Madda walaabuu ibsaniiru. hiirira isaaniis milkiin akka xumuuran dubataniiru.gaaffiin isaan qabatanii ka’an gaaffii mirgaa yuuniversitiilee biroo adda kan hin taane:-

1.Oromiyaan kan oromooti habashaan nun bittu,
2.Finfinnee fi naannowaan finfinnee kan oromooti,kanaaf kan murteeffatu kan uummata jiraattota oromooti,finfinneen mataan isheenuu bulchiinsa oromiyaa jala galuu qabdi,naannoon Finfinnee federaala jala galuun gonkumaa hin tahu,
3.Siidaan bineensicha minilik magaalaa Finfinnee keessaa buqqa’ee siidaan gootota oromoo nuuf haa ijaaramu,
4.Afaan oromoo afaan federaalaa tahuu qaba,
5.Keeyyanni 39 hojii irra ooluu qaba, fi dhaadannoo wal irraa hin cinne dhageessisuudhaan uummata kakaasanii mootummaa wayyaanees rifaasisani jiru,
Itti fufa FDG mooraa yuuniversiti hundaattiyyuu,ka’a sabni oromoo jedhuun dhaamsa isaanii dabarsaa jiru.

FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu fi Yuuniversitii Bulee Horaa,Akkasumas Naqamtee Keessatti Daran Jabaate!

Aside

BREAKING NEWS :-  Gaaffii Deebii Barattoota Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 28 2014

Gaaffiin abbaa Biyyummaa jabaatee itti fufuun Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessattis dho’e

Gaaffiin abbaa biyyummaa daran jabaachuun kan itti fufe Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa itti fufan. Gaaffii keenya gaaffii bilisummaati, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman jechuun kan itti fufan Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa mootummaan wayyaanee dhiphina keessa akka seenu taasisee jira. Oromiyaan bu’aa addaa magaala Finfinnee irraa argachuu qabdi kan jedhu osoo hin mirkanfamiin Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuuf sochiin eegalame dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafatamaniif deebisa kennuu kan dadhabde Yuunivarsiitiiwwan keessatti waraana kumaatamaan bobbaasuun rasaasaa fi uleen dura dhaabbachuu irratti argamti. Mootummaan wayyaanee bara dhufaa darbaa keessatti Uummata Oromoo saamaa fi hidhaa kan ture hundeen buqqa’uu qaba jechuun Qeerroon bakka maraa ejjennoo tokkoon itti fufuun Uummatni maatiin barattootaa gamtaan akka ka’an Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa dhaamsa Oromummaa dabarfatanii jiran.