Har’a Ebla 28,2014 Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa FDG Qabsiisan.

Aside

Ebla 28,2014 Bulee Horaa

DiddaaFDG Qeerroo Bilisummaa Oromoon eegale Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti guyyaa har’aa ganama sa’aa 8:00 WD irraa eegalee hanga ammaa dhadhatnoo jajjabaa qabatee itti fufee jira.
Gootonni barattooti Oromoo gaaffiilee mirgaa kanneen akka:-

  1. Oromiyaan kan Oromooti!
  2. Finfinnee Handhuura Oromiyaati.
  3. Mirgi Hiree Murteeffannaa Uummata Oromoof haa kennamu.
  4. Mootummaan Gabroomfataa biyya keenya haa gadhiisu.
  5. Siidaan Minilik Finfinnee keessaa haa buqa’uu fi kkf qabatanii salgaee jabaan dhadachaa jiru.

Haala kanatti kan baarage waraanni Mootummaa Wayyaanee barattoota hedduu seeraa ala tohannoo isaa jala kan galche yeroo ta’u diddaan ammoo ittuma fufee jira.
Hub:- Rakkoo Net workii irraan guutuu sagalee diddaa dabarsuun ammatti nu rakkisee jiraachuu gabaafna.

FDG Qeerroo Bilisummaa Yuunversitii Mattuu Ebla 28 2014

Aside

Barattooni Mana Barumsaa Qophaayina Namaqamtee Har’a Ebla 28,2014 Gaaffii Mirgaa Qabachuudhaan Dhaadannoo Isaanii Dhageessisaa Jiru

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 28,2014 Naqamte

diddaa-4Madda Gabaasaa Qeerroo Naqamtee har’a Ebla 28 ganama irraa kaasanii barattootni oromoo mana barumsaa qophaayina Naqamtee dhaadannoo dhageessisuudhaan hiriira osoo poolisoonni wayyanee dura dhaabatanii bahanii akka jiran gabaasi addeessa.Kaayyoon barattoota kanaas akkuma barattoota yuuniversitiilee irraan wal qabatee kan master pilaanii naannowaa finfinnee federaaala jala galchuu fi kan biroos ilaalchisee mormii isaanii dhageessisaa jiru.Dhaadannoo isaanii:-

  1. -oromiyaan kan keenyaa
  2. -oromiyaan haa bilisomtuu
  3. -master-plan magalaa finfinnee haa kahu
  4. -sidaan minilik finfinnee keessaa haa kahu
  5. -siidaan Eebisaa Addunyaa nuuf haa dhabbatu
  6. -afaan oromoo afaan federal haa tahu
  7. -cunqursaan ummataa oromoo irraa haa kahu
  8. -nutii oromoon magaalaa keenyaa hin lakisnuu jechuun dhadhannoo isaani ummatatti himaacha utuu jiraani poolisonni naannoo sana baratota reebu fi mana hidhatti dhaqa jiruu magalaan Naqaamtee abjuu baratoota argaa jira magaalaa Naqaamtee halaa ho’adhan poolisonni ummataa (baratoota) reeba akka jiranis gabaasni Qeerroo magaala Naqamtee addeessee jira.Itti Fufa! Injifannoon U/Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Har’a Iluu Abbaa Booraa,Yuuniversitii Mattuu FDG Gootota Barattoota Oromoon dhofame.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Har’a Ebla 28/2014 Goototni Barattootn Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG haalaan qindaa’aa ta’e dhoosuun hiriiraa nagaa guddaa mooraa Yuunibarsiitii Maattu irraa eegaluun dhaadannoowwaan hedduu qabachuu fi dhageesisuun yeroo amma kanatti gara Magaalaa Mattuutti deemaa jiru Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Maattuu har’a ganama sa:aatii 1:30 irraa eegaluun walitti qabamuun gaaffiin barattootni keenyaa Yuunibarsiitii Jimma, Harammayyaa, Amboo, fi Wallaggaa kaasan gaaffii keenyaa waliigalaa waan ta’eef deebii argachuu qaba jechuun iyyaannoo isaanii bulchiinsa Yuunibarsiitii Mattuutti galchachuun, hiriira guddaa kan barattoota dargaggoota Oromoo 5000 ol hirmaachiisee Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu Yuunibarsiitii Mattuu keessatti gaggeeffachaa jiru gaaffiin barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu;

1Mirgii Uummata Oromoo haa kabajamuu.

2.Hidhamtootni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee haa hiikaman,

3. Mirgii uummaanni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa qabu haa kabajamu

4. Barattootni Engineerotni Oromoo 11 balleessaa malee Yuunibarsiitii Mattuu irraa arii’ataman barnoota isaanitti haa deebifaman, qaamni Oromoo barnoota irraa ittisuu mootummaan abbaa irree nu hin bulchu.

5. Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jalatti galuu qabdi.

6. Barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, Ajjessun, doorsisuun, nurraa dhaabbachuu qaba.

7. Mirgii hiree murteeffannaa uummata Oromoo kabajamuu qaba.

8. Mirgii Namummaa fi Dimookiraasii uummataa keenyaa irraa sarbamee waan jiruuf uummataa keenyaafi nuuf kabajamuu qaba.

9. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Naqamtee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii waan gaafataniif mootummaan humna waraanaa of harkaa qabu waraana agaazii fi Poolisaa federaalaa itti bobbaasuun tarkaanfiin ukkamsanii hidhuu, reebichii, daraaraan suukanneessa irra gahaa jira, gochaan farraa dimookiraasii fi shororkeessii kun nurraa dhaabbachuu qaba kanneen jedhan dhiyeeffachuun yeroo ammaa kanatti FDG fi hiriiraa nagaa gaggeessa jiru.
Sochii warraaqsaa FDG gaggeeffamaa jiru dhaamsuuf humna waraanaa fi tikaa qabatee akkuma oliif gadii fiiguun magaalaa Naqemtee seenee goototni barattootni Oromoo FDG dura dhaabbattan, Muktaar Kaadir kaleessa galgala Magaalaa Mattuu akkuma seenee Har;a ganama kunoo goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu FDG guddaa irratti dhoosuun, sagalee mormii abbaa irree jabaa dhageesisuun mirga uummataa Oromoo kabachiisuuf hiriira gaggeessa jiru, Mootummaan abbaa irree akkuma amala isa humnaa waraanaa kora bittinneessa jedhamuu fi poolisaa federaalaa gara barattootatti bobbaasaa jira, gabaasaan kun itti fufua..

Injifannoon Ummata Oromoof!

Ebla 28/2014

Mattuu.

FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabate Itti Fufuun Har’as Yuuniversitii Wallagga Keessatti Haalaan Jabaate. Barattooti Oromoos Waraana Wayyaanee Agaazii Jedhamun Reebaman

Aside

geeFDG1FDG@

Gabaasaa: Ebla 27/2012 FDG Gootota dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa jabaatee itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 27,2014 falmaa jabaa keessa oolan.Goototni barattootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebiin nuu kennamuu qaba jechuun guyyaa lammaffaa ganama irraa eegaluun dhaadannoo dhageesisa turanii jiru.

Mootummaan abbaa irree akkuma amala isaa gaaffii barattoota karaa nagaa fi demookiraasii dhiyaateef deebii humna waraanaa fi loltuu of harkaa qabuu fi qawweetti dhimma bahuun barattoota Oromoo dararuu irratti argama. barattootni hedduunis humna waraanaa kanaan qabamanii hidhamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru, barattootni Oromoo hedduun humna polisii federaalaatiin rebbichaa cima irra ga’ee yeroo amma hospitala Naqamatee galanii jiraachuun ibsamera. barattoota humnota federaala wayyaaneen midhaan qaama isanii irra ga;ee kunis;

1. Barataa Dawuti Gonfaa

2.Barataa Abdiisaa Nagaasaa

3.Barattuu Geexee Tafarii,

4.Barataa Ababa Kumarraa

5.Barataa Tashoomee Daawuti
6. Barataa Dasitaa kanneen jedhaman kan keessatti argamaan humna poolisii Federaalaa Wayyaaneen reebamani midhaan qaama kan irra ga’ee ta’uun ibsamera.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaaggaa akkuma  gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, hidhaan, reebichii, doorsifnii, barnoota irraa arii’atamuun duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa har’aas FDG itti fufanii olaniiru.Maqaa barattoota hidhamanii guutuu fuula duratti dhiheessina.

Gama biraan waraanni Wayyaanee kan Agaazii jedhamee beekamu magaalaa Naqamtee qubachuun uumata goolaa jira. Addatti Yuuniversitii Wallaggaa keessa namoota barattoota basaasan dabballoota OPDO kanneen akka

1.Tafarii Xiyyaaroo bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa

2. Tolasaa waggaarii Bulchiinsa magaalaa Neqemtee irraa

3. Eebbaa nama jedhamu itti aanaa President Yuunibarsiitii Wallaggaa kanneen jedhamanii qabachuun barattoota itti roorrisaa jiraachuun beekame.

Muktaar Kadir haala kana dhaamsuuf jecha naannoolee FDG ka’an mara irra naannawuun milishootaan qabatee uumataa fi barattoota akka sodaachisaa jirus odeessi jiru ni addeessa.

SBO Ebla 27 Bara 2014 Oduulee FDG Gootota Barattoota Oromoo – Gabaasa GGO Bakkoota adda addaa fi Qophiilee biroo hammatee jira.

Aside

Aside

BREAKING NEWS – Gaaffii fi Deebii Barattoota Yuuniveritii Wallaggaa Waliin Taasifamee fi Itti Fufiinsa Diddaa

Artistooti Oromoo Tesfayee Dhima, Zerihun Wodajo,Maaramee H/Kaasaa fi Kanneen Kaan Mirga Abbaa Biyyuummaa falmachuu

Aside

Video: FinfinneeTube/Gadaa.com

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Ebla 26 2014 Finfinnee Oromiyaa

Aside

FDG Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Wallaggaa Ebla 26, 2014

Aside