Latest News:- Wallagga Biilloo Boshee

Aside

Billoo Boshee

Wallagga Aanaa Bonayyaa Magaalaa Biilloo Keessatti Gootonni Barattooti Oromoo Diddaa Finiinsan.

  1. Gaaffiin Ummata Oromoo haa deebi’u.
  2. Finfinneen biyya Oromootaati.
  3. Oromiyaan haa bilisoomtu.
  4. Alagaan nu hin bulchuu.
  5. ABOn nu haabulchu .
  6. Minilik diina Oromooti!

Haala kanaan loltooti Wayyaanee fi poolisoonni Federaalaa barattoota magaalaa kanaa irratti rasaasa dhukaasuu fi bittimsuu yaalan illee duubatti deebisuu hin dandeenye.

Gabaasi bakkoota kaanis haaluma kana ibsa.Qindoominaan itti fufna!

Breaking News

Aside

Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka’ee Bulchiinsa Godinaa Tohate.

 

Qerrooo

Barataan Oromoo Tasfayee Gashe jedhamuu rasaasa loltuu Wayyaanee irraa itti dhukaafameen lubbuun wareegame jira. Barataan kun Barataa Oromoo Barataa kutaa 9ffaa Mana barumsaa Liibaan Maccaa sadarkaa 2ffaa Amboo irraa barata. Sababaa kanatti kana are uummatni Amboo FDG cimsuun injifatnoolee armaa gadii goonfachaa jiru.

Qabsoo FDG Amboo irratti qabatee jirun wareegamaa kanfalamaa jiruun Injifannoo cuccululuqaan galmaa’a jira, Injifannoo Wareegamaan galmaa’aa jiru keessaa

  1. Ummaannii Bulchiinsa Godinaa To’atee jira
  2. Poolisootni Federaalaa fi Oromiyaa walitti bu’uun warri Federaalaa Lama Poolisotaa Oromiyaan ajjefaman.  
  3. Ummaannii wajjiraalee Gandaa to’atee jira. waajjira bulchiinsa magaalaa immoo nanna’ee dhaadhannoo dhageesisaa Jira erga.
  4. Poolisoonni Federaalaa lama erga Poolisota Oromiyaatiin ajjeefamaanii duubatti deebi’aa jiru,
  5. Wajjirrii fi mannee Mootummaa gandootaa keessa jiran gariin isaanii erga mucaan du’ee ibiddaan gubachaa jiru, barataan keenyaa ajjeefamuun tarkaanfiitti uummata galchee jira,
  6. Amma Uummaannii gara Wajjira Bulchiinsa Godinatti sassabamee dallaan waajirichaa tohataa jira.
  7. Wallee warraaqsaa kan Eebbisaa Adduunyaa ABO fi WBO faarsuun guutummaan ummati aamboo gamtaan sagalee dhageessisaa jiru.

 

Latest News

Aside

Uummanni Amboo Gootummaan Diina Dura Dhaabbachuun Badiyaa fi Magalaan Waraana Wayyaanee Dandii Konkolaataa Dhorkate.

Uummanni Amboo Waraanni Wayyaanee Dhiha Oromiyaa Wallaggatti Akka Hin Dabarreef Bakkoota 16 ol ta’anitti mukkeen guruguddaa jigsuun gootummaan diina dura dhaabbatan

suuraa gamtaa poolisii

Ebla 30/2014 uuummaanni Oromoo fi Dargaggeessii Oromoo Baraattootni Oromoo fi Barattootni Oromoo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, Qopha’inaa fi University Amboo yeroo amma kanatti hiriiraa guddaa guyyaa shaniif itti fufiinsaan gaggeessa jiru. Kessaattuu isa guyyaa har’aa wanti adda isa godhuu, Ummaanni Oromoo Magaalaa Amboo Jaarsaa, Jaartii, Manguddoon, Da’imnii waggaa 8tii olii, Shamarraan Dargaggeessii, Daldaltootni, fi Barattootni utuu hin hafiin keessatti qoodaa guddaa Fudhachuun FDG gaggeeffamaa jira. daandiin konkolaataa Finfinnee Amboo keessa dabarsee Dhiha Oromiyaa geessuu Cufameera,Gudarii fi Amboo Gidduu Bakka 16ttii Daandiin mukaa fi dhagaa Goommaa Konkolaataa karaa irratti Guuruun gubuun, Warannii Wayyaanee akka Wallaggatti gadi hin darbinee Amboo ittisee qabee Bilisummaa isaaf falmachaa jir.

Magaalaa Amboo keessatti daandiin keessaa keessaa fi daandiin guddaan dhagaa fi mukoota karaa irratti guuruun uummaanni daandii cufee;-

  1. Gaaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa Ijioolleen keenya hidhamaan nuuf haa hiikaman,
  2. Nu hin ajjeesinaa waggaa 24 nuu ajjeessa turtan nurraa galaa isin ga’a .
  3. Qotee bulaa lafa isaa irraa hin buqqisiinaa,
  4. Finfinneen bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaa jalatti deebitee Ofii keenyaan bulchachuu qabna,
  5. Mirga Dimookiraasii Namummaa nurraa hin sarbiinaa,
    Warannii kun itti gaafatama seenaa keessa jirtuu nu hin ajjeesinaa mirga keenyaaf falmanna, -Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba,
  6. Bilisummaa barbaadna, garbummaan nu ga’a,
  7. Isiin nu hin bulchitan, waggaa 24 nutti taphattan,
  8. Ilmaan Oromoo hidjhaman haa hiikaman

Jechuun Hiriira Nagaa Guddaa ganama sa’aa 2;00 irraa egaluun kan jalqabame hanga amma sa’aatii 8;00tti itti fufee jira, Mootummaan Wayyaanee Sochii uummataa kanatti aaruun rasasasa uummata irratti roobsa jira, rasaasa Waranaana Wayyaaneetiin namoonni hedduun madaa’aniru.

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Gimbii fi Mandii keessatti FDG dho’uun itti fufe

Aside

Gimbii

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo Gimbii

DiddaaManneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa keessatti barattootni Oromoo goototni imaanaa gootawwanii tiksan gaaffii abbaa biyyummaa itti fufuun magaala Gimbii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa Kompiriheensivii Gimbii keessatti FDG gaggeessan. Barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa ilmaan Oromoo QBO keessatti wareegama baasaa as gahee fi haras itti jiru deebiuu qaba jechuudhaan FDG gaggeessanii jiran. Barattootni oromoo kunneen mana barumsaa keessatti walgahuudhaan tokkummaadhaan ABO gaachana ilmaan Oromoo tahuu kan dhaadatan Yoommuu tahu waardiyaan mana barumsaa fi waraanni mootummaa wayyaanee dura dhaabbatus gaaffii mirgaa irraa humni duuba nu deebisu tokko illee hin jiru, Uummatnis gamtaadhaan kaee falma jabaa gaggeessuutu irraa eegama jechuudhaan murtii dhumaa dabarfatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessattis barattootni Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi walabummaa Oromiyaa itti fufuu Qeerroon Gimbii gabaasee jira.

Kana malees barattootni Sadarkaa lammaffaa Mandii Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef biyya bulchuu hin qabu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa FDG bobeessan. Mootummaan wayyaanee bakka maraa diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuu kan dadhabde yoommuu tahu Barattoota Oromoo mana barumsaa Mandii sadarkaa lammaffaa Mandii waraana hedduumminaan itti bobbaasuun reebicha hamaa irraan geessee jirti. Barattootni oromoo mana barumsaa kanaas reebicha mootummaan wayyaanee irraan gaggeessaa jiru dura dhaabbachuudhaan dhaadannoowwan

1. Oromiyaan kan keenya

2. Kanneen hidhaman haa hiikaman

3. Mootummaan wayyaanee Gamboomfataa dha

4. Nuyi Qeerroo dha

5. Oromoon Lagaan hin qoodamu

6. Finfinneen handhuura Oromiyaati

7. Sagaleen Uummata Oromoo haa dhagahamu

Kanneen jedhanii fi biroo dhageessisaa oolanii jiran. Oromiyaa keessatti ibidda qabatee mootummaa wayyaanee barbadeessaa jirutti tumsa Gochuun Oromoon Gumaa gootawwan keenyaa akka deebisu Qeerroon magaala Mandii gabaasee jira.

Goototni Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa FDG qabsiisuun diina raasan. Dhaadannoolee garaa garaas dhageessisan

Aside

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo D.Dawaa

Dirree DaawwaaMootummaa wayyaanee irratti diddaan Barattootaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti finiinuun itti fufe. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha, Hundeedhaan buqqauu qaba, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, Siidaan Minilk haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaatu, Lafa naannawa Finfinnee Murree hin kenninu jechuudhaan dhaadannoo qababachuudhaan ganama saa 8:00 AM irraa kaasanii dhaadannoo dhageessisuu kan eegalan Barattootni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Uummatni Oromoo magaala Dirree Dawaa keessatti argamus Dargaggootni Oromoo hiriiraa fi dhaadannoo dhageessifamaa turetti dabalamuun mootummaa wayyaanee dhiphina guddaa keessa seensisee jira.Goototni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mootummaan wayyaanee hiriira nagaa seera biyyaan lafa kaawe deebisee dhorkuun isaa abbaa irrummaa isaa dachaan mirkansa kan jedhan yoommuu tahu wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas hidhaan dura dhaabbachuu yaaltus barattootni Oromoo gamtaan kauun diina dura dhaabbachuun dhaadannoo dhageessisaa oolanii jiran.

Dirree DaawaBarattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa Waamicha Oromummaa nu dhaqqabeen gahee keenya baane jechuun Uummatni Oromoo qotee bulaan, daldalaan, Hojjetaan nuyi ilmaan keessan ulee diinaan rukkutamaa fi ajjeefamaa waan jirruuf bakka jirtanii kaatanii waan qabdan maraan diina keenya Wayyaanee dura akka dhaabbatan jechuun Waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Ballaammii Sadarkaa 2ffaa Eegale

Aside

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii

OromiaALutaContinua2011FDGEbla 30/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota barattoota Ooromoo M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi uummata Ooromoo Magaalaa Ballaammiitiin har’a sa:aa 8:00 wd irraa eegaluun amma gaggeeffamaa jira, hirirri nagaa kun gaaffii barattootni kenyaa dhaabbilee barnoota olaanoo kanneen akka yuunibarsiitii Jimmaa, Harammaayyaa, Amboo, Adaamaa, Wallaaggaa, Mattuu fi Bulee Horaa kaasaa jiran guttummaan isaa Ggaaffii keenya jechuun sabboontotni Bbarattootni mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummaata Mmagaalaa Baallaammii waliin ta’uun hiriira guddaa gaggeessuu irraatti argamu. Akkuma dhaabbilee barnoota olaanoo Gaaffii isaanii iyyaannoodhaan karaa seeraa qabeessaa ta’een Bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Bulchiinsa M/B Baallaammiitti galchachuun hiriiraa mormii guddaa kan uummata 4000 ol hirmaachisee gaggeessuu irraatti argamu, 

 Yeroo amma kanatti akkuma baratame mootuummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa liyuu hayil fi kora bittinneessa jedhamu hiriiricha dura dhaabuun, Gaazii summa’aa kan nama boosisuu irraatti dhukaasuun bittinneessuuf yaalii guddaa godhus uummaannii fii barattootni nuti mirga keenyatu sarbamee mirga keenyaaf falmannaa jechuun FDG haalaan qinda’aa fi jabaa ta’ee itti fufee jira. Bbarattootni Mana Barumsaa Gabaa Kamisaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 -8ffaa barachaa jiran mana barumsaa gadhiisuun yeroo kanatti hiriirichatti makamaa jiru, Dargaggootni Oromoo mAgaalaa Ballaammii fi Barattootni Ooromoo Magaalaa keessaa nannaa’uun dhaadannoo isaanii dhageesisuun itti fufe. gabaasaan kun itti fufa.

OMN: Ebla 29 2014 /Oduu Gaaffii Abbaa Biyyummaa (FDG) Barattooti Oromoo Kaasan Qaba.

Aside

SBO Ebla 30 Bara 2014 Oduu FDG – Gaaffii fi deebii Wallisaa Sabboonaa Jaafar Yuusuf waliin godhamee fi gabaasa GGO hammatee jiraa dhaggeeffadhaa

Aside

FDG Yuuniversitii Adaamaa Har’a Ebla 29,2014 Ka’een Sabboontotni Oromoo 10 Hidhaman‏.Gaaffiin Mirgaas Daran Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Qeerroo Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknolooji Adamaa har’a jechuun Ebla 29/2014 barii irraa Eegalee Diddaa isaa dhoose.

Qeerroon Yuuniversiitii Saayiinsii fi Teeknoloojii Adamaa kumaatamatti lakka’aman Qophii isaa kaleessa kan fixe,har’ammo baratoota naannoo mana kitaaba fi mana nyaatatti harca’uuf yaalaan walitti qabachuun “ka’i bahii mirga abbaa biyyummaa kee falmadhu”jechuudhaan haala moora dallicha humaa ol sodaa keessa galcheen Dhadannoo armaan gadii dhaggeessifachaa jira.
1.Finfinneen,handhuura keenya kan nurraa hin cinne,irraatti duuna hin kenninu kunnee
2.Heerriifiseerri Oromoof hin hojjenne,Oromoorattis hojjechuuhinqabu.
3.Saamichi lafaa fi qabeenya Oromiyaa dhaabbachuu qaba.
4.Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee,Finfinneetti dabaluun heera biyyaatti cabsuudha.
5.Mootummaan feedaraalaa lafa naannolee irratti aangoo homaatu hin qabu
6.Siidaan Miniliik handhuura Oromiyaa finfinneedhaa haa buqqa’u
7.Afaan Oromoo ,Afaan feedaraalaa Biyyoolessaa haa ta’u.
8. Hayyoonni fi Barattootni Oromoo, Oromummaan ya akkamanii mana
hidhaa jiran haa gadhiifaman.
9 .Abbaan biyyummaa Oromoo,Oromiyaan haa mirkanooftu.

10.Mirgi hiree murteeffannaa nuu haa keennamu!

Dhaadhannoo kana mara dhaggeesisaa mooraa hunda edda waliin gahanii booda gara magalatti bahanii dhageessifachuuf turaan iyyuu humni Bittineessa Wayyanee humnaan, karra irratti dhorke Mooratti deebisuun himame.

Kanumatti fufuun Bulchinsi mooraa Yuuniversitichaa Humna Bittinneessa meeshaa guutuun Yuuniversiitichatti Ol naquun hirirri nagaa jajjabeen Yuuniversiitii Saayiinsii fi Teeknoloojii Adamaa gochaa jiraan kana bittineessisisuuf yaalee ture garuu sabbontotni,baratootni Oromoo laphee dhiirummaan fuuldura dhaabbatani mormaa akka jiraan ibsaniiru.
Ijoollonni maqaan isaani armaan gaditii eerraman kunneen akkuma namoota dhuunfaa tokkoo hiriira nagaa dhimma eenyummaa Oromoon yeroo ammaa kanatti bakka maratti gaafachaa jiruuf, akka walii galatti ummanni magaalaa Adaamaa fi barattootni Yuunniveersiitii saayinsii fi Teeknooloojjii Adaamaa bahuuf dhaamsa dabarsaan,Ebla 29/4/2014 sa’aa 1:00 irraa eegala jedhanii beeksisa maxxansan arganii ijoollonni kunnen illeen wamicha eenyummaa Oromummaaf sa’aa jedhameefi bakka jedhameetti argamaniiruu.

Sabboontota ilmaan sabaa eenyummaa isaanii OROMUMMAAF bakka buuten isaani dhabamee keessaa:
1. Eebbisaa Malkaa- Hojetaa fi miseensa Filmii Caayaa Piroodaakshinii magaala Adaamaa.
2.Ayyaantuu Jaalataa- sabboontuu fi Miseensa Caaya Piroodaakshinii M/Adaamaa.
3.Siddisee Jaarraa->> >> >> >> >>
4.Nuhoo Guddataa- hojetaa >> >> >> >> >> >>
5.Bilisummaa Lammii= sabboonaa fi jiraataa M/Adaamaa
6.Ifabaas Boruushee= hojetaa fi jiraataa M/ Adaamaa
7.Tulluu Baabsaa =sabboonaa fi jiraataa gara keellaa M/Adaamaa
8.Iftiyoom Ittaanaa = sabboontuu fi jiraattuu m/Adaamaa
9. Bultum…………….Barataa dha m/Adaamaa
kanneen hidhaman hedduu yemmuu tahan yeroof maqaan arganne kananqofa.akkasumas Yuuniveersittii irraa ijoolleen ukkaamfan hedduu yemmuu tahan yeroof maqaa isaani argachuu hin dandeenye.
HUB.ijoollonni kuni ganama sa’aa 2 fi 3 gidduutti waardiyyoota Wayyaanen daandii yuuniveersitii fuulduratti kan qaban yemmuu tahuu mana hidhaa kamitti akka hidhaman hanga yonaatti beekuu hin dandeenye.

Gaaffiin Bilisummaa jabaatee itti fufuun Godina Horroo Gudur uu aanaa Jaardagaa J aartee mana Barumsaa Aliiboo sadarkaa 2f faa fi Qophaainaa k eessatti finiine

Aside

Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
VIVA QeerrooDiddaan Mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi Qophaainaa Aliiboo keessatti finiinee itti fufe. Barattootni sadarkaa lammaffaa, sadarkaa 1ffaa fi Qophaainaa mana Barumsaa Aliiboo keessaa baratan Gaaffiin Uummata Oromoo kan Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa deebiuu qaba, Kan Uummata Oromoo same haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaati, Kanneen hidhaman haa hiikaman jechuudhaan kan itti fufan yoommuu tahu Mootummaan wayyaanee garuu barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan Gaaffiin keessan Gaaffii ABOti jechuun waraanaa fi Poolisa itti bobbaasuun reebicha irraan geessisaa jira. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus gaaffii mirgaa irraa akka hin dhaabbanne kan mirkansan Qeerroon magaala Aliiboo barattootni mana Barumsaa Amuruu, Saqalaa, Haratoo, Shaambuu fi Fincaaaa waamicha Oromummaa keenya akka nuu dhageessan jechuun kan dhaammatan yoo tahu Uummatni Oromoo bakka maraa kaee qabsoo eegalamee fi wareegama kaffalame Bilisummaan akka mirkansu waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.