Furmaata Waliigalaatiif Hojjechuutu Nageenya Biyyaa fi Lammiilee Mirkaneessa
(Ibsa ABO – Gurraandhala 22, 2020)
====================
Ka’umsa dubbii fi ragaaleen biroo dhimma kanaan wal qabatan maal akka tahan beekuu baannus ajjeechaa fi miidhaa biroo guyyaa kaleessaa (Gurraandhala 21, 2020) magaalaa Buraayyuutti raaw’atame kan lubbuun Komiishiner Sololmoon Taaddasee itti galaafatame ni balaaleffanna. Lubbuu badee fi miidhaa qaamaa dhaqqabeen kanneen miidhamaniif gadda nutti dhagahame ibsachaa maatii miidhamtootaafis obsaa fi jajjabina hawwina. Continue reading
Blog Archives
Aside
Marii ABO
Dhalattoota Finfinnee Fi Naannoo Waliin.
Finfinnee.
Aside
Nageenya Oromoof Oromiyaa caalaa waan nu yaaddessu hinqabnu!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 20,2020
Nagaan bu’uura jireenya saba tokkoo ta’uu nii amanna. Saba nagaa qabutu, bilisummaa argata; saba bilisummaa qabutu hiree isaa murteeffata. Kanaaf nagaan Oromoo waan hundaan olitti itti yaadamuuf bakki olaanaan kan kennamuuf ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Sabni keenya nagaan isaa mancaa’uun, jireenyi isaa golgolaa’uu caalaa waan nutti dhagaa’amuuf nu mufachiisu hinjiru. Qaamoleen nageenya saba keenyaa hunkuran, kanneen gaafa nuti karaa nagaa gaaffii sirnaaf gaaffii seeraa gaafannu Qawween yakka ajjeechaaf miidhama qaama nurratti raawwatan irra deddeebiin uummata keenya cunqursuu akkasuma haaloo qabatanii uummata meesha maleeyyii irratti tarkaanfii haaloo fudhatan biyyattii gara jeequmsa hamaa fi rakkoo wal xaxaa bahuun ulfaatu keessa galchuutti akka jiran hubatanii akka daddaffiin of qusatan gaafanna. Continue reading
Aside
Faaruu Warraaqsaa Qeerraamsoo Dirree
Ummanni Adduunyaa Hedduutu Gabroome,
Qabsoo Malee Taa’ee Meeqatu Bilisoomee?
Aside
“Yeroo hiriyaankee mana aarfattu mana gubdi seetee?” Jedha Oromoon.
Qalbeessaa Dhangayaatiin
biyyi Impaayera Xoophiyaa bulchinsa akkaan jibbamaa kaleessaa, bulchiinsa Dargiif Hayilasillaasee sanatti deebiteetti. Wanti Oromiyaa jedhuu fi Oromoo jedhe sirna OPDO ammaa kana keessa hinjiru. Wanti Oromoo jedhus hinjiru. Biyya tokkoof afaan tokko qofa jedhan. Afaan isaan jedhan afaan Amaaraati. Barnootas afaan Amaaraan baratta. Biyyakee ammoo Xoophiyaa jetta malee Oromiyaan dhaadachuun, Oromiyaa leellisuun hindamda’amu. Kun bulchiinsa OPDO ammaa kanattidha. Continue reading
Aside
Itti Fufa Bulchiinisa TPLF Kan Ta’e Loltooti Koloneel Abiyyi Ahimad Deggertoota ABO Adamsee Reebisisaa Jira.
Aside
TV Gumii Gayoo:- Gaaffii fi Deebii miidhamaa Obbo Masgabuu Guutaa fi Maatii isaanii waliin taassifame guutuu isaa.
Aside
Jila ABO fi Gaazexeessitoota O
NN Dafaa Gadhiisaa.
Hojiif gara baha Oromiyaatti kan bobba’an Gaazexeessaa Baarentuu Gadaa, ogeessa Kaameeraa Jaallataa Abdiisaa fi konkolaachisaan ONN Bilisummaa H/B, aanaa Habroo seensa magaalaa Galamsootti poolisii Oromiyaatiin ugguramanii jiru.
Gaazexeessaa Baarentuu Gadaa achirraa bilbilaan akka gabaasetti, waraqaa hayyama magaalaa seenaa jedhu bulchiinsa godinaa ykn magaalarraa fiduu qabdu jedhamaniitu kan qabaman. Waraqaa gaazexeessummaa qaban itti argisiifnaan hin ta’u jedhamani. Gochi Kuni deeggarsa seeraa kan hin qabneefi mirga Gaazexeessaan seeraan qabu kan cabse dha.
Kanaaf Poolisiin aanaa Habroofi magaalaa Galamsoo gaazexeessitoota, konkolaachisaafi konkolaataa ONN qabdanii jirtan hatattamaan hiikaa.
Gaafa 15/02/2020s Sh/B aanaa Boosat, magaalaa Warjiitti gaazexeessitoota ONN irratti poolisiin dhukaasa banuun ni yaadatama. Baakkoottis ogeessa Kaameeraa ONN poolisiitiin reebamee ture.
Aside
Barreessaa olaanaa KFO fi Hayyuu Seeraa Obboo #Dajanee_Xaafaa Nama umurii Mootummaa EPRDF (EPP) waggaa 28 oliif Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraatti cichee Oromoof falmaa har’a ga’ee Dabballeen Afuuftuun #bilginnaa Cinaa isaa teessee dubbachuuf haamilee hin qabdu.
Aside
Interview Artists Hawi qanani f comedy lij yared midha hamatuu irra gahe waan jedhan