Nageenya Oromoof Oromiyaa caalaa waan nu yaaddessu hinqabnu!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 20,2020
Nagaan bu’uura jireenya saba tokkoo ta’uu nii amanna. Saba nagaa qabutu, bilisummaa argata; saba bilisummaa qabutu hiree isaa murteeffata. Kanaaf nagaan Oromoo waan hundaan olitti itti yaadamuuf bakki olaanaan kan kennamuuf ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Sabni keenya nagaan isaa mancaa’uun, jireenyi isaa golgolaa’uu caalaa waan nutti dhagaa’amuuf nu mufachiisu hinjiru. Qaamoleen nageenya saba keenyaa hunkuran, kanneen gaafa nuti karaa nagaa gaaffii sirnaaf gaaffii seeraa gaafannu Qawween yakka ajjeechaaf miidhama qaama nurratti raawwatan irra deddeebiin uummata keenya cunqursuu akkasuma haaloo qabatanii uummata meesha maleeyyii irratti tarkaanfii haaloo fudhatan biyyattii gara jeequmsa hamaa fi rakkoo wal xaxaa bahuun ulfaatu keessa galchuutti akka jiran hubatanii akka daddaffiin of qusatan gaafanna.
Haala kana keessatti guyyaa har’aa Gurraandhala 20,2020 uummata keenya baha Oromiyaa Harargee, Iluu abbaa Booraa, Beddellee, Kibba Baha Oromiyaa Arsii, keessatti hiriira deeggarsaa jechuun mootummaan ummata dirqisiise baasuuf ture. Hiriiraa waamame kana Baha Oromiyaatti uummati gara diddaa fi mormiitti jijjiire. Waraanni mootummaa fincila uummataa kana danquuf onaalee Harargee garaagaraa keessatti dhukaasa bane. Hanga ammaatti Hararge onaalee hedduu keessatti miidhaan garaagaraa qaqqabee jira isaan keessaa: Harargee bahaa
Ona Dadaritti dargaggoo Bahaar Abuubakar namni jedhamu rasaasan kan rukutame yoo ta’u namoonni baayyeen ammoo hidhamani jiru. Isaan Dadaritti hidhaman keessa muraasni maqaan arganne: 1.Wazir Hashim
2.Ibsa Midhagsa Oromoo
3.Obsaa Ahamaad Hassane
4.Abdikulee Yusuuf yoo ta’u achuma Hararge Bahaa ona Miidhagaa Lolaa
Namoonni saddeet rasaasan rukutamani jiru isaan keessaa maqaan nama lamaa nu gahee jira
1.Fatii Badrii
2. Anas Ahmednuur kan jedhaman nama 8 waliin rasaasaan guyyaa har’aa dhawaman.
Bulchinsa magaalaa Awwadaayittis hiriirri waamame gara mormiitti jijjiramuun Qeerroon baayyeen rasaasa fi uleen miidhamani jiru. Mormiin uummataas jabaatee jira.
Dabalataan Hararge Bahaa ona: Fadis, Baddannoo, Gurawaa, Kombolcha, Cinaaksaniifi Gooroo Guutuuttis hiriirri deeggarsaa waamame mormiitti jijjiramee jira.
Baha Oromiyaa godina Harargee lixaa ona Gubbaa Qorichaatti hiriirri waamame mormiiti jijjiramuun waraanni ummatatti dhukaasaa turan. Ona Odaa Bultum Baddeessaattis hiriirri deeggarsaa yaamame gara mormiitti jijjiramee oole. Haala kana keessatti nu Qeerroo Bilisummaa Oromoof yaaddoo kan ta’e gochaa mootummaan humnaan yaadakoo fudhu jechuun uummatatti dhukaasa banee ajjeesuu fi madeessudha. Keessattu baha Oromiyaa Hararge ona garaagaraa keessatti rasaasaan dargaggootaaf uummata bal’aa Oromoo irratti hojii hammeenyaa humnootiin mootummaa raawwatan nagaaf nageenya biyya keenya kan booreessu waan ta’eef uummati Oromoo hadheeffatee gamtaa’inaan yaalii ajjeechaa irratti ta’u mormachuu akka qabu ibsina. Mirga lubbuun jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf uummati Oromoo mirga guutuu akka qabu hubatee, of tiksuu fi biyya isaa Oromiyaa tiksuu irratti uummati keenya ciminaan akka dalagu gaafanna!
Nagaa uummata keenyaa hunkuruun Baha Oromiyaa qofa utuu hintaane, guutummaa Oromiyaa keessatti babal’atee adeemaa jira. Gochaan hammaataan waraana mootummaan Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaatti adeemsifamuun ammalle akka malee jabaatee jira.
Kibba Oromiyaa Gujii Bahaa ona Gumii Eldalloo araddaa Bulbul keessatti Gurraandhala 19,2020 waraanni mootummaa qe’ee cidhaatti dhukaasa banee ilmaan Oromoo gammachuu walii hirmaatu kaan ajjeesee kaanis madeesse. Namotaa du’an keessaa kan maqaan hangaa ammaatti beekame:-
1. Saaraa Dhaddachaa Galgaloo
2. Siree Dhaddachaa Galgaloo
3. Gollicha Nuuraa Boruu
4. Maanguddoo Kannaa Boottii (jaarsa guddaa deemsa hin dandeenye)
kan keessatti argamanii fi maatiin Obbo Dhaddaachaa Galgaloo guutummaatti ajjeefamanii balballi maatii tokkoo yakka waraana mootummaan cufame.
Dabalaataan Lixa Oromiyaa keessatti irra deddeebiidhaan waraanni mootummaa obbolaa bakka tokkotti ajjeesuun, guyyaa guyyaan yakka gurraan dhaga’uun nama yaaddeessu hedduu uummata keenya irraan gahuu itti fufaniituma jiru.
Gurraandhala 15,2020 Shaggar Bahaa ona Boosat keessatti waraanni mootummaa jila ABO waajjira isaa banachuuf hoggana dhaabichaa miseensa Gumii Sabaa ABO jaal Kennasaa Ayyaanaan durfamuun bobba’e irratti dhukaasa baneen lubbuun nama Warquu Bojoraa jedhamuu Oromoo irraa wareegamee jira. Kaanis madaa’an.
Waajjirri ABO bakkoota hedduutti hojii akka hinojjenne taasifamuutti jira. Baakko dabalatee bakkoota hedduutti danqaan waajjira ABO irra qaama mootummaan raawwachuun jabaatee itti fufee jira.
Gama kaaniin miidiyaaleen Oromoo OMN fi ONN irra uggurri kahamee jira. Akka fakkeenyaatti Gurraandhala 18,2020 magaalaa Sabbataatti qophii OMN waraabe qaamni mootummaa gaazixsessitoota harkaa fuudhee haqee jira. Bakkoota garaagaraattis gaazixeessitoota yaaddeessuu, doorsisuufi hidhuun babal’ataa jira. Kun ammoo mirga miidiyaalee ugguruu keessaa tokko. Maxxansi Gullallee Post illee akka hinmaxxanfamneef hinraabsamne ugguramee jira. Kun ammoo egeree Oromummaa dhabamsiisuuf adeemsa eegalamee waan ta’eef dura dhaabbachuun dirqama Oromoo maraati.
Haalli suukeessaan akkanaa nageenya biyya keenyaa Oromiyaaf nageenya saba keenya Oromoo gaaga’ama ulfaataa keessa galchuudhaan sadarkaa akkaan hammataatti adeemaa jiraachuu hubachuudhaan yaaddoo keessa nu seensisee jira. Yaaddoo kana keessaa irree tokkummaaf gamta’ina saba keenyaa sirneessuun baana jennee amanna. Nageenya Oromoo boora’ee jiru suga itti goonee, nagaaf nageenya uummata keenyaa bakkatti deebisuuf qabsoo goonu itti fufnee jirra.
Walii gala bakkoota garaagaraatti adeemsa sochii siyyaasaa Oromoo kutuuf danquu irratti sochii mootummaan taasisaa jiruun nageenyi lammiilee keenya Oromoo dhabamuudhaan, biyyi keenya Oromiyaan jeeqamsa hamaaf saaxilamaa jira. Akka amantaa Qeerroo Bilisummaa Oromootti furmaata diina keenya irraa kan eeggannu utuu hintaane, furmaati waaraan harka keenya jira jennee waan amannuuf uummata keenya Oromoof gatiittii taaneefii rakkoo amma isa mudataa jiru kana warraaqsa keenyaan keessaa baafna jennee kan ammannu, dirqama saba keenyaaf biyya keenya Oromiyaa tiksachuu bahachuudhaan nagaa mancaa’aa jiru deebisuuf sochii warraaqsaa eegalle jabeessinee itti fufuu keenya uummata bal’aa Oromoo hubachiifna. Dinni keenyas ta’ee firri keenya hubachuu kan qabu, nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo; Nageenya Oromoof Oromiyaa caalaa waan yaaddessu hinjiru. Waan ta’eef qaama furmaata saba keenyaa taanee, karaa saba keenya kabachiisuu danda’u mara fayyadamnee qabsoo bilisummaa Oromoo daandii dimokiraasii karaa nagaa sana irra buunee taasisuu itti fufnee jiraachuu keenya hubachiisna!
Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 20,2020
Finfinnee Oromiyaa