“Yeroo hiriyaankee mana aarfattu mana gubdi seetee?” Jedha Oromoon.
Qalbeessaa Dhangayaatiin
biyyi Impaayera Xoophiyaa bulchinsa akkaan jibbamaa kaleessaa, bulchiinsa Dargiif Hayilasillaasee sanatti deebiteetti. Wanti Oromiyaa jedhuu fi Oromoo jedhe sirna OPDO ammaa kana keessa hinjiru. Wanti Oromoo jedhus hinjiru. Biyya tokkoof afaan tokko qofa jedhan. Afaan isaan jedhan afaan Amaaraati. Barnootas afaan Amaaraan baratta. Biyyakee ammoo Xoophiyaa jetta malee Oromiyaan dhaadachuun, Oromiyaa leellisuun hindamda’amu. Kun bulchiinsa OPDO ammaa kanattidha.
Isa kana warri humna qabu harkaa fudhachuu didee waraana leenjifatee lolaaf qophii xumuratee jira. Tigiraay guutummaatti jedhamuun haala danda’aamun Xoophiyaa irraa citteetti.
Amma biyya isaanii tikfachuuf hojii jajjabaatti jirani. Waraana leenjisaa jiru. Waraanni leenji’u kun bor dhufee isa nu weeraruuf hawwudha. Uummata meeshaa ittiin nyaapha of irraa hindeebifne hinqabne abbaa argetu saama, abbaa argetu ajjeesas.
Oromoon yoo dammaqee Jaal Marroo, Jaal Goollichaa, Jaal Bobbaas fi Jaal Sanyii jabeeffachuu baate badiisatu eeggata.
TV’s ta’ee raadiyoo fi maxxaansaalee akka waan obbolaan wal waraanaa jiraniitti afarsan Oromoon of irraa adabuu, gadi taa’i jechuunii qaba. Kan wal lolaa jiru sirna halagaa fi sirna Oromooti. Oromoon of irraa halagaa fi ergamtoota halagaa deebisuuf ayyama qaama kamii eeguu hinqabu.
Jaal Marroo jabeeffadhu, meeshaa isa barbaachisu dhiyeessiif! Dargaggeessi ammoo irraa baradhu, irraa leenji’ii biyyakee tiksadhun jedha.