Jila ABO fi Gaazexeessitoota ONN Dafaa Gadhiisaa.
Hojiif gara baha Oromiyaatti kan bobba’an Gaazexeessaa Baarentuu Gadaa, ogeessa Kaameeraa Jaallataa Abdiisaa fi konkolaachisaan ONN Bilisummaa H/B, aanaa Habroo seensa magaalaa Galamsootti poolisii Oromiyaatiin ugguramanii jiru.
Gaazexeessaa Baarentuu Gadaa achirraa bilbilaan akka gabaasetti, waraqaa hayyama magaalaa seenaa jedhu bulchiinsa godinaa ykn magaalarraa fiduu qabdu jedhamaniitu kan qabaman. Waraqaa gaazexeessummaa qaban itti argisiifnaan hin ta’u jedhamani. Gochi Kuni deeggarsa seeraa kan hin qabneefi mirga Gaazexeessaan seeraan qabu kan cabse dha.
Kanaaf Poolisiin aanaa Habroofi magaalaa Galamsoo gaazexeessitoota, konkolaachisaafi konkolaataa ONN qabdanii jirtan hatattamaan hiikaa.
Gaafa 15/02/2020s Sh/B aanaa Boosat, magaalaa Warjiitti gaazexeessitoota ONN irratti poolisiin dhukaasa banuun ni yaadatama. Baakkoottis ogeessa Kaameeraa ONN poolisiitiin reebamee ture.