Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, June 11, 2014

Aside

FINCILAA DIDAAGABRUMMA Hammareessa

Aside

Wallagga,Aanaa WAnfilloo Keessatti FDG Itti Fufe, Barataan Taakkalaa Tasfa Jedhamu Waraana Wayyaaneen Reebamee Ummanni Oromo 40 Ta’an Ammoo Hidhaman.

Aside

DiddaaGabaasa Qeerroo Waxabajjii 10 Qellem,Dambi Dolloo irraaDiddaan uummata oromoo leelliftoota nafxanyaa of irraa baasuu baatii tokko ol Aanaa Anfilloo keessatti itti fufeetu jira,yeroo ammaa kana keessattuu Waxabajjii 8,2014 irraa kaasee humna qubataa waraana Wayyaanee ergamtoota sirnichaa of keessaa baasuu irratti jabaachuudhaan FDG haalaan jabaatee jira jedha gabaasi Qeerroo.
Haala kanaan har’a Waxabajjii 10,2014 gabaasni addeessu barataa sabboonaa Oromoo Taakkalaa Tasfaa jedhamu dhalootaan aanaa Anfilloo ganda Eeneche jedhamu keessatti kan dhalate yoo tahu humna waraana Wayyaanee Agaazii jedhamuun reebamuudhaan yeroo ammaa du’aa fi jireenya giduu ta’ee Hospitaala magaala Dambi Doolloo keessa jiraachuun beekamee jira. Akkasuma guyyaa har’aa ganda Ashii jedhamtu irraa sabboontotni Oromoo namni 40 ol mana hidhaatti konkolaataadhaan fe’amanii mana hidhaatti guuramanii jiru.
Kana malees gandoota Anfilloo keessa ganda Ashii jedhamtu keessatti diddaa guddaatu gaggeeffamaa jira uummataa fi human waraana Wayyaanee gidduutti,uummanni kan mana hidhaatti guuramaa jiru maqaa ABOtin durfamuutiin yoo tahu guyyaa har’aa guutummaa humni waraana Wayyaanee aanaa kana irratti bakka biraati fe’amaa jiraachuu gabaasni Qeerroo Dambi Dolloo irraa addeessa.

SBO Waxabajjii 11 Bara 2014 Oduu – Walaloo fi dhaamsa Wallisaa Jaafar Yuusufii fi Qophii biroo

Aside

Aside

Bara 2011 Irraa Eegalee Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Sochii FDG Bifoota Adda Addaan Qeerrooon Deemsisaa Ture. Kanneen Keessaa Kan Naannoolee Adda Addaa Daawwachuuf Daandii Youtube Qeerroo Bilisummaa  http://www.youtube.com/user/qeerroo Kana Saaqachuun Do’achuu Ni Dandeessu.

Bishooftuu Onkoloolessa 2012

Yuuniversitii Arbaminc 2013

Bishooftuu Onkoloolessa 26, 2013

Jimmaa Onkoloolessa 2013 

Onkoloolessa 6, 2013

Oromo Voice Radio broadcast, June 9, 2014

Aside

FDG Wallaggaa Anfilloo Irratti Itt Fufe,Daandii Konkolaataa Dambi Dolloo fi Anfilloo Gidduu Guyyoota Lamaaf Cufamee Jira

Aside

Gabaasa Qeerroo Anfilloo Waxabajjii 09,2014

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasa Qeerroo Qellem,Dambi Doolloo irraa Waxabajjii 09 addeessu. Mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee FDG Oromiyaa keessatti gaaffii mirgaan wal qabatee isa balaaleffatu uummata Oromootiin finiinaa jiru dura dhaabbachuuf lubbuu Oromoota hedduu galaafataa fi mana hidhaatti guuraa saba biraa uummata oromoo irratti kaasuudhaan umurii sirna bittaa isaa achi butachuuf yaalii wal irraa hin cinne taasisaa jira.

Torbee kan hin caalle keessatti barataa sabboonaa Oromoo Anfillo ganda Ashii irratti ajjeesuun ni yaadatama. Kunis yeroo ammaa akka ifa bahetti ergamtoota sirnichaa keessaa kanneen human waraana Wayyaanee fi poolisii Wayyaanee waliin walitti hidhachudhaan uummata Oromoo ajjeesisuu irratti muudamanii aangoo argachaa jiraachuun beekama.

Haatau malee uummanni aanaa Anfilloo gandoota Heeneche, Dullii,Shuushaa, Yaarer,Gobbii,Ashii,Suddii fi Garjeeda irra jiraatu guyyaa kaleessaa Waxabajjii 08/2014 daandii gubbaatti bahuudhaan gana saa 2:00 irraa hamma galgala keessaa saa 12:00tti uummanni 2,000 ol hiriira FDG itti fufuudhaan dhaadannoo isaanii akka kana gadiitti dhageessisaa oolanii jiru.

– Mootummaan wayyaanee ajjeesaa fi saba oromoo nyaataan nurraa haa kau
– Mirgi dhala namaa kan eegu nuuf haa birmatu
– Ajjeefamuun nurraa haa dhaabbatu
– Kan hidhame mana hidhaatii haa bahu
– Mirgi keenya hin sarbamin
– Mootummaa nu fixu hin barbaannu,ofiin of bulchina
– Humni waraana federaalaa nu keessaa haa bahu
– Oromiyaan keenyuma
– Ammallee lafti oromo hin gurguramin,hin saamamin
– OPDOn bakka nun buhin,kan nu nyaatuu fi nu ajjeesu nurraa haa dhaabbatu

Jechuudhaan guyyaa kaleessa uummanni daandii gubbaatti bahuudhaan hiriira FDG itti fufanii sagalee isaanii dhageessisaa oolanii jiru. Kun Waxabajjii 8/2014 yoo tahu akka gabaasa guyyaa haraa Waxabajjii 9/2014 addeessutti ammoo daandii konkolaataa godina Qellem Dambi Doolloo irraa gara aanaa Anfillootti geessu mukeen jigsuu fi konkolaataadhaan danqarani cufuudhaan aanaa Anfilloo keessa humna waraana Wayyaanee waliin hiriiruudhaan goojjamoota uummata Oromoo irratti kaanii jiran sakattauudhaan tarkaanfiin iirratti fudhatamaa tureera. Kanneen nageenya qaban osoo hin taanee waraana Wayyaanee waliin hiriiruun iilmaan Oromoo hiisisuu fi hordofsiisuun qabsiisuu irrattii argaman uummanni jirattoota Aanaa Anfilloo akeekachiisanii jiru.

Adaa Oromoo Boonsaa, Aadaa Fuudhaa fi Heeruma Arfan Qalloo /Sabboonaa Abrahim Abdurhamaan Qeerroo Harargee

Aside

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Madda walaabuu 15 tika mootummaa wayyaaneen halkan ukkaamsamuun bakka buuteen isaanii dhabame

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 09,2014 Madda Walaabuu

Madda Walaabuu uniMootummaan Wayyaanee hanga hundeen buqqa’u hidhaa fi ajjeechaa ilmaan Oromoo irraa kan hin dhaabbanne Yuunivarsiitiilee keessaa barattoota Oromoo maqaa ABOdhaan funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Mootummaan abbaa irree faashistii wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa Uummatni gamtaan gaafataa jiru dura dhaabbachuuf tarkaanfii hidhaa fi ajjeechaatti kan xiyyeeffatte Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessaa funaanuudhaan isin Qeerroodha, Kan Qeerroo ijaaruu fi Uummata kakaasu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsitee jirti. Barattootni 15 ol bakka buuteen isaanii kan dhabame yoommuu tahu isaan keessaa

  1. Barataa Anuwaar Sayid muummee Accounting waggaa sadaffaa irraa
  2. Barataa Amaan Badhaasoo Barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
  3. Barataa Gurmeessaa Tujibaa Barataa Managment waggaa 2ffaa
  4. Barataa Ashannaafii Bariisoo barataa Managment waggaa 3ffaa
  5. Barataa Tasfaayee Caalaa Economics waggaa 3ffaa
  6. Barataa Hamzaa Usmaan barataa Civil engineering waggaa 4ffaa

Keessatti argamu. Mootummaan wayyaanee hanga hundeen buqqa’ee Bilisummaan oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti gocha farrummaa Uummata Oromoo dararuu irraa waan hin dhaabbanne tahuu hubachuun Uummatni gamtaan qabsoo Oromoo deemsifamaa jirutti makamuun qooda Oromummaa akka baatan jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu waamicha dabarsee jira.

Manneen Hidhaa Godina Lixa Shawaa Keessatti Oromoonni lakkoofsaan 75 ta’an Haalaan Dararamaa Jiru. Kanneen Keessaa 8 Shamarran Ta’uun Beekame.

Aside

Bilisummaa

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Waxabajjii 09,2014

Yeroo ammaa kanatti Oromoonni Maqaan Isaanii kanaa gaditti  tarreefaman kuniin mana hidhaa godina Lixa Shawaa,Amboo, Waajjira Poolisii Godinaa, Kachallee Amboo,Gamoo Abbabechi jala,Masaraa Mootummaa Magaalaa Amboo, Hoomachoo, fi  Sanqallee Keessatti hidhamuun miidhaan reebichaa fi dararaan adda addaa  haalaan akka irra gahaa jiru gabaasi Qeerroo Magaalaa Amboo ibsee jira.

A/ Shamarraan Oromoo Amboo irratti hidhamuun dararamaa jiran keessa

  1. Ayyaantuu Margaa jiraattuu magaalaa Amboo, hojii daldalaa huccuu aadaa Oromoo kan Godinaalee Oromiyaa hundaa walitti qabuun Magaalaa Amboo keessatti kan daldaltee jiraattu
  2.  Misgaanee Tarrafaabarattuu kutaa 8ffaa M/b Carii sadarkaa 1ffaa
  3. Kumee Lammaa barattuu  kutaa 9ffaa M/b Liiban Maccaa Sadarkaa 2ffaa
  4. BeezaaTarreessaa jiraattuu magaalaa Amboo,
  5. Gissoo Fufaa barattuukutaa 8ffaa
  6. Masarat Abarraa kutaa 10ffaa  barattuu kutaa 10ffaa m/b sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa Gudar
  7. Sisayi Baqqalaa dubartii lafarra harkisuun reebaa mana hidhatti geeffamte,
  8. Taddaluu hojjettuu guyyaa buna jabanaan danfistee gurguruun kan maatiii shee jiraachiftu.

B/ Dargaggoota, Barattoota Ga’eessota, Manguddootaa fi Jiraattoota Magaalaa Amboo fi Naannoo irra qabamuun hidhamanii dararamaa jiran keessa: Manneen Hidhaa Godina Lixa Shawaa Keessatti Oromoonni lakkoofsaan 75 tahan dararaman