Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 9, 2014

Aside

Ob Amsaaluu Qannoo Boqote

Aside

July 9, 2014 by Oromedia

(Oromedia, 10 Adoolessa 2014) Waggaa dheeraaf Oromummaa isaatiin shakkamee biyya ollaa keessatti jireenya baqannaa gaggeessaa kan ture Ob Amsaaluu Qannoo waggaa 44tti addubyaa kana irraa boqote.

Oduun bubbulee nu dhaqqabe akka ibsutti, Ob Amsaaluun Waxabajjii 24, 2014 dhukuba akka tasaan qambamee osoo hospitaalatti Ugaandaa keessatti yaalamaa jiruu  guyyuma sana galgala naannoo sa’a 7:00tti du’aan addunyaa kana irraa boqote.

Abbaa isaa Obboo Qannoo Itichaa fi haadha isaa aaddee Kitilee Dheeressaa irraa bara 1970 tti Oromiyaa, Godina Wallaggaa, aanaa Horroo ganda Gitiloo kan dhalate Ob Amsaaluun, bara jireenya isaa dandeettii fi beekumsa isaa dantaa saba Oromoof sadarkaa olaanaatti nama gumaache ta’uu seenaa isaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Barrulee fi kitaabota addaddaa barreessuu fi maxxansisuun kan beekamu Ob Amsaaluun, keessayyuu beekumsaan jijjiirama fiduutti sadarkaa olaanaatti kan amanu, faandhahii qabsaa’ota dhugaa ture.

Ob Amsaaluun guyyaa tokko illee dadhabe, nuffe otuu hin jedhiin dhimma sana Oromoo guddisuuf tattaaffii gochaa akka ture seenaan isaa ragaa baha.

Sirni awwaalchaa isaas bakka maatii fi jaalattooti isa aargamanitti, Oromiyaa keessatti akka raawwate oduun nu gahe addeesseera.

Ob Amsaaluun abbaa maatii fi abbaa ijoollee shanii ture.

Oromedian maatii, firoottan isaanii fi akkasumas hiriyyoota isaanii hundaaf jajjabina hawwa.

Guutummaa Seenaa Ob Amsaaluu:http://oromedia.net/2014/07/08/seenaa-gabaabaa-jaal-amsaaluu-qannoo-1970-2014/

Wallagga, Qellem Dambi Dolloo Keessatti Miseensotiin OPDO fi Hojjettooti Mootummaa Aangawoota EPRDFn Qormaataan Muddamaa Jiru

Aside

Qeerroo DD Adoolessa 09,2014
Gabaasa Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo irraa,Adoolessa 09 akka addeessutti, FDG Oromiyaa keessatti dhalate bifa ittiin dhabamsiisan marihachuuf jechaa fi madda isaa isaa adda baafachuudhaaf jecha aangawoonni mootummaan Wayyaanee barattoota koollejjii Dambi Dolloo walgayii yaamuudhaan qorannoo guyyaa 5nf gaggeessaa tureera. Kun torbaan darbe yeroo ta’u, ammas dabalataan magaalaa Dambi Dolloo irra hojjetootaa fi miseensota OPDO kanneen ta’an qorannoo sochii barattootaa adda baafachuudhaaf walgayii muddisiisaa yaamanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Kaayyoon walgahii kanaa gara fuula duratti sochiin barattootaa fi Qeerroo Oromiyaa keessatti qabatee jiru mootummaan akkaataa itti dura dhaabbatuu fi dandayus ukkaamsuu kan jedhuu fi uu, FDG kun ammas deebi’ee Oromiyaa keessaa godina kana irratti kan dhalatu yoo tahe isinuma hojjettoota mootummaa fi bulchitoota OPDOtu shakkama, toohatama jechuudhaan akkasuma yeroo ammaa barattootni gara qe’ee isaanitti galaatu jiru,kanaaf ammo hordoffii gochuu fi barattoota walgayi garagaraatiin qabuu qabdu jechuun hojjetoota isaa godina Qellem Dambi Doolloo irra jiranitti dhaamsa dhaammataa akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Itti fufee humni waraana wayyaanee dabalataan naannicha buufatee kan jiru tahuu isaa gabaasni nu gahe addeessa.

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 8, 2014

Aside

SBO Adoolessa 09 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu fi Qophii biroo

Aside

Aside

Q NEWS3AA

Finfinnee, Plloisoonni Oromoo tahanii sirna Wayyaanee tajaajjilaa turan 3 hidhaa galan.

Dhiibbaan Mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabaachuun kan itti fufe. Haala kanaan Poolisoota federaalaa fi Finfinnee dhalootaan Oromoo kanneen tahan sababaa maadhee ABO ta’uun mootummaa keessatti hojii hojjetaa jirtu jedhuun yakkee mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Poolisootni dhalootaan Oromoo tahan

  1. Alamaayyoo Gurmeessaa  poolisii Finfinnee naannoo Gullallee kan hojjetu
  2. Sintaayyoo Dalasaa naannoo Gullallee kan hojjetu
  3. Daanyee Biqilaa ittisa biyyaa keessatti hojjetaa dhimma dinagdee

Keessatti argamu. Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus hanga dhumaa bilisummaa Oromoof qabsaa’uuf kutannoo qabanis ibsanii jiran.

Haromaayaa, Ummanni Oromoo Naannoo Haromaayaa Diddaa Itti Fufe

Diddaan mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti ilmaan Oromoo gibira wayyaanee dhorkachuiu irratti argamu. Godina kana keessatti diddaan  qabeenyaan falmaachuu hojiitti hiikamuun ilmaan Oromoo diina irraa bituu fi gurguruu akkasumas bu’aalee diinaa kanneen tahan cufuudhaan gamtaan FDG deemsisuu irratti argamu. Ilmaan Oromoo bakka maraas qabeenya keenya diina dhorkachuun dinagdeedhaan diina akka laamshessinu jechuun dhaamsa dabarsanii jiran.

Qeellam Wallaggaa

FDG wal irraa hin cintne godina Wallaggaa aanaa Qeellam,Anfillootti jabaachaa dhufe. Dargaggoonni Oromoo sochii isaanii itti fufuun falma mirgaa gaggeeffamaa jiru keessattis dhaadannoowwan adda addaa maxanfaa jiru. Sababaa sochii kanaa fi dhadatnoon naannoo mana keessaniitti bittinfameera warra bittinse ykn maxxanse baasaa jechuun loltooti Wayyaanee haadhotii magaalaa Muggii keessa jiraatan lama Adoolessa 06,2014 mana hidhaa keessa galchee dararaa akka jiru Qeerroon gabaasa.Kanneen kunis:-

1.Aadde Makiyaa Abaadirii fi

2.Aadde Anshaa Hiisaa kan jedhaman tahuu beekame.

Angawooti Wayyaanee Hojjettoota Dhimma Nageenyaa Walgahiin Muddaa Jiru.

Mootummaan Wayyaanee hojjettoota mootummaa, dhimma nageenyaa fi qaama mootummaa garaa garaa dhimma Caasaa qulqulleessuun wal gahii muddaatti jirti. Wal gahii kana irrattis mormiiwwanii fi gaaffiiwwan gara garaa mootummaa wayyaanee kan mudatan yoommuu tahu isaan keessaa

  1. Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa osoo gaafatanii rasaasaan rukkutamanii ajjeefamaniif itti gaafatamaan eenyu?
  2. Mootummaan yeroo hundaa ABOn nu keessa jiraa kan kaasuu fi ABO shororkeessaa godhu maaliif maaliif hin dhaabu?
  3. Oromiyaan qabeenya ishee irraa fayyadamtee jirti kan jennu qabatamaan kami?

Kanneen jedhanii fi kanneen biroon wayyaanee muddama keessa seensisanii jiran. Mootummaan wayyaanees deebii kanaa dhabuudhaan namoota gaaffii kana gaafatan qoratamtu isin ABOti jechuun doorsisuu irratti argamti.

 

Must listen new Oromo song/ 2014 Ohh Lolaa Qeerroo Korri Yoomii

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo, Adoolessa 7,2014/ Tokkoomuu ABO Ilaalchisee Gaafii fi Deebii HD-ABO Waliin

Aside

Aside

Qeerroo Edit

 

A Summary of Oromos Killed, Beaten and Detained by the TPLF Armed Forces during the 2014 Oromo Protest Against The Addis Ababa (Finfinne) Master Plan

Compiled by: National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo Bilisummaa

July 05, 2014

Background

It is a well-documented and established fact that the Oromo people in general and Oromo students and youth in particular have been in constant and continuous protest ever since the current TPLF led Ethiopian government came to power. The current protest which started late April 2014 on a large scale in all universities and colleges in Oromia and also spread to several high schools and middle schools begun as opposition to the so called “Integrated Developmental Master Plan” or simply “the Master Plan”. The “Master Plan” was a starter of the protest, not a major cause. The major cause of the youth revolt is opposition to the unjust rule of the Ethiopian regime in general. The main issue is that there is no justice, freedom and democracy in the country. The said Master Plan in particular, would expand the current limits of the capital, Addis Ababa, or “Finfinne” as the Oromos prefer to call it, by 20 folds stretching to tens of Oromian towns surrounding the capital. The Plan is set to legalize eviction of an estimated 2 million Oromo farmers from their ancestral land and sell it to national and transnational investors. For the Oromo, an already oppressed and marginalised nation in that country, the incorporation of those Oromian cities into the capital Addis Ababa means once more a complete eradication of their identity, culture, and language. The official language will eventually be changed to Amharic. Essentially, it is a new form of subjugation and colonization. It was the Oromo university students who saw this danger, realized its far-reaching consequences and lit the torch of protest which eventually engulfed the whole Oromia regional state.

For the minority TPLF led Ethiopian regime, who has been already selling large area of land surrounding Addis Ababa even without the existence of the Master Plan, meeting the demands of the protesting Oromo students means losing 1.1 million of hectares of land which the regime planned to sell for a large sum of money. Therefore, the demand of the students and the Oromo people at large is not acceptable to the regime. It has therefore decided to squash the protest with its forces armed to the teeth. The regime ordered its troops to fire live ammunition to defenceless Oromo students at several places: Ambo, Gudar, Robe (Bale), Nekemte, Jimma, Haromaya, Adama, Najjo, Gulliso, Anfillo (Kellem Wollega), Gimbi, Bule Hora (University), to mention a few. Because the government denied access to any independent journalists it is hard to know exactly how many have been killed and how many have been detained and beaten. Simply put, it is too large of a number over a large area of land to enumerate. Children as young as 11 years old have been killed. The number of Oromos killed in Oromia during the current protest is believed to be in hundreds. Tens of thousands have been jailed and an unknown number have been abducted and disappeared. The Human Rights League of the Horn of Africa, who has been constantly reporting the human rights abuses of the regime through informants from several parts of Oromia for over a decade, estimates the number of Oromos detained since April 2014 as high as 50, 000.

Figure 1 and 2

In this report we present a list of 61 Oromos that are killed and 903 others that are detained and beaten (or beaten and then detained) during and after the Oromo students protest which begun in April 2014 and which we managed to collect and compile. The information we obtain so far indicates those detained are still in jail and still under torture. Figure 1 below shows the number of Oromos killed from different zones of Oromia included in this report. Figure 2 shows the number of Oromos detained and reportedly facing torture. It has to be noted that this number is only a small fraction of the widespread killings and arrest of Oromos carried out by the regime in Oromia regional state since April 2014 to date. Our Data Collection Team is operating in the region under tight and risky security conditions not to consider lack of logistic, financial and man power to carry the data collection over the vast region of Oromia.

click here to view the document :-  List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 5, 2014

Aside