FDG Tumsitan Sababa Jedhuun Mootummaa Abbaa Irree EPRDF Poolisoota Dhalootaan Oromoo Ta’an Irratti Qormaata Gaggeessaa Jira.

Aside

DSC00625Gabaasaa: Adoolessaa 5,2014 Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa keessatti FDG Qeerroo ykn dargaggootaa fi  barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan gaggeeffama jiru daran jabaachuun gara mooraa waraanaa fi Poolisootatti tarkaanfachaa jira.

Ilmaan Oromoo mooraa waraanaa Wayyaanee magaalaa Jimmaa keessatti argamuu kan kutaa 12ffaa (Asira 12nya kifile xoor’ jedhamee beekamuu fi buufata waaraanni  eegumsa godhina dhiha biyyattii jedhamee beekamuu keessatti FDG eegaleen humnooti waraanaa ajaja mootummaa irraa gadi darbu fudhachuu diduun gaaffii kakaasaa jiraachuun isaanii beekame.

Haala kanaan kan baarage mootummaan Wayyaanee humna qorattaa addaa jechuun kallattiin dhalootaan Oromoo kanneen ta’an warreen ta’an qoratamaa akka jiran beekame. Ajajootni Waraana TPLF/EPRDF aangoo waraanaa ofiin dhunfachuun Oromoo fi saboota biroo maxxantuu fi ergamtuu godhachuun itti fayyadamaa jiraachuu irraan mormiin mooraa waraanaa kana keessatti dhalatee jiruu ilmaan Oromoo qorannoo guddaaf saaxilee jira.

Poolisootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi Oromummaa isanitti amanan maqaa sochii FDG barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa gaggeessa jiran keessa harka qabdu, dargaggoota barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaatu isin ijaaree, miseensa Qeerroo ta’uun ijaaramtanii jirtu fi gaaffiilee kanneen fakkaatan dhiheessuun qormaataan akka cinqaa jiran gabaasi keessa moorichaa qeerroo dhaqabe addeessa.

Yeroo amma kanattui Poolisootni haala kanaan dararamaa jiran:

  1. Poolisii Dabaloo Dassalee Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiraamutti kan dhalate yeroo Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa FDG mootummaa irratti gaggeessan, Qawwee fudhattee gara Godina dhaloota kee Kiiraamuu deemuun uummata FDG kakastee, fincala baha Wallaaggaa keessatti gaggeeffame keessa harka qabda jechuun sobaan yakkamee wajjira Poolisii Godina Jimmatti hidhamuun dararama jira.
  2. Poolisiin Daani’eel jedhamus maamila poolisii Dabaloo Dassaleetti Qeerrootti ijaaramtanii FDG gaggeeffama jiru keessa qooda guddaa qabdu, Ajaja fudhachuu diddaan, Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa fi Koolleejjii barsiisota Jimmaa waliin hariiroo qabdu, barattoota qaba hidha jechuun ajajamtanii barattootni akka hin hidhamne mootummaa dura dhaabbatan jedhamuun kanneen hidhamanii dararama jiran keessatti kan ramadaman ta’u.

Qindeessitooti FDG   Oromoo ilmaan Oromoo kun Oromoo ta’uu qofaan balleessa tokko utuu hin qabaatiin dararamaa waan jiraniif Polisootni Oromiyaa dhalootan Oromoo ta’an bakka jiranii dammaquun roorroo saba isaanii irraa akka ittisaniif wamicha caasaa keessaan akka dabarsaa jiru addeesee jira.

SBO Adoolessa 06 Bara 2014 Oduu – Gaaffii fi Deebii Miseensa Koree Hoji-Raawwachiistuu ABO Jaal.Ammee Muummee fi Qophiilee Adda Addaa hammatee jira

Aside

Walitti Bu’iinsa Hdhattoota Wayyaanee fi Humna Hin Beekamne Jidduutti Ta’een Magaalli Jimmaa Raafama Keessa Seente.

Aside

Adoolessaa 4,2014 Guyyaa har’aa godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keesatti Poolisootni sirna Wayyaanee Kora bittinneessaa Jedhamuun beekaman humna hin beekamneen haleelaman.Haala kanaan Nammotni hedduun Madaa’uun Poolisiin sirna Wayyaanee tokkos battalatti ajjeefamera Polisootni sirna Wayyaanee tajaajilan maqaa kora bittinneessaa jedhamuun beekaman magaalaa Jimmaa naanna’uun sodaa fi yaaddoo mootuummaan Wayyaanee keessa lixee jiruun poolisootaa hafanii fi uummata naannichaa keessatti soda guddaa galchaa jiru.

Haalli kun itti fufee sochii barattoota Oromoo fi qonnaan bultoota Oromooti sababaa jedhuun keellaalee ykn ittisa bahaa fi galma magaalaa irratti uumata nagaan deemu mara sakatta’a cimaan akka deemsisaa jiran gabaasi qeerroo godinichaa addeessa.

Kana malees Polisoota Kora bittinneessaa Wayyaanee daandii Finfinnee irran Magaalaa Jimmaatti seensisuu irratti ramadamanii jiran irraatti humni hin beekamnee tarkaanfii haleellaa Fudhateen poolisoota Wayyaanee haleeluun tokko irra battalatti ajjeesuun kannee kan sadii immoo akka malee madeeffamuun gabaafama.Walitti dhukaasa sa’atii muraasaaf tureen namootni hedduun akka madaa’an beekamee jira.

Humni hin beekamne kun guyyaa har’a ganama keessaa sa’aatii 9:30WD  irratti galma Magaalaa Jimmaa kellaa guddicha Magaalaa Jimmaa seensa irratti argamu irratti kan fudhatame ta’us haala kana irraa ka’uun yeroo amma kanatti magaalaan Jimmaa raafama guddaa keessa seentee jiraachuu qeerroon gabaasa isaan addeessa.

 

 

Radion Simbirtuu Tokkummaa Dhaabota Oromoo ilaachisee Hayyuu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa Waliin Marii Taasise.

Aside

Raadiyoo Seife Nebelbal Adoolessa 4, 2014

Aside

Guyyaa Har’aa Jiraattoti Aanaa Anfilloo,Wallaggaa 6 Uummata FDG Qindeessitan Sababaa Jedhuun Waraana Wayyaaneen Qabamanii Hidhaatti Darbaman.

Aside

Adoolessa 6,2014 Anfilloo
Qeerroo bilisummaaGuyyoota muraasa dura abbootii qabeenyaa Qellem Anfilloo irra baajata baasuudhaan sochii Qeerroo deggeranii fi waggoota hedduu mana hidhaa keessa kan turan deebisee shakkuu irraanis hidhaatti guuraa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Ammas akka gabaasni Qeerroo Qellem har’a Adoolessa 06,2014 ammaan dura Oromoo jiraatota naannichaa kan ta’an deggertoota ABO jechuudhaan waggoota 10 mana hidhaa Wayyaanee Qaallittii fi Maa’ikelaawwii dararrii gurguddaan irra gahamaa turee bahanii maatii waliin iraatan,aLoltooti Wayyaanee ammos irra deebi’uun shakkii maqaa ABOtiin qabamanii gara dhabsiisuun bakka buuteen isaanii akka dhabaman gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.Namoota muraasa maqaan isaanii nu dhaqqabe keessaa:

1.Fekkedee Shibashii-Namni kuni umurii isaa mana hidhaa Wayyaanee Qaallittii fi Maa’ikelaawwii keessatti kan xumuree fi miidhaan hedduun isa qaqqabee jiru akkasuma walitti qabaa uummataa fi uummanni oromoo aanichaallee mootummaa wayyaneef akka hin jilbeeffanne kaka’umsa guddaa hamma jirutti kan raawwachaa jiruudha. Daldalaa mana hucuu kan qabu magaalaa Anfilloo ganda Muggii 01ti.
2.Raaggaa Gabbisaa-maanguddoo umurii 60 oliiti.Qote bulaa jiraataa Anfilloo ganda Eenecheeti.
3.Abiraham Fayisaa-Qote bulaa
4.Yaasin Sayid-Daldalaa bunaa Anfilloo magaalaa Muggiiti.
5.Azaddiin Yaasin-Jiraataa Anfilloo magaalaa Muggii gaba kamisaati.Qote bulaadha.
6.Phaawuloos Tolasaa jedhamu Anfilloo ganda Eenechee keessa kan jiraatu namni kunis yeroo dheeraa mana hidhaa Qaallittii keessatti dararamaa kan ture
Akka gabaasi qeerroo addeessutti Oromooti hidhamanii jiran kanneen kana qofa osoo hin taane torbaan kana keessa gara nama 97 ta’uun beekama. Gara biraan manneen uumfataa fi jiraatota naannichaa hanga har’aatti waraana Wayyaaneen sakatta’amaa jiraachuun beekame.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, July 2, 2014

Aside

SBO Adoolessa 02 Bara 2014 Oduu – Tokkoomuu ABO ilaalchisee gaaffii fi deebii gabaabaa miseensa Koree Hoji-Raawwachiistuu ABO Jaal.Toleeraa Adabaa waliin taasifamee fi qophii biroo ni qabna

Aside

Ee Gowwaa!! Wallee Haaraa Artist Sabboonticha Jireenyaa/ Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast, June 30, 2014

Aside