Fulbaana 4,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Gara Garaa Haasaa Muktaar Kadir(OPDO) TV Irratti Taasise Dubbii Dharaa fi Kan Ummata Oromoo Ilaallatu Miti Jechuun Sagalee Dadhatnoo Warraaqsaan Diddaa Kaasan

Aside

Fulbaana 4,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

diddaa9Ergamaan Wayyaanee Muktaar Kadir ilmaan Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa, barnoota irraa ariisisaa, qe’ee fi qabeenyaa irra buqqisiisa, mirgoota nomummaa fi dimookiraasii sarbisiisa  turee fi Oromiyaan akka waraanaan eegamtuu gochaa kan jiru Muktar Kadir guyyaa har’a foodda TVtti ba’uun olola garbummaa tamsaasuu yeroo egalu itti,goototni barattootni Oromoo sagaalee guddaadhaan dheekamuun itti iyyuun Muktaar Oromiyaa bakka bu’uu hin danda’uu jechuun waa’ee Muktaarii fi Mootummaa naannoo Oromiyaa yaada armaan gadii kaasuun mooraa keessa naannawuun sagalee  dheekkamsaa fi mormii barattootni Muktaar irratti dhageesisan:

  1. Muktaar Kadir filannoo uummataa fi fedhii uummataa Oromoo fi fedhii keenya malee fedhii wayyaanee fi abdii qawweetiin aangoo mootummaa naannoo Oromiyaa qabate gadhiisuu qaba.
  2. Master Pilaaniin Finfinnee gutummaatti haqamuu qaba.
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebi’uu qaba.
  4. Yakka Ajjeechaa jumlaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’amuu fi reebichaa fi Oromiyaan akka waraanaan shororkeeffamtu waan godheef seeraatti dhiyaachuu qaba.
  5. Muktaar Kadir ergaamaan wayyaanee addatti dugugginsa sanyii uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruuf gaafatamuu qaba.
  6. Muktaar Kadir uummataa Oromoo bakka bu’uu hin danda’u.
  7. Lallabaa ergamaan Muktaar Kadir karaa foddaa TV online (plasma) dabarsaa jiruu nuti hin fudhannu, namni kun ofiifuu gorsaa fi qajeelcha isa barbaachisa.
  8. Ergaamaan Wayyaanee kunii fi mataan mootummaa Wayyaanee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf  deebii ajjeechaa, hidhaa, reebicha, barnoota irra arii’uu, humna waraanaan uummata goola jiraniif seeraatti dhiyaachuun itti gaafatmuu qabu. Tarkaanfiin abbootiin irree EPRDF fudhachaa jiran FDG ittumaa ni finiinsa malee dhaabuu hin danda’u.
  9. Walumaa galattii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba hanga bilisummaa keenya mirkaaneeffanutti warraaqsi FDG jabaatee itti fufa, jechuun barruulee warraqsaa garaagaraa bittineessuun lallaba garbummaa balaaleffatan jedha gabaasni madden keenyaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Naqemtee, Yunibarsiitii Mattuu, Yuunibarsitii Amboo, Yuunibarsiitii Harammayyaa,Maddaa Walaabuu, Dirree Dawaa ,Bulee Horaa, Adaamaa irra amma nu qaqqaba jiruu addeessera.

Gootni Baroode!! Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Fulbaana 3 2014 / Sabboontuu Artist Seenaa Solomooniin

Aside

Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa

Aside

QeerrooMootummaan faashistii EPRDF/TPLF/OPDO humna waraanaatiin biyya bulchaa jiru humnaan walitti nuqabuun walga’ii isaanii akka teenyu nu dirqisiisus nuti Qeerroon barattooni Yunbarisitii Jimmaa ibsa ejjennoo baafannee ka’uuf dirqamneerra.

Akkuma beekamu guyyaa 16n darban kana humna waraanaatti fayyadamuun tarsiimoo maqaa walga’ii jedhuun  dirqamaan humna waraanaan walitti nu qabee, holola sobaa tole jennee akka fudhannuuf hoomaa waraanaa fi humna agaaziitiin doorsifamaa guyyaa har’aa geenyeerra.

Walga’ii dirqamaa kana yeroo xumurru mootummaan Wayyaanee EPRDF farra misoomaa,  dimokiraasii fi abbaa irree ta’uu isaa, dugugginsa sanyii uummata keenya Oromoo irratti gaggeessaa jiraachuu, diina ilmaan Oromoo akka ta’ee fi darbee caalaadhumattuu OPDOn ergamtuu fi galtuu Wayyaanee akka taate haalaan kan mirkaneeffannee yeroo ta’u, nuti barattootni Oromoo Qeerroon Bilisummaa Yunbersiitii Jimmaa abbaa irree Wayyaanee dhabamsiisuuf Warraaqsa FDG karaa nagaa fi dimookiraasii eegallee jirru jabeessinee kan itti fufnu ta’uu gadi jabeessinee beeksisuun ibsa ejjennoo armaan gadii dabarfannee jirra:

1. Karoorri Master pilaanii Finfinnee fi gurgurtaa magaalota naannawaa Finfinnee haqamee hanga miidiyaa hawaasaatiin beeksifamutti;
2. Hidhaa fi reebichi barattootaa fi hawaasa Oromoo guyyaa guyyaan itti fufaa jiru hanga nurraa dhaabbatutti;
3. Barattootnii fi hawaasni Oromoo mana hidhaa jiranis hanga gadi lakkifamanitti;
4. Mirgi namoomaa fi dimokiraasii hawaasa keenyaa hanga kabajamutti;
5. Doorsifni hoomaa waraanaa fi humna Agaazii hanga nurraa dhaabbatutti;
6. Sobni midiiyaa biyyattiitiin hawaasatti lallabamaa jiru fi ololli kijibaa miidiyaalee kanaan afarsaa jiran hanga nurraa dhaabbatanitti;
7. Waajjiraaleen bulchinsa biyyaa Oromiyaa hanga ilmaan Oromootiin hogganamanitti;
8. Barattootaa fi hawaasa Oromoo gaaffii haqaa, mirga abbaa biyyummaa isaanii karaa nagaa gaafataniif  qaabani farra misoomaa fi dimokiraasiiti jedhuun maqaa yakkee dararaa jiran hanga seeratti nuuf dhiyaatutti;
9. Qaamni barattoota Oromoo barnoota irraa hiisisee fi ariisise amma illee gochaa kana itti fufee jiru farra misoomaa fi guddinaa waan ta’eef hanga seeratti nuuf dhitaatutti.

10.Qaamni barattootaa fi hawaasa keenya karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafateef deebii rasaasaa taasise farra dimokiraasii waan ta’eef hanga seeratti nuuf dhiyaatutti;

11. Barattoota Oromoo seeraan ala wareegamaniif mootummaan kun seeratti dhiyaatee hanga itti gaafatamutti;
12. Walumaa galatti gaaffii uummata Oromoo hanga aammaatti gaafatamaa ture hundi hanga deebii sirnaa argatutti nuti barattoonni Oromoo fi Uummatni Keenyaa Oromoon sadarkaa fi haala garaagaraa keessa jirru bakka jirruutti FDG jabeessuun itti fufna.

Ilmaan Oromoo maqaa ‘Oromoo’ jettuun wal-barbaadnee walgurmeessuun mirga abbaa biyyummaa keenya kabachiifachuuf qabsoo egallee jirru daran jabeesinee kan itti fufnu  ta’uu sagalee tokkoon waadaa qabsoo bilisummaa Oromoof qabnu haaromsanna. FDG jabeesinee itti fufuun walga’ii fi olola wayyaanee kamuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa akka dura dhaabbatnu. Harka walqabannee bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa biyyaa keenyaa Oromiyaatiif ni falmanna jechuun ibsa ejjeennoo qabxii 12 of keessa qabu dabarsuun guyyaa har’aas FDG gaggeessa jirruu jabeessuun itti fufnee jirra.

Akkasumas gochaan diinummaa Wayyaanee yeroo ammaa kana barattootaa fi hawaasa keenya irratti raawwatamaa jiruu fi raawwatamuuf aggaammatee jiru kamiyyuu diddaa gabrummaa uummata keenyaa kan duubatti hin deebifne ta’uu isaa cimsinee hubachiifna!
Injifannoo Uummata Oromoof !
Fulbaana 3/2014
Jimmaa

Breaking News:- Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa FDG Itti Fufuun Waraana Wayyaanee Agaazii Jedhamu Waliin Wal Qabaa Jiru.

Aside

diddaa9Fulbaana 4,2014 Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa FDG qabsiisuun guyyaa har’aa walga’ii Wayyaanee guyyaa 15nif teesisaa turte irratti gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa turreef deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun walga’ii wayyaanee fashalsan.
Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Godina kibba lixa Shawaa fi Godina Jimmaa irra walitti
qabamanii walga’ii dirqamaan Wayyaaneen guyyaa 15nif teesisaa turte irratti gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo gaafachaa turreef hanga guyyaa har’aatti deebiin nuuf kennamee jiruu: Hidhaa, reebichaa, ajjeechaa, barnoota irraa arii’amuu, mirga dimookiraasii fi namommaa sarbamuudha.Adeemsi kun ittumaa FDGtti nu jabeessa malee kaayyoo keenyaa fi mirga keenyaafi mirga uummata keenyaa kabachiisuu irraa duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa kaleessaa halkan guutuu barruulee warraqsaa fi ibsa ejjennoo qabxii 12 of irraa qabu kan gaaffii uummata Oromoo waliigalaa qabate uummataafi mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Agriculture fi saayinsii fi Teekinooloojii keessaa bittineessa buluun guyyaa har’aa ammoo FDG qabsiisuun mootummaa Wayyaanee raasuu itti fufan.

Goototni barattootni Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo ta’an guyyaa har’aa wayita ergamtichi wayyaanee kan uummata Oromoo bakka bu’uu hin dandeenye Muktar Kadir karaa foddaa Plasmaa ergaa mootummaa fashistii Wayyaanee EPRDF dabarsaa jirutti olola farreen nageenyaa fi mootummaa shororkeessa hin dhageenyu jechuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa Agriculture fi Saayinsii fi Teekinooloojii keessatti wayyaaneen dirqamaan walitti qabdee turte FDG qabsiisuun mootummaa wayyaanee balaaleffachuun eenyummaa dargaggoota Oromoo dhugaatti ifatti diinatti argisiisan. Oromiyaan Mootummaa mataa ishee hin qabdu Muktaar nu bulchuu hin danda’uu ergamaan Wayyaanee Muktaar Oromoos bakka hin bu’u jechuun mormiin haammate.

Yeroo amma kanatti goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waraanaa Wayyaanee agaazii fi poolisoota Federaalaa Wayyaanee EPRDF waliin waldura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisaa jiru. Waraanni Wayyaanee akka barattootni mooraa keessa gadi hin bane mooraa keessatti ittisuun barattoota Oromoo meeshaa tokko of harkaa hin qabnee qawween dura dhaabbachaa jiru.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 3, 2014

Aside

Walgahiin Dirqanii Amansiisuu Xumurame. Yuuniversitii Haromyyaa Keessattis Diiddaan Barattootaa Itti Fufe‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversiti Haromayyaa irraa Fulbana 3,2014

diddaa9Walgayiin barattootaa guyyoota 15f oromiyaa Yuuniversitiilee garagaraa 9nuu qondalota wayyaanee koreewwan giddu galeessaa OPDO caasaa isaanii of jalatti qabataniin gageessaa jiraachuu fi yuuniversitiilee irratti barattootni gaaffiwwan mirgaa adda addaa kaasuudhaan hnga har’aa Fulbaana 3tti kan adeemsifame tahuu isaa gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Akka karoora walgayii kanaatti guyyaan itti xumuramu Fulbaana 6kan ture mootumaan wayyaanee sodaa barattoota irraa qabuun har’uma ka’ee walgayiin kun akka xumuramu taasifame. Har’a Fulbaana 3 xumuranii gara biyya isaanii bakka dhufanitti haa deebi’an jedhamuudhaan qarshii isaanii guyyaatti kennamaa ture walitti qabaa qarshii 420barattootaaf kennamee guyyaa boruu gara qe’ee dhufaniitti akka deebi’an labsiin labsame, akkuma beekamu gaaffileen mirgaa hedduun gaafatamaa tureera, gaaffin sun utuu hin deebi’in murtoon gara biyya galuu murteeffame, Aka gabaasni Qeerroo yuunniversitii Haromayaa irraa ibsutti FDG guyyaa har’a Fulbaana 3 mooraa sanatti qabate dhimma gaaffiwwan gaafatamaa tureef deebiin sirna qabeessaa dhabamuu isaati,maatii keenyatti kan gallu mootummaan gaaffii qulqulluu rakkoo uummata keenya furuuf dhiyaate irratti deebiin sirna kennamuu qaba,nuti saba keenya bakka buunee,ilmaan oromoo oromiyaa keessa jiru bakka buunetu jirra,har’a gaaffii keenyatti qoosaa fi irra dibaadhaan cina darbuun borus uummata oromoo rakkina keessa buusudhan kanjedhuun fincila kaasani jiraachuu gabaasni Qeerroo kan addeessuudha,kanumaan wal qabsiisee mootummaan wayyaanee battaluma sochiin barattootaa mooraa kanatti dhalateen humni waraanaa bakka bahe hin beekamne gara sanatti bobbaasee jiraachuu, mooraan yuuniversitii Haromayyaa waraana Wayyaaneen kan marfamte tahu ishee gabaasni Qeerroo addeessa.Akkasuma dhimma durgoo kennuu irrattis barattootni yuuniversitii Wallaggaa,Amboo fi Adaamaa akkasuma Jimmaa durgoon nuuf kenname kuni barumsaaf darbee nun tajaajilu jechuudhaan gaaffii kaasanii akka jiran,walgayiin kun har’a kan xumurame tahus barataan ammallee mooraa yuuniversitii keessaa kan hin baane tahuu isaa gabaasni Qeerroo addeessa.Gabaasa jiru kan guyyaa boruun walitti deebina!

ቄሮ፡ የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ ዜና፡ –September 3, 2014

Aside

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Sadarkaa 2ffaa Baratan Himata FDG Walqabsiisuun Aanaa Midaa Qanyii Funaanuun Hidhe.

Aside

BilisummaaGabaasa,Fulbaana 2,2014 Mootummaan fashistii EPRDF Wayyaneen aanaa Midaa Qanyiitti dargaggoota Oromoo sobaan yakkee hidhaa waan jiruuf haalli kun immoo uummata haalaan dheekkamsiisee ijoolleen keenya nuuf hiikamuu qabu jechuun uummatni FDG walga’ii Wayyaaneen sadarka gandoota baadiyyaa keessatti gaggeesitu irratti finciluun hanga ijjoolleen keenya hiikamtutti isin waliin hin dubbannu jechuun mormii jabeesse jira.
Haaluma kanaan Mootummaan Fashistii wayyaanee badii tokko malee ilmaan Oromoo kannee maqaan isaanii :
1. Barataa Tarreessaa Qajeelaa barataa kutaa 12ffaa m/b Ballammii sadarkaa 2ffaafi qophaa’ina.
2. Barataa Dheeressaa Tarfaa barataa kutaa 9ffaa m/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina.
3. Barataa Dirribii Mashoo barataa kutaa 9ffaa m/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina
4. Barataa Bilisummaa Kumsaa barataa kutaa 9ffaa M/b Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina

5. Barataa Getachoo Idoosaa barataa kutaa 12ffaa M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, barataan kun asiin fuldura bara 2011 hanga bara 2013tti mana hidhaa wayyaanee qaalitti keessatti kan dararama ture.

6. Barataa Taarikuu Deebisaa barataa kutaa 10ffaa M/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina , barataan kunis akkuma isa 1ffaa waggaasadiif (2011-2013)tti mana hidhaa qaallitii keessatti barattoota dararama turan.

7. Barataa Balaay Kuusaa barataa kutaa 12ffaa M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina.

8. Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa M/b Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa

Kanneen jedhaman Fulbaana 1,2014 wajjiraa poolisii aanaa Midaa Qanyii magaalaa Baallammitti hidhamanii daraarama jiru.

Ergamtootni Wayyaanee barattoota kana irratti himannaa sobaa irratti qindeessuun FDG mootummaa keenya
irratti gaggeessitan jechuun himannaa dharaa irratti dhiheessanii jiru. Kanneen naannoo kanatti himannaa dharaa barattoota irratti dhiheessan keessaa :-
1. Sicaalaa Dheeressaa itti gaafatamaa waajjira nageenya aanaa Midaa Qanyii
2. Ballaxee Kumaa itti gaafatamaa waajjira daandii kanneen jedhaman
keessatti argamu.

Barattoota Dirqiin Amanisuu Imaamata Godhatee Walgahii Mootummaan Wayyaanee Qopheesse Bu’aa Tokko Malee Mormiin Xumurame.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasaa Fulbaana 1,2014 Walga’iin  mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDFn dhaabbilee barnoota irratti qopheesse bu’aa tokko malee xumurame.Batattooti Oromoo guyyaa walgahiin dirqiin fudhachiisuuf Wayyaaneen qophaaye kana osoo hin fudhatiin mormii fi gaaffiilee mirgaa jajjabduu ta’een osoo wal falmamuu bu’aa fi faayidaa tokko malee Wayyaaneen walgahicha xumurtee jirti. Barattooti Oromoo walgahii humnaan fudhachiifaman kaan tole jedhanii osoo hin fudhatiin Yuuniversitiilee garii keessatti FDG kaasuun kaan keessatti ammo mooraa ala bahuu dhorkamanii humnana waraanaaan eegamaa turanii jiru. Haalli kun itti hammaatee kan ture sirni Wayyaanee barattoota Oromoo osoo hin amansiifatiin gaaffiin hundee siyaasaa itti ka’uun bakka san irraa deemaa jiru.

Goototni barattootni Oromoo Yuuniverstiiwwaan kanneen akka Amboo, Wallaggaa, Shambuu, Jimmaa, Gimbii, Mattuu, Adaamaa Harammaayyaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu fi dirree Dawwaa irratti walitti qabuun barattoota doorsisuu fi nyaataan illee akka hagabsaa ture ni beekama.

Xumura barnoota Wayyaaneen kennitu kana irratti barattoota waliin walii galuu waan dadhabaniif  barattooti mooraa ala baanaan FDG mootummaa irratti ni ka’a sababaa jedhuun magaalaan Amboo ,Naqemtee fi Jimmaa waraana Agaaziin marfamtee jirti.

#OromoProtests: Irreecha (Oromo Thanksgiving) 2014 Toronto Kanada/ Eenyummaa Tikfachuu!!

Aside