Barattootni Yuunivarsiitii Addigiraat Diddaa Qabsiisuun Qondaalota Wayyaanee Dura Dhaabbatan!

Aside

Fulbaana 09,2014

Diddaan barattootaa haalaan jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Addigiraat keessatti Barattootni diddaa qabsiisuun itti fufan. Mulata Mallasaa galmaan geenya yaada jedhuun mootummaan wayyaanee barattoota kan walitti qabe yoommuu tahu barattootni gaaffiilee jajjaboo gaafachuudhaan wayyaanee dhiphina keessaa buusuun diddaa eegalanii jiran. Gaaffiileen kunneenis

1. Muldhati Mallasaa kun meeshaa ittiin uumata mookasan ta’uun uumati biyyattiin waan muldhata hin qabne fakkeesse kun hanga moom kana ta’aa?
2. Hanga yoomii Mootummaan wayyaanee uumata goyyomsaa haaka kanaan itti fufaa?
3. Barattootni barnoota xumuran maaliif hojii hin argatan?
4. Gibirri haalaan jabaate kaffalamaa jiru eessa dhaqe?
5. Mirgi sabootaa kabajamee keeyyati 39 maaliif hojii irra hin oolu

Kanneen jedhanii fi mirgi barattootaa haa kabajamu jechuun diddaa kan eegala yoo tahu, daballootni wayyaanee dura dhaabbachuu dadhabuudhaan waraana hedduumminaan bobbaasuudhaan barattoota doorsisuu irratti argamu. Keessumaa ilmaan Oromoo achitti argaman isintu kana kakaasa jechuun xiyyeeffannoo addaa keessa galchuun rakkisaa jiru. Barattootni gamtaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuu irratti argamu.

Ethiopia: A Generation at Risk, Plight of Oromo Students

Aside

HRLHA Urgent Action

HRLHAFOR IMMEDIATE RELEASE                

September 06, 2014

The human rights abuses against Oromo Students in different universities have continued unabated over the past six months- more than a hundred Oromo students were extra-judicially wounded or killed, while thousands were jailed by a special squad: the “Agazi” force

This harsh crackdown against the Oromo students, which resulted in deaths, arrests, detentions and disappearances, happened following a peaceful protest by the Oromo students and the Oromo people  in April –  May  2014 against  the so-called  “Integrated Master Plan of Addis Ababa”. This plan was targeted at the annexation of many small towns of Oromia to the capital Addis Ababa. It would have meant the eviction of around six million Oromos from their lands and long-time livelihoods without being consulted or giving consent. The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) has repeatedly expressed its deep concern about such human rights violations against the Oromo nation by the EPRDF government[1]

The HRLHA reporter in Addis Ababa confirmed that in connection with the April-May, 2014 peaceful protests among the many students picked from different universities and other places in the regional State of Oromia and  detained in Maikelawi /”the Ethiopian Guantanamo bay Detention camp” ,the following nine students and another four, Abdi Kamal, TofiK Kamal and Abdusamad   business men from Eastern Hararge Dirre Dawa town and Chaltu Duguma (F) an employee of Wallaga Universty    are in critical condition due to the continuous severe torture inflicted upon them in the past five months.Ethiopi1 HRLHA Urgent Action

Xumura Walgayii Barattootaa Wallaggaa Irratti Baajatni Barattootaaf Qophaaye Bashannana Qondaalota Wayyaanee Irra Oole.

Aside

Fulbaana 07,2014 Naqamte

OPDO.jpg saamtuuAkkuma beekamu Yuunniversitiilee adda addaa irratti barattootni guyyoota 15f walgayi taa’aa turan, Mootummaa Wayyaanee waliin osoo walii hin galiin barattooti Oromoo gaaffii mirgaa akka kaasaniin Fulbaana 3,2014 gara qe’ee maatii isaaniitti akka galan gabaasnee jirra, turmaata walgayii barattoota guyyoota kanaa keessatti guyyaa guyyaatti gaaffiwwaan ka’aa turan hunduu qabxiiwwan garagaraa Yuuniversitii irraa maddaa turuun beekamaa dha.

Eegala dirqiin fudhachiisuuf Wayyaaneen yaale keessatti  walgayii irratti gaaffii barattootni kaasaa turan keessaa tokko dhimma durgoo kennamuu ilaalchisee Yuuniversitii hunda irratti gaaffiin barattoota irraa utuu walgayin hin eegalin dura kaafame.Dhimma
durgoon wal qabatee fi xumura walgayii Wayyaanee qopheessite kana booda barattootaa baajatni addaan qophaaye tureera kan jedhamu odeeffamaa ture,booda irra xumura karaara walgahii Wayyaaneen booda barattoota waliin waan waliig aluu dhabaniif baajeti jedhame hojii irra ooluu hanqatee ykn dhabuun hogganooti Wayyaanee ofii isaanitiif oolchuu filatani.

Durgoon barattootaa qarshiin 450 kan kenname iyyuu bishaan haayilaandii gara qarshiitti jijjiiruun kennameef. Xumura walgayii irratti jechuun Fulbaana 3,2014 gama Wallaggaa irraa fakkeenya godhannee yoo kaane,galma guddaa Leeqaa Naqamtee fi kan
galma magaalaa Gimbii irratti argamu irratti sagantaa bashannaanaa qopheessuun baajatni hedduun barattootaa kennamuuf qophaayee jireenya hogganoota Wayyaaneef oolee jira.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 6, 2014

Aside

SBO Fulbaana 07 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Addaa FDG – Gaaffii fi deebii Artist Kadir Sa’id akkasumas qophiilee adda addaa haala yeroo irratti hunda’an of jalatti hammatee jira

Aside

FDG Itti Fufuun Barattooti Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa fi Geedoo Diddaa Qabsiisan.

Aside

diddaa9Fulbaana 5,2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF barattoota Oromoo  Godina Lixaa Shaggar Aanaa Calliyaa Geedoo irraa maqaa walga’ii jedhuun humna waraanatti fayyadamee torbee lamaaf Yuunibarsiitii Ambootti darara ture, bu’aa tokko malee FDG barattootatin waan xummurameef,  guyyaa har’aa gara maatii isanitti deebisuuf utuu konkolaataa tokkootti  barattoota humnaa ol fee’ee adeema jiruu karatti  balaa konkolaataa qaqqabsiiseen barattootni Oromoo 7 ol balaaf saaxilamaniru.

Walga’ii Wayyaaneen dirqamaan teesisaa ture irratti kayyoon mootummaa wayyaanee maqaa walga’ichaaf waame waan fashalaa’eef  karaatti balaa konkolaataa qaqabsiisuun  battalatti barattootni Oromoo aanaa calliyaa namootni 7 ol balaa ulfaataa fi salphaaf saaxilamaniiru. Barattootni balaa kanaan balaan irraa ga’een madeeffamanii midhamanii jiran :

  1. Barattuu ayyaantuu Leejjisaa
  2. Barattuu Tiblexi Taayyee
  3. Barataa Kumaa Dajanee
  4. Barataa maarii kanneen jedhaman barattootni Oromoo 7 madeefamani, yeroo amma kanatti waldhansa illee dhabuun rakkachaa jiraachuun ibsamera. Mootummaan wayyaanee barattoota karaa irratti balaa konkolaataa qaqqabsiise midhaa irraan ga’ee utuu mana yaalaa illee hin geessiin Magaalaa Geedoo keessatti konkolaataa irraa buusee kan biraa deebi’ee ta’uu madden keenya ijaan argan magaalaa Geedoo irraa nuuf gabaasan.

Yakkii dugugginsa sanyii barattoota Oromoo irratti mootummaan wayyaanee fudhachaa jiru seenaa keessatti kan dagatamu miti. Mootummaan abbaa irree  EPRDF  maqaa walga’ii jedhuun barattoota Oromoo nagaa qe’ee maatii isaanii irraa humna waraanaan dirqisiisee gara mooraa Yuunibarsiitii Oromiyaa garaagaraatti utuu geessuu fi deebisuu balaa konkolaataa qaqabsiisuun barattootni hedduun madeeffamanii kan qaama hir’adhatanii fi mada’aanii yaala ga’aa illee dhabuun rakkina guddaaf saaxilamaniru.  Jalqabbii walga’ii mootummaa wayyaanee injifannoo FDG barattoota Oromootiin xummurame kana irrattis Mootummaan wayyaanee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti balaa konkolaataa barattoota Oromoo humnaan fe’ee adeemu irraan ga’uun barattoota hedduu irraan midhaa ulfaata ga’uun yeroo ammaa gariin isaanii illee yaalaa ga’aa dhabuun rakkachaa jiraachuun ibsame jira. Akkuma asiin dura isiniif gabaafne ture, Godina Kibba Lixa shawaa Magaalaa Diilallaa irraa barattoota Oromoo humna konkolaatatti fe’ee utuu gara Yuunibarsiitii Jimmaatti geessuu balaa qaqqabsiiseen barattootni Oromoo 20 olitti lakka’aman qaama madaa’anii yeroof hospitalaa Walisootti ergamuu gabaafne turre, Godina Kaaba Shawaa irraa gara Adaamaatti humnaan dirqee konkolaataan fe’ee utuu adeemaa jiruu balaa fakkataa bakka Caancoo jedhamtutti qaqqabsiisuun barattootni Oromoo 6 olitti lakka’aman balaa kanaan qamaa madeeffamuun waldhansa illee kan hin argatne ta’uu fi Godina Lixa shawaa aanaa Gindabarat irraa barattoota Oromoo humna waraanaan dirqee fe’ee utuu adeemuu balaa konkolaataa fakkataa geesisuun barattootni Oromoo hedduun midhaaf saaxilamuu gabaasaa keenya yeroo sanaa keessatti tuqnee jirra.

Wayyaanee ERDF/TPLF/OPDO’n guyyaa saafaa itti yaaduun yakkaa dugugginsa sanyii uummata keenya irraatti raawwacha jirti, kan rasaasan reebdee, kan tootcherii garaagaraan ajjeesaa, kan jumlaan guurtee hidhaa , kaan barnoota irraa arii’achaa har’a geesse malee akka fedhii uummata keenyaatiin tole jennee bitamaa hin jirree ragaan uummata bal’a Oromoo irra darbee addunyaa biyyaa lafaa hubacha jira.

Goototni barattootni Oromoo maal balleessanii??? Gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo  karaa nagaa fi dimookiraasii seeraan qindeeffachuun barreeffatanii karaa nagaa gaafatan, Oromiyaan kan uummata Oromooti jedha, Oromoon biyyaa abbaa isaa fi uummata isaa ofiin bulchuu qaba malee halagaan nu bulchuu hin qabuu jedhan, Finfinneen hadhura Oromiyaati fiyidaa guddaa uummata Oromoof kennuu qabdi bulchiinsi Finfinnee Oromiyaa jalatti deebi’uu qaba jedhan, Master Pilaaniin Finfinnee Oromoo ni miidha malee hin fayyaduu jedhan,  Qabeenyaa uummata Oromoo saamuun dhaabbachuu qabaa gaaffii jedhuu fi wkkf waan gaafataniif  yakki diinummaa kun irratta akka rawwatamu ta’aa jira.

Kanuma keessa Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo bifa gurmaa’ee fi karaa qindoominaa fi qaroomina qabuun FDG jabeessuun mootummaa humna waraanaan Oromiyaa bitaa jiruun nu hin bittuu, hin bitamnuu mirga keenyaaf duuna, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, hidhaa hin sodaannuu, du’a hin sodaannuu jechuun harka qullaa waraana wayyaanee dura dhaabbachuun qabsoo finiinsuun walga’ii mootummaan shororkeessaa wayyaanee yakka gochaa jiruuf deebii sirrii nuuf hin kenineetti qabsoon FDG daran jabaatee itti fufa jechuun ibsa ejjennoo garaagaraa qopheeffachuun uummataaf bittinneessuun walga’ii wayyaanee irratti wareegama qaalii kanfaluun fudhatama dhabsiisuun xummuran.

 

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 5, 2014/ Qophii “Hidda Malee Xannachi Hin Dhiigu”

Aside

IRREECHI MALLATTOO TOKKUMMAA KEENYAA TI !

Aside

SEENAA Y.G(2005)

Photo0348
Addunyaan keessa jiraannu kun, irra jireessa Seenaa Abbooti Biyyaa Saamanii kan kooti jechuun waan nu dursaniif malee, Itoophiyaanis taatu Addunyaan biraa akka nu duuba jiran ragaalee hedduu tarrisuu dandeenya. Har’a Gabrummaa jala waan jirruuf, haqa kana fudhachiisuun ni ulfaata ta’a. Gaafa jabaannee humna taanee garuu addunyaan waan har’a aguugdee irra teesse kana ifa baasuun waan hin hafne. Gadaa nuuti waraqaa fi Maanguddoota keenya irraa dhaga’uun ala hojiin hin mul’ifne ykn, Beektoonni keenyas baratanii ittiin eebbifamuu malee, hanga har’atti Gadaan akkamiin hojii irra akka ooluu danda’u qorannoo gaggeessanii dhalootaaf dhiheessuu dadhaban kun, Dimokiraasii Ameerikaa har’aaf ka’umsa ta’uu isaa , Gola-hambaa yk Muziyeemiin Ameerikaa keessaa adda addaa , waan Oromoo addatti Booranaa keessaa guurame hedduu akka qaban, warri carraa argatanii ijaan argan ni dubbatu.

IRREECHI MALLATTOO TOKKUMMAA KEENYAA TI !!!!.docx

Seife Nebelbal Radio Program, September 5, 2014

Aside

Qalbeeffadha! “Walii galan alaa galan”

Aside