Gaafa Hagayya 31,Barattooti Oromoo Gaaffiilee Wal Fakkaataa Yuuniversitoota Mara Keessatti Kaasanii Hogganoota Wayyaanee Deebii Dhabsiisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 2,2014 Finfinnee

diddaa9Akkuma armaan dura gabaasaa turretti yeroodhaa yerootti walgayiin barattootaa yuuniversitiilee garagaraa irratti gaggeeffanaa jiruun gaaffiwwan adda addaa biqiluudhaan dhiyaataa jira, gaaffiin yuuniversitiilee Amboo,Wallaggaa,Bulee Horaa,Adaamaa, Jimmaa fi Mattuu irratti Hagayya 31/2014 walgayii irratti gaggeeffamaa ture qondaalota wayyaanee walgayii kana gaggeessaa jiran Abba Duula Gammadaa,Abdulqadir Huseen,Bakar Shaalee,Alamaayyoo Taganuu,Geetuu Wayyeessaa,Mohaammad Tusaa wal duraa duubaan irratti dhiyaata jiru deebii kan hin arganne gaaffiwwan akkaataa armaan gadiitiin dhiyaatee jira.

  1. Biyyattiin haaromsa irra jirti(transformation) yeroo jedhamu maal jechuudha? Maalinis madaalamee?
  2. Biyyattiin sochiin waggoota 40 fi 50moota keessatti gootu mootummaadhuma Wayyaaneetiinii? Moo mormitoota biraatiini? Wayyaaneen yoo itti fufe misoomnis itti fufa jechuudhaa?
  3. Hidhaan laga Abbayaa maaliif daangaa irratti ta’ee?
  4. Barattootii fi uumanni Oromoo gaaffii mirgaa yoo gaafate yakka tokko malee maaliif hidhamaa?
  5. ABOn akka dhaaba uumata Oroomoof falmu tokkotti dhaaba haqaa jedhamee maaliif hin ilaalamnee?
  6. Mootummaan Wayyaanee Ummata Oromoo hidhuu fi ajjeessuu fi lafa irraa buqisuun malee waan Oromoof gaarummaa hojjete maalfaatu jiraa?
  7. Qooddaan barnootaa maaliif jiraate? Keesssattuu socialiin %70,Naturalin ammo %30 maalif ta’ee?
  8. Mootummaan Wayyaanee waggaa 23 keessatti jijjiirama maalii uummata Oromoof fidee?
  9. Barattoota gaaffii mirgaa dhiyeessuu irratti lubbuudhaan wareegamanif maalif yaadannoon hin godhamuu?
  10. Barattoota Yuuniversitii irraa eebbifamani fi kanneen eebbifamuuf deemaniif maaltu yaadamaa jiraa?
  11. Keeyyanti 39 walitti bu’iinsa fi lubbuun baayenillee hedduu itti wareegamee jira kanaaf maaliif hin kaafamu yoo ka’u baate ammoo maaliif hin faayya’uu gaaffii dhugaa irratti hundaa’ee?
  12. Humni waraana biyyaa nagaa buusuuf jecha gara biyya alaatti maaliif ergama?kunis akkamiin ilaalamaa?
  13. Manni maxxansaa haqa irratti hundaa’e mootummaan wayyaanee cufee namoota kana hojjetanis biyyaa ariyee jira,dhiibbaa mootummaan wayyaanee irratti godhe yoo tahe qaamni mormitootaa ammoo maaliif isaan irratti dhiibbaa hin godhuu?
  14. Walgayiin yeroo ammaa gaggeeffama jiru waa’ee barattootaa qofamoo, waa’ee biyyaatimoo, waa’ee oromoo qofa irratti hundaa’eetii? Moo waa’ee sabaa fi sab-lammii hunda irratti xiyyeeffataa?
  15. Mootummaan wayyaanee dhiphina guddaa fi kisaaraa(gadibu’iinsa) keessa erga darbee booda waan ta’etti irra deebiidhaan maaliif tarkaanfii fudhataa? Rakkoo dhufu keessatti maalif dursee of qopheessee haala mudatu keessatti of qopheessuu dhiise?
  16. Aangowonni olaanaa fooyya’oodha, yeroo ammaa mootummichi gandoota ijaarratee jirutu irratti wal qindeessee isa kuffisuu irratti argamu, mee bulchinsa godhu keessatti ilaalcha akkamii gandoota gurma’anii of ijaaranii jiran irratti qaba?
  17. Yuniversitiilee keessatti yaadaa dhiphaa fi fakkaattiidhaan kan deddebi’antu argamu,isaan kana adda baafachuudhaan akkamiin gorsaan, of tahuu irratti akka argama gochu dandeenya? Oromoo ta’anii saba biraa fakkaachuun kan jiraatan?
  18. Yuuniversitii keessatti seerri ittiin bulmaataa amantii irraa adda ta’ee utuu jiruu, bulchitoonnis kana utuu beekanii malaammaltummaa kan akka huccuu isaan kaaniif kennuun,isaan kaaniif ammo gargaaraa kennuun,haata’u malee yuuniversitii fi dhaabbilee barnootaa kamiin keessattiyyuu ilaalchi siyaasaa akkamiin gargar ta’ee?
  19. Barattootni kanaan dura rakkoo garagaraaf hidhaman maaliif hin hiikamanii? Murtoo akamiitu itti kennamee?

Gaaffiwwan kun deebii kan hin arganneedha jedhu kanneen walgayii kana irratti hirmaataa jiran,kun Hagayya gaafa 31kan ta’e yoo tahu fulbaana 2 irrattis gaaffiwwan ka’an kanatti aansinee kan dhiyeessinuudha.

SBO Fulbaana 03 Bara 2014 Oduu fi Qophiilee adda addaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

“Ijoollee harka rukutaati,WBO faarsina ilil jedhaatii” Artist Saliha Sami Irreecha Toronto, Canada /Hagayya 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 1, 2014

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo/Qophiilee Adda Addaa fi Wareegamuu Artist Eebbisa Aduunyaa Ilaalchisee Ibsa!!Hagayya 31,2014

Aside

የትዉልዱ ግልጽ አቋም!

Aside

“አንገዛም!”

  የትዉልዱ ግልጽ አቋም!

Qerroooይህ ትዉልድ የባርነትን ሠንሠለት ሰባብሮ ፍርሃትን ገድሎ ነጻነቱን ፍለጋ እስከ ወዲያኛዉ አድማስ ጥግ እንኳ ቢሆን ለመጓዝ ወስኖ የወጣ ጀግና ትዉልድ ነዉና “አልገዛም!” ካላ ቃሉ ጽኑ ነዉ!

ነጻነትን ያረገዛ ትውልድ ግፍና ጭፍጨፋ አላቆመዉም። የደቡብ አፍርካዉ የስዌቶ  ጭፍጨፋ (the Soweto Massacre 1976 ) ፣ በኬንያ የታየዉ  የሆላ ጭፍጨፋ “Hola massacre 1959” ወይም በሃሬሮና ነማ ሕዝቦች ላይ የተፈጸመዉ የነሚቢያዉ ጅኖሳይድ  “Herero and Nama Genocide 1904” አልያም የ‘Robben Island’” እስር የትዉልዱን የነጻነት ጥያቄ እንዳልገታ ፤ የነጻነትን ብርሃን እንዳላጫለማ ታሪክ ምንጊዜም ህያዉ መስካር ነዉ።

ዛሬም ቢሆን ከማዕከላዊ እስከ ቃሊቲ፣ ከቅሊንጦ እስከ  ዝዋይ የእስር ቤቱ ቁጥር ቢባዛም ፣ የማሰቃያ ዓይነቶች ቢበራከቱም ፣ ግዲያና ሽብር ቢፋፋምም  ይህ ትዉልድ “ነጻነቴን!” ብሎ ወቷልና ፈጽሞ  የሚያቆም አይሆንም። ነጻነትን የተጠማ ትዉልድ ለእዉነት በእዉነት የሚታገል ኀያል ኃይል (Super Power) ያለዉ ባለራዕይ የነጻነት ሠራዊት እንጂ በመንደርተኞች ኣሉባልታ የሚሳናከል እርባናብስ ስብስብ አይዴለምና!

በተደጋጋሚ እንደተገለጸዉም ሆነ በታግባር እንደተረጋገጠ የትዉልዱ መሠረታዊ ዓላማ (basic Objective) የኦሮሞ ሕዝብን ብሔራዊ ነጻነትን ማረጋገጥ ነዉ። ለዚህ ዓላማ ስኬት ሕዝባችን ዘማናትን ያስቆጠረ ዉድ ዋጋ ስከፍልበት ቆይቶ አሁን ለባርነት የመጨረሻ ስንብት የሚደረግበት  ያታርክ ፊጻሜ ላይ አድርሰዉታል። ይህንን የትግል ምዕራፍ በኃላፊነት የተረከበዉ ትዉልድም ኃላፊነቱን ጠንቅቆ የሚያዉቅ ብቻ ሳይሆን ኃላፊንቱ የሚጠይቀዉን ዋጋም  (responsibility) ጭምር ለመወጣት ዝግጁ ስለመሆኑ በአደባባይ አስመስክሯል። ነጻነት በነጻ አይገኝምና ሞትና እስራት ሳይገድበዉ ርቆ ተጉዟል።

ያለነጻነት መኖር ያዉም ደግሞ በአናሳ ቡድን ነጻነትን መነጠቅ በእጅጉ የስቆጣል። ሕመሙም ጥልቅ ነዉ። ይህንን ታሪካዊ ጥላሸት ለመንጻት  እስከ አሁን የተከፈለዉን ዉድ ዋጋ  እያሰብን ከእንግዲህ ወዲያ ይህ ታርክ የህዝባችን መታወቂያ ሆኖ እንዳይቀጥል ታሪካዊ ግዴታችንን ለመወጣት እነሆ በየፍልሚያ መስኮች ሁሉ ተሰልፈናል። ነጻነቱን የጠየቀ ሕዝብ ተሻግሮ ይሄዳል። ማሸጋጋሪያ ኃይሉ ደግሞ በዘመኑ ላይ የተገኘ ትዉልድ ነዉ። ለኦሮሞ ሕዝብ ያ ትዉልድ ተነስቷል። “እምብኝ ነጻነቴ!” ብሎ ታጥቆ የወጣ ትዉልድ ተንበርካኪ አሽከሮች (Bakar Shaalee, Warqinaa Gabayyoo, Abbaa Duulaa Gammadaa, Alamaayyoo Taganuu, Abdulqaadir Huseen, Geetuu Wayyeessaa, Mohammad Tusaa, Isheetuu Dassee…) በሚያሰሙት ጭንቀት ወለድ  ሠሞነኛ ጩሃት ይቅርና  የቅኝ ገዢዎችን በታሊዮን ሠራዊት እንኳን ቢሆን   በትኖ የሚያልፍ ፣ ሞትን የደፈረ   ፣ በደሙ ጎርፍ  ሕያዉ ታርካዊ ዝክርን ጽፎ የሚያልፍ በዘማናት ዉስጥ አንዴ ብቻ የሚገኝ ፍርሃት ዓልባ ብርቅዬ ትውልድ ነዉ።

በመሆኑም በቀጥታም ሆነ   በተዘዋዋሪ ፣ ከዉስጥም ይሁን ከዉጭ ዛሬ የኦሮሞን የነጻነት ትግል ለማደናቀፍ ለሚትሹ ኃይሎች በሙሉ መልስ አለን። መልሳችን ኃይልን በኃይል ለማስቆም የደፈረ ትዉልድ መነሳቱ ነዉ። ይህ ትዉልድ የባርነትን ሠንሠለት ሰባብሮ ፍርሃትን ገድሎ ነጻነቱን ፍለጋ እስከ ወዲያኛዉ አድማስ ጥግ እንኳ ቢሆን ለመጓዝ ወስኖ የወጣ ጀግና ትዉልድ ነዉና “አልገዛም!” ካላ ቃሉ ጽኑ ነዉ!

ይህ የትዉልዱ ግልጽ አቋም ነዉ።

ሕይዋታችን ለነጻነታችን!!

September 1, 2014

Gaaffii Hin Fudhatnu!! Isa Isinitti Himnu Qofa Fudhaa!! Jedhchuun Hogganooti Wayyaanee Barattoota Oromoo Mirga Gaaffii Dhorkaa Jiru.

Aside

Hagayya 31,2014 Finfinnee

Fincila-Diddaa-GabrummaaWalgayiin barattootaa adeemsuma gaaffiwwan dhiyeessuutiin Yuuniversitii hunda irratti kan itti fufeedha. Yuuniversitiiwwan
Amboo,Wallagga,Jimmaa,Adaamaa fi kkf keessatti gaaffileen mirgaa dhiyaachaa jiran deebii argachu kan hin dandeenye ta’ullee ammas
barataan kam iyyuu walgayii irratti hirmaachaa kan jiran gaaffiin deebii argachuu qabuuuf deebii dhabuun isaa sodaa mootummaa Wayyaanee barattootaa irraa qabu tahuun isaa waan beekameef dabalata Yuuniversitiilee hunda irratti barataan kamuu mooraadhaa ala bahu akka hin dandeenye hanga guyyaan walgayiin kun xumuramuutti mootummaan murtoo kan baase tahuu gabaasni Qeerroo addeessa. Keessattuu Yuuniversitii Wallaggaa irratti barataan mooraadhaa ala bahuu hin danda’u jedhamee murtoon guyyoota sadii asitti waan baheef barattootni diddaa jabeessaa jiru.

Gaaffiin hin fuudhamu, dhimma guddina biyyaa fi qulqullina barumsaa irratti mareen barattootaa kan itti fufu malee gaaffii dhuunfaa fi dhimmi uummataa kana booda ka’uu hin qabu kan jedhus mootummaan Wayyaanee ibsa baasaa akka jiru gabaasni caasaa mootummaa irraanis ibsa. Walgayiin barattootaa guyyoota borus kan itti fufu waan ta’eef sochii fi fincilli barattootaa ammas haaluma wal fakkaatuun itti fufiinsa irra akka jirus qeerroon gabaasa.

Gama biraan mootummaan Wayyaanee Yuunivarsitii Harammayyaa keessatti walitti qabamuun ololaa afaan faajjii irratti gaggeessa jirtu mormuun Iyyaannoo marasaa 2ffaa kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabxii 10 of irraa qabu galfachuun walga’ii wayyaanee fudhachaa akka hin jirre ibsatan. Mootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii jedhuun Yuunibarsiitota Oromiyaa garaagaraa irratti xiyyeeffannoo addaa gochuun wayyaaneen FDG dargaggootni barattootni Oromoo bifa qindaa’een gaggeessa jiran dura

dhabbachuuf walga’ii gaaggeessa jiran irratti mormii fi FDG guddaa gaggeessuun balaaleeffachuu jabeessuun itti fufan keessattuu FDG marsaa 2ffaan akkuma FDG marsaa 1ffaa dhiha Oromiyaa irraa eegaluun Oromiyaa cufa irratti ilmaan Oromoo walcina dhaabbachuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa fininsaa jiran yeroo amman kanattis haaluma walfakkaatuun Yuunibarsiitiiwwaan Oromiyaa kanneen akka Amboo, Wallaggaa, Jimmaa, Maattuu,Adaamaa, Harammaayyaa, Maddaa Walaabuu, Bulee Horaa, fi Dirree Dawwaa keessatti goototni dargaggootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaachisuun FDG gaggeessuun mootummaa Wayyaanee qaanessan.

Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaan ” Ohh Oromoon Daggala Raase” Hagayya 30, 2014

Aside

SBO Hagayya 31 Bara 2014 Oduu – Gabaasa FDG – Gaaffii fi deebii Jiraataa magaalaa Amboo fi barataa Yunversitii Adaamaa akkasumas qophiilee biroo..

Aside

Hagayya 30, Guyyaa Itti Gootiti Oromoo Eebbisaa Aduunyaa fi Xannaa Wayyeessaa Wareega Qaalii Kafalan

Aside

Xayyaa Wayyeessaa Fi Eebbisaa Aduunyaa