Godinaalee Shaggar Bahaa Keessatti Marii Guyyoota Lamaaf Mootummaan Wayyaanee Uummata Walitti Qabee Gaggeessuuf Yaale Diddaa Uumataan Guutummaatti Fashale.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 23,2014
diddaa9Sadaasa 23,2014  irraa kaasee godinaalee addaa Oromiyaa fi Shaggar Bahaa kanneen akka Adaamaa,Bishooftuu fi Dukam; godina addaa Buraayyuu, Sabbataa,akkasuma Shaashimannee keessatti marii karoora bara 2007 fi hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii milkeessuu jedhu ajandaa godhachuudhaan Wayyaaneen uummata walitti qabdee marii taasiftee jirti, uummata Oromoo gowomsuun keessumattuu hojiilee misoomaa fedhii fi faayidaa uummataa mirkaneessuu jechuudhaan uummata walitti qabanii yaada fi marii karoora bara kanaa irratti uumata waliin dubbachuuf karoorsanii uumatatti bahuun isaanii uummanni gaaffii dhuunfaa isaatii kaasuuf sababaa fi karaa tahe, afaan Wayyanee kanneen tahan, OPDOn uummata mariif biratti argamanis gaaffii uummanni dhiyeesseen cinqamuudhaan waan gara uummataatti dhufaniif milkie dhaban, mariin kun kan adeemsifame kaleessaa fi har’a jechuun Sadaasa 23 fi 24,2014  yoo tahu gaaffii uummanni kaase:
– Guddina kallattii hundaanuu magaalaa kanneen irratti galma’aa jiru irraa kan fayadamaa jiru mootummaa malee uummata miti, guddina biyyattiis kan odeessitan, mootummaa sooruudha malee uummanni kan fayadame meerree?
– Uummanni hiyyeessi dukkana keessa jiraata, waan dhugu dhabee daandii dheeraa deemee bishaan bitatee jiraataa jira, faayidaa kessaniif nu barbaaddu malee rakkoo keenyaaf furmaata kan nuuf tahu dhabne, kuttuudhuma isaa isin hin barbaannu jedhame(Gaaffii rakkoo ibsaa fi bishaanii uummanni keessa jiru ibsate)
– Guddina eegalame itti fufsiisuudhaaf rakkoo bulchiinsa gaarii furuufis uummanni raayyaadhaan ijaaramuu qaba, kan jedhame gudiina Oromiyaa hin argine guddina Tigray male jechuudhaan uummanni dubbii isaanii afaan irra kutuudhaan beekame.

Gaaffiileen ykn murtoo uummanni kenne kanatti fufaniis hirmaannaa misoomaa keesatti simsuu, kira sassaabdumaa irratis qabda’uu kan jedhhu akeeka mootummaa wayyaaneti, nuti mootummaa nu saamee. rakkinaaf nu saaxile kana hin feenu jedhanii kanneen akka Sabbataa, Bishooftu, Buraayyuu fi Shaashimannee keessattii gaaffii dhimma rakkoo
yeroo uummanni keessa jiru rakkoo ibsaa fi bishaaniin wal qabatee uummataan gaaffii bakka hundaatii ka’aa jiruudha. Uummanni rakkoo kana keessa osoo jiru mootummaan wayyaanee dhimma filannoof jecha uummata gara sossobachuutti deemaa jira,

 

Oromo Students Scarification/ Short Documentaries

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 22, 2014

Aside

Mooraa Yuuniversitii Wallaggaatti Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Ka’e Itti Fufee Jira, Sochii Barattootaa Laamshessuuf Humni Dabalataa Waraana Wayyaanee Garasitti Ergame

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Wallaggaa, Sadaasa 21,2014

dsc02316

Yeroo ammaa kanatti gaaffii mirgaan wal qabatee warraaqsi qabatee jiru mooraalee  Yuuniversitii Adaamaa fi Wallaggaa akkasuma Yuuniversitii Amboo keessatti.
Guyyaa muraasa dura yuuniversitii Adaamaa keessatti karaa presedaantii barattootaan dhimma bulchiinsaa irratti barattootni marii barbaadu jedhameen bulchaan mooraa Yuuniversitii Adaamaa guyyaa lamaaf barattoota dhimma amantaa irratti fudhachuudhaan hordoftoota amantaa gosa lama irratti mariin taasifamaa tureen, gaaffiin ka’uu qaban marii kana irratti gaafataman taasifamee ture irratti deebiin kenname deebii gaaffii barattootaa san faalleessu ture, akkasuma ilaalcha amantaa kan mormuudha, kana irrattis yeroo ammaa kana gaaffiin guyyaa kana ka’e itti fufeetu jira, gaaffii isaani irratti hundaa’ee barattootni nyaataa fi barumsa lagatanii jiru, barattootni kaanis obboloonni keenya barumsa dhaabanii utuu jiranii akkamiin barumsa baranna jedhanii gaaffii sududaan kan dhiyeessaa jiraniidha, kana malees guyyaa muraasa dura kan eegale fincilli yuuniversitii Wallaggaatti dhimma nyaataan wal qabatee gaaffiin mirga sabaa ka’e amma gara gaaffii abbaa biyyummaatti kan jijjiirameedha, sadaasa 21,2014  baratootni hunduu nyaata lagatanii kan oolaniidha, kutaan barnootaa tokkummaan cufaatti kan oolee fi barattooni wal gurmeessuudhaan mooraa keessatti marii adeemsisaa kan oolanii fi gabaasa har’a Sadaasa 22,2014 Qeerroon gabaaseen halkan edaa naannoo waraanni Wayyaanee buufatee jirutti fageenya irraa dhagaan darbatamee waraana irra bu’aa tureera, kun uummataa fi barataa tahuun isaa waanni beekame hin jiru,har’a barattootni naannoo magaalaa Naqamtee jiran waan qaban hunda mooraadhaa baasanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru.

Kana malees hojjetootni Kaaffees soda kanaan nyaata qopheessuu dhaabuudhaan galmi nyaataa barattootaa har’a hanga laaqanatti cufaatti kan ooledha, sodaa guddaan waan dhagayameef ammoo humni waraanaa akka dabalamu federaala irraa gara sanatti kan ergamee jiru halkan edaa waraanni naannoo biraa irraa magaalaa Naqamtee buufatee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Gama biroon  Yuuniversitii Wallaggaa keessatti fincilli barattootaan ka’uuf waan dafee hin dhaamnee fi humni waraanaas barattoota waliin rakkoo walitti bu’uun waan qabamee jiruuf barattoota kana tasgabbeessuuf humni waraanaa dabalataa fi tikoonni Waayyaanee mooraa keessa seenuun dirqama akka tahe, waan barattootni sodaatanii sochii kana dhaaban beeksisa yeroodhaan baasuu, barattoota Oromoo sochii fincilaa taasisan yeroodhaan gara poolisiitti dabarsanii kennuu akka qabu gara Presedaantiitti dhaamamee, bulchaan ykn presedaantii mooraa Yuuniversitii Wallaggaas sodaan waan itti dhagayameef waan mootummaan Wayyanee itti gadi buuse kana raawwachuu hin dandeenye, gaaffiin barattootaa tokko humni waraanaa mooraa barnootaa keessa maaliif seena kan jedhu ifatti keessatti argama.

Kutaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Kaasanchiis Keessatti Gaafatama Kan Qabu Gargaaraan Saajin,Xilahuun Caraanaa Oromummaa Isaan Yakkamee Hojii Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sadaasa gaafa 20,2014 gargaaraan Saajiin, kutaa magaalaa Finfinnee naannoo Kaasanchiis jedhamu irraa hojjetu,guyyaa kana galgala keessaa akka sa’a naannootti sa’a 12:30 irratti xalayaan hojii akka gadhiisuuf itti kenname, gargaaraasa Saajin Xilahun Caraanaa maqaa addaa Gaaddisaa Caalaa Dabaloo kan jedhamu qaba. Gargaaraan Saajiin Xilaahun rakkoo uumata Oromoo irra gahuu fi hidhaa yeroo irraa yerootti uumata irratti raawwatamaa ture guddisee kan mormuu fi qonnaanaan bultoota naannoo Shaggar irraa lafti irraa fuudhamee ammos mana hidhaatti guuraman maaliif yakka tokko malee hidhamu jechuun mormii keessa mootummaa keessatti kaasaa ture. Haala kanaa fi FDG Qeerroon deemu waliin jira sababa jedhuu fi tikoota ABO magaalaa Finfinnee fi naannoo keessa jiran waliin hidhata qabda sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee hojii irraa akka arihamuu fi gara hojii isaatti akka hin deebine xalayaa ergeefiin beeksise.

Gama biraadhaan naannowaa Finfinneetti naannoo xixiqqaa magaalaa Finfinnee irratti nama 80,80n basaasota maqaa  hojii garagaraan uummata keessatti akka bobbahaniif har’a leenjiin Wayyaaneen kennamu kan eegaleedha. Leenjin kun kan kennamu naannoo
Samiit jedhamutti yoo tahu hojiin namoota kana wal qoqqooduudhaan uummata keessatti hojii basaastummaa, humna nageenyatti dabalamuudhaan, akkasuma odeessa kan funaanuun mootummaadhaan gahu, kun magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee qofatti kan qophaayee lenjin isaa har’a kan eegaleedha, sochii Qeerroo laamshessuuf namoota saba garagaraa keessaa filuudhaan hanga nama 80tti mootumma waan aangoo isaa irrattu utubu, haala uummanni irra jiru kan gabaasa godhanii fi basaasani fi hojjetoota mootummaa keessaas mootummaa waliin kan hin jirre, gocha mootummaa wayyaanee kan balaaleffatan gara mootummaatti dhiyeessuu irratti adda durummaadhaan kan hojjetan dursee filannoon dura tolfachuuf akeekkatee ka’uu isaa maddi gabaasaa Qeerroo ni ibsa.

SBO Sadaasa 23 Bara 2014

Aside

Barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa Yuuniversitii Amboo College Damee Waliisoo Keeysaa Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfame

Aside

Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo

BayeechaBarattooti Oromoo Sababaa Gaaffii Mirgaa Kaastan Jedhuun Hidhamuu fi Dararamuun Irraa Hin Dhaabbanne,yeroo ammaa kanas mootummaan EPRDf Wayyaaneen dargaggoota Oromoo irratti duula banteen barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa sababaa sochii warraaqsaa deemu duubaan jirta jedhuun Ambo college Waliso branch keessaa accounting wagga 1ffaa kan baratu yakka tokkoon malee Sadaasa 20,2014 mana hidhaa magaalaa Waliisoo/Ejerrsa jedhamutti darbamuun ilmaan Oromoo naannichatti Oromummaan yakkamanii hidhaman waliin dararaan guuddaa irraan gahaa jira.

Barataa Rabbirraa Kushaa bakki dhaloota isaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu ganda Bilii jedhamutti kan dhalate yeroo ta’u.Yeroo dheeraaf sababaa Oromummaan yakkamaa akka turee fi yaada itti amanu dubbatee baafachuu dorkamaa turuun gabaasi nu gahe addeessa.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Nyaata Lagatan.

Aside

Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte

dsc02197

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Sadaasa 20,2014 gaaffii mirgaa kaasaniin loltoota Wayyaanee fi Poolisoota waliin walitti bu’aa turan,haalli kun hanga ammaa tasgabbii dhabuu irraan waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii keessa akka qubatetti jira. Barattooti Oromoos tokkummaan ka’uun hanga ammaa nyaata lagachuun hagabaa gaaffii mirgaa gaafataa jiru. Gaaffiileen jalqaba ka’anii deebii dhaban haala bulchiinsaa fi qabaa barattootaa yeroo ta’u sun deebi’uu hanqachuu irraan barattooti Oromoo gaaffii waliigala biyyoolessaatti deebisuun diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Gaaffiileen barattootaa fi diddaan isaanii dhimmoota kanneen irratti hundaaya.

– Barattootni yeroo ammaa mana hidhaatti keessatti argaman maliif hin hiikaman?
– Mirgakeef kan falmu simalee qaamni biraan hin jiru ka’I falmadhu yaa oromoo!
– Qote bulaan lafakee irratti diinni wal gurmeessee si saamuuf deemu
jabaadhu dura dhaabbadhu!
– Diinaaf hin jilbeenfannu! Habashaaf hin bitamnu!
– Saamichi lafa uummata oromoo haa dhaabbatu!
– Lafti oromiyaa fi oromoo hin gurguramin
Kana malees waa hedduun mooraa keenya keessatti faca’ee kan ture qaamni mootummaa wayyaanee mooraa seenee funaanaa ture, akka gaaffii barattootaatti kan ture nyaatni qulqullina dhabee waan jiruuf hin nyaannu, nyaatumti keenya qophayaa jiru haa ilaalamu haa qoratamu kan jedhus kana keessa jira.

Sagalee Seife Nebelbalii fi Simbirtuu Qophii Torbee Kanaa.

Aside

Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa;

Aside

Sadaasa 20,214 Adaamaa

q1Sadaasa 18,2014 irraa kaasee mooraa yuuniversitii saayinsii fi teknolooji Adaamaa keessatti mariin dhimma bulchiinsa, dhimma amantaa fi mirgi amantaa eegamuu dhabuu irratti dubbatamaa ture, kana irrattis gaaffiin adda addaa ka’uu isaa fi bulchiinsi mana universitichaas deebii itti fakkaate kunnuun insame.

Mariin kun kan hammate miseesmota mana amntii kiristaanaa Orthodoksii lakkoofsaan 700 ta;anii fi Musiliimota gara 1500 ta’anii wajjin ture. Marii kana irratti kan hubatame dhimma amantii isaanii fi bulchiinsa universitichaan kan walqabate yeroo ta’u bulchaan mooraa yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaadhaa hordoftoota amantaa Musiliimaan mooraa keessatti akka hin saganne beeksisa baasuudhaan dhorkee jira. mooraa kana keessatti eenyuyyuu akka hin sagannee fi shariyaa godhachuun akka hin danda’amne dubbachuu isaa fi warreen amantaa Orthodoksii gaggeessan ammoo huccuu adii haphii of irra buusanii mooraa keessa adeemoon dhorkaadha jechuun akeekkachiiseera. Kanaafuu mooraa kanaa alatti namni kamuu dhimma amantii isaa alatti akka barbaadetti gaggeeffachuu ni danda’a garuu seerri mooraa kun baaseef bitamuun dirqiidha jedheera.

Dhimmootuma kana irratti Sadaasa 18 irraa eegalee hanga Sadaasa 20, 2014tti barattoota kanaan kan gaggeeffamaa ture yeroo ta’u gaaffiiwwan hedduun barattoota irraa ka’ee deebii quufsaa hin argatin hafee gara mirga ofii kabachiisuutti tarkaanfachaa deemuun ibsamee jiraa. Mirgi amantii nuuf haa eegamu jechuudhaan gaaffii isaan kaasaniif osoo deebii hin laatin guyyaa biraatti beellamni biraan akka kennamu ta’eera.

Kun osoo kanaan jiruu barattootni 4, dhiira lamaa fi durba lama sagadaaf/salaataaf sirnuma salaataa amantii isaanii kabajuun akka masjiida seenaniin halkan keessaa sa’a 10:00tti poolisootaan qabamnii waajjira poolisa magaalaa Admaa eega bulfamanii booda barattoonni kun sochii amantii isaanii kana mooraa keessatti gaggeessffachuu akka dhaaban gorsaa akka kennaniif garuu akeekkachiifamuun booda ganama isaa gadi lakkifamaniiru. Osoo mariin kun hin dhumin wanni kun raawwachuun isaa ammoo mootummaan amantii uummataaf kabaja akka hin qabe kan mirkaneessu yeroo ta’u, maaliif akka isaan hidhaman, amantaadhaan yakkamuun maaliif dhufee irratti gaaffi cimsanii kan gaafachaa turan yoo tahu, kanumaan wal qabsiisee deebiin bulchiinsa mooraa kanaa irraa barattoota kanaaf kenname gahaa kan hin taanee fi yeroo biraatti darbee rarraee kan hafeedha.

Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa.doc