Sadaasa 20,2014 Sagalee Diddaa Gootota Qeerroo,Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Wallaggaa

Aside

Sochiin Warraqsaa FDG Sadaasa 20,2014 galgala har’aa Mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gootota barattoota Oromootiin qabsiifame hanga halkan keessa sa”aa 4:00tti waraana Wayyaanee humnaan mooraa barattoota seenee jiru waliin wal dura dhaabbachuun itti fufe, goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa wallee warraaqsaa dhageesisuun diina dura dhaabbachuun mooraa keessa waraana waliin wal kaachisaa ykn arihaa jiraachuu Qeerroon Gabaasa.



ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች : ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና :: November 20, 2014

Aside

Qeerroon Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Duubatti Hin Deebine Kaasuun Gootummaan Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jiru.Huni Agaazii Jedhamu Heddumminaan Mooraa Yuuniversitii Wallaggaas Qubate.

Aside

diddaa9Sadaasa 20,2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhiibbaa guddaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuubibarsiitii Wallaaggaa irraan ga’aa jiruun wal qabatee guyyaa har’aa sa’aa 10:00 irraa eegaluun gaaffii mirgaa finiinsuun FDG dhoosuun shira mootummaan wayyaanee EPRDF uummata Oromoo irratti dalagaa jiru dura dhaabbatan.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaaggaa guyyaa har’aa shira moottuummaan Wayyaanee addaatti mooraa yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwachaa jiruu fi akka waliigalatti uummata Oromoo irratti dalagaa jiruu balaaleffaachuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa shira har’a ifatti nurraatti dalagamaa jiruuf teenyee guyyaa hin lakkawwatnu jechuun FDG qabsiisuun sagalee guddaan mootummaa abbaa irree balaaleffachuun qabsoo finiinsa jiru. Mootummaan wayyaanee yakka haaloo ba’ii fi jabbinsa barattoota Oromoo irraa qabu ba’uuf ifatti baajata kaaffee nyaata barattootaaf ramadame irraa muruun tajajila siyaasaaf olfachaa kan jiruufi barattootni Yuunibarsiitii wallaggaa balaa beelaaf saaxilamuu fi Jibbinsa ilaalcha siyaasaan midhaa fi doorsifni guddaan Barattoota Oromoo irratti rawwachaa jiraachuu fi gama biraan immoo hojjettoota caaffee barattoota keessaa hojjetanin barattootaaf nyaata qopheessaniin odeeffannoo barattootni keessaa jiran nuuf kennuu diddaan isin rakkoo ilaalchaa ABO qabdu jechuun namoota hedduu hojii irra arii’uun walgabatee shira diinummaa mootummaan EPDRF ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiruu dhabamsisuuf goototni qeerroon barattootni Oromoo sagaalee guddaan fincila kaachisan. Gaaffiiwwan armaan gadii finiinsuun fincillii hanga halkan keessa sada’aa 3:00tti itti fufe.
1. Mootummaan abbaa irree wayyaanee baajata kaffeef nuuf ramadamee irraa muruun gara tajajila siyaasaaf olchaa jiru dhaabuu qaba. Balaa beelaa barattoota rukuchaa jiruuf mootummaan itti gaafatamu qaba.
2. Dararaan ilmaan Oromoo Oromummaatti boonaan hojjettoota olaanoo barsiisotaa hanga hojjettoota kaffeetti ilmaan Oromoo irratti xiyyeffachuun ilmaan Oromoo hojii irraa Arii’uun dhaabbachuu qaba. Ilmaan Oromoo kaffee mooraa keessatti qacaramuun hojjechaa turanii maqaa isin ilaalcha ABO qabdu jechuun hojii irraa arii’ama jiran dhaabbachuu qaba. Kanneen hojii irraa arii’atamanis hojiitti deebi’uu qabu.
3. Bara darbee keessa barattootni Oromoo gaafffii mirgaa gaaffattaan maqaa jedhuun jumlaan ukkanfamanii barnoota isaanii irraa hidhaman, haga guyyaa har’atti eessa buuteen isaani hin beekamuu, kanaafu barattootni Oromoo badii malee hidhaman gaaffii tokko malee akka hiikaman ni gaafatna.
4. Gaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii yeroo garaagaratti gaafachaa turreef mootummaan abbaa irree hangamatti deebii ilmaan Oromoo hidhuu ,ajjeessuu, barnootarra arii’uu deebii qubsaa godhachuun mirgi keenyaa fi mirgi uummata keenyaa dhiitamaa waan jiruuf mootummaan wayyaanee seeratti akka nuuf dhiyaatu jabeesinee gaafatna.
5. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummatni Oromoo gaafachaa jiru moggaatti dhiibuun saamicha lafaa fi Oromoo qe’ee irraa buqqisuu irratti xiyyeeffate dhaabu qaba; Gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof deebiin kennamu qaba.
6. Mootummaan wayyaanee EPRDF biyyaa dimookiraasiin hin jirree, biyyaa mirgi dhala namummaa keessatti sarbamaa jiru keessatti mootummaan wayyaanee filannoo dimookiraatawaan gaggeessa jechuun dhaadachuun tuffii uummataa ta’uu argisiisaa, Adeemsii filannoo kijibaa wayyaanee dhaabbachuu qaba. Hanga gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuttii fi mirgootni dimookiraasii fi mirgootni namummaa hanga kabajamanitti wayyaaneen filannoo ittin ololaa jirtu kan hin gaggeessine ta’uu ni hubachiifna uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon biyyatti kana hubachuu qabu gaaffii jedhuu fi gaffiiwwaan fakkataa gaafachuun dhaadannoo dhageesisuun itti fufan. Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa magaalaa Neqemtee dhunfatee jiru gara mooraa Yuunibarsiitii wallaggatti akkuma qajeelaniin goototni barattootni Oromoo Yuunibarsitii Wallaggaa dura dhaabbachuun of irraa kan deebisan yoo ta’uu, mootummaan wayyaanee diddaa barattoota kanatti rifaatuu guddaa keessa seenuun halkaan keessa sa’aa 1:30 irratti human waraanaa fi poolisii Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii galchuun barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii gaafatan irratti waraana banuun mooraan Yuunibarsiitii wallaggaa gara dirree waraanatti jijjiramtee jirti.

Goototni barattootni Oromoo Wallee Warraaqsaa fi dhaadannoo guddaan human waraana Wayyaanee dura dhaabbataan sagaleen dhukaasaa Wayyaanee fi sagaleen dhaadannoo Qeerroo barattoota Oromoo walmakee jiraahuun gabaafamee jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Sadaasa 19,2014

Aside

Gaaffii Mirga Uumata Oromoo Hamma Bakka Gahutti Qabsoo Itti Fufna Jechuun Qeerroon Barruulee Warraaqsaa Oromiyaa Keessa Tamsaasuu

Aside

SBO Sadaasa 19 Bara 2014

Aside

Oromoonni 160 Mana Hidhaa Shaggar Lixaa, Amboo Keessa Jiran Gaaffii Mirgaa Kaasuu Irraan, Hojii Humnaa Hojjechuu fi Nyaataan Akka Miidhan Taasifame; Nama 10n Irrattis Reebichi Hamaan Raawwatame.‏

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Lixaa, Amboo Sadaasa 18,2014.
Oromoonni gaaffiilee mirga Oromoo utubu gaafattan sababa jedhuun Oromumaan yakkaman 160 mana hidhaa Shaggar lixaa magaalaa Ambootti hidhamani jiran
guyyaa gaafa SadaaBecause I am Oromosa 16 fi 17,2014 gochaa mootummaan Wayyaanee hidhamtoota Oromoo irratti raawwatu balaaleffachuu dhaan mana hidhaa jiran keessatti fincila jabaa ta’e kaasuun jeeqamsi loltootaa fi hidhamtoota jidduutti ka’e salphaa hin turre. Haala kanaan Oromoota 10 sababaa fincila kana duuba jirtu jedhuun reebichi akkaanii irratti raawatamee miidhaan guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon Ambo irraa gabaasa. Oromoonni loltoota Wayyaaneen akkaan reebaman kun miidhaan jabaa waan irra gaheef haala yaaddessaa keessa jiraachuun gabaafama.

Akka gabaasaa Qeerroo itti ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Amboo keessatti hidhamani jiran kan dhiyoo hidhamani jiranis tahe kan yeroo hedduu mana hidhaa kana keessa turan ji’oota muraasaa asitti mootummaan Wayyaanee hojii humnaa guyyaa guyyaa hojjechiisuudhaan, itti dabaluudhaan ammoo nyaata sirna qabeessaan akka hin arganneef irraa kutuudhaan miidhaa gurguddaa irraan gahaa ture, haalli hidhamtoota kanatti cimaa dhufuudhaan guyyoota lamaan kana hidhamootni 160 ol tahan fincila mana hidhaa keessatti kaasan.

SBO Sadaasa 19 Bara 2014

Aside

Irreechi Malkaa Araaraa,Wallagga Naqamte Irratti Kabajame

Aside

Sadaasa 16,2014 Wallagga Naqamtee irratti gaggeeffame.
Irreechi barana Sadaasa 16/2014 Malkaa Araaraa irratti tahekan Wallaggaa Leeqaa Naqamtee irratti taasifame uummata lixa shagarii fi Wallagga magaalaa Naqamtee fi barattoota yuuniversitii fimanneen barnootaa garagaraa guutummaatti kan hirmaachiseedha. Waggoota tokko dura kan gaggeeffame baayinniuummataa kan baranaa dachaadhaan akka dabale uummata kumaatama hedduudhaanlakkaawaman hirmaachise jira.
Buufata malkaa kanatti Qeerroon sirboota qabsoo garagaadhageessisee jira,keessattuu dhaadannowwan:
– Qaroon oromoo ABO dha.
– Yaa oromo mirgakeef ka’ii falmadhu
– Nuti oromoodha, nuu haa beekani.
– Oromiyaan ni bilisoomti kan jedhuu fi sirbootniqabsoo hedduun uummata kakaasuu fi sirboota qabsoo qeerroodhaan sirbamankeessatti poolisoota kan hirmaachise uummata waliin sirboota Qeerroo irrattihirmaachuudhaan haala nama boonsuun kan gaggeeffameedha.
Akkuma olitti ibsuuf yaaleetti uummanni jiraattootni garashawaa lixaaa jiraatan hunduu ayyaana irreechaa malkaa Araaraa kana irratti kanargamaniidha. Irra caalatti barattoota
yuuniversitii fi koollejjii akkasumamana barumsaa sadarkaa garagaraa magaalaa Naqamtee, Siree,Baakkoo fi kkf niinkan dhuunfatameedha. Sochii qeerroodhaangodhame keessatti humni waraanaa poolisoonni jiran hunduu uummata waliin haalahoo’aadhaan guyyaa kana kan kabajanii oolanii fi dhaadannoolee uummata oromoofwaamicha taasisu, uummata kakaasan irrattillee kan hirmaatanii jiraniidha,uummanni hunduu kan irreecha kana irratti argaman nageenyaan bahee
guyyaakeessa sa;a 7:30 irratti gara qe’ee isaatti kan galeedha. Guyyaa irreechaMalkaa Araaraa kana ilaalchisee gabaasa dabalataa isiniin geenya, waraabbiiqabnuuf haala mijeessinee isiniin geenya, nu eeggattu!

Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa..na dhiisi jennaan na didde Wallisaa Biiniyaam G. /Clip Jalqabaa,

Aside