Sagalee Seife Nebelbalii fi Simbirtuu

Aside


ቄሮ: የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና :: November 27, 2014

Aside

Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haal duree qophii FDG bilisummaa Ummataa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa kabachiisuuf gaggeeffamu jabeessuuf qophii dursaa eegalan.‏

Aside

 Sadaasa 22/2014 Qeerroon  Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qophii Waarii Artii barattoota haaraawaa bara kana gara Yuunibarsiitii Jimmaa seenaniif  mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Saayinsii fi Tekinoolojii keessatti Qopheessuun  barattoota Oromoof wa’ee eenyummaa, Oromumummaa, Sabboonummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti barnoota bal’aa fi haalan aja’ibsiisa ta’e dabarsan.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo  qophii kana irratti walaloo fi wallee warraqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan, Gootota Oromoo warraa bilisummaa uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf yeroo garaagaraatti bakka garaagaratti wareegaman  maqaa isaanii waamuun leellifatani qabsoo wareegamaan as ga’ee, Imaanaa gootota keenyaa galmaan ni geenya jechuun waadaa isaanii harmsan. Qeerroon bilisummaa Oromoo ademsa sochii warraqsaa fi haal duree FDG tiif walaloo fi walleeleen warraqsaa Qeerroon goototni  barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa itti jiran  barnoota guddaa uummata Oromoof dabarsaa kan jiruu fi adeemsa qophii FDG ta’uu uummata Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsa.  Guutummaa walaloo fi walleelee warraqaasaa kallattiin waltajjii irraa dargaggootaa fi barattoota Oromoo fi barsiisotni Oromoo fi hojjettootni ilmaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa  kumootaan lakka’aman kan qooda irraa fudhatan.

“Ka’i Ka’i” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Sadaasa 25,2014

Aside

Sochii Barattoota Oromoo Yuuniversitii Naannoo Oromiyaa Keessatti Mul’ataa Jiruun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Humni Waraanaan Yuuniversiileen Eegamuu Qaba Jedha!‏

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo, Sadaasa 26/2014
Mooraaleen Yuuniversitii naannoo Oromiyaa keessa humna waraanaa fi tika Wayyaaneen eegamaa jiraachuu Qeerroon gabaase. Fincilli mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti eegaleef mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa naannoo Yuuniversiti eegumsi akka jiraatu murteeffameera, mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti barumsi dhaabbatee kan jiruudha.

Kana malees torbee kana fincilli Yuuniversitii Amboo keessatti ka’uuf jedhamee dursee mootummaan wayyaanee humna waraanaa ramaduun dhagayame, yeroodhaaf barattootni kan callisan tahus, yeroo ammaa yuuniversitii naannoo oromiyaa keessatti sochiin barattoota sabboontota oromoon gaaffiin mirgaa ka’uuf waan mumul’ataa jiruuf mootummaan wayyaanee murtoo keessa seenee jiru kan dhagayamu yuuniversitiileen naannoo oromiyaa tikaan eegamun waan dirqama tahudha jechuutu dhagayama. Akkasuma yuuniversitii dame Asellaa keessattii waraqaan balaliituun halkan edaa mooraa keesatti tamsa’ee naannoo garagaraatti mul’ateen bulchiinsa yuuniversitii dame Asallaatti fincilli barattootaan ka’uudhaaf deema waan taheef dursee akka of qopheessan, barattoota seeraan akka qabanii fi hordofan akeekachiisni gahaa jira jedhama,akka gabaasni Qeerroo irraa dhaamamaa jirutti yuuniversitii Wallaggaa, Damee Yuuniversitii Gimbii,Mattuu, Jimmaa, Finfinnee, Amboo,Adaamaa, dame Asellaa, Haromayyaa fi Bulee Horaa keessatti ka duraa irra sochiin barattoota oromoo, gaaffii mirgaa fi dhimmoota barnootaan wal qabsiisanii gaafachuun waan itti fufaa jiruuf akkuma sochiin barattootaa kun mul’ataa jiru caasaan mootummaa wayyanees waan dhagayuu fi itti yaaddawaa jiruufis dursanii fincila barattootaan dura of qopheessuutti dirqamanii jiraachuutu yeroodhaa yerootti waan hubatamaa jiruudha.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 26, 2014

Aside

SBO Sadaasa 26 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Kabaja Guyyaa FDG Awustiraliyaa fi Gaaffii fi deebii Art.Anuwaar Badhaanee waliin godhamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qophii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Sadaasa 24,2014/Filmaata Wayyaanee Dhufu Ilaalchisee Ibsa Qeerroo

Aside

WAREEGAMA HANQISUUF, MARIIN MURTEESSAADHA !

Aside

SEENAA Y.G (2005) | Sadaasa 23, 2014

Qabsoon Oromoo, bu’aa ba’ii hedduu keessa dabree har’a irra ga’ee jira. Qabsoon Oromoo har’arra ga’uuf wareegama ol aanaa nu kafalchisee jira. Wareegama Lubbuu , Qabeenyaa, beekumsaa , jireenyaa, waa maraa itti baafneerra. Wareegamni nuuti itti baasaa jirru bifa lama qabaachuu ni mala. Tokko, wareegama Qabsoo kana jiraachisuuf kafalameedha. Inni lammaffaa ammoo, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf Qabsoo gaggeeffamu keessatti wareegama baasaa jirrudha jechuu dandeenya. Qabxiileen kun lameen Qabsoo Ummata tokko keessatti kan mudachuu danda’an, garuu tokko isa tokkof rakkoo Umuullee kan danda’aniidha.

Qabxiin 1ffaa, Wareegama, Qabsoo jiraachiisuuf baafamu irra jireessi, dhimma rakkoo keessa ofiitti umamuun kan wal qabatuudha. Sababaa adda addaan gaaga’ama dhaaba tokko keessatti umamuun of baraaruuf sochiin taasifamu fi wareegamni kafalamu, kan Qabsoo jiraachisuu keessatti ibsama.Qabsoon Ummata Sanaa akka diigamee hin banneetti, Namoonni cichoomiina qaban ijibbaati taasisan wareegama gama kanaan kafalamu keessatti hammatama. Wareegamni kun kan kaleessa waliin kakatan asi deebi’ee wareegama nama kafalsiisuuf yaalii taasisuun kan Umamuus ta’uu mala. Walumaa galatti diina qawween falmituttidabalata , rakkoo keessa ofiitti diinaanis ta’uu kanneen dantaa dhuunfaa dursaniin balaa umamu irraa, Qabsoo saba kee jiraachisuuf wareegamni baaftu ni jira. Wareegamni kun hedduu ulfaataadha. inni 2ffaa, Diinuma Qabsoo Oromoo dura dhaabbatee jiru waliin falmaa bifa hundaa gaggeeffamu keessatti wareegama kafalamuudha. Wareegama bifa maraa kan hammatuudha. Qabxiilee kana gadi fageenyaan yoo ilaallee , waa lama nu akeekan. 1, Qabsoo jiraachisuuf yeroon fudhatu, diinaaf Umurii akka dabaluu,, 2, Diina isa innikkaa dura dhaabbachuuf, keessa ofii sirreeffachuun murteessaa ta’u.

Haaluma kanaan, keessa ofii odoo hin jabeeffatiin diina nu dura dhaabbatetti quba qabuun, injifannoo hawwinu akka nuf hin argamsiifne tilmaamuun nama hin dhibu. Diina nutti dhukaasee nu galaafachuu qofa barbaabaadu ofirraa ittisuuf, bakka dhaabbannee jirru ilaallachuun murteessaadha. Diina filannoo tokkicha qabatee nu dura dhaabbate kanaaf falli jiru maal ta’uu akka qabu odoo hin murteeffannee, ykn yoo xiqqaatee yaada jiru irratti quba odoo wal hin qabaannee, Yaadaa fi qalbiin bakka gara garaa dhaabbannee, sochiin taasifnu, Qabsoo jiraachiisuu keessaa nu baasee, diina irratti akka xiyyeeffannu nu hin gargaaru jechuudha. Diinni har’a nu dura dhaabbatee jiru, Dhiiga Oromoo kan qabu kamuu diina kootii jechaa jira malee, Maqaa Dhaabaan adda nu baasee nutti dhukaasaa hin jiru.

WAREEGAMA HANQISUUF , MARIIN MURTEESSAADHA !!!.docx

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Sadaasa 21 Bara 2014/ Qophii Addaa

Aside