Gaaffiin Aartistoota Oromoo Ergama Qondaalota ODPO Fudhatma Dhabsiise.

Aside

WAYYAANEEN NACAQASSI !

Aside

Habtamu NagashHabtamu Negashe Balcha Irraa

       Mudde, 25,2014

Oromumaan keenyaan biya iraa baqanee.

Yakka taka malee Oromiyaa  irraa fagaannee,

Kino haga araa biyyatti hindeebinee.

Lammi irraa addan baane,

Firaan addan banne,

Ollaan addan banne.

Kino haga araa Oromumaaf jeenne,

Akka ilmaan shibiraa adunyaa iraa facaanne.

Hayyottin Oromo maaf biya baqattan,

Baratton Oromo maaf biya baqattan ,

Goottonni Oromo maaf biyyaa baqattan?

Maalifissi hidhaman,

Maalifissi tumaman ,

Maalifissi ajeefaman?

Biya keessa kan jiran?

Mee yakka maal qaban?

Gutummaa Walaloo Haftaamuu Dubbisuuf:-  Wayyaaneen Na Caqasi

እውነት ተናገሪ!!

Aside

Mesert Tulluuምነው ማትናገረ ተናገሪ እውነት፡                                                                                  

ሁሌ ምትታፈን በስው ስራሽ

አንድው እውነት ሞቶ ውነትን ሲያበስር፡

ሌላው ግን በአፉ ውሽትን ደስኳሪ፡

ተናገረ ዝም አትበል እውነት መሆክን፡

አትሞት አትጠፋ ነዋሪ ነህ በውን፡

ተሸብህ በውሸት እንዳትወጣ ኢፋ፡

አንተ እንደ ነበረክ በአለም ላይ አንጋፋ፡

የስው ልጅ ሲመጣ ወደዝች ምድር፡

ውሽት አይነገር ከውነት በቀር፡

አዳም ሲያስተምር ፉቅርና እውነት ፡

ሔዋን ስትደገም ጀመረ ወሽት፡

እግዜር ሲፈጥረን በዝች ምድር፡

ዋሾ እንዳንሆን ከውነት በቀር፡

እኔ እውነት ነኝ እውነትም ነች እኔ፡

ውሽት የማይቃጣኝ ነዋሪ ነኝ በውኔ፡

ታእዲያ ስንቱ ሀጥያት ሲስራ ሰንት ግፉ፡

እውነት ለምን ትጥፋ ለምን ትሽነፉ፡

Read More:- እውነት ተናገሪ

Waraqaan Waamicha FDG Oromiyaa Bakkoota Garaa Garaatti Fac’aa Jira.

Aside

IMG_20141224_203639 IMG_20141224_211555 IMG_20141224_211615

Waraqaan waamicha dadammaqiinsa FDG Mudde 24 Bara 2014 ganama irraa Oromiyaa bakkoota garaagaraatti, addatti haga odeessi kun gumaa’ee nu qaqqabetti magaalota naannoo Finfinnee jiran kan akka Sabbaataa, Alem-Genaa, Burraayyuu, Sulultaa, L/Xaafoo Laga Daadhii fi akkasumaas Finfinnee bakkoota adda addaatti faca’aa jiraachuu odeessi nu qaqqabe addeessa.  Akka odeessaa fi waraabbii suuraa armaan gadii nu qaqqabe ibsutti, waraqaan waamicha dadammaqiinsa FDG kun dhaamsa ‘’tokkummaan wareeggama qabsoon bilisummaaf barbaaddu haakaffallu’’ jedhu kan ofkeessaa qabuu fi uummata impaayera biyyittii keessatti uummanni Oromoo uummata yayyaba ta’ee otoo jiruu uummata bicuu Tigreetiin gabroomuun salphinaa fi qaanii waan ta’eef, qaanii fi salphina uummanni keenya keessa jiru keessaa baasuun dirqama dhaloota kanaa ta’uu kan ibsuu fi dabalataaniis waamicha Qeerroon yeroo yeroon taasisuus jala jalaan hordofuun barbaachisaa akka ta’ees dhaamsi waraqaa waamicha kanaa ni mul’isa.  Waraqaan waamicha dammaqiinsa qabsoo bilisummaaf taasifamaa jiru kun itti fufiinsaan guutuu Oromiyaa irratti faca’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe ibsuus akkuma odeessi isaa gumaa’ee nu qaqqabeen jala jalaan kan gabaasnu ta’a.

Dabballoonni OPDO miidhama uummata Oromoo irra gahaa jiru mormuu eegaluun akeekkachiisni qondaaltota federaalaan itti kennamaa jira.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGDabballoonni OPDO sadarkaa adda addaa irra jiran, bakkoota garaagaraatti miidhama uummata Oromoo irra gahuu fi yeroo gara yerootti hammaataa deeme dabballoonni mormuu eegalanii jiru.  Akka odeessi nu qaqqabe addeessutti, godina Sh/Lixaa magaalaa Amboo keessatti qondaaltota OPDO kan tahan;-

  1. Obb. Balaay Kumalaa, Afa-Yaa’ii mana maree magaalaa Amboo
  2. Obb. Guddataa Dinquu, hoogganaa Waajira Haqaa godina Sh/Lixaa
  3. Obb. Dachaasaa, hooggana poolisa magaalaa Amboo kanneen jedhaman miidhamni uummata Oromoo addatti barattoota irratti gaggeeffamaa jiru gonkuma akka sirrii hin ta’iin wal gahii dabballoota Wayyaanee garaa garaa irratti jabeessanii mormii isaanii dhageessisan illee, mormiin isaanii kun lukkeewwan Wayyaanee biratti kan fudhatama dhabuu irra darbee, uummata kan nutti kakaasu isinii, dhaaba siyaasaa kan akka ABO waliin hidhata qabdu jechuun akeekkachiisni jabaan qondaaltota federaalaa irraa itti kennamaa jiraachuu odeessi nu qaqqabe addeessa. Oduma dabalataaniis daldaltoonni wal gahii adda addaa irratti miidhama uummata Oromoo irra gahaa jiru morman doorsisni irra qaqqabaa jiraachuu dhagahameera. Daldaltoota kanneen keessaas;-
  4. Obb. Kaasayee Qaqqabaa, dursa hojjetaa bulchiinsa godina Sh/Lixaa keessa hojjechaa kan turee fi gochaa OPDO nuffuun keessaa bahee daldalaa kan tahe,
  5. Obbo. Dhaabaa Gabbisaa, daldalaa magaalaa Amboo kanneen jedhaman uummanni maaliif ajjeeffama? Maaliif seeraan ala hidhama? fi guutumatti gochaa uummata irratti qaqqabaa jiru wal gahii lukkeewwan Wayyaanee murna hawaasa daldaltootaa walitti qabdee gaggeessitu irratti mormii isaanii dhageesisiisan illee mormii isaanii bu’aa dhorkachuu fi maqaa shororkeessummaa itti maxxansuun jireenya isaanii irratti doorsifnii fi hordoffiin gaggeeffamaa jiraachuu odeessi nu gahe addeessa.

Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Kaasuun Barnoota Dhaaban.

Aside

11387_489669604505323_7735385139558897223_n

Mudde 23,2014  Wallagga, Aanaa Jimmaa Horroo

Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Bultii 3f Deemsisan Itti Fufuun Gutummatti Barnoota Dhaaban

Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa akka jiran gabaasa Qeerroo yeroo darbee irraatti darbee jira. Haaluma kanaan barattooti Oromoo gaaffii mirgaa fi haqa qabaniin itti fufuun Mudde 23,2014 loltoota mootummaa Wayyaanee waliin walitti bu’uu fi doorsifamuun hammaatnaan guutummaatti mana barnootaa cufanii ykn dhaabanii warratti galanii akka jiran Qeerroon aanicha irraa gabaasa.

Kana malees hir’inni meeshaa barnootaa manneen barnootaa hunda irra gahe maatii barataa fi barattoota ilaala jedhee mootummaan uumata irraa horii funaanuuf saganteeffate guutummaatti farrummaa uumataaf qabu muldhisa malee hir’inni meeshaa barnootaa fi qulquullinni barnootaa kan ilaalu mootummaa Wayyaanee mataa isaati, kanaaf hanga mootummaan of tuulaan miidiyaadhaan tarsiimoo fi misooma barnootaa jedhee odeessu kun meeshaa hanqate fidee guututti barumsa hin barannu, deggersa barumsaas qarshiin nutty murtaa’e dhimma barumsaaf miti mootummaa sooruudhaaf malee jedhanii har’a diddaa isaanii cimsanii barattootnii mooraa gadhiisanii bahuun barnoota dhiisanii gara maatiitti galanii jiru.

Waldorgommii Ispoortii Aanota Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Gaggeefamuu Eegale Irratti FDG Dargaggootaa Oromoon Ka’uu Irraan Waraanni Wayyaanee Dirree Ispoortii Heddumminaan Qubate.

Aside

diddaa9Mudde 23/2014 Waldorgommiin Sportii  Aanoota Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjirame. Staduim Amboo Wallee Warraqsaa Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun dhuunfatame!!

Waldorgommiin Ispoortii gosa garaagaraan aanoota Godina Lixa Shaggar 18 gidduutti kan gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjarame jira,Goototni dargaggootni Oromoo uummatni Oromoo bakka waldorgommiin Ispoortii kun gaggeeffamutti walitti qabamuun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo fi ABO  faarsu sirbuun  sagantaa ispoortii fi taphootni garaagaraa wayyaaneen ittin sochii Warraqsa FDG laffisuu fi diddaa uummata Oromoo akka waliigalatti gaggeeffama jiru dura dhaabbachuuf qopheessite dura dhaabbachuun  diddaa sirna abbaa irree EPRDF’f qaban ifatti mul’isan.

Olollii afaan faajjii Wayyaaneen gama kamiin iyyuu gaggeessitu akeeka mirga keenyaa fi eenyummaa keenya kabachiifachuuf qe’ee keenyaa fi qabeenya keenya irratti wareegama qaalii baasa jirru irraa duubatti nu hin deebisu jechuun waraana wayyaanee, poolisoota Federaalaa Wayyaanee  basaastota wayyaanee ergama diinummaa fudhatanii sochii adeemsa FDG uummtni gaggeessa jiru kana dura dhaabbachuuf babbafamanii fi sabboontota Oromoo adamsuu fi qabanii hidhatti darbachuuf bobba’an dhagaan haleeluun bakkaa Waldorgommiin ispoortii Magaalaa Amboo Stadium guddicha keessatti gaggeeffamaa jiru arii’uun waldorgommiin ispoortii battalumatti gara FDGtti jijjiramuu danda’ee jira.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa fi poolisoota federaalaa of harka qabu dargaggoota fi uummata irratti bobbaasuun dirree Stadium  Magaalaa Amboo gara dirree waraanatti jijjiruun uummata fi dargaggoota irratti goolii kaasuun uummata gooluu itti fufan illee goototni dargaggootni Oromoo Godina lixa Shaggar irraa sababaa wal dorgomii ispoortii Wayyaaneen ololaaf qopheesiteen magaalaa Ambootti walitti dhufan Wallee Warraqsaa ABO faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo leellisuu itti fufuun dargaggootni Oromoos tokkummaa isaanii jabeeffachuun  gara tokko dhaabbachuun dhagaan humnotaa tikaa fi waraanaa poolisii federaalaa wayyaanee dura dhaabbatan. Haaluma kanaan waldorgommiin Ispoortii ololaaf wayyaaneen qopheesitee guyyaa kaleessa irraa eegaluun caalmatti gara FDGtti jijjiramee jira. Guyyaa har’aa mudde 23/2014 illee Magaalaan Amboo human waraanaa guddaa fi poolisaa federaalaa heddumina guddaa qabuun marfamtee utuu eegama jirtuu, Walleen warraqsaa haalaan jabaatee itti fufee jira.

 

SBO Mudde 24 Bara 2014 – Oduu – Gabaasa Festivala Aadaa Oromoo Melbourne Australia – Dhaamsa Bara Haaraa miseensota WBO akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sochii Barattoota Yuuniversitii Bulee Horaa fi Diddaa Uumataa Aanaa Ginniir Dura Dhaabbachuuf Jecha Waraanni Wayyaanee Hedduminaan Godinicha Irratti Ramadame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Ona Ginnir Irraa Muddee 22,2014

diddaa9Humni waraana Wayyaanee Baalee aanaalee garagaraa fi naannoo Yuuniversitii Bulee Horaa socho’uun beekame. Gabaasni Qeerroo har’a Muddee 22 addeessuun , mormiin bulchiinsa mootummaa fi karoora miisooma mootummaa gufachiisuudhaaf uummannii fi barataan Yuuniversutuu Bulee Horaa wal tumsee jira sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee ona Baalee garagaraa keessatti humna waraanaa qubsiisuun sochii diddaa dura dhaabbachuu qaba jedhee qubachiisuu gabaasni nu gahe addeessa.

Akka madda gabaasichaatti baatiwwan darban keessatti uummanni gaaffiwwan dhimma hidhamtootaa ilaalchisee gaafachuu irraan, akkasuma mootummaan dhimma amantaa keessa akka hin gallee fi hordoftoota amantaa musliimaa keessattis namoota maqaa shororkeessummaatiin mana hidhaa keessa jiraniin wal qabsiisanii gaaffii kaasuun kan yaadatamuu fi akkasuma barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa, gaaffii kaasan waraqaadhaan mooraa keessatti bittimsuun gabaasuun keenya kan yaadatamuudha kanumaan kan wal qabate mootummaan Wayyaanee godina Baalee irratti wal tumsi uummataa fi barataa daran jabaatee akka jiru waan hubateef FDG Oromiyaa keessatti ka’u humna waraana isaatti amanuun uummata dura waraana isaa buusuun hojii isaa fardii waan taheef, sodaa fi shakkii diddaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qabuun kan ka’e ammoo godina Baalee irratti sochii barattootaa fi uummataa waan isaa yaaddeesseef, humni waraana isaa godina kana keessa onaalee garagaraa fi naannoo Yuuniverstii Bulee Horaa buufatee socho’aa fi doorsisa adda addaa mul’isaa jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo biratti jibbamuu jala muree kan beeku tahullee abdii kutachuu dhabuun, tooftaa hannaa fi doorsisaan filannoo irratti filatamuuf amma irraa haala aanjeffachaa kan jiruu fi uummata keessatti ammoo uummanni qaama biraa filachuun akka adabsiisaa tahe doorsisa uummata irratti bananii baadiyaa keessa socho’uudhaan duula taasisaa jiru,kun godinaalee Oromiyaa garagaraa keessaa gabaasni Qeerroo addeessa.

Aside

Beeksisa:- Walleeleen Bara 2014 Keessa gaaffii Mirga Uumata Oromoo ol-kaasuun Mootummaa Wayyaaneen hundeen raasan keessaa hammi tokko Amajjii 1,2015 Itti Guutuu Oromiyaa fi Biyya Alaa keessatti Ummata Oromoo dhaqabuuf jira.

CD marsaa duraa tokkichi isaa walleelee 28 kan qabatu ta’a. Kan marsaa 2ffaas akkasuma baatiilee muraasa booda uumata Oromoon dhaqaba.

dvd lebel cov 333-02