Olola Misoomaa Wayyaanee EPRDF fi Dhimmi Filannoo Nu Hin Laalu Jedhchuun Uummanni Wallagga,Aanaa Qellem, Anfilloo Diddaa Itti Fufan.

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo Qellem, Anfilloo Muddee 29/2014

Dhimma Filannoof uummata walitti qabanii mariisisuuf karoorfame torbee darban kana Muddee 22,2014 irraa kaasee guyyoota lamaaf, Qellem Anfilloo irratti uummanni argamuu diduun feshelaa’e.

Odeessi Qeerroo Anfilloo har’a Muddee 29,2014 addeessaa jiruun, mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa dhimma filannoof hanga gandaatti gadi buusee uummata mariisisuuf caasaa isaa kanneen amanamoo ta’an dirqisiisaa jira, akka odeessan kun ibsutti caasaadhumti mootummaa hojii irra jiru dhimma filannoof mootummaa keessumsiisuu didee jira, dhimma filannoo ilaallatu uummata keenyatti dubbannee uummataan jibbamuu keenya irra hojicha dhiisuutu filatama jedhanii ajaja mootummaa kallattii kanaa lagatan mootummaan kan isaaf amanamoo ta’anittis dhimma bahee uummatatti dhiyaachuu eegale, namoota akkasiin torban darban keessa guyyoota olitti caqasaman Anfilloo irratti walgayii guyyaa lamaaf waamicha godhe irratti miseensota isaa kan ta’an walakkaan argaman irraa kan hafe uummanni guutummaatti hin argamin waan hafeef ergamni mootummaa karaatti hafee ammas haaluma kanaan wal qabsiisanii karaa biraadhaan uummata walitti qabuudhaaf misooma biyyee daagaa baasuu kan jedhu gammoojjii irratti uummata dirqimaan akka bahan taasifame kunimmoo isa dhumaa uummanni fincila kaasutti geese, misoomaa fi dhiqama biyyee eeguun mootummaadhaan durfamnee hin beeknu har’a mootummaan kana nu ajajaa jedhanii ajajoota mootummaan ergee kana irratti uummata bobbaasisuuf dirqama itti kenne uummanni of irraa ariye, akka odeessaan Qeerroo ibsutti daandii ittiin uummata bakka tokkotti walitti qabatan barbaachaaf kan deemanis feshale.

Kana malees  kanneen mootummaan dirqama kana itti kennee uummata bobbaasuu qabdu jedhuun caasaa isaa tamsaase kan gara uummataa jiran uummata keenyaan hin jibbamnu jedhanii ajaja mootummaa lagatanii jiru, akka walii galaatti dhimmi filannoo jedhamuu fi namni mootummaa filuudhaaf afaan saaqqatee dubbatu uummata Anfilloo gidduutti balaaleffatamaadha, uummatas tahe Qeerroon ona kana irraa dhimmoota filannoof namootni uummata keessa duula godhan diddaan uumataa daran jabaachuuf akka deemu Qeerroon gabaasa.

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ :ዜና:: December 27, 2014

Aside

SBO Mudde 28 Bara 2014. Oduu, Xalayaa ABO UNf Barreesse Irratti Gabaasa, Gaaffii fi Deebii J.Billoo Garbii Waliin, Dhaamsota Bara Haaraa fi Qophiilee Adda Addaa…

Aside

Mudde 27,2014 Raadiyoo Sagalee Oromoo /Gaaffii fi Deebii Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa Waliin Taasise

Aside

Mudde 26,2014 Halkan Yuuniversitii Walqixxee Keessaa Barattooti Oromoo 40 ol Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 27,2014

oromo in ethioMuddee 26,2014 Godina Kibba Dhihaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Walqixeetti Mootummaan abbaa irree EPRDF Wayyaanee barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti rakkoo uumeen jeeqamsa kaasuun waraana mooraa Yuunibarsiitii seenee barattoota Oromoo goolaa jira.‏

Mootummaan abbaa irree shiraan umrii aangoo isa turfacha ture barattoota Oromoo fi barattoota saboota biroo walitti diruun ilmaan Oromoo barbaadu keessa guuree maqaa walitti bu’iinsan hidhuuf karoorfatee socho’aa jiru, Qeerroon barattootni Oromoo dura dhaabbachuun akeekaa wayyaanee fashalsuu irratti xiyyeeffatan. Yakkamtootni ilmaan habashaa ergama Wayyaanee fudhachuun waldhabdee hin barbaachifne dhaluu barbaaddan yeroon yoo gochaa diinuummaa fi ergamtummaa wayyaanee irraa of hin qusatne rakkoo haama keessa kan of galchaa jirtan ta’uu hubachiisuun, Qeerroon barattootni Oromoo walitti bu’insa barattoota Oromoo fi saboota biroo gidduutti dhalatuuf mootummaan ERDF Wayyaaneen itti gaafatama ta’uu jabeessine hubachiifna.

Shira dabballooti  Wayyaaneen uuman kanaan  walqabatee ilmaan Oromoo badii tokko malee Yuunibarsiitii Walqixee keessa halkan humna waraanaa  fi poolisaa Federaalaa Wayyaaneen ukkanfaman keessa kanneen maqaa isaani nu qaqqabee jiru

1.Barataa Yaadasaa Mirreessaa

2.Barataa Qalbeessaa Iddoosaa

3.Barataa Abarraa Xaafaa

4.Barataa Wagayyoo Nugusee

5.Barataa Abbabaa Balchaa

6.Barataa Jirra Nuus

Kanneen jedhaman kan keessatti argaman barattootni 40 olitti lakka’aman halkan humna waraanaan ukkanfamuu maddeen keenya Yuunibarsiitii Walqixxee irraa gabaasuun, Qeerroon barattootni Oromoo shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu ibsatan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 26, 2014 / Oduu fi Gabaasa Dhimma Walgahii Artistootaa

Aside

“Wareegamee Lubbu Itti dhabuu illee…… ” Wallee Haaraa Sabboontuu Biyyashii Fufaa B / 2015

Aside

Filmaata Dhufu Mohachuu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide.

Aside

Proj.1 Proj.2 Proj.3

Gabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 26,2014

Filmaata Dhufuuf Mohachuu Sababa Jedhuun  Mootummaan Wayyaanee Projektii Daandii, Ibsaa fi Yuunniversitii Hundeessuu Jedhchuun Karoora Bakka Hin Geenye Baase Irratti Uummatni Hirmaachuu Dide. Abdii Dhabuudhaniis Hojiin Ibsaa Galchuu Karatti Hafe.‏

Diddaan uummataa Oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti haala wal hidhataan finiina jiraachuun kallattii adda addaan Qeerroon gabaasaa
jira,Mootummaan Wayyaaneen yeroo ammaa dhimma filannoon wal qabsiisee uummata garaa laaffifachuudhaaf ummata biyattii qabachuudhaaf caasaa qabutti dhimma bahee filannoof qophii gochuutti jira, carraan filannoo inni gara uummata oromoo irraa qabu yeroo ammaa yaaddessaa fi akka hin filamnes waan shakkuuf,kanas maaliin uumatatti dhiyaachuu akka qabu karoora keessa waan galcheef uummata Oromoo qabachuudhaaf uummataaf waan gaarii hojjechuu, keessattuu uummata baadiyaa keessa jiraatuun filatamuudhaaf inni guddaan irratti xiyyeeffatee caasaa qabuun hojii eegalee jiru misooma daandii hojjechuu ,projektii ibsaa galchuu fi mana barumsaa olanaa kan akka yuuniversitii babal’isuu jedhu uumataaf waadaa seenuu irratti torbeewwan kana keessa kan eegale, godina Qellem kanneen akka aanaa Jimmaa Horroo, Anfilloo, magaala Dambi Doolloo,Qeebbee, keessatti duula kana irratti namoota isaa bobbaasee mootummaan uummataaf ibsaa galchaa jira, daandii baasa jira waan taheef sirna bulchiinsa isaa aangootti fayadamee har’a gahe kana isa baasuu diduu hubatee gara sobaan fakkeessaadhaan yaada uummataa argachuutti kaayyefatee caasaa OPDO keessaa kanneen dhalootaan oromoo hin tahin, uummata Oromoo gidduutti kan guddataniin dhimma bahuueegalee akka jiru gabaasni Qeerroo lixa Oromiyaa Qellem, Dambi Doolloo irraa addeessa.

Aanaa Jimmaa Horroo keessatti torbee kana kan hojjetamaa jiru hojii ibsaa galchuu irratti kan bobbahan, humna uummataatti fayadamee projektii ibsaa kana yeroodhaan akka xumuramuuf uummataaf waamicha taasise keessatti uummanni aanaa kana keessa jiraatu hojii isaanii lagachuu fi argamuu diduun, kaayyoon mootummaa Wayyaanee nuun nun fayadadu, uummata Oromoos wan fayadu hin qabu kan jecha uummata irraa dhagayaniin abdii uummata irraa dhabanii isa kaayyefatan daandiitti gubbaatti feshelaa’ee hafe, ammas taanan uummanni kan jedhu filannoon keessan jala geenyaan ibsaa galchitanii, kaleessa ijoollee keenya ajjeeftani, hojii irraa ariitani jechuudhaan Muddee 20 irraa kaasanii duula mootummaan wayyaanee uummata oromoo keessatti filatamuuf jecha hojii sobaa eegale uummataan feshala’aa jiraachuu godina Qellem, aanaalee garagaraa irraa dhagayamaa jira. aanaa kana keessatti uummatni Qote bulaan Qeerroo waliin jiraatee diddaa waan jabeesseef, akkasuma hojiin Wayyaaneen caasaa isaan uumata keessatti dalagu dhoksaattis tahe mul’inatti ifatti bahaa waan jiruu kana hunda hubachuu irraan uummatichi ABO dha jechuu eegale, qorachuufis uummata kana kan qoratee dhiisu wallaaluu gama caasaa caasaa mootumaa godina Qellem irraa Qeerroo qaqqabuun gabaasni nu gahaa jiru addeessa. Haaluma kanaan tokkummaan uummataa Qeerroo waliin cimee kan jiru tahuu isaa kunoo gabaasonni Qeerroo lixa oromiyaa, Qellem irraa nu gaha jira.

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu

Aside

Barruuleen Waamicha Qabsoo Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Tamsa’uu Itti Fufe.

Aside

IMG01244-20141106-1858IMG01251-20141106-1957 IMG01257-20141106-2050
IMG01259-20141107-1228

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Mudde 25,2014

Waraqaan waamicha qabsoo bilisummaaf gaafa guyyaa Mudde 24 bara 2014 irraa eegalee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti faca’uu eegale Mudde 25,2014  itti fufuun magaalota Oromiyaa fi baadiyyaalee keessatti bal’inaan faca’uu itti fufee jira. Akka odeessa gumaa’ee nu qaqqabetti, waraqaan kun magaalota Oromiyaa kan akka Amboo fi naannoo ishii, Giincii, G/Baraat, Jalduu, Geedoo, Naqamtee fi naannoo ishii, Waayyuu fi naannoo ishii, Walisoo, T/Boolloo,G/Gurraacha,Fiichee fi naannoo ishii, dhaabbilee barnootaa ol’aanoo garaagaraa kan akka Yuuniversiitii Finfinnee, Amboo, Walisoo, Wallaggaa fi akkasumaas kan bakkoota adda addaatti  fac’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe addeessa.

Faca’uu waraqaa waamichaa kanaan wal qabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee shororkaa keessa galuun uummata waraqaa kana dubbisu humnaan akka hin dubbifne irraa bittimsuu fi waraqaalee faca’an kanneeniis irra deemuun funaanaa jiraachuus odeessi nu qaqqabe addeessa.