Gabaasa Qeerroo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Amajii 30,2015,
Dargaggootni fi Qeerroon oromoo godina Gujii kaleessa Amajii 29 aanaalee garagaraa Gujii keessatti waraqaalee dhaadannoo bittimsuun mootummaa Wayyaanee rifaasisuu fi uummatnis dammaqsuun Qeerroon gabaase, baatiima kana keessa mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni jiraattotni Gujii miliyoonaan lakkaawamu rakkina daandii fi ibsaa qabaachuu,rakkina isaanis furmaata itti gochuuf, yeroon filannoon jala gahetti hojii misoomaa daandii baasuu fi ibsa uummataaf galchuu irratti caasaa isaa misoomaa gara bobbaasee jiraachuu miidiyaa of harkaa qabu RTVOn lallabaa ture, odeessi midiyaa Wayyaannootan darbu uumata biyyattii biratti odeessa kijibaan darbu malee kan haqa of keessaa qabu akka hin taane saboonni biyyattii gahaatti ni beeku. Haala kanaan Qeerroon godina Gujii keessa jiraatu olola mootummaa Wayyaanee soba of keessaa qabu ifatti saaxile, dhaadannoolee:-Mootummaan wayyaanee waggaa 25 aangoo ture keessatti rakkoo uummataa
furuu hin dandeenye,Daandii baasuu fi ibsaa galchuun mootumma wayyaaneef dadhabbii tahe,
kanaaf nurraa haa ka’u,Dirqamaan kaardii filannoo hin fudhannu,Humni waraana mootummaa nu keessa hin deemin nu keessaa haabahu,Nuti bilisummaa barbaanna,walabumaatti ammanna! Oromiyaan kan oromooti, kan habashaa miti!Mirgi keenya nuuf haa kabajamu!Mootummaa sobduu hin barbaannu!Mootummaan Wayyaaneen ajjeesaadha, saamtuudha, aangootti fufuu hin qabu!
Dhaadanollee hedduun uummata keessatti aanaalee adda addaa keessatti darbatamuun bittimfamee jira, uummannis har’a akkuma jirutti waraqoota faca’e kanatti gurra dhaabuun gammachuun itti dhagayame, diddaan isaaniis dargaggoota godinichaa waliin hiriiruuf mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun falmii gaggeessuu kutatan,dhaadannon Qeerroo kaleessa galgala ka’ee aanaalee hunda keessatti naannoo mana barumsaatti faffaca’uu fi bakka uummanni arguttis maxxanfamuun dhagayame, kanumaan har’as barattootni kanneen akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, qophaayinaa aanaa Shaakkisoo barumsa dhaabuun dhagayame.
Blog Archives
Seife Nebelbal Radio, January 30, 2015
Aside
Horsiisaan Bultooti Oromoo Godina Baalee, Aanaa Dawwee Sarar Hidhattoota Somaalee Waliin Walitti Bu’uu Gabaasi Naannichaa Addeessa
Aside
Gabaasa Qeerroo Baalee, Ginniir Irraa Amajii 30,2015
Wayyaaneen uummata Oromoo irratti saboota Somaalee irratti kaastee akka jirtu kanaan duras gabaasaan kana fakkatu yeroodhaa yerootti dhiyaataa ture,lafa qote bulaa humnaan meeshaadhaand doorsisuun kan ofii taasifatan, horiin qote bulaa humna addaa Somaaleen oofamee saamichi uummata irratti gaggeeffama jiraachuu kanaan dura gabaasuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan har’a godina Baalee aanaa Dawwee Sarar jedhamtu keessatti Uummanni Oromoo Baalee aanaa kanaa fi humni addaa Somaalee walitti bu’iinsi guddaan ta’e, humni waraana Somaalee konkolaataa bulchiinsa aanaa Dawwee Sarar fudhachuun qajeele,horiin uummataas humnaan oofamuu irraan uummanni abbaan qabeenyaa utuu jirruu saamamnaa jechuun dura dhaabbate dhukaasnis uummata horsiisee bulaa Oromoo irratti dhuka’e horsiisee gama lachuun irraa gaaga’ami akka gahe gabaasa naannicha irraa nu gahe beeksisa.
Horsiisee bulaan Baalee aanaa Dawwee hedduun haala kanaan akka gaaga’amanii jiran lakkoofsa hin qabu jedha Qeerroon, kun tahuun isaa har’a Amajii 30/2015 ganama sa’a 4:00-7:00 gidduutti akka sa’a naannootti yoo tahu godina Baalee aanaaleen 10 ol tahu gara aanaa bakka walitti bu’iinsi jiru kanatti uummanni imalaa jiraachuun dhagayamaa jira, kunis diddaa jabaa warra somaalee waliin gaggeessuuf uummanni Oromoo of qopheessee qajeelee jiru aanaalee: Ginnir ,Gaashara,Goobbaa, Raayituu,Daawwee,Daawwee Qaaccan,Beeltuu, Sawweenaa,Barbaree, fi kkf gara sanatti bobbahee humnaa fi kaayyoo tokkoon lola irratti hirmaachuf deemsa taasisee jira, mootummaan Wayyaanee saba bicuu somaalee waan uummata irratti kaaseef gidduu goree dhaabsisuu kan hin dandeenyeef kun kaayyoo isaati uummannis kana hubatee waan jiruuf mormii gara lachuutti taasisuudhaaf diddaa jabaan ka’ee akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa, uummanni keenya rasaasaan madaa’e danuudha. Qeerroonis kana keessatti uummata isaa waliin hiriiree diina uummata Oromoo lakkuu tahee itti dhufe waliin fincila adeemsisuu haamilee fi yaada tokkoomeen eegalee jira.
Sagalee Qeerroo Qophii Amajjii 30, 2015/ Diddaa Aanaa Jimmaa Horroo Irratti Qophii Addaa.
Aside
ለድል ተሰማራ!!
Aside
ለድል ተሰማራ!!
Masarat Tulluu Irraa
ውጭ ሀገር ተቀምጦ ምን ሊፈይድ ወሬ፡
ወገን ሲጨፈጨፉ በነጋ በጠባ፡
በገዥዎች ትእዛዝ በካዲዎች ደባ፡
በስርቤት ታጒሮ በሳት ሲጠበስ፡
በውነት ፉጡራነን ለወገን ምን ደርስ?
በሳይበሩ አለም የምንኖር በአፉ፡
ዘራችን በጥይት እንደ ቅጠል ሲርግፉ፡
ሰው ሆነን ለመኖር ምንድን ነው ትርጉሙ፡
በተግባር የሌለን ሁሌ ማጉረምረሙ፡
የቡና ላይ ወሬን እርም ብለን ተፉተን፡
ለድል እንነሳ እንታገል ተግተን፡
ሁሌ ከምንኖር እንባ እያነባን፡
ለድል እንነሳ ባንድ ላይ ሆነን፡
የትላንቱ ህፃን ሞትን ሲደፉር፡
መሆናችንን አውቀን ከሞት የማንቀር፡
ዝም ብለን ከምናልፉ ለወገን ሳንሰራ፡
ሀሜት አስወግድህ ለድል ተሰማራ፡
ነፃነት አይመጣም ቁጭ ብሎ በወሬ፡
መጣላችን ያብቃ ተገለን እንዳውሬ፡
ለድል ተሰማራ
Sagalee Simbirtuu Qophii Amajjii 29,2015
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 28, 2015
Aside
Filannoon Sobaa Bilisummaa Oromoo fi Mirga Sabootaa Hin Fidu Mata Duree Jedhuun Sochiin FDG Magaala Adaamaa fi Naannoo Isheetti Itti Fufe
Aside
Amajjii 29,2015 gabaasa Qeerroo Adaamaa, Sochii mootummaan Wayyaanee maqaa filannootin ummata keenya burjaajessu dura dhaabbachuuf ,akkasumas filannoon biyya keenyaa ol’aantummaa paartii biyya bulchu qofaan kan adeemsifamu waan taheef ummatni Oromoo filannoo irraa akka of daangessee QBO faana sochii isaa akka taasisuuf ibsoota ejjennoo fi dhaaddannoowwan garagaraa kaleessa galgala magaala Adaamaa,bishooftuu,duukam fi fantaalle mataa haraa keessatti manneen barnootaa fi waajjiraalee jiran hunda irratti raabsamee jira. dhaaddannoowwan kunis
- Filannoon kijibaa mirga saba keenyaa hin dhugoomsu,akkasumas gabrummaadhaa nu hin baasu
- Filannoon mirga malee dirqamaa miti ,kanaaf kaardii filannoo dirqamaan kennuun haa dhaabbatu
- Barattoonno oromoo sababa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa hidhamuu fi ajjeefamuun akkasumas mana barumsaa irraa ari’amuun haa dhaabbatu
- Qote bulaa oromoo sababa investimentiin qe’ee isaa irraa buqqisuun haa dhaabbatu
- Hoogganoota OPDO ergama wayyaanee galmaan gahuuf ummata keenya irratti hojjetan ni balaaleffaffa. fkn 1Abbaa duulaa Gammadaa (minaasee w/goorgis) 2,Kumaa Dammaqsaa (Taayyee Taklahayimaanot) 3,Muktaar Kadiir ,4,Abdul Aziiz Mohaammad fi kkf fa’a
- Ummata oromoo saboota ollaan walitti buusuf daangaa oromiyaa ciruun saba biraaf kennuun haa dhaabbatu
- Ilmaan oromoo oromummaa isaanin yakkamuun akka bineensaa adamsamanii jireenya isaanii irraa hidhaatti guuruun haa dhaabbatu
- Seerri ummata Oromoof hin hojjenne ummata Oromoo irrattis hojjechuu hin qabu.
- HUB-Nuti sabni Oromoo mirgaa fi biyya diinaan nurraa mulqame filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoodhan deeffanna- dhalli Oromoo shira mootummaan Wayyaanee uumata Oromoo irratti hojjechaa jiru hubachuun kaardii filannoo dirqamaan nutti laatamu dura haa dhaabbannu -maaster pilaanin finfinnee dhaabbatee otoo hin taane sochii barattoota oromoo dhaamsuf tooftaa bahe ta’uu hubachuun falmii keenya itti haa fufnu
INJIFANNOON UMMATA OROMOOF
Sochii taasifame kana erga agartee tikoonni wayyaanee daran yaaddoo keessa galuun dabballoota ishee magaala keessa facaasun waraqaa faca’e guuraa jiru ,dabalataanis haalichi mataa bowwoo itti tahee waan qabanii fi dhiisan dhabuun rifannoota keessa seenanii jiru Qeerroo naannichaa irraa
Filannoo Sossobbaa/ Walaloo Abdii Baalee Irraa
Aside
Filannoo Sossobbaa
Abdii Baalee Irraa
Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?
Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???
Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Qawwee itti bitadhaa,diina mataa dhayaa!!!
Biyyarraa baqachuun deebii maalii tayaa,
Lammii koo,Oromoo,bakkayyuu wal tayaa,
Dammaqaa dammaqsaa,warri bahaa fi dhiyaa,
Falmaa Itoophiyummaa,fuulduratti bayaa,
Ilmaan Oromootiif,BILISUMMAAn fayyaa,
Kanaaf,sanyii Seemii nurraa kaasuu wayyaa,
Diina mataa dhahuuf,hundinuu qophaayaa,
Deebiin kana hundaa,qawween mirkanaayaa,
Gaaf san,BILISUMMAAn keenyas nutti mi’aayaa!!!
Qareessaa fi qareettiin ilmaan Oromootii,
Biyyarraa baqannee,biyya alagaatittii,
Rakkoo dhaan dhaanamaa,jiraachuun maal buuftii,
Maal maalitti,dhiifne,harmee haadha mootii,
Kan falmaa ishii dhuman leenconni abbootii,
Nuti hoo maaf dagannee,nurraa ooltii duutii,
Moo filannoo sanaan Wayyaaneen nuuf naatii,
Jettanii,teettan moo,yaa foon dhiiga kootii,
Ka’aa yaa lammii koo,gowwaa hin eeginaatii!!!
Qabsoo itti fufaan,Bilisummaan dhuftii,
Qabsaayuu qabaanna,hanga dhumaatittii,
Yoo duunee dhumnellee,seenaan nu yaadattii,
Hanga hundi dhumee,nam-tokko hafutti,
Jabaadhaa socho’aa qabsoon itti fuftii,
Lolu qabna dhiiroo,lama hin jirtu duutii!!!
Amajjii 25,2015,
Barri 2015,bara Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa nuuf haa ta’uu!!!
Yaa Rabbi nu walaboomsi,nu birmadoomsi!!!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 28, 2015/ Gabaasa Haala FDG Godina Gujii
Aside
