Guraandhala 4/2015 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti kanneen argaman humni waraanaa kora bittinneessa Oromiyaa jedhamuun beekaman sabboontota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waliin qunnamtii tolfattanii FDGtti seenuuf jirtuu maqaa jedhuun wayyaaneedhaan qorataman.

Aside

Guraandhala 4/2015 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti kanneen argaman humni waraanaa kora bittinneessa Oromiyaa jedhamuun beekaman sabboontota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waliin qunnamtii tolfattanii FDGtti seenuuf jirtuu maqaa jedhuun
wayyaaneedhaan qorataman. Sochiin warraaqsa FDG mootummaa wayyaanee gama hundaan hudhee qabuutti jira. Sabboontootni poolisootnii fi humni bittinneessaa Oromiyaa jedhaman keessatti ilmaan Oromoo argaman Oromummaan yakkamuun qorannoof saaxilaman jedhe odeessii keessa kora bittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa qubsiifame jiru gidduudha bahaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF Oromoo ajjeessa jira, Oromoo saamaa jira, Oromoo qe’eef qabeenya irraa buqqisaa jira, Oromoo mirga abbaa biyyummaa irra mulqee jira, badii tookko malee Oromummaan yakka ta’aa jira, kun humna waraanaa mitii maraatuu fi raatuu karaa guddaa illee dhimma dammaqsudha, Ogummaa Waraanaatiin dhimma nageenya biyyaaf jennee mootummaa kana waliin dalaguun garba nu godhee jira arii jedhuun humni waraana kun hedduu dheekkama jiru. Akeekni fi karoorri roorroon mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti gaggeessa jiru akka rasaasa bilisummaa dhukaafnuuf nu dirqamsiisaa jira Oromoon bakka jirtanii nu cina dhaabbadha jedhuu sabboontootni Oromoo poolisii kora bittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti argaman.

Mootummaan Abbaa irree EPRDF yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun poolisii kora biittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa qubsiifame jiru gara Godinalee Oromiyaa birootti buqqisee jijjiruuf akka jiru odeessi nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Sabboontotni ilmaan
Oromoo bakka jijjiruun Oromummaa keenya kan nu keessatti ajjeessuu utuu hin ta’iin Oromummaa keenyatti kan nu cimsudha jechuun bakka kam iyyuu yoo adeemne kanaan booda Oromoo hidhuun, Ajjeesuu fi biyyaa irraa baqachiisuun dhaabbachuu qaba, adeemsa kana bakka kamittuu haalduree tokko malee dura dhaabbatna jechuun dhaamsa dabarfatan.

Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo ilmaan Oromoo sadarkaa garaagaraa fi haala garaagaraa keessa jiratan hundi yeroon gamtaan falmatan amma bakka jirruu harka wal qabatnee eenyummaa, bilisummaa Uummata Keenyaa fi walabummaa biyyaa keenyaaf haa falmaatnu mmuutummaa abbaa irree Oromummaa keenyaan nu yakka jiru dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa itti fufinsa qabu uummata Oromoo hundaaf dabarsuu itti fufan.

Injifatnoon Uummata Oromoof!!

Sagalee Qeerroo Guraandhala 04 Bara 2015 Qophii Afaan Oromoo

Aside

SBO Gurraandhala 4 bara 2015. ODUU fi Gabaasa mormii hawaasni Oromoo biyyoota adda addaa jila ergamtoota wayyaanee irratti gaggeesse ilaallatu

Aside

Sagalee Qeerroo Guraandhala 03 Bara 2015 Qophii Afaan Amaariffaa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 2, 2015 with 15 minutes English Program, Oromia Insight

Aside

SBO Gurraandhala 01 Bara 2015. Oduu, filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Falmataa Bilisummaa fi Qophiilee adda addaa

Aside

Gabrumman Nu Gaha!!!! Jibriil Jawaar /2G BOYZ/

Aside

Wallee Haaraa “Gabrummaan Nu Gaha”

Koollejjiin Barsiisota Jimmaa Tajaajila hojii Ogummaa Barsiisummaa Kennuun Cinatti Hojii Dabballummaa Mootummaa Abbaa Irree EPRDF Akka Fudhatan Dirqaman.

Aside

Ammajjii 29,2015 Koollejjiin Barsiisota Jimmaa tajaajila hojii Ogummaa barsiisummaa kennuun cinatti hojii dabballummaa mootummaa abbaa irree fudhachuun sabboontota barattoota Oromoo waajjirraatti waamuun isin farraa mootummaati jechuun barattoota Oromoo dararuu itti fufe jira.

Sabboontootni barattootni Oromoo koolleejjii barsiisota Jimmaa humna dabballee tikaa mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa irratti ramadamaa nama Taarikuu jedhamuu fi President koolleejjii Barsiisota Jimmaa kan ta’ee nama hojii dabbalummaa fi basaasummaa irratti bobba’uun barattoota Oromoo doorsisaa jiruu Abbaa Zinaab Abbaa Olii kan jedhamuun doorsifamaa fi dararama jiru. Guyyaa kaleessa sabboontota barattoota Oromoo lama badii tokkomalee biirootti ni barabbadamtu jechuun isin FDG mootummaa keenya irratti kaachiisuuf barattootaa fi uummataa kakaasaa jirtu, miseensa kenyaa diigaa jirtu,barattoota miseensa ta’an akka isaan miseensummaa mootummaa
keenyaa dhaaban dirqisiisaa jirtu jechuun doorsifaman.

SabboontotniBarattootniOromoo haala kanaan doorsifaman:
1.Barataa Guddisaa Cimdeessaa barataa Mummee Civic and Ethical Education waggaa 3ffaa
2.Barataa Seefuu Hayilee barataa Muummee Geography waggaa 3ffaa

Kanneen barachaa jiran badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkamuun qorannoo farreen dimookiraasii fi bilisummaatiin dararamuun ibsame jira. Goototni barattootni Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa Wayyaaneen gocha abbaa irrummaa isheetiin muddamtee hudhamtus FDG kan hin ollee fi doorsiisaa fi barnoota irraa arii’uu, hidhuu, reebuu,ajjeesuu fi biyya irra arii’uun dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu hubachiisan.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 31, 2015

Aside

Wallagga,Horroo Aanaa Jimmaa Gannatii Keessatti FDG Haala Jabaa Ta’een Qabatee Rakkoon Bulchiinsa Wayyaanee Mudate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Gannatii Amajjii 30,2015

diddaa9Ammajjii 29,2015 Godina Dhiha Oromiyaa Horroo Guduruu Wallagga Aanaa jimmaa Gannatiitti Tajajila Ibsaa, Bishaanii fi daandii konkolaataa dhabuun wal qabatee Uummatni fi Dargaggootni gaaffii barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi sadarkaa tokkoffaa cina dhaabbachuun gaaffii mirgaa finiinsuun Mootummaa Wayyaanee irratti FDG kaachisan. aanaa Jimmaa Gannatiitti rakkoon ibsaa haalaan kan jabaatee yoo ta’u, baatii tokkoo oliif Uummatni utuu gyyaa tokko illee ibsaa hin argatiin turuun FDG kaasuun  Wayyaanee dura akka dhaabbatu dirqamsiisee jira.

Goototni barattiitni Oromoo aanaa Jimmaa Gannatii Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina irra baratan Ammajjii 29/2015 Gaaffii mirgaa finiisuun sagalee mormii fi dhaadannoo mootummaan Wayyaanee nu hin bulchituu, filannoo sobaan hin gowwonfannuu, Tajaajjillii human ibsaa fincaa’aa uummata Oromoof ooluu qaba. Utuu hidhaan fincaa’aa human ibsaa MW guddaa maddisiisee Oromiyaa irra darbee tigiraayiif tajaajiluu nuti jiraattootni naannoo ibsaa dhabnee rakkachuun tuffii, garbummaa fi roorroo garbomsaan nurratti rawwachaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, wayyaaneen nurraa buqqa’uu qabdi jechuun baratootni Oromoo gaaffii finiinsuun sagalee
mormii guddaa dhageesifatan.

Aanaa Jimmaa Gannatii keessaatti uummatni Oromoo tajaajila ibsaa malee tajaajila daandii konkolaataa ga’aa dhabuu, tajaalilaa bishaanii fi Yaalaa sirrii illee dhabuun uummaatni Oromoo Aanaa kanaa akkuma uummata Oromoo godinoota kaanii fi Aanaawwaan kaanniitti rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun uummatni roorroo baachuu dadhabee gara FDGtti akka seenu dirqee jira. Goototni Barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Jimmaa Gannatiis baatii kana guutuu humni ibsaa aanaa keenya irraa cituun Qormaataa Semistera kanaa waan ittin qo’annuu fi dubbifnuu dhabuun hedduu rakkachaa turre, qabxiin barattoota baay’ees sababaa kanaan gadii bu’ee argamaa jira, Egaa haamma yoomitti garbummaa keessa jiratna jechuun gaaffii mirgaa karaa nagaa derikteera Mana barumsichaatti dhiyeeffachuun Derikteerrii mana
barumsaa gaaffii barattootaa qaama dhimmi ilaalutti dabarsuun deebii sirna kennuu irra isin ABO dha jedha barattoota Oromoo jeequu waan filateef goototni barattootni Oromoo fincilaan dura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun uummata magaalaa fi baadiyaa jiraatu dhageesifatan, kanuma irra ka’uun Amajjii 30/2015 Barattootni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Jimmaa Gannatiis Sagalee mormii sirna
cunqursaa wayyaaneef qaban itti fufuun dhageesisaa jiru, Uummatni Oromoo Aanaa kanaas barattoota Waliin ka’ee FDG waliigalaa qabsiifamuuf jiraachuu madden keenya Aanaa Jimmaa Gannatii rrraa gabaasa.