Barattooti Oromoo Diddaa Sirnna EPRDF Kaasuuf Jedhu Sababaa Jedhu Irraa Ka’ee Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Sakatta’aa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Amajjii 27,2015

Qeerroo JimmaaAmajjii 27,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF dhiphina kasaraa Siyaasaa isa Mudatee jiruun yaaddoo keessa seenuun  dargaggootni Oromoo FDG mootummaa irratti kaasuuf qophaawaa jiru yaada jedhuun ka’ee sakatta’iinsa cimaa mooraa Yuunversitii Jimmaa Keessatti gaggeessaa jira.

Guyyaa har’aa balbala Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irra poolisoota dhaabuun gadi ba’uu fi oldeebi’uu barattootaa irratti guyyaa guutuu sakkatta’insi bifa haaraan eegalame jira.Magaalaan Jimmaas humna waraanaa fi dabballoota milishoota dhiyeenya maqaa Filannoo kijibaa Wayyaanee eegsisuuf jedhuun leenjifamaniin eegama jira. Uummatni Oromoo jirattootni Magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Yabbuu, Asendaaboo, Saqqaa fi Deedoo kardii filannoo sobaa wayyaanotaa ofumaaf hin fudhannu jechuun diddaan uummata itti fufe jira.  Lafa dimookiraasiin hin jirreetti kaardii filannoo fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun uummaatni dhaamsa qeerroon dabarsaafii jiru fudhachuun kaardii filannoo fudhachuun faayidaa hin qabu, dura mirgaabbaa biyyuummaa  keenyaaf haa falmannuu, Oromoon biyyaa isaa keessatti samamaa, hidhama, ajjeefamaa, qe’eef qabeenya irra buqqifama jira, Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaaffii dimookiraasii fi nagaa karaa dimookiraasii fi nagaa dhiyeeffatan, gaaffiin barattootni Qeerroon Oromoo gaafatan gaaffii keenya, mootummaan Wayyaanee har’a duula filannoo dimookiraasii sobaa labsu kun gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef diibii ajjeechaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’uu, doorsisuun biyyaa irraa arii’uu deebii godhate; egaa Dimookiraasiin wayyaanee isa kamii? Jechuun uummaatni waliigalee wayyaanee dura dhaabbachuutti jira.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF sochii uummataa fi qindoomina Qeerroo Bilisummaa Oromootti yaaddoo guddaa keessa galuun human milishaa bifa haaraan leenjisee human waraanaa waliin magaalaa jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbaasee eeggicha guddaa godhaa jira, guyyaa har’aas sodaan wayyaanotaa kun daran hammachuun gara sakkatta’insa barattootatti tarkaanfachuun sakkatta’insii bifa haaraa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo nuti Waraanatti hin amannuu waraannii fi sakkatta’insi, filannoon kijibaa warraaqsa FDG ni finiinsa malee dhaabuu fi ugguruu hin danda’u, nuti Dimookiraasii dhugaa barbaadna, gaaffiin keenyaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa gaaffii mirgaa fi Dimookiraasiitii waan ta’eef mirga keenyaa fi hiree uummata keenyaa kabachiisuuf bakka jirruu tokkummaan harka walqabannee ni qabsoofna jechuun dhaamsa dabarfatan!.

 

Guyyaa Har’aa,Shaggar,Salaale,Manneen Barnootaa Garba Gurraachaa Irratti FDG Barattoota Oromoon Qabate.‏

Aside

Amajjii 27,2015 Garba Gurraacha

diddaa9Kaaba Shaggar,Salaalee aanaa Garba Gurraachaatti Qeerroon barattootni Oromoo har’a Amajii 27,2015 mana barumsaa qophaayinaa,sadarkaa olaanaa, sadarkaa lammaffaa irratti dargaggoonni Oromoo diddaa sirna Wayyaaneef Fincila Diddaa Gabrumaa kaasan.

Fincilli kun Qeerroon naannicha irratti waraqaa waamichaa barattootaa fi dargaggootaaf taasise irratti hundaayee battalatti kan qabate yeroo ta’u barruuleen Qeerroon tamsa’anis gaaffilee mirgaa kan qabatee jiru waan ta’eef dhadannoon barattooti qabatanii FDG gaggeessaa jiranis kanuma ta’uu Wayyaanee fi bulchitoota naannoo yaaddesse. Haala kanaan dhadatnooleen ka’an keessaa

– Mootummaa gabroonfataan nurraa haa ka’u
– Wayyaaneen abbaa irree sirna cunqursaa dha,

-Lubbuu Oromoota yakka tokkoon malee ajjeefamaniif mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba.

-Dhiigi gootota Oromoo angala’ee hin hafu!
– Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman,
– Mirgi uummata Oromoo haa kabajamuu fi kkf ture,

Hireen Murteefannaa uumata Oromoo haa kabajamu fi kkf ture Humni tika wayyaanee aanaa kana irra jiru haleellaa barattoota irratti fudhachuunis tahe barattootni dhagaa darbuun namootni miidhaman hedduu akka tahe odeessaan addeessa. Diddaa manneen barnootaa garagaraa aanaa kana keessatti eegalee jiru wal hidhataan hanga uummata kaasutti deemaa akka jiru gabaasni addeessaa jira, dhimmi FDG dabalataan baldhinaan ni gabaafama.

 

Baalee,Yuuniversitii Madda Walabuutti Nyaataan Wal Qabatee Barattootni Gaaffii Kaasuun Dhaadannoo Dhageessisan,Waraanni Wayyaanees Garasitti Bobbahe‏

Aside

Amajjii 27,2015 Uni Madda Walaabuu

OromiaALutaContinua2011FDGBaalee, Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti halkan edaa Amajjii 26,2015 barattootni Oromoo gaaffii mirgaa kaasan.bDiddaan barattoota Oromoo yeroo kana ka’e dhimma nyaataan kan wal qabate, dursa ganama Amajii 26,2015 nyaatni qulqullina dhabuu irraan, nyaata guyyaa lama sadii bule barattootaaf dhiyeessuu barattootni muraasni dhukkubaan saaxilamuun manni yaalaa rakkoo nyaataan dhibeen kun barattoota irratti argamuu mirkaneessuun gaaffiin barattootaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo rasaasni dadhabnaan, hidhaan, ajjechaan dadhabnaan amma karaa nyaataan barattoota Yuuniversitii miidhuu eegale jechuun halkan edaa fincilli jabaan mooraa keessatti akka ka’ee gabaasni addeessa. Barattootni oromoo moorichaas gaaffii mirgaa kan abbaa biyyummaatti jijjiiruun halkan guutummaa mooraa keessa deddeebi’uudhaan dhaadannoo dhageesisaa bulan,kanumaan mootummaan humna waraana akka amala isaa naannoo Yuuniversitii mooraa Madda Walaabuutti bobbaasaa jira.

Har’a guyyaa dabalatee halkan kanas garasitti humni waraana isaa ramadamee guuramaa jira,fincilli ka’uun mooraa kanatti daran mootummaa sodaachisuun dhagayamee jira,gaaffiin barattootaa kan mirgaa haalaan kan wal qabatee jiru itti fufuun ammas dhagayamaa jira.

SBO Amajjii 28 Bara 2015. Oduu, filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii jiraataa Godina Arsii Lixaa Obbo Nageessoo Bushee kutaa dhumaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 26, 2015 with 15 minutes Oromia Insight

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 26, 2015

Aside

Wallagga,Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee Keessatti FDG Humna Mootummaan ol Tahe Dhohe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Aliboo Amajjii 26,2015

diddaa9Mootummaan abbaa irree Wayyaanee Bara filannoo 2015 kana milkeessuudhaaf duula Kaardii fudhadhaa humnaan gaggeessaa jiraachuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis Aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Jaardagaa fi Aliiboo keessatti daran hammaataa tahuu irraan darbee tajaajilawwan hawaasaa Karoora mootummaa Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii jedhamuun Uummatatti ololaman keessaa kanneen akka Ibsaa fi Bishaanii haala olaanaadhaan Uummata Magaala Aliiboo rakkisuu fi himatanis qaamni deebii deebisuuf waan dhibeef Hiriira nagaa Humna mootummaa wayyaanee ol tahe godhanii jiran. Barattootni, Barsiisotni, Jiraattootni, Daldaltootni, Hojjettootni mootummaa fi dhuunfaa magaala kana keessaa guutummaan hiriira kana keessatti hirmaachuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Dargaggootnii fi Uummatni Hiriira kana irratti bahuudhaan walleewwan Warraaqsaa ‘’ SII WAYYAAREE, OROMOON LEENCUMA DURUU, ABO NUUF WAYYA,..’’ Kanneen jedhaman wallisuudhaan dhaadannoowwan garaa garaas dhageessisuu irratti argamu. Dhaadannoowwan

1.      Tajaajilawwan Hawaasaa kanneen akka Ibsaa argachuu qabna

2.      Kanneen hidhaman haa hiikaman

3.      Kaardii filannoo dharaa hin fudhannuu fi kanneen biroo kaasuudhaan Hiriira nagaa gaggeessuu irratti argamu

Ebla 2014 keessas Uummatni Magaala kanaa adda durummaan Master Plan wayyaaneen qopheessite dura kan dhaabbate yoommuu tahu FDG itti fufinsa qabu gaggeessuudhaan Mootummaa wayyaanee hundeedhaan akka buqqisuuf FDG itti fufanis hooggansi Qeerroo Magaala Aliiboo gabaasee jira.

Hub: Waraabbii Sagalee akka nu dhaqqabeen isin dhaqqabsiisna.

ቄሮ: የኦሮሞ :ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: January 23,2015

Aside

BREAKING NEWS:- Uummatni Magaala Finfinnee Jiraatu Carraa Argateen Filannoo Dharaa Fashalsuudhaaf Duula Wayyaanee Irratti Bahe!‏

Aside

Amajjii 25,2015 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
9804_586148321520127_6529646606074484948_nGuyyaa har’aa jechuun Amajjii 25 Bara 2015 Waamicha Paartii mormaa Andinnet Uummata Magaala Finfinneedhaaf waamicha hiriira nagaa dabarsee booda Uummatni muraasni hiriira irratti wayita argamu; Mootummaan Wayyaanee garuu dhaadannoowwan dhageessifamaa jiran seera qabeessa miti jechuudhaan waraana hedduumminaan itti bobbaase. Wayita kanatti Uummatni magaala kana jiraatu waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata hiriira nagaa bahetti duule dura dhaabbachuudhaan Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa oolanii jiran. Uummatni rakkoo jireenyaa fi gidiraa mootummaan wayyaanee uummata irratti buusee jiru hadheeffachuun filannoon dharaas daran waanjoo garbummaa kana kan dabalu malee nageenya waaraa kan hin fidne tahuu ifaan dubbatanii jiran. Uummatni mana mana isaadhaa waraana wayyaaneetti bahuudhaan filannoo dharaan lammaffaa hin gowwoomnu jechuudhaan duula fincilaa godhee jira. Mootummaan wayyaanees haala kanaan kan baarage rakkoo uummata hidhaa fi reebuu hammeessus Uummatnis tarkaanfii walfakkaataa waraana wayyaanee irratti fudhachuudhaan Poolisootni hedduun madeeffamanii jiran. Paartiileen Mormitootaas filannoo dharaa fi abbaa irrummaan guutame kana keessaa akka of baasuu qaban Uummatni diddaa gaggeesse keessatti ifa godhee jira.
Addatti Uummatni Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatu hiriira irratti kan argaman osoo hin taane waraana Wayyaanee Uummata nagaa hiriirsuuf gadi bahe dura dhaabbachuun isaa Paartii Mormaa Andinnet haala olaanaadhaan ajaa’ibsiisee jira. Haala amma eegalame kanaan jabeeffamuudhaanis Mootummaan Wayyaanee hundeedhaan buqqa’uu akka qabuu fi Uummatnis daran diddaa isaa jabeessee akka itti fufu Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.

 

Aside

qeerroo-edit

Fimaata Fakkeessaa Wayyaaneen Gaggeessaa Jirtu Ilaalchisee Diddaan Uummanni Oromoo Taasisaa Jiru Abdachiisaa Dha.

Ibsa Qeerroo, Amajjii 24,2015

Ummanni Oromoo baroota 23 darban dararaa fi cunqursaan sirna bittaa mootummaa Wayyaanee jalatti irra gahe seenaa jireenya isaa keessatti takkaa argee kan hin beekne,hidhaa,ajjeechaa,arihamuu,biyyaa fi qabeenya saamamuu irra darbee qaamaa qalbiin manca’ee jira.

Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee filmaata Caamsaa 2015 keessa gaggeessuuf jecha uumatni Oromoo dirqiin akka isa filuu fi kaardii filatnnoo humnaan raabsuu eegalee jira.Ta’us cunqursaan baroota darbanii laalaan isaa hammaataa waan ta’eef ammos hacuucaa fakkaatu baadhachuu irra diddaa gabrummaa jabeessuun bilisa of baasuuf murteeffatee jira.Haala kanaan mootummaa cunqursaa filuu diduu fi kaardi har’aa fudhachuu diduu irratti hamma ammaa diddaa uumanni Oromoo muldhise jabaadha.Akka Qormaata maadheelee Qeerroo mootummaa keessaa argametti uumanni Oromoo  dhibbentaadhaan yoo ilaalle Oromiyaa keessatti filannoof kaardii kan fudhate 5.6% kan hin caalleedha. Kun heddummina uumata Oromoo filuuf ulaagaa guutu waliin yeroo ilaalamu haalaan gadi bu’aa waan ta’eef diddaan uumati Oromoo taasisaa jiru jaran akka jabaatuu fi galmi isaa biyya ofii dhuunfachuun sirnaa fi mootummaa  bilisa ta’e ijaarrachuu irratti akka dhaabbatu Qeerroon waamicha dabarsa.

Gabateen armaa gaditti argamu galmee qormaata Caasaan Qeerroo fimaata yeroo ammaa ilaachisee mootummaa keessaan qoratee dhiheesse dha.

Boordii  Filannoo Akka Oromiyaatti Gaggeeffamaa Jiru

  1. Akka Naannootti Head Office filmaataa Finfinneetti banamee jira.
  2. Godinoota Oromiyaa 18 keessatti hojii eegaleetu jira.
  3. Aanaalee Oromiyaa keessaa 178 tahan keessatti hojiin kan eegaleedha

Gabateen Kanaa Gadii Baayina Bakkaa fi Buufata Filannoo Kan Agarsiisuudha.

Lakk. Godinoota Baayina Bakka Filannoo Baayina Buufata Filannoo
1 Shaggar Lixaa 15 1187
2 Horro Guduruu 4 369
3 Wallagga Bahaa 10 796
4 Wallagga Lixaa 11 817
5 Qellem Wallaggaa 6 461
6 Iluu A/Booraa 11 986
7 Jimmaa 18 1530
8 Sh/Ki/Lixaa 9 961
9 Shaggar Bahaa 8 819
10 Arsii Bahaa 18 1394
11 Shaggar Kaabaa 10 982
12 Baalee 7 936
13 Gujii 5 569
14 Boorana 5 570
15 Harargee Lixaa 12 969
16 Harargee Bahaa 16 1569
17 Arsii Lixaa 11 960
18 Godina Addaa Oromiyaa 6 796
19 Bishooftuu 1 63
 Ida’ama 183 16734

Guutummaa Isa Qeerroof :- Filatnoo Wayyaanee Caamsaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa