Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaan Jimmaa Human Waraanaa fi Poolisii Federaalaan Marfamtee Eegama Jirti.‏ FDG Itti Fufe!

Aside

HaromaayaaBitootessa 5,2014 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee soda fi yaaddoo sochii warraaqsa FDG goototni dargaggootni Qeerroon barattootni  Oromoo irratti qabsiisa jiraniin walqabatee Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa fi magaalaan Jimmaa human waraanaa fi poolisii federaalaan marfamtee eegama jirti.

  Sochii Warraqsa FDG Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti qabateen walqabatee Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii kana dura dhaabbachuuf human waraanaa fi tikaa of harkaa qabu bobbaasuun barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi magaalaa Jimmaa irratti eggichaa adda ta’e gochaa jiraachuun saaxilame jira.

  Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa  tokkummaa isaanii jabeeffachuun mootummaa wayyaanee jala soda tokko malee mirga isaanii falmachuuf wareegama kamuu baasuuf qophii ta’uu ibsachuun barattootni  Oromoo 10’n badii tokko malee humnan ukkanfamanii mana hidhaa wajjira poolisii Magaalaa Jimmaa alaazer jedhamutti hidhamanii dararama jiran atattamaan akka hiikaman gaafatan. mootummaa wayyaanee fi dabballootni wayyaanee waan qabanii gadhiisan dhabuun muddama keessa jiran tokkummaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barasiisota Jimmaa irraa soda keessa seenuun barattoota ukkamsanii jiran atattamaan gadi gadhiisanii jiraachuun ibsame jira.

 Walumaa galatti Mootummaan wayyaanee Sochii FDG qabsiifama jirun muddamee attattamaan guyyaa kaleessaa bitootessa 5/2015 dhaabbilee barnoota olaanoo biyyaatti Yuunibarsiitota kanneen akka Jimmaa, Amboo, Wallaggaa, Madda Walaabuu, Harammayaa fi Adaamaa keessatti FDG guddaatu nurratti qabsiifamuuf jira jechuun dabbaloota isaa fi humnoota tikaa waraana  wayyaanee hedduuminaan mooraa Yuunibarsiitota kanneeni irraatti bobbaasee eegaa jirachuu gabaasaan keenya bakka hundaa nu qaqqabaa jiru ifa godhee jira. Loltootni fi poolisootni wayyaanees Yuunibarsiitii jimmaa uffata militerii/loltummaa isaanii jijjirachuun uffata sivilii uffachuun mooraa yuunibarsiitiitti olgalfamuun doormii barattoota irraa naanna’uun hojii basaastummaa irratti bobbafamanii jiraachuu saaxilamera. Akeekaa kana dura dhaabbachuu fi fashalsuun kandanda’amu ta’uu hubachiisuun goototni barattootni Oromoo dhaabbilee baranoota olaanoo  FDG dhoosuun akeekaa wayyaanee fashaleessuuf mutii fudhachuu beeksisan.

Sagalee Seife Nebelbalaalii fi Simbirtuu Qophii Bitooteessa 5,2015

Aside

FDG Manneen Barnootaa Lixa Shaggar Keessatti Itti Fufe,Suuraan Sabboontota Ebala 2014 Wareegamaniis Raabsamaa Oole.

Aside

Odeessa Qeerroo Amboo, Bitootessa 5,2015

diddaa9Lixha Shaggar Manneen Barnootaa Future Generetion fi mana barumsaa Ayyoomee 01 akkasumas Liiban Maccaa Sadarkaa 2ffaan FDG Itti Fufe. Magaalaa Ambootti Ammoo Suuraan Sabboontota Ebla 2014 Wareegamanii uumataaf raabsamaa fi faca’aa oole.
Kana malees akka Lixa Shaggar, aanaalee fi magaalota keessatti guyyaa lama dura barattootni kanneen akka Midaa Qany, Geeddoo, Xiqur Incinnii fi kkf barumsa dhaabuun yaadannoo sabboontota wareegameef taasisanii jiru, haalli kun itti fufuudhaan har’a akka odeessi Qeerroo magaala Amboo irraa addeessutti suuraan barattoota bara darbe Ebla 11/2015 kaasee magaala Amboo fi waluma gala godina Shgar  lixaa keessatti gaaffii mirgaa gaafataniin wareegaman mara suuraa isaani bittimsuun, baachuudhaan barattootni
olii gadi sochii taasisaa turan akkasuma:
– OPDO hanga yoomitti saba keenyatti taphattii, kan sabaaf hin taanee
nurraa ka’I,
– Gumaa barattoota keenyaa baasuun amma malee bor miti,
– Maqaa misoomaan qote bulaan keenya gowomfamuun haa dhaabbatu, Kan jedhu qabachuudhaan barattootni magaala Amboo keessatti daandiitti bahuudhaan socho’uudhaan tika fi humna mootummaa dhokataa uummata keessa faca’ee jiru mufachiisuun dhagayame, akkasuma akka odeessi Qeerroo ibsuttis sochii barattootaa kana tasgabbeessuuf humni mootummaa irraa ergame barattooni har’as ni bahu kan jedhuun mana barumsaa Future Generetion fi mana barumsaa Ayyoomee 01 akkasuma mana barumsaa Liiban Maccaa sadarkaa 2ffaan dhagaa darbachuudhaan humna mootummaa gara sanatti argame poolisoota ariyuun beekame, kunis sa’a 8:00 irraa kaasee kan eegale barattootni sirboota qabsoo dhageessisaa fi dhaadannoo akkasuma barruulee hojii mootummaa wayyaanee saaxilu bittimsuu fi babarreessuun odeessi Qeerroo addeessa.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Bitootessa 4, 2015 Qophii Afaan Oromoo

Aside

ለቅሶ ነው ኡኡታ!!

Aside

Mesert Tulluuእነ አቦ ፀሀዬ ኡኡ ሲሉ እሪታ ፡

ቀድሞ የምናቀው ነው የፈሪ ድንፍታ፡

ፈሪ ነው ቦቅቦቃ ቀድሞ ሚፉክር፡

በተግባረ የሌለ ከአውሬ በቀር፡

በዝህ አይነት ዶማ ሀገር ስትመራ፡

የህዝብ ጠላቶች የእድገት ደንቃራ፡

ያላዋቂነቱን በገሀድ ያሳየ፡

እውነትም ዶማ ነው አቦይ ፀሀዬ፡

ድግሪን በገዘብ ከገብያ  እየገዙ፡

አላዋቂነቱን አሳየ አገዛዙን፡

በአምሳሉ ጠፉጥፎ ይበጀኛል ብሎ፡

ከድንጋይም አልፎ(OPDO)ሆነበት አሎሎ፡

በቃኝ አልገዛም አትመራኝ ከግዲህ፡

ለቅሶ ነው ኡኡታ!!

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 4, 2015

Aside

Dafaa Maladhaa!

Aside

Kiya Tesfaye Irraa

kiyaBiyya umaan badhaatuu Oromiyaa dhifnee
hanga yoom jiraana biyyaa godaannee
nii dhufna haalaa fi yeroo egannee
galchuf wayaanee hundeen buqisnee.
Dinnii dinuma gaarii hin qabduu
ka’aa tokkumaan maaluma egduu
Toshaan wayaanen badaa nu gotee
kanaaf qerensii Bashoo dhefatee
sichii hin dalaguu Toshaaf siriinii
Tokumman dulee amma ari’unii
guma wayaane sii yaa basaastuu
gaafa adun baatee esuma liixuu
nyaadhaa foon Oromo dhugaa dhiga isaa

Dafaa maladhaa.docx

Warraaqisi Bilisummaa Qeerroo Jabaachuu Irraan Motummaan Wayyaanee Galma Mooraa Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee Irratti Sakatta’iinsa Jabaa Deemsisaa Jira.

Aside

Odeessa Qeerroo, Bitootessa 4,2015
diddaa9Galma Mooraa Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee Horaatti sakatta’iinsi adda tahe taasifamaa jira. Kana malees gabaasi Qeerroo har’aas kan ibsu ganama kana humni adda ta’e mooraadhaa alaa seenee barattoota kan dammaqsuu fi kakaasutu akka biyyaatti shakkamaa jira kan jedhuun mootummaan Wayyaanee Yuuniversitiilee hunda irratti xiyyeeffannoo taasiseen sakatta’iinsi adda tahe ganama halkan sa’a 11:00 kaasee kan itti fufee jira, kun akka Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee akka tahe kan ibsuu fi kanuma kan fakkaatu Yuuniversitiin kanneen akka Hawaasaa , Adaamaa, Finfinnee, Amboo fi Wallaggaa sochii kun taasifamaa akka jirutu gabaasi Qeerroo kallattii gargaraa irraan ibsaa jira.

Yuuniversitii Hawaasaa irraa addeessutti mooraa Yuuniversiti Hawaasaatti filannoo dhufu milkeessuudhaaf paartilee garagaraa irraa nama 5n, 5n mootummaan Wayyaanee leenjisee jira, baatiitti qarshii 600 kennuufiidhaan milkoomina filannoo akka mooraa kanaatti itti gochuudhaaf namoota torban darban keessa magaalama Hawaasatti leenjiin kennameefii akka jiru odeessi Qeerroo addeessa. Humni dhimma kanaaf leenjii fudhatee mooraa Hawaasaa jiru barattootuma moorichaa tahanis Qeerroon mooraa Yuuniversitii barattoota qabsoo oromootti gufuu tahuu leenjifame barataan 150 kaayyoo keenya irraa boodatti nuun deebisu jechuudhaan ejjennoo qaban jabeeffachuu isaanii kan ibsataniidha, akka mooraa Yuuniversitii biyyaatti sochiin jiru jeequmsi kan ka’uu jechuun mootummaan Wayyaanee mooraa keessattis hordoftoota odeessa kennan, humna garagaraa kan filannoo baranaaf milkoomina taasisan, akkasuma sodaadhumaan tasgabbii dhabuun barattoota sakatta’uun irratti jabeeffachuun waan gabaafamaa jiru dha.

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት: ንቅናቄ :ድምፅ :የሳምንቱ :ዜና:: March 3, 2015/ Qophii ADDAA

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Bifa Qindaayeen Itti Fufee, Godina Lixa Shaggar Manneen Baranootaa Sadarkaa 2ffaa Aanaa Midaa Qanyii fi Aanaa Caalliyaa Keessatti FDG Ka’e.

Aside

Bitootessa 04,215 Gabaasa Qeerroo Midaaqanyii

diddaa9Bitootessa 3 fi 4, 2015 Godina Lixa Shaggaritti Sochiin warraaqsaa FDG manneen Baranootaa Sadarkaa 2ffaa aanaa Midaa Qanyii fi aanaa Caalliyaa keessatti bifa qindaa’een qabsiame jira, Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa Ballammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa guutummatti cufamani jiru.

Waamicha warraaqsa FDG hoggantootni Sochii warraaqsaa FDG karaa nagaa biyya keessatti gaggeessa jiru uummata Oromoo hundaaf dabarsee jiru hordofuun uummatni Oromoo fi dargaggootni barattootni Qeerrooleen Oromoo bakka jiran hundaa sochii warraaqsaa gaggeessuu irratti argamu. haaluma kanaan uummatni fi dargaggeessi Oromoo haala wal simateen  golee Oromiyaa garaagaraa irraa gara dirree Warraaqsaa FDGtti seenaa jiraachuun gabaafama jira addatti Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Geedoo fi Midaa Qanyii Ballammii cufamuun sochii warraqsa qabsiifame jiru daran jabeessa jiraachuun ibsame. Goototni sabboontotni Qeerroon barattootni Oromoo  Wareegamuu gootota barattoota Oromoo yaadachuu fi qabsoo goototni dargaggootni barattootni Oromoo fi goototni ilmaan Oromoo irratti wareegaman galmaan ga’uuf gamtaan uummata waliin ta’uun sochii Warraaqsaa irratti argamu.

Keessattuu Wareegamuu sabboona barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa waggaa jahaan darbe haala sukkaneessaa fi hedduu gadisiisaa ta’een loltoota mootummaa abbaa irree wayyaanetin rasaasan ajjeefame, waggaan 6ffaa Yaadannoo sabboonaa oromoo Wandimmuu Daammanaa fi sabboontota Gootota Oromoo bara kana sochii Warraaqsaa FDG qabsiifame jiruun akka yaadatamuu fi FDG jabaatee akka itti fufu dhaamsa dabarfamee jiru hordofuun uummaatni Oromoo kana magaalaa fi baadiyyaa jiratuu harka walqabachuun haala itti fufinsa qabuun hiriira mormii sirna abbaa irree gaggeessuuf qophiin akka xummuramee jiru walitti dhaamachuun Manneen barnoota guutummaatti barnoota dhaaban. kana maleess barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa of irraa qabduu fi dhaadannoowwaan garaagaraan guutamtee kutaalee Oromiyaa hunda irra facaafamaa jiraachuun gabaafamera. bakka hundattuu dargaggootni Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo handa manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi saadarkaa 1ffaatti xalayaa iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabate qopheeffachuun mootummaa abba irree raasuu irratti argamu.