Bitootessa 3,2015 Naqamte
Guyyaa har’aa Bitootessa 3,2015 mooraan Yuuniversitii Wallaggaa humna waraana Wayyaaneen naanneffamee eegamaa jira. Barattooti mooraa keessaa bahuu fi galuu hin dandayan
Gabaasi Qeerroo akka addeessutti gaaffiin mirgaa barattooti Oromoo gaafatan jabaatee itti fufuun ammaan dura mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa badii tokkoon malee qabamanii barattooti hidhaman haal duree tokko malee akka hiikaman gamtaan ka’uun gaaffii dhiheessan. Gaaffii barattooti gaafatan kanaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee battalatti waraana gara moorichaatti erguun mooraan marfamee oole.
Akkasuma sodaa fi shakkii kanaan seensa Yuuniversitii Finfinnee, Haromayyaa fi Bulee Horaa irratti balbala irratti sakatta’iinsi guddaan gaggeeffamaa akka jiru gabaasi Qeerroo addeessa. Odeessa hubatamu irraa kanaan dura kan tahee hin argamne,
sakatta’iinsi barattootaa gaggeeffamaa jiru moorawwan Yuuniversitii kanatti sodaan guddaan akka jiru tahuu kan ibsuudha jedhu Qeerroon. Odeessi itti fufee dhiyaata!
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Barattooti Oromoo Kaasan Jaabaachuu Irraa Guyyaa Har’aa Moraan Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaaneen Marfamee Oole |