“YAA CALANQOO LOLAA..!”

Aside

Saaphaloo Kadir-n

CalanqooGalmee injifannoo si yaa dirree duulaa,

Gootummaa abbootiin si keessatti laala,
Dhiigni galaanawee sirra yaa’e akka lolaa,
Bar dhibba caalaa, lafee dhabde awwaala,
Hanga arraa haffiggaan aduu si affeelaa,
Turte gaa aabboo koo taate lafee callaa,
Arra qubbii arkattee sii dhaabne gaaddisa,
Quuqaa garaa keetii naatu sirraa buqqisa.
…………………………………………
Arra ilmaan kankee si yaadachaa jiranii,
Kaabaaf kibbaa, hundaa walitti dhufanii,
Bahaaf dhihaan hafnee sirratti marsanii,
Yaa calanqoo calii, lafee bobeeysanii,
Tan jechaadha turan san afoola afaanii,
Arra hundi dhufee sirratti wal gahanii,
Oromootaaf himi seenaa gaafa kaanii.
Siin baana tulluu qeerreensaa,
Nuu himi gaa seenaa kaleessaa.
Gootummaa fi tooftaa darbata eeboo,
Tokkummaa saani, gamtaa akka daboo,
Himi dachii duusee, akkatti reeffi abboo,
YAA CALANQOO LOLAA

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 21, 2015

Aside

SBO Bitootessa 22,2015.

Aside

Oduu, Torban Diaspora Oromoo jechuun karoora ergamtootni wayyaanee hawaasa Oromoo irratti baafatan ilaalchisuun gabaasa dhihaate kutaa xumuraa, Sochii FDG Giddu galeessa Oromiyaa gara Lixaa ilaalchisuun gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa waliin taasifame, akkasumas qophiilee fakkaatoo biroo of keessatti hammata.

Warraaqsi Bilisummaa Gootota Barattoota Oromoo Jimmaa Har’as Itti Fufee Oole,Magaalli Jimmaa fi Mattuu Sababaa Kanaan Muddama Wayyaanee Jala Jirti.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 21,2015 Jimmaa

diddaa9 Warraaqsii FDG Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa qabsiisan daran jabaachuun guyyaa kaleessa hanga gaaffiin mirga fi dimookiraasii gaafachaa jirru deebii argatuttii jechuun nyaataa fi barnoota dhaabuun diddaa isanii ibsacha kan jiran yoo ta’u,  Guyyaa hardhaa Bitootessa 21,2015  immoo goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Yuunibarsiitii keessa gadi akka hin baane humna poolisa federaalaa fi humnota tikaa Wayyaaneen  ittifamuun eeggichi  guddaan irratti gaggeeffama jira.  Barruuleen warraaqsa FDG’s magaalaa Jimmaa fi Mattuu keessatti guyyaa har’aa irree Qeerroo barattoota Oromoon facaafame, qabxiilee Armaan gadii of irraa qaba.

  1. Mirgootni dimookiraasii fi Mirgi namummaa uummata keenyaaf haa kabajamu.
  2. Doorsifnii  humna poolisaa ,tikaa fi waraana wayyaaneen nurratti godhamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba.
  3. Sakkatta’insii mooraa Yuunibarsiitii irra kaa’ame kaafamu qaba.
  4. Filmaata sobaa dura gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
  5. Oromiyaa keessatti bosonnii Uumamaa fi warshaleen akka Warshaa suukara Fincaa’aa ibiddaan barbadeeffama jiru, tokkummaan kaanee balaa ibiddaa Mootummaan wayyaanee qabeenyaa Oromiyaatti qabsiisee haa dhaamsinu, Mootummaan Wayyaanee yakka kanaaf gaafatamuu qaba.
  6. Dimookiraasiin hin jiru, Mootummaan EPRDF abbaa irree Afrikaa Bahaati.
  7. Uummatni Oromoo Oromummaan Yakkamee hidhatti ukkaanfame gaaffii tokko malee haa hiikaman.
  8. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n yakka ajjeechaa,hidhaa fi baranoota irraa arii’achaa turan seeratti dhiyaachuu qabu.
  9. Abbay Tsahayee angawaan TPLF/EPRDF kan ta’ee yakkamaan saba keenyaa arrabsee fi eenyuummaa uummata keenya balfe angoo gadhiisuun yakka dugugginsa snyii oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf seeratti dhiyaachuu qaba.
  10. Master Plan Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba.
  11. Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba.
  12. Hanga Mootummaan abbaa irree Wayyaanee angoo gadi lakkisutti FDG jabaatee itti fufa. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeessa jirru jabeessinee karaa nagaa fi Dimookiraasii addunyaatti iyyachuu fi abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuun jabaatee itti fufa barruun jedhu bittinneeffama jira.

Gama biraan Paartiin mormituu KFO kun Guyyaa har’aa wayita Magaalaa Jimmaa hanga  Mattuutti duula na filadhaa gaggeessa jiranitti barruulee sagantaa ejjennoo KFO ibsu facaasuun ittumaa mootummaa wayyaanee dhiphinaa fi muddama guddaa keessa galchan. Mootummaan Wayyaanee humnoota tikaa, dabballootaa fi waraana isaa bobbaasuun barruulee warraaqsaa na filadhaa paartiin kun facaasaa jiru, funaanuu fi akka uummatni bahee hin fudhannee fi hin dubbifneef yaalii guddaa godhan iyyuu humni uummataa humna Wayyaanee ol itti ta’uun uummatni barruulee warraaqsa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo facaasaa jiruu fi barruu duula na filadhaa KFO faacaasaa jiru argachuun dubbisee waliif daddabarsa jira.

Ayyaanni Kabaja Hundeeffama DH.D.U.O Waggaa 25ffaa Calanqootti kabajamuuf qopheeffame diddaa Uummataa fi Artistootaan fashale.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 21,2015

Mootummaan Wayyaanee dhaaba ofii bixxile DH.D.U.O kan ulee TPLF tahee Uummata Oromoo rukkutaa asiin gahee amma bututaa jiru haaromsuudhaaf wixineewwan garaa garaa qopheessite. Kana keessaas Asrtistootni Oromoo maqaa Do’ii siidaa Calanqoo jedhuun naannoo sanatti akkka argaman qindeessite. Artistootnis Siidaan Calanqoo siidaa seenaa qabeessa tahee fi Gaaffii Uummata Oromoo tahuu waan beekaniif naannoo sana daawwachuuf deeman. Haa tahu malee aangawootni OPDO fi TPLF Ayyaana kabaja DH.D.U.O Waliin walitti qabsiisuudhaan Ayyaana DH.D.U.O kabajaa jirra wayita jedhanitti Uummatnii fi Artistootni nuyi DH.D.U.O jedhamu hin beeknu, Maqaan DH.D.U.O waltajjii irratti dubbatamnaan jeequmsa uumamuuf itti gaafatamni Wayyaaneedha jechuun diddaa eegalan.

TPLF Fi DH.D.U.On waranaan kan tikfamaa jiru waltajjiitti bahuudhaan Olola DH.D.U.O fi Kabaja Ayyaana ishee dubbii eegalan. Uummatni dhagaa fi waan harkaa qabuun rukkutuudhaan aangawoota mootummaa, Kabaja ayyaana DH.D.U.O fi Jala deemtota ishee salphisee jira. Kabajni Ayyaana DH.D.U.O Calanqootti karoorfames fashaluu isaatiin Wayyaaneen dhiphinaa fi salphina keessa seentee jirti.

Warraaqis Bilisummaa Barsiisotaa fi Barattoota Oromoon Eegale Itti Fufuun Wallagga Qeelloo Keessatti Torbaan Lamaaf Itti Fufe,Hojjettootii fi Barattooti 30 Olis Hidhaman.

Aside

Bitootessa 19,2015 Gabaasa Qeerroo Ebantuu 

DIDDAA 2Because I am OromoFincilli Diddaa Gabrummaa Guraandhala 27 irraa eegalee hanga Guyyaa har`aa Bitootessa 19,2015 tti itti fufee jira.

Diddaan Bitootessa 18-19 ,2015 deemeen  magaalaa fi manneen barnootaa irratti alaabaan ABO bakka bakkatti maxxanfamuu fi fannifamuun wal qabatee uumannii fi barattooti gamtaan ka’uun FDG magaala guutuu keessatti gaggeefamaa jira. Haalli kun gara malee kan isa rifachiisee fi naasise mootummaan Wayyaanee loltoota isaa magaalaa Naqamtee fi bakka adda addaa irraa gara sanatti bobbaasuun hojjettoota mootummaa fi barattoota sadarlaa 2ffaa baratan hedduu mana hidhaa hin beekamnetti funaanee geessee jira. Haga ammaatti Barsiisotaa fi barattoota 30 ol hidhaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii:-

Barsiisoti hidhaman

  1. Warquu Tarrafaa Barsiisaa  mana barumsaa Qeelloo
  2. Taammiruu  Hinsarmuu Barsiisaa mana  barumsaa Qeelloo
  3. Tashoomaa asaffaa Barsiisaa mana  barumsaa Qeelloo

Barattooti mana marumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo irraa hidhaman

  1. Biqilaa Raggaasaa barataa Kutaa 10ffaa mana  barumsaa Qeelloo
  2. Lateeraa Gammachuu barataa Kutaa 10ffaa mana barumsaa Qeelloo
  3. Gumuzee  Galataa barataa Yuunversiitii Mattuu irraa maatii gaafachuuf galee kan  hidhame
  4. Jireenyaa Galataa barataa kutaa 10ffaa mana barumsaa Qeelloo
  5. Daawit Dassee barataa kutaa 9ffaa mana barumsaa Qeelloo
  6. Abdannaa  Dassuu barataa Kutaa 8ffaa mana barumsaa Qeelloo
  7. Daawuti Fiqaaduu barataa kutaa 8ffaa mana barumsaa Qeelloo
  8. Getaanee Lamuu barataa kutaa 7ffaa mana barumsaa Qeelloo
  9. Fayyeeraa Mallasaa barataa kutaa 7ffaa mana barumsaa Qeelloo
  10. Gumuzee Dhinsaa Dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo
  11. Dhaabaa Toleeraa Dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo
  12. Fiqiruu Taaddasaa dargaggoo jiraataa magaalaa Qeelloo

Namootni maqaan isaanii  armaan olitti tarreeffame kun yeroo ammaa yakkaa fi badii tokko malee  Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun Barumaa isaanii irraa ukkaanfamanii qee fi bakka jireenya isaanii hin beekamne.

FDG Barsiisotaa fi Barattoota Oromoon Qindaayee Deemu Itti Fufuun Godina Wallaggaa, Aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Aliboo Keessaa Barsiisotni Lama Hojii Irraa Arii’aman‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Aliboo Bito,19,2015

DIDDAAGodina Wallagga, Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti duula na filadhaa gaggeeffamaa jiruun wal qabatee dura taa’aan mana Barumsaa Aliboo kan qophaa’inaa fi itti aanaan mana barumsichaa hojii irraa arii’amanii jiran. Hoogganaan mana barumsaa Obbo Amantee Raggaasaa fi itti aanaan mana barumsichaa Obbo Addunyaa Irreessoo kanneen jedhaman isin FDG deemsifamaa jiru keessaa qooda qabdu, barattootni akka fincilan kan kakaasu isini maqaa jedhuun yakkamanii hojii irraa arii’aman. Hooggana mana barumsaa kanaas Obbo Tasfaayee Yaadataa kan jedhamu bakka buusuu isaanii maddeen qeerroo gabaasanii jiran.

Mootummaan Wayyaanee FDG deemsifamaa jirutti kan baaragde hojjettoota magaala kanaa 12 armaan dura FDG deemsifame waliin dhimmi wal qabateen hojii irraa arii’uun ishees ni yaadatama.

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu Qophii Bitootessa 19,2015

Aside

Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaaffiin Ammaan Dura Gaafanne Waan Hin Deebineef Diddaa Nyaataa fi Barnoota Lagachuun Itti Fufan. Loltooti Wayyaanees Mooraa fi Naannicha Eeguu Jabeessan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Bitootessa 20,2015

Bitootessaa 19,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jiraniif deebii sirriin nuuf kennamu qaba malee doorsifnii waraanaa, humnota tikaa fi poolisootaan nurratti godhama jiru deebii ta’uu hin danda’u nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyaa har’aa fincila nyaata lagachuu itti fufan.

Goototni daragaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruuf doorsifni humna tikaa wayyaanee fi waraanaa nurratti gaggeeffamaa jiru deebii ta’uu hin danda’uu,jechuun fincila nyaata lagachuu fi barnoota lagachuun itti fufan, gaaffii keenyaaf warrii biyya bulchina jechaa Oromoo ajjeesisaa, hidhatti guursisaa fi dhiiga ilmaan Oromoo irraa dhaabachuun mootummaan keenya dimookiraatawaadha jechuun Filmaata sobaa wayyaanee keessatti hirmaachuun waan qabanii gadhiisan dhabaa jiran kanneen akka :

1. Muktaar Kadir dhufee Gaaffii keenyaaf Deebii kennuu qaba.

2. Dr Kabaa Urgeessaa deetaan ministeera barnootaa presidentiin Yuunibarsiitii Jimmaa duraanii kan turee fi Yeroo amma kanatti mootummaa wayyaanee bakka bu’uun filannoo kijibaa Wayyaanee keessatti qooda fudhachuun wayyaanee Oromoo hidhaa, ajjeesaa, fi barattoota Oromoo barnoota irraa arii’achaa jiru bakka bu’uun miseensa mana maree bakka bu’ota uummataaf dorgomaa wayyaanee ta’uun kan duula filannoo gaggeessaa jiru, yeroo gabaabaa keessatti argamuun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebii kennuu qaba jechuun barattootni Oromoo FDG nyaata lagachuun guyyaa har’aa jabeessuun itti fufan. Mootummaan wayyaanes Barattoota Oromoo qaroo qabeeyyii fi abdii uummataa ta’an doorsisuu fi waraanaa fi humna tikaa of harkaa qabuun doorsisuu itti fufe. Suuraan attach ta’e kun suuraa barattoota Oromoo nyaataa fi barnoota dhaabuun gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun qabsoo warraaqsa FDG itti fufani jiranidha.

ABO Malee Wayaanee Hin Abdatiini

Aside