Ayyaanni OPDO Magaala Adaamatti Kabajamuuf Ture Uummanni Argamuu Diduu Irraan Akka Karoorsanitti Hin Kabajamin Hafe, Akka Mooraa Yuuniversitii Adaamattis Feshalee Jira.‏

Aside

Gabaasa  Qeerroo Adaamaa, Bitootessa 22,2015

diddaa9Maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOn wal qabsiisanii Oromiyaa naannoo diddaan uummataa itti jabaate keessatti uummata walgayii yaamuudhaan diddaa Qeerroo dura dhaabbachuuf karoorri OPDO bakka ayyaana itti kabajatan keessatti uummanni argamuu diduun, kan argame miseensuma isaaniin gaaffii mirgaatiin muddamuun tasgabbii dhabuun ayyaanichi haala yaadaniin hin kabajamin feshala’e.

Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa har’a Bitootessa 23 addeessuun guyyoota 4n darbab irraa kaasee maqaa ayyaana hundeeffama DhDUOtiin dahatanii ergama isaanii bahuu fi akkasuma diddaa Qeerroon oromiyaa keessatti gaggeessuun mootummaa nama nyaataa Wayyaanee dura dhaabbachaa jiru feshelsuu kan kaayyeffatanii ka’an, dabalataan dhimma filannoo barana dhufu irratti nagaadhaan milkeessuuf dursanii uummata waliin nageenya irra keessi sobaan dibame keessatti kabaja ayyaanicha gaggeessaa kan jiran naannoo garagaraatti akka karoorfatanitti uummanni Sirna EPRDF f ajajamee argamuu diduudhaan waan dhufaniif milkoomina dhabaa jiru, har’as magaala Adaamatti ayyaana kabajuuf kan argaman ergamtoota mootummaa Wayyaanee, OPDOn kanneen akka Dhaabaa Dabalee waldaalee dargaggoota waliin ayyaanicha kabajuuf kan achitti argame,akkasuma Zelaalem Jemane fi Milkeessaa Jaagamaa ayyaana kana kabajuuf magaala Adaamatti kan walgahan, kan isaan biratti argame miseensota isaanii kan tahanii fi deggertoota nama muraasaan hirmaatame, isaan deggertootni argamanis gaaffii dhimmi Master Pilani kaasuudhaan jarreen mootummaaf ergaman mataa cabsuudhaan sirni ayyaana isaanii akka yaadanitti kabajuu dhabuun feshalate.

uummanni magaalichaa fi naannoo ishee jiraatus irratti argamuu diduudhaan, akkasuma barattootni mooraa Yuuniversitii keessatti akka kabajamu bakka bu’oota dhaaba OPDO moorichaan labsame, labsiiman hafe, barataan maqaa ayyaana kana dhahu hin argamne, mooraa keessattis akka hin kabajamne barattootni mooraa yuuniversitii Adaamaa keessa jiran dhaamsa waliif dhaamuun barataan Oromoo mooricha keessatti argamu bakka kabaja ayyaana kana irratti namni tokko akka hin argamnee fi akka magaalatti uummataan kabajamuuf akeekamee deemames feshalaa’uu odeessaan Qeerroo magaala

Mootummaan Wayyaanee EPRDF Bishaanii fi Ifaa Uummata Irraa Kutuun Dheebuu fi Dukkanaan Adabaa Jira.

Aside

Bitootessa 23,2015, Gabaasa Qeerroo Qeelloo Wallagga 

Adduunyummaa ODF

Suur dhibii irraa

Godina Wallagga Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo  erga  ummatnii  Oromoo  gamtaan fincila diddaa gabrummaa kaaseen  mootummaan  Wayyaanee  uummata haaluu ba’uuf   jecha  jiraattota magaalaa Qeelloo  irraa  ifaa fi  bishaan dhugaatii  kutuun jiraattotni magaalaa Qeelloo  dheebuu n  dararamaa  fi  ifaa  malee halkan dukkana  keessa  rakkachaa  jiru. Akka gabaasi Qeerroo ibsutti haalli kun yeroo torbaan tokko  ol  lakkoobsiseera

Akka uumati naannichaa ibsutti sababni ibsaan kun  Ummata  Oromoo  irraa  cite  hidhamuu  Barsiisotaa fi Baratootaa  akkasumas  ummata jiraatotta magaalaa Qeelloo  karaa  meeshaa sab -qunnamtii  Media  Garaa  Garaa  irratti  gabaafamee ummatni  dhaga ` eef  jecha  Haati  kanaan  kan ka, ee  Bitootessa  16 / 2015  irraa  eegalee   Mootummaan Wayyaanee  umnata Oromoo Jiraattota  magaalaa  Qeelloo  ti mana  barumsaa Qeelloo sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa  irraa  ifaan  Addaan  citee  jira.

Jaarraa 21ffaa keessa yeroo addunyaa odeessa shaffeessaa fi haala qindaawaa ta’een odeessa fi qunnamtii  ammaayaa  ta’e  ummataaf  dhaqqabsiisuuf  hojjetaa  jirtutti  mootummaan Wayyaanee  akka ummatni Oromoo odeessa hin argannee fi bilbilaan wal hin qunnamee nneef qunnamtii isaa addaan kufuuf  shira hojjetaa jira.

Keessumaa tti  Ummatni Oromoo  miidhaa fi saamicha,  hidhaa fi  ukkasmsanii  ilmaan Oromoo  qee fi qabeenya, hojii fi barumsa isarraa  dhabamsiisaa  jiran  kana  ummatni  Oromoo wal hordofee  akka  hin gabaafnee fi dhagahee  waliif  hin dirmanneef  ta’e  jedhee  shira  ifaa kufuu fi  neeti network cicciruu shira Oromiyaa keessa irratti hojjetaa jira.

Walaloo Sabboonaa Oromoo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Aside

Filannoo Sossobbaa

Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?

Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???

Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Filannoo Sossobbaa Walaloo

Aside

qeerroo-edit

Cooma Mana Ormaa Irra Raafuu Haadha Ofii Wayya

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Bitootessa 23,2015

Uummanni Oromoo guyyaa gaafa gabrummaa jalatti kufee kaasee diina isa gabroomseef jilbeenfatee hin beeku, kallattii fi al-kallattiidhaan diina isaa of irraa qolachaa hanga yoonaa gahe,Moototiin Habashaa dhufaa darbaa uumanni Oromoo ciqilee isaanii jalatti akka kufee hafuuf shira hin wixiniin hin jiru.Kanas ta’u sirna cunqursaa meeshaa waraanaa hagna hin qabne hidhatee jiru Oromoon harkaan lolaa mirga isaa tikfataa har’a gahe.  Har’as mootummaan Wayyaanee gaafa aangoo qabateen eegalee kuufama meeshaa ittiin Oromoo doorsisu irratti dabalee afaan sabichaan kan uummata doggogorsu dhaaba ofii isaa akka fedhetti ajajajuu fi kan walabummaa hin qabne ijaaruun OPDO jedhee itti fayadamaa jira. Dhaabuma kana kana keessattis kanneen uummata Oromoof naatoo qaban gara dabarsuu fi biyyaa arihuu kan uummataaf falman hidhuu fi hojii irraa gageessuu irratti hojjetaa umurii aangoo isaa dheerefattaa dhufe, kunis isa baasuu diduun yeroo Oromoon  FDG ifatti finiinee aangoo Wayyaaneetti xumura godhchuuf  yeroo muraasatti galche jiru kana keessatti haalli uummata Oromoo isa sodaachisee jiru kana keessatti, Oromoonni haalli FDG fi dammaqiinsi uummata Oromoo hin galiiniifii fi Oromoon akka qabsaawaa hin qabneetti ala irraa gallee sochii warraaqsa Bilisummaa hoggana jechuun afaan faajjii hawaasa keessatti  uumuun Wayyaanee waliin karaa nagaa fi heera EPRDFn qabsoofna kan jedhan gochaan kana fakkaatu Uummata Oromoo irratti hojjeta malee qooda qabsoo Oromoof gabbisuuf akka hin deemne walii galatti sabni Oromiyaa akka beeku dursanii hubachuun barbaachisaa dha. Guutummaan Ibsa Kanaa PDFn:- Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 23 2015

Gootota Dargaggoonni Oromoo Yuuniverstii Jimmaa

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/warraaqsi-bilisummaa-gootota-barattoota-oromoo-jimmaa

“ABO Kennaa Waaqayyo Oromoof Kenne” Gooticha Sabboonaa Artist Kadir Martuu

Aside

Adda Bilisummaa Oromoo Yaa Dansaa

Kennaa Waaqni Oromoof Kenne Badhaasaa

Tarkaanfataan dhugaan mirga isaaf falmatuu

Saba cunqurfamaaf yaada nyaatee dhugee hin rafuu

Saba Isaaf kan dhukubsatu

Qabsoo gitaan malee dhibeen isaa hin fayyitu

Gaafifi Deebi J/Daawud Ibsaa Bitootessa 21 Bara 2015.

Aside

Goototi Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa 3 Humna Tika Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Isaanii Wallaalamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Barataa hydraulics  waggaa 4ffaa kan ta’e   Lammii Gonfaa Fullessaa

Barataa hydraulics waggaa 4ffaa kan ta’e Lammii Gonfaa Fullessaa

Barata Sport Sience Waggaa Sadaffaa kan ta’e Dastaa Moosisaa Fufaa

Barata Sport Sience Waggaa Sadaffaa kan ta’e Dastaa Moosisaa Fufaa

 

 

  1. Barata Sport Sience Waggaa Sadaffaa kan ta’e Dastaa Moosisaa Fufaa  wayita gannaa FDG qabsiiftan sababaa jedhuun reebichaan waltajjii irraa butamee gurra lamaanii fi afaan isaa keessa dhiigni yaa’ee dhaabbachuu didnaan Hosptala  Xiqur Anbassaatti yaalamaa ture.
  2. Barataa hydraulics  waggaa 4ffaa kan ta’e   Lammii Gonfaa Fullessaa n waggaa darbe FDG Ebla 2014 ka’e irratti reebichaan qabamee  maa’ikelaawwii keessatti nama torchii ta’aa ture keessaa tokko yeroo ta’u
  3. Barataan maqaan isaa Mootii Mootummaa security force TPLF harkatti reebamaa erga ture baatii onkoloolessaa 2014  keessa du’e jedhanii bakkeetti gataniin booda lubbuun uumati isa kaasee mana yaalaatti erga geessaniin booda bayyaanatee ture, ammas FDG Bitootessa 2015 Yuuniversitii Wallaggaatti ta’een wal qabamee humna Federaalaan erga qabamee bakka buuteen isaa wallalamee jira.

Sabboontoti ilmaan Oromoo kun sadeen sababaa gaaffii mirgaa fi waayee master plan Finfinnee irratti imaamata mootummaa mormitan sababaa jedhuun qabamanii hanga ammaatti bakka buuteen isaanii wallalame jira

Sochiin Warraaqsa Bilisummaa Kan Isaan Yaaddeesse Angawootni Wayyaanee Muktaar Kadirii fi Haalimaarim Dassalee Gara Magaalota Jimmaa Fi Naqamteetti Imaluuf Karoorfatan.

Aside

q-news3aaBotootessa 22/2015  Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n Magaalaa  Jimmaa , Neqemtee fi Ambootti  maqaa sochii warraaqsaa FDG gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon  gaggeeffama jiru dura dhaabbachuu jedhuun Angawootni Wayyaanee olaanoo fi daabballootni Muktaar Kadirii fi Haalimaarim Dassaleen durfaman guyyaa har’aa maqaa walga’ii kabaja guyyaa hundeeffama OPDO waggaa 25ffaa kabajna jedhuun uummataa humna waraanaa fi poolisoota Federaalaan dirqamsiisaa jiraachuun ibsame.

Mootummaan Wayyaanee godina Jimmaa fi Addatti immoo Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuun Mootummaan naannoo Oromiyaa sochii warraaqsa FDG Jimmarratti gaggeeffamaa jiruun harka kennachuutti jira sabaabaa jedhuun Angawootni Wayyaanee mataa wayyaanee  EPRDF ta’aan utuu hin hafiin guyyaa har’aa duulaa/imala isaanii garaa Magaalaa Jimmatti jechuun dhaaba keenyaa kufaatii hamaa isa mudachaa jiruu irraa haa hambisnuu maqaa jedhuun  wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n duulaa guddaa magaalaa Jimmaa irratti gochaa jiraachuun  walqabatee uummatni keessattuu miseensotni OPDO fi sabaa fi sablamootni magaalaa Jimmaa keessatti argamaan doorsiisa guddaa wayyaaneen maqaa isaanii ganda irraa adeemuun galmeessuun namoota walga’ii keenya hin dhufne magaalaa keenya keessa ni baasna, manni daldalaa keessanii fi eeyyamni hojii keessanii isiin irraa fudhatama jechuun uummata nagaa shororkeessa jiraachuun wayyaanee ibsame jira.  Sabboontotni Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa walga’ii wayyaanee kanatti akka hin hirmaanne ibsuun kan wayyaaneen dirqisiisee walitti qabaa jiruu sabaa fi sablammoota  adda addaa magaalaa Jimmaa keessa jiraatan wayyaaneef ergamanii bulan ta’uu ibsan.

Haalumaa walfakkaatuun shororkeessitootni Mootummaan wayyaanee Muktaar Kadirii fi angawoota Federaalaa Wayyaanee magaalaa jimmaa irratti olola sobaa ofuun, gara Magaalaa Neqemteettii darbuuf kan jiran yoo ta’uu olollii Wayyaanee Magaalaa Jimmaa irratti uummattni  maqaa walga’ii kanaa doorsifamee waraanaan walitti qabame sagalee guddaa dhageesisuun waa  irraatti iyyaa jiruuf wayyaaneen waan qabee gadhiisuu dhabee rakkachaa jiraachuun ibsame jira. Sochiin Wayyaaneen EPRDF/TPLF/OPDO’n  gaggeessa jirtuu kun humna waraanaa Agaazii,fi Poolisii Federaalaa eegamaa kan gaggeeffamaa jiru dha. Magaalaa Neqemteettis yeroo amma kana Waraannii Agaazii jedhamuu fi poolisootni Wayyaanee daandii cufuun ergamtoota Wayyaanee garasitti imalaa jiraan eegaa kan jiran yoo ta’uu  Uummatni oromoo magaalaa Neqemtee  ajaja wayyaaneen dirqamaan walga’ii baastu fudhachuu diduun gabaafame.

Maagaalaan Amboo Bitootessaa 20/2015 irraa eegaluun haala akkam jabaataa ta’een humna Waraanaa guddaan marfamtee eegamaa jirti, Waraannii wayyaanee guddaan  maasaraa mootummaa magaalaa Amboo ganda 01 keessatti argamu keessaa fi buufata Leenjii Poolisootaa oromiyaa Sanqallee keessa qubsiifamuu madden keenya gabaasaa jiru.

Sochiin gootota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Wallaggaa, fi Amboo keessatti  barattootni gara uummatattii gadi akka hin baane ol ittisuu fi hordoffiin barattoota Oromoo humna waraanaa, Poolisaa fi humna tikaa wayyaaneetiin godhamu daran hammachuun gootota barattoota Oromoo gara FDG ulfaataa fi wareegamaa qaalii kanfaluutti tarkaanfachiisuuf akka jiruu haala jiru irraa hubatamuun danda’amee jira. Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi uummata Gidduu waraana guddaa fi humna poolisii federaalaa fi basaastootni wayyaanee hedduun bobbaafamuun mootummaa wayyaanee sirna burkutaa’aa baatee adeemaa jiruu kufaatii irraa hambisuu kan hin dandeenye ta’uu hogganootni  fi qindeesitootni sochii warraaqsaa FDG Oromoo ibsan.  Mootummaan wayyaanee Sochii warraaqsaa FDG karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeeffamaa jiruu dura dhaabbachuuf meeshaa waraanaa fi loltuu fi dabballee hanga funyaanitti hidhachiifatee sochoo’u illee adeemsi warraaqsa FDG yeroo irraa gara yerootti itti jabaachuu fi toftaalee garaagaraa jijjirraachuun  mootummaa Wayyaanee raasee hudhee qabee kan jiruu ta’uu hubachiisuun, uummatni keenya dammaqinsaan bakka jiruu hundaa FDG akka jabeessuu dhaamsa dabarsan.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 21, 2015

Aside