Ani Hin Dabne Irbuu Irraa,Maaliif Dugda Galte Ana Irraa?? (Hawwisoo Qeerroo)

Aside

Shaggar Lixaa Aanaa Dirree Bosonni Gaara Dashuu Jedhamu Investerootaaf Kennamee Abiddaan Waan Gubataa Jiruuf Barattooti Aanichaa 2000 Tahan Baraaruuf Gamtaan Ka’an.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 19,2015

Shaggar Lixaatti:Aanaa Dirree magaala Incinnii mana barumsaa dadarkaa 2ffaa Bitootessa gaafa 19/2015 barattootni 2000 tahan ganama akka mana barumsaa seenaniin ganda Balaay Rogee Daagaa jedhamu bosonni gaara Dashuu jedhamu ibiddaan gubataa waan jiruuf sochii ibidda kana dhaamsuuf barattootni kun taasisan, duula bosona kana balaa ibiddaa jalaa baasuuf jecha godhan dhaadannoo fi sirboota qabsoo garagaraa dhageessisaa, mootummaan Wayyaanee qabeenya Oromiyaa ibiddaan gubaa jira, kanaaf duula mootummaan taasisaa jiru kana dura haa dhabbannu jechuudhaan sagalee isaanii dhageessisaa kan turan, gaaffiin dhimma kanaa bakka hundaatti ka’aa waan jiruufis mootummaan humna poolisaa fi tikaa bobbaasee gaaffii barattootaa dhaamsuuf duula bane jira.

Diddaan Sirna Wayyaanee fi Gaaffiin Mirga Abbaa Biyyummaa Guyyaa Har’aa Yuuniversitii Afur(4) Keessatti Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Diddaa, Gabaasa Qeerroo Bitootessa 19,2015

Dhaabbilee barnootaa Yuuniversitii, koollejjii, godinaalee oromiyaa naannoo adda addaatti FDG gaaffii dhimma gubachuu bosona Oromiyaa, dubbii  Abbaa Tsaayee fi mirga walabumaa Oromiyaaf falmuun wal qabsiisudhaan Qeerroon Oromiyaa keessatti diddaan ka’ee jira, bakka gabaasa Qeerroo ibsu irraa kana gaditti kan argamuudha.

  1. Haromayyaa Yuuniversitii:-

    441

    Mooraa yuuniversitii guddicha Haromayyaatti Bitootessa gaafa 18/2015 dhaabaa ibsaa fi manaa irratti barruu mata dureen isaa “Sabboontotni Oromoo FDGf Kaaffee keenya Keessatti Ganama Sa’a 7:30 Irratti Wal Arguun Dhaamsa Dabarsina” jedhuun dhaadannoolee qabxii 8 qabu waliin bakka garagaraatti maxxanfamee bule odeessi Qeerroo yoo addeessu, dhaadannoon qabxiidhaan maxxanfamanis

  • Bosonni oromiyaa mootumma wayyaaneetiin gubachaa jira,manca’aa jira
  • Ilmaan Oromoo yoo xiqqaate 35,000 ol mana hidhaa keessaa gadhiifamuu qabu,
  • Barattoota ajjeefamaniii fi hidhamaniif mormii keenya itti fufuu qabna
  • Poolisiin federaalaa mooraa keessaa haa bahu
  • Mirgi diimokiraa fi uummataa haa eegamu
  • Kaardii filannoo sobaa hin fudhannu
  • Abbaay Tshaayee uummata oromoo arrabsuun seeraan gaafatamuu qaba
  • Maqaan Master Pilaanii kana booda ka’uu hin qabu.

Kan jedhu dhaadannowwan kanaa olii kana mooraa keesatti bittimsuun humni waraana wayyaanee gubbaadhaa socho’uun kaleessa naannoo fi keessa mooraa Yuuniversitii Haromayyaa buufatee akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa. Barattootnis nyaata kaaffee lagachuudhaan barumsas dhaabuun kan beekame, humni ittisa biyyaa sochii barattootaa kana dhaamsuuf garasitti ergame diddaa barattootaa dhaamsuu akka hin dandeenye odeessaan ibsa.

  1. Yuuniversitii Jimmaa:-

    yeroo barattooti didanAkuma beekamu yeroo darbe sadarkaa itti aanaa fi gorsaan mootummaa Itoophiyaa kan ta’an Abbaay Tsaahe dhimma Master Pilaanii dubbiin afaanii baafate ilmaan oromoo kamuu jalaa dhokataa miti,kanumaan kan wal qabate diddaan mooraa barnootaa yuuniversitii oromiyaa keessa jiru mara keessatti dhimma qabeenyaa oromiyaa gubataa fi manca’aa jirus dabalatee gaaffiin ka’aa akka jirus odeessa Qeerroon darbaa jira, haala kanaan kaleessa Bitootessa 18/2015 yuuniversitii Jimmaa mooraa Kiitoo Fardiisaa(Engineering Compus) jedhamee kan beekamu, mana yaalaa barattootaa moorichaa keessatti Qeerroodhaan barruun afaan Oromoo fi afaan Ingiliffaatii fuula 9 qabu mata duree “Master Pilaaniin Hojii Irra Ooluu Hin Qabu fi Dubbii Obbo Abaay Tsahe Dubbates Tuffii Uummata Oromoo Akka Tahe” keessattis waamicha diddaa kan ibsu barruun kun bakka namni argu lama lafa kaa’amee jira, jalee mootummaatiin argamee yeroodhaan toohatame malee mooraa yuuniversiti keessatti barruu hedduun akka maxxanfamee jiru Qeerroon odeessa isaa nuun gaha,kanumaan mootummaan wayyaanee mooraan xiyyeeffannoo guddaadhaan akka eegamu,humna ittisaa mijeeffachaa mooraa Yuuniversitii sana qofaaf mijeeffachaa akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa. Akka Yuuniversitii Jimmaatti mootummaan sodaa guddaa keessa seeneera, barataan Oromoo diddaadhaaf of qopheessee akka jiru hubachuu irraan, barruuleen waamichaas mumul’aa waan jiraniif hordoffii jabeeffachuun karoorfata, haaluma kana fakkaatuun guyyaa har’aas barattootni mooraa keessatti sochii diddaa mul’isuun dhagayamee jira, diddaan itti fufuu qaba.

  2. Adagirat Yuuniversitii:

    Gaafiin mooraa Yuuniversitii kanatti ka’ee jiru dhimma amantaan kan wal qabate tahullee barattootni Oromoo heddumminaan keessatti gaaffii miidhaan saba Oromoo kaasuun, gubachuu bosonaa fi warshaalee Oromoo keessa jiranis kaasuudhaan gaaffii barattootaa gara gaaffii mirgaatti naannessanii guyyoota lamaan kana jechuun Bitootessa 17 fi 18 barumsi dhaabbatee akka jiru odeessaan Qeerroo gamasii addeessaa jira. Barumsas akka hin baranne Oromiyaan boca uumamashee mootummaa Wayyaanen utuu gadhisaa jirtuu, ilmaan Oromoo mana hidhaatti osoo gidirfamuu jireenya dhuunfaa keenyaaf barumsa kennee lafa dhiituun haa dhaabbatu jechuun diddaan mooraa kanattis qabatee akka jiru odeessi nugahee jira.

  3. Naannoo Wallootti:-

    Aanaa Gudayaa ganda Konkaa Ijaa jedhamau Bitootessa gaafa 15 fi 19 /2015 mootummaa irraa ergamee hojii basaastummaa aanaa kana keessatti kan hojjetu dhalootaan Amaara kan tahe tokko nama dhalootaan oromoo tokko sabboonummaa qabu harka mootummaatti dabarseekennuu irraan tarkaanfiin ajjechaa basaasaa mootummaa wayyaanee kana irratti raawwatamee jira. sababa kanaan manneen jireenyaa saba amaaraa 4 ol tahus ibiddaan gubateera,diina mootummaan ergamee uummata hammeenyaaf kennaa jiru kana irratti boombiinis darbatamee namoonni hedduun mada’anii jiru, odeessa Qeerroo hubatamu irraa uummanni tarkaanfii mootummaa wayyaanee irratti fudhachuu eegalee jira,deggertootni mootummaas sodaa kana keessa seenuudhaan hojii isaanii irraa akka deebi’aa jiran dhalootaan saba biraa kan tahan, ilmaan habashaa hojii diinummaa irratti bobbahanii jiranis naannoo sana irraa uummataan ariyamaa akka jiran odeessi Qeerroo addeessa.

Godina Shaggar Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa Keessatti Mootummaan Wayyanee Saamicha Lafa Oromoo Taasisaa Jiru Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 19,2015 

Oromia samamaa jirtuAkkuma beekamu waggaa afur dura humnaan qotee bulaa Oromoo lafa isaa irraa kaasee Abbooti qabeenyaa chaayinaaf kenne warshaa Simintoo Bedrock fi Dangootee irratti ijaarataniiru. Ummatni laficha irraa ka’ee har’an tana waan nyaatee bulu dhabuu irraan haalaan dararamaa jira. Kunis kan ta’e ummata duran hojii isin qacarra jedhanii booda lafarra kaasanii san booda fira saani Habashaa qacaruun ummata Oromoo naannicha hojii maleyyii taasisanii jiru.

Kana maleelee uumanni Oromoo naannichaa dachi maleeyyii ta’an biyya keenyaa fi lafa saamamne hanga dhumaatti ni falmatana jechuun FDG kaasanii mootummaa fi bulchiisa naannchaa dhiphisaa jiraachuun gabaaama.Kana malees tibbuma kana Aanicha keessa gandoota Caancoo Birrattee fi Tuulii Dasee keessa beenyaa ga’aa osoo hin kanfalinif ummata humnaan lafa isaa irraa buqqisaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Mootummaan Wayyaanee Daandiilee Cufuun Uummata Nagaa Konkolaataan Deeman Hiraarsuu Itti Fufe.

Aside

Odeessa Qeerroo Bitootessa 19,2015
IMG_20150312_112935FDG Oromiyaa bakkoota adda addaan Mootummaa Wayyaanee irratti ka’een kan baarage Wayyaaneen yeroo ammaa naannoolee gaaffii Warraaqsaa kaasan keessatti  konkolaataa nagaa daandii irraa socho’u qabuudhaan sakatta’uu eegalee
jira.

Gochaaleen konkolaataa dhaabanii uumata nagaa hiraarsuun Wayyaanee kun torbaan darban keessa naannoo Oromiyaa garagaraa keessatti gaggeeffamaa kan ture yeroo ta’u, akka odeessa Qeerroo naannoo Shaggar Kaabaa Sulultaa, Salaalee fi naannoo Caancoo jedhamtu keessa daandii kutee deemu irra konkolaataa dhaabuudhaan sakatta’insa taasisaa akka jiran keessattuu galgala har’aa jechuun Bitootessa 18/2015 qaama poolisiitiin sakatta’iinsa gaggeessaa akka jiru odeessi Qeerroo nu gahe ibsa.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiquur Incinniitti  fi Godina Wallaggaa Anaa Ebantuutti Barattootni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa FDG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa 18,2015 Gabaasa Qeerroo

diddaa9 Godina Shaggar aanaa Xiiqur Incinniitti Bitootessaa 18,2015 Goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Dirree Incinnii sadarkaa 2ffaa fi Uummatni walitti dhufuun FDG haalaan qindaa’a ta’ee dhoosuun waraana wayyaanee waliin wal dura dhaabbatan. Mootummaan wayyaanee yeroo dhiyoo baatii tokko keessatti bosona Oromiyaa keessa jiruu fi warashaalee qabeenyaa guddaa qabatee jiruu ibiddaan barbadeessa kan jiru yoo ta’uu, Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiiquur Incinniitti kan argamuu bosonnii guddaan ‘’Bosona Roggee ‘’jedhamuun kan beekamuu aanaa Xiquur Incinnii keessatti kan argamuu harka mootummaa wayyaaneetiin ibiddii itti qabsiifamee barbada’aa jiraachuun walqabatee Qonaan bultootni fi barattootni Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa Dirree Incinnii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi manneen barnootaa sarakaa 1ffaa walitti dhufuun hiriirrii mormii guddaan Aanaa Xuqur Incinnii keessatti gaggeeffame .

Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Dirree Incinnii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’iinaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa finiinsuun uummataa , hojjettoota, daldaltoota, qonnaan bultoota fi poolisootni Oromiyaa sabboonummaa qaban illee kan keessatti argaman FDG jabaan sagalee dhaadannoo guddaa dheekamsaan guutamee wayyaanee irratti dhageesifama ole. Gaaffii armaan gadii fi dhaadannoo Oromiyaa faarsuu fi qabasoo uummata Oromoo haala finiinsuu dhageesisuun Fincilli jabaan itti fufe .

1.     Gaaffiin goototni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii Oromiyaa , Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Harammayyaa , Adaamaa , Madda walaabuu fi dhaabbilee barnoota olaanoo addaa addaa irraa gaafatamaa jiru gaaffi keenyaa deebii argachuu qaba.

2.     Deebii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii barattootni keenya gaafataniif Mootummaan TPLF/EPRDF/OPDO’ ajjeechaa, hidhaa, fi barnoota irraa arii’uu fudhachaa turee fi amma illee fudhachaa jiruuf Mootummaan itti gaafatamuu qaba.

3.     Maqaa Master Pilaaniin Finfinnee jedhuun karoorrii Oromiyaa diiguu xiqqeessuu fi Oromoo garboomsuuf gaggeeffamaa jiruu guutummaatti haqamuu qaba.

4.      Yeroo dhiyoo baatii tokkoo hin guutne keessatti qabeenyaan Oromiyaa bosonnii fi warshaaleen gurguddaa lafee dinagdee biyyatti ta’an harkaa mootummaa wayyaaneetiin gubamanii barbadeeffamaa jiru, kanaaf nuti Oromoon ibiddaa Oromiyaatti qabate dhaamsuuf yoom iyyuu rafnee hin bullu. Mootummaan Wayyaanee bosonaa Oromiyaa gubachaa jiruuf seeraa addunyaatti dhiyaatee itti gaafatamuu qaba.

5.     Bosonnii Roggee Aanaa keenyaa Xiquur Incinnii Ammayyaa fi Tokkee Kuttaayyee, fi Daannoo daangessuu ibiddaan gubatee barbadaa’aa jiruuf Mootummaan wayyaanee gaafatamuu qaba, Nuti Oromoon gamtaan kaanee ibiddaa harka diinaan bosona keenya barbadeessa jiru ni dhaamsina. Jechuun dhaadannoo garaagara keessattuu ABO’ gaacha keenya, ABO dimookiraasii dhugaaf qabasaa’a. ABO nu bulchuu qaba isin nu hin bulchitan jechuun sagalee guddaa  dhageesisuun guutummaa Aanaa Xiquur Incinnii raasaan, dargaggootni Oromoo kabinoota ergamtuu Wayyaanee OPDO,  sochii dargaggootaa fi uummata dura dhaabbachuuf bobbaafaman dhagaan dura dhaabbachuun haleeluun of irraa deebisan, humna waraana wayyaanee FDG kana dhaamsuuf bobbofameen sabboontotni Oromoo hedduun humnaan qabamanii hidhatti darbamuun qonnaan bultoota dhiiga danfisee ijoolleen keenya hiikamuu qabu , isin hidhamuu qabduu warrii biyya gubaa jirtan jechuun dura dhaabbatan, warraaqsii kun ganama irraa eegaluun hanga galgalaatti kan itti fufe yoo ta’uu manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hangaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaatti jiran cufamaniiru. Waraabbii sagalee fi vedio akkasumas suuraa isin qaqqabsifna.   Sochii Oromiyaa keessatti gaggeeffamuun walqabatee tajajila networkii fi interneetee ukkamsa jirti.

Barsiisotii fi Barattooti Gaaffiin Mirgaa Kaasan Uummata Cunqurfamaa Oromoo Dabalatee Itti Fufe. Barsiisotnni Hedduus Hidhamanii Mana Hidhaa Magaala Ebantuutti Dabarfaman

Aside

Bitootessa 18,2015 Qeelloo Wallagga

OromiaALutaContinua2011FDGBecause I am OromoWarraaqisi Bilisummaa Wallagga,Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo Ka’een barattooti M/b Sadarkaa 2ffaa Qeelloo fi barsiisotni Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo magaalaa Qeelloo irraa gara hindee magaalaa Eebantuutti hidhaaf guuramaa jiru. Humni hidhataa mootummaa Wayyaanees Naqamte irraa gara naannichaa dhaquun uumata goolaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.

FDGn kun wiixataa fi Kibxata kaleessaa  qabee kan itti fufe yoo ta’u uummati magaalichaa barattootaa fi hawaasa waliin hiriiruun guutummaatti mana hidhaa Wayyaaneetti guurama jiru.

Ka’umsaa fi aarii uumanni Oromoo kun irraa ka’ee FDG kana qabsiise kuufama rakkoo bara dheeraa fi lafi qonnaan bulaa guyyuu saamamuu fi gaaffii abbaa biyyummaa magaalaa Finfinnee akkasumas rakkoolee walii gala uummata Oromoo irratti qabrummaan diriiree qabatee jirutti rarra’a.

Sabboonaan Oromoo Mootii Tasfaayee dhimmi gaaffii mirgaa kaasisifte jedhee mootummaan Wayyaanee qabuun kana are uumanni Oromoo amma hammaa kanatti FDG itti fufee jira.

Uummata Nurratti Kakaasaa Jirtu Sababaa Jedhuun Loltooti Wayyaanee fi Hojjettooti Mootummaa Hojii Irraa Arihamaa Jiru.FDGs Itti Fufe!!

Aside

Bitootessa 18,2015  Qassoo

Oromian resistanceRoorroo if irraa ittiisuuf qabsoo uumanni Oromoo gochaa jiru keessatti qoodi dubartooti Oromoo kennan waan laayyoo miti,yeroo ammaa kana sochii Oromiyaa guutuu keessatti Qeerroon Bilisummaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaasee jiruun wal qabatee loltooti Wayyaanee fi Shamarran Oromoo hojjetoota Mootummaa ta’an hojii irraa arihamaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Wallagga aanaa Waamaa Hagaluu magaalaa Qassoo keessaa hojjetoota mootummaa fi mishooma Qonnaa fi fayyaa kanneen

Birraashee Dhaabaa hojjettuu fayyaa kan taate Dargaggoota Oromoo ijaarte sababaa jedhuu.

Guyyaa kaleessaa ykn Bitootessa 17,2015 hojii irraa akka arihamanii jiran mootummaan Wayyaanee isaan beeksise.

Kana malees,loltuun Abdii Abarraa jedhamu boqonnaa yerootiif gara maatii isaa Waamaa Hagalootti yeroo galutti ati kan ergamtee dhufte ABO dhaani,kanaaf dargaggoota nurratti kaasuuf asitti argamta sabaaa jedhuun loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa Jaatoo jedhamu erga ergamee dararaan guddaa irraan gahamuu fi hojii irraa arihamuu isaas beeksuu wayyaanee gabaasa Qeerroo irraa addaate.

SBO Bitootessa 18 Bara 2015.

Aside

Oduu, Warraaqsaa fi Sochii FDG Oromiyaa keessaa dhaamsuuf karoora haaraa mootoummaan wayyaanee OPDO keessaan tarkaanfachiisuuf baasate irratti gabaasa qophaa’e, gaaffii fi deebii b/taa Yunvarsitii Jimmaa Dachaasaa Reebuu waliin taasifame kutaa xumuraa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Breaking News -Wallagga Aanaa Eebantuu Manni Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Qeelloo Irraa Barsiisotii fi Barattooti FDG Kaasan

Aside

Bitootessa 18,2015Qeelloo

DIDDAA 2Godina Wallaggaa aanaa Eebantuu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo keessatti barsiisoti Oromoo gurmuu barattootaa qabachuun gaaffii warraaqsaa kaasaniin FDG jabaan eegaluu irraa poolisoonni aanichaa fi milishoonni gadnaa marti jeeqama keessa galanii jiraachuu Qeerroon gabaasa. Haala kana irraa kan ka’e hanga ammaa barsiisoti Oromoo 7 fi barattooti lakkoofsaan hin beekamiin akka ergamtoota Wayyaaneen qabamanii jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Diddaan barsiisotaa fi barattootaa Qeelloo erga eegalee bultii lama haa ta’u iyyuu malee kan har’aa sadarkaa ol aanaa akka ta’ee gabaasi nu gahe addeessa.

  • Gaaffiileen mirgaa ka’an keessaa:-
  • Mormii master planiii  Finfinnee itti fufna.
  • Abbay Tshayyee uumata Oromoo fi eenyummaa Oromoo itti waan dhadateef seeratti haa dhihaatu.
  • Oromiyaan ni walaboomti!
  • Barsiisoti Oromoo yeroo barataan dhumuu fi hidhamu teenyee ilaaluu hin dandeenyu!
  • Oromiyaan ni bilisoomti,  Artisotoonni Oromoo hidhamanii fi biyyaa arihaman tatattamaan gara biyya isaanitti akka deebi’anii fi kkf ture.

Gama biraan magaalaan Naqamtee fi Yuuniversitiin Naqamtee waraana Wayyaaneen marfamee jiraachuun beekame,Waraanni naannichatti bobba’ani moraa Yuuniversitii cinaa qubatan dhalootaan Tigiroota ta’uu Qeerroon gabaasa,Ammatti network quunamtii magaalaa Naqamtee waan hirdhisaniif gabaasi gahaa dhihaachuu hin dandeenye.