Hooggansi ABO hidhamaniiru.
Prof, Isqeel Gabbisaatiin
ABO hidhamaniiru. Kun waan haaraa miti. Hooggansii fi miseensooni ABO erga dhaabni kun hundeeffamee jalqabee ni hidhamu. Wanti kaleessa ta’e akka dhufaa ture akeekkachiifni kennamaa ture.
1) Obbo Leencoo Lataa torbaan lamaan dura jalqaba OMN itti aansuun Ltv irraatti “dhaabni magaalaa kana jiru hidhattoota waliin hariiroo qabu qulqulleessee nuuf ibsuu qaba” jedhee himee ture. Gazeexeesituun Ltv lee ABOn waraanaa wajjiin hariiroo hin qabu jettee sirreessuuf yaaltullee Obbo Leencoon “ABOn ibsa ejjennoo deggersa ‘shiftootaa’ baaseera, kanatu ragaadha” jechuun hoggansaa ABOtti quba qabuu eegale.
2) Torbaan darbe keessa Jeneraal Birhaanuu Julaa ragaadhuma Obbo Leencoon tuqe caqasuun “ABO fi shiftoota gidduu wal quunnamtiin akka jiru himuun “ragaa irratti sassaabamaa jira” jechuun waan mootummaan karoorfatee jiru ibsanii turan.
3) Prezidaantiin MNO Shiimallis Abdiisaa “milla tokkoon ala dhaabatani miilla tokkoon mana keessa dhaabbachuun hin mandamus Continue reading
Hogganoota ABO guyyaa har’aa hidhamaniif kannee torbee darbe keessa hidhamanif durallee qabamanii mana hiraarsaa jiran maraaf sagalee haa taanu!
The lists of these leaders are:
Haalli siyaasaa amma biyya keenyaa keessatti mul’achaa jiru isa bara 1992 yeroo ABOn dhiibame Chaartera keessa ba’ee sanaa waliin lakkuudha. Inumaayyuu akka toftaatti waan galagalchi 1992 sun hojii irra oolaa jiru fakkaata: ajjeesuu, hidhuu, dorsisuun bakkayyuutti raawwachaa jira.