Hooggansi ABO hidhamaniiru.
Prof, Isqeel Gabbisaatiin
ABO hidhamaniiru. Kun waan haaraa miti. Hooggansii fi miseensooni ABO erga dhaabni kun hundeeffamee jalqabee ni hidhamu. Wanti kaleessa ta’e akka dhufaa ture akeekkachiifni kennamaa ture.
1) Obbo Leencoo Lataa torbaan lamaan dura jalqaba OMN itti aansuun Ltv irraatti “dhaabni magaalaa kana jiru hidhattoota waliin hariiroo qabu qulqulleessee nuuf ibsuu qaba” jedhee himee ture. Gazeexeesituun Ltv lee ABOn waraanaa wajjiin hariiroo hin qabu jettee sirreessuuf yaaltullee Obbo Leencoon “ABOn ibsa ejjennoo deggersa ‘shiftootaa’ baaseera, kanatu ragaadha” jechuun hoggansaa ABOtti quba qabuu eegale.
2) Torbaan darbe keessa Jeneraal Birhaanuu Julaa ragaadhuma Obbo Leencoon tuqe caqasuun “ABO fi shiftoota gidduu wal quunnamtiin akka jiru himuun “ragaa irratti sassaabamaa jira” jechuun waan mootummaan karoorfatee jiru ibsanii turan.
3) Prezidaantiin MNO Shiimallis Abdiisaa “milla tokkoon ala dhaabatani miilla tokkoon mana keessa dhaabbachuun hin mandamus
Aangawooti mootummaa aangoo qaban humnaan tikfachuutti adeemaa akka jiran ifaa ture jechuudha.
Waanuma seenaa ABO kessatti beekamutu ammas ta’aa jira.
Hooggansi ABO duras gaaga’amaafi balaa dhufuuf deemu beekaanii biyyatti galan. Hidhamuu qofaa miti lubbuun wareegamuun akka jiru beekanii qabsootti galan. Wareegamni qabsoo hin guddisa malee hin quuccarsu.
Hidhaa kaleessaa ilaalchisee waan haaraan yoo jiraate tokkooffaan hidhaan dararamuun kan miseensota ABO kumaatamaan lakkaawwaman irra gahaa ture, amma gara hoggansaatti ol bahuu isaati. Qabsoo keessatti boqonnaa tokko akka ta’e beekuu barbaachisa.
Lammaffaa, hidhaamuun qabsoo akka cimsu kan hin beekne mootota Itiyoophiyaa duwwaadha. ABO dhabamsiisuuf mootiin itti hinduulin hin jiru. ABOn duula itti banameen hin duune. Hardhas dheeratee dhaabbatee jira. Kan hin jirre warra duula irratti banedha. Yoo kun dhara jetttan, Haaylesillaasee, Mangistuu, Mallasaa gaafadhaa. Yoo dhugaadha jettan, maaqaa sadan ani tarreessee kanatti maqaan tokko itti dabalamuun hin ooltu.
Bitootessaa 1,2020
Isqeel Gabbisaatiin
Dhugaa dubate abii
Dhuga dubate abii