HIRIIRA BIRMANNAA
================
Hogganoota ABO guyyaa har’aa hidhamaniif kannee torbee darbe keessa hidhamanif durallee qabamanii mana hiraarsaa jiran maraaf sagalee haa taanu!
Guyyaa borii Bitootessa 1 bara 2020 irraa eegaluudhaan hiriira guutuu Oromiyaatti adeemsifamee, dhaaba keenya ABO tiksuuf haa xiyyeeffatu.
Hogganoota ABO tibbana Baalee fi Arsii irraa qabaman dabalatee, kanneen har’a magaalaa Finfinnee keessaa ukkaanfamaniif ilmaan Oromoo hidhamanii jiran maraaf uummati birmatee mana hiraarasaa irraa akka hiiku gaafanna.
Aggaammiin Jaal Hundee fi waayillaan isaa irratti godina Oromiyaa Kibba Bahaatti eegale ol guddatee Waajjira ABO muummicha irraa har’a hogganoota ABO oolaanaa hidhamanii jiran.
Jaal Abdii Raggaasaa hoggana olaanaa ABO
Jaal Dr. Shuggux Galataa gorsaa hoggana olaanaa ABO
Jaal Yaddii Abdushukur hoggana olaanaa ABO
Jaal Mikaa’eel Booran hoggana olaanaa ABO
Jaal Kennasaa Ayyaanaa Hoggana gidduu ykn miseensa gumii sabaa ABO fi waardiyaa isaaniif Konkolaachisaa isaanii waliin har’a namni 8 hidhamee jira.
Torban Darbe Oromiyaa kibba Bahaatti hogganoota ABO jaal Hundee Dararaa waliin namni 3 qabamee hidhame.
Oromoon callisuun hinqabu!
am so sorry (kan ammaa kun akka malee onnee na madeesse