Loltooti Wayyaanee Daandii Magaalaa Walqixxee Hamma Jimmaa Jidduutti Konkolaataa Dhaabanii Sakataa’uu fi Saamuu Eegalan. Yuniverstii Jimmaa fi Walqixxees Saka’ata’insi Seeraan Alaa Itti Fufe.

Aside

Barattoota OromooEbla 22,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF raafama guddaa keessa galuun daandii Konkolaataa Finfinnee irra gara Jimmaa geessuu magaalaa Walqixxee hanga Jimmaatti bakkota hedduutti konkolaataa dhaabee sakkatta’uun uummata dararaa jira.

Mootummaan Wayyaanee  EPRDF haala raafama siyaasaa, dhabamuu dimookiraasii fi abbaa irruummaa gaafa baaseen waan qabee gadhiisuun dhabuun magaalaa Jimmaa fi daandii Finfinnee gara Jimmaa geessuu irratti sakkatta’insa hamaa halkanii guyyaa gaggeessa jira. Keessaattuu Magaalaa Jimmaa keessatti  humnoota poolisii federaalaa isaa bobbaasuun nama daandii irraa adeemu kamuu dhaabuun waraqaa eenyummaa kan gaafatanii fi sakkatta’insa guddaa irratti gaggeessuun kan dabarsan ta’uu irraa uummata gooluu eegale jira. Sakkatta’insa Wayyaanotaa kun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa galma mooraa Yuunivarsiitichaa irrattiis haalaan jabaatee itti fufuun gadi ba’uu fi oldeebi’uun hojjeettootaa fi barattootaa sakkatta’insaan erga muddamuu eegalaanii torbee tokkoo ol ta’uun ibsamera, kana malees Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humnoota tikaa fi waraanaan eegamaa jirti.

Mootummaan Wayyaannee yeroo amma kanaa FDG uummaataa fi goototaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon hudhamee kufuuf raafamaa jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluun Yuunivarsiitii Walqixxee irratti immoo Doormii barattootaa seenuun sakkatta’insa addaa ta’ee gaggeessuun ofumaan barraagee barattoota jeeqaa jiraachuun ibsame. Mootummaan Wayyaanee aantummaa uummataa hin qabane rakkoo uummata biyyatti fi addaatti immoo uummata Oromoo irraatti biyyaa keessatti fudhachaa jiruu fi ajjeechaa suukaneessaa lammiilee biyyaatti irraatti  gaggeessaa jiruuf mootummaan Wayyaanee gaafatama gahaa fudhachuu akka qabu uummanni iyyaa jira.

Ummatni biyyatti hundinuu bu’aa mootummaan Wayyaanee buusaafi jiruu hidhaa, ajjeechaa fi dabarfamanii harka halagaa hambaa garaa lafina tokko hin qabneen ajjeefamuun wal qabatee guyyaa kaleessaa uummatni biyyaatti magaalaa Finfinnee keessa jiraatu mormii guddaa Wayyaaneen qabuun FDG guddaa wayyaanee irratti dhoosee jira kanaan walqabateen Wayyaaneen rifatee raafama guddaa keessa galuun tarkaanfii hadhawaa uummata irratti fudhachaa jiraachuun ibsame.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Gocha Sukkanneessaa Lammiiwwan Oromoo fi Itiyophiyaa Baqattummaan Biyya Ambaa Jiraatan Irratti Raawwatamaa Jiruuf Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamuu Qaba. 

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo 

Uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa addatti dargaggootni biyyattii dhiibbaa mootummaan faashistii Wayyaanee gaggeessaa jiruu fi tureen dirqamuun baqattooti lakkoofsa guddaan gara biyyoottan ollaa fi baha fagootti godaanuuf dirqaman. Carraan dargaggootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti hidhaa, ajjeechaa, doorsifamaa fi hojii dhablee tahuu dha. Dargaggootni Bulchinsa Impaayera Itoophiyaa keessaa abbaa biyyummaa mulqaman, Hojii dhabdummaan cinqatanii fi hidhaan itti hammaatte gammoojjii sahaaraa fi garba akkasumas galaana keessatti qorraa fi dheebuu dandamachaa kaan ajjeefamaa biyyoottan garaa garaatti baqachuuf dirqamu.

Dargaggootaa fi lammiilee gara biyyoottan garaa garaatti baqatan irratti miidhaan dhala namaaf hin malle waggaa 24 guutuu bulchinsa sirna Wayyaanee keessatti gaggeeffamaa asiin gahe. Mootummaan Wayyaanee garuu lammiiwwan abbaa biyyummaa isaanii mulqamanii godaansa filatan ‘’ baqatttoota, shororkeessitoota… itti maxxansuudhaan biyya ambaa deeman keessatti illee nagaa fi tasgabbii akka hin arganne taasisaa asiin gahe. Daandii godaansaa fi biyyoota ambaa keessatti dhangala’insa dhiigaa fi lubbuu godhamaa tureefis akka quba hin qabneettii usee irra tarkaanfachaa asiin gahe.

Miidiyaaleen Addunyaa garaa garaa lammiiwwan Itoophiyaa galaanaan, Gammoojjii fi harka dhala namaa garaa jabina raawwataniin ajjeefaman wayita gabaasu mootummaan Itoophiyaa garuu haaluu irraan darbee yakkamtoota gochaa ture. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 2015

Hiriira Finfinnee Guyyaa Har’aa

Aside

IMG_20150422_084516 IMG_20150422_085900

Tarkaanfii Sukanneessaa Libiyaa Keessatti Fudhatame Irratti Ibsa ABO

Aside

OLF_ABO_Logo

Lammiilee mootummaa dirmatuu fi lammii dhaqqabuuf dhihooti hin qabne, rakkoo fi hiraara jalaa of baasuu fi abdii nuuf dabra jedhuun gammoojjii hamaa qaxxaamuree Libiyaa gahe irratti tarkaanfii sukaneessaa ISIS (Mootummaa Islaamaa) ofiin jedhuun lammiilee Saboota Iyophiyaa irratti fudhatame tarkaanfii namoomaa ala kan tahee fi dhala namaa kamuu irraa hin eegamne waan taheef ABO gadi jabeessee balaaleffata. Gochaan bineensummaa akkanaa ulaagaa kamiinuu fudhatama kan hin qabne tahuus dabalee hubachiisa. Tarkaanfii loogummaa amantii irratti hundaauun namoota harka qulleeyyii fi sivilii irratti fudhatame kanaan gadda itti dhagaame maatii lammiiwwan gaagaamni irra gaheef ibsaa jajjabina hawwaaf. Loogummaa bifa kamuu ummataa fi lammiilee miidhu kamuu jabinaan kan dura dhaabbatu tahuus mirkaneessa. Hiree kanaanis hundee rakkoo lammiilee Itophiyaa balaaf saaxile kana hawaasni addunyaa akka hubatu yaadachiisuu fedha.

Empaayerri Itophiyaa empaayera bittaan abbaa irrummaa irratti dagaagee lammiileen mirga dhablee taasifamuun keessatti hiraarfaman,

Biyya hacuuccaan siyaasaa fi dhiittaa mirga ummata fi ilma namaa hadhaawaa tahee keessatti gaggeeffamu tahuu irraa fi tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa bahuu dadhabuu irraa lammiileen dhibbeentaa 40 ol tahan hiyyummaa maayyiin keessatti dhamaaa jiraatan,

Empaayera saaminsaa fi malaammaltummaan keessatti saaree murni bicuu keessatti duroomee, wayyabni keessatti hagabee jiraatu,

Empaayera ummatoota biyyattii keessaa kan miliyoonotaan lakkaaaman harayyuu gargaarsa alagaan jiraatuuf dirqaman keessa jiraatan,

Biyya bilisummaan ummatootaa fi matayyaa kabajamuu hanqatuu irraa barattootni, beektotni, gazexessotni, hogganootni jaarmayoota siyaasaa keessatti hidhaman, ajjeefamanii fi dararaman, Empaayera mirgi walaba tahanii bakka buaa ofii filatuun abjuu itti tahe, lammiileen kan hin beeknee fi hin feene filuuf itti dirqisiifaman, filannoo fakkeessiin hawwaasa addunyaa sobaa jiraatuun filmaata itti tahe,

Empaayera mootummaan Heera ofiif raggaase cabsuu dhaan dhimma amantii keessa harka naqatee matootii amantii sirna abbaa irrummaaf amanamoo tahan amantoota irratti muudamanii fi kan mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan ariamanii fi hidhaman tahuu irraa lammiileen biyyaa kumoota dhibbaan keessaa baqatan taatee jirti.

Tarkaanfii suukanneessaa Liibiyaa keessatti fudhatame irratti Ibsa ABO.pdf

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 21 Bara 2015

Aside

SBO Ebla 22 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu GGO fi Guyyuma kana ilaalchisuun gaaffii fi deebii Qondaala WBO Godina Bahaa waliin geggeeffame akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, 20 April 2015

Aside

Wallagga,Aanaa Nuunnuu Qubmaa Keessaa, Qe’ee Keenya Irraa Hin Buqqaanu Sababaa Jedhaniif Qofa Qonnaan Bultooti Oromoo 80 ol Manneen Hidhaa Gara Garaatti Hidhaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ebla 20,2015

Because I am OromoWallagga,Aanaa Nuunnuu Qumbaa Ganda qonnaan bultaa Furdisaa lafa qonnaa fi bososna Baanqoo jedhamu mootummaa Wayyaanee investerootaaf hiruu isaa irraan kan ka’e uummanni Oromoo naannichaa diddaa fi falmatnaa dachii isaanii taasisaniin ergamtootaa fi bulchitoota Wayyaanee waliin walitti bu’uu Qeerroon gabaase.

Gaafa Ebla 19,2015 Diddaa uummanni naannoo kanaa kaaseen wal qabatee mootummaan Wayyaanee loltoota isaa Naqamte irraa gara naannichaatti erguun fincila kaafatniittu, dachii mootummaan irraa buqaaa isiniin jedhe irraa ka’uu diddan sababoota jedhuun abbootii warraa kanneen ta’an qonnaan saddeettamaa ol manneen hidhaa beekamtii hin qabne kan akka Waamaa Adaree,magaalaa Nuunnuu, mana hidhaa Jimmaa Arjoo fi Jaatoo Naqamteetti guuramanii hidhamuu isaanii Qeerroon addeessa.

Kanneen keessaa maanguddoonni umuriin bulan lama haalaan miidhamanii mana hidhaa Naqamteetti darbatamanii jiru, kanneen kunis:-

  1. Obo,Qalbeessaa Donee
  2. Obbo, Firrisaa Waakkennee

Jedhaman yeroo ta’an hidhamtoota warreen hafan kaan keessas shamarran Oromoo maatii qonnaan bulaa keessaa akka keessatti argaman gabaasi addeessa.

Biyya Haqni Hin Jirre Keessa itti Filannoon Maalumaa?? Wallee Haaraa Hawwisoo Qeeerroo Bilisummaa Oromoon Ebla 2015

Aside

Hiraara Baqattoota Oromoo Irra Gahaa Jiruu fi Haala Kabajaa GGO Oromiyaa Keessaa Ilaalchisee Qophii Sagalee Oromoo Ebla 17,2015

Aside