Ebla 26/2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti Bifa Addaa Ta’een,Yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo Dabalatee Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

20150424_004459Ebla 26,2015 Ayyaanni irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti bifa addaa taee fi yaadannoo Gootota Barattoota Oromoo dhabbilee barnoota olaanoo Oromiyaa garaagaraa fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bara darbee Ebla 2014 gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Mormii master plan Finfinnee kaachisuun FDG irritti wareegamniif addatti yaadannoon Waggaa 1ffaas bifa hoaa taaeen kabajame.

Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Oromoo Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti kan Uummatni Oromoo 6000 olitti lakkamu Dhabbilee barnoota olaanoo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsii Jimmaa, fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, Sabboontota hojjettootaa fi barsiisotaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa, sabboontota uummata Oromoo magaalaa Jimmaa fi naannoo ishee, Sabboontota uummata Oromoo godinaalee Oromiyaa akka Iluu Abbaa Booraa,Wallagga Bahaa, fi Kibba Lixa shaggar irraa illee kan hirmaachise Ayyaanni Irreecha arfaasaa Jimmatti bifa hoaa fi adda taeen kabajame.

Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa kana Irraatti goototni dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraalee Yuunibarsiitichaa arfan irraa iyyuu uuffata gaddaa uffachuun gootota dargaggoota barattoota Oromoo fi uummata Oromoo bara darbee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa naagaa fi dimookiraasii gaafachuun baatii Eblaa 2014 keessa wareegama qaalii kanfalaniif yaadannoo bifa adda taeen gochuun gootota Oromoo fi dargaggoota Oromoo Wareegama qaalii uummata Oromoo bilisoomsuuf baasaa jiran faarfachuun, tokkummaa uummata Oromoo jabeessuuf walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo, fi gootota oromoo faarsuun haala adda taeen ayyaanni Irreechaa Arfaasaa bara 2015 kun bifa haalan qindaaeen kabajamaa olee jira.

Goototni dargaggoonni Qeerroon barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa wallee warraaqsaa kan gootota Oromoo kanneen akka Taadasaa Birruu, Abishee Garbaa, Waaqoo Guutuu fi hogganoota qabsoo bilisummaa Oromoo warraa 11 shiftoota Somaaleettiin qabamanii nuti kutaa, Amantii fi yaadaa fedheen gargar hin baanu nuti Oromoodha jechuun uummataa Oromoof wareegamaan keessaa kanneen akka:

, 1.Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee) Hayyuu Duree ABO,

2. Gadaa Gammadaa (Damisee Tachaanee) Itti aanaa Hayyuu Duree ABO

3.Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikuu )

4.Doorii Bariimoo (Yiggasuu Bantii)

5. Falmataa Abiyyaa Abbaa( Umar Ibirahiim Galmoo)

6. Irranaa Qacalee (Abdinuur Shek Huseen)

7. Marii Galaan( Mohamed Ibirahiim)

8 Dhaddachaa Boruu fi Gootota Oromoo gootummaa isaaniitiin utuu Oromiyaa fi uummata Oromoo bilisoomsuuf qabsoo finiinsaniif Ebla 15 guyyaa yaadannoo gootota Oromoo irraa egaluun utuu wal irraa hin kutiin hanga guyyaa haraatti itti fufinsaan yaadannoo goototaa taasisa kan jiran yoo tauu Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi koolleejjii barsiisota Jimmaa guyyaa haraa kana immoo bifa addaa taeen gootota Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo,ABO,WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo wallee warraaqsaan faarsaa oolan.

SBO Ebla 26 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Oduu, Ibsa ABO, Gaaffii fi Deebii Art.Amartii Waarii fi Qophiilee adda addaa

Aside

Ethiopia: The Ethiopian Government is Responsible for the Inhuman Treatments against Ethiopian Refugees and Asylum Seekers around the World

Aside

April 25, 2015 Human Rights
HRLHA Press Release

The  Human Rights League of the Horn of Africa has been greatly saddened by the cold-blooded killing of 30 Christian Ethiopian refugees and asylum seekers in the past week  in Libya by a group called Islamic State in Iraq and Syria/ ISIS. The HRLHA also highly concerned about thousands of Ethiopian refugees and asylum seekers living in different parts of Yemen were victimized due to the political crises in  Yemen  and hundreds have suffered in South Africa because of the unprecedented actions taken by a gang opposing refugees and asylum seekers in the country.  The suppressive policy  of the EPRDF/TPLF government  has forced millions of Ethiopians to flee their country in the past twenty-four years. The mass influx of Ethiopian citizens into neighboring countries every year has been due to the EPRDF/TPLF policy of denying its citizens their socioeconomic and political rights. They have also fled out of fear of political persecution and detention.  It has been repeatedly reported by human rights organizations, humanitarian and other non – governmental organizations that Ethiopia is producing a large number of refugees, estimated at over two hundred fifty thousand every year.

The HRLHA calls upon the Ethiopian government to unconditionally release the detained citizens and allow those who have been injured during the clash with police to get medical treatment.In connection with the incident that took place in Libya, on April 22, 2015 tens of thousands of Ethiopians marched on government- organized rallies against the killing of Ethiopian Christians in Libya. However, with the demonstrators’ angry expressions were directed at the authorities, the police used tear gas against them and hundreds of people were beaten on the street and arrested. On the 23rd and 24th of April 2015 others were picked up from their homes and taken to unknown destinations according to the HRLHA reporter in Addis Ababa.

Recommendations:

  1. The Ethiopian government must stop political suppression in the country and respect the human rights treaties it signed and ratified
  2. The Ethiopian Government must provide the necessary lifesaving help to those Ethiopians stuck in crises in the asylum countries of Yemen, South Africa and others.
  3. The EPRDF/TPLF government must release journalists, opposition political party members, and others held in Ethiopian prisons and respect their right to exercise their basic and fundamental rights enshrined in the constitution of Ethiopia and international standard of human rights instruments.

“ከኦነግ ጀርባ የኦሮሞ ሕዝብ አለ!” ሊሸሽጉት ያልተቻለ እዉነታ!

Aside

ጂቱ ለሚ April 06, 2015

Barreessaa dhugaa baasa!ሰዉዬዉ ቁጭ ብለው ሌሊት-ሌሊት ያሰባሰቧቸዉን የፈጣን ሎተሪ ቲኬታቸዉን እየቀያየሩ ሲፍቁ፣ ሲያስፍቁና ከሎተሪ መዉጫዉ ጋር ሲያመሳክሩ ያድሩ ነበር አሉ። እናማ አንደኛዉን ሲሞክሩት ውጤቱ ሌላ ነዉ። በሌላኛዉ ቢመኩም የባሰበት ሆነ! ሌላም ቢተካ ተስፋ ዬለውም። ላይተዉት ነገር የቤቱ ምሰሶና ማገሩ ‘በፈጣን ሎተሪዎቹ’ ተስፋ ላይ የተዋቀሩ ናቸዉ። አንዱ ሲጣል በሌላዉ ሲተካ ዉጤቱ እየራቀ ተስፈዉም እየመነመነ ቤቱ አልጸና ብሏቸዉ ላይ-ታቹን ሲኳትኑ በእልህ የመጨረሻ ዕድል ለመሞከር ባሕር ማዶ ድረስ ተሻግረዉ ታላቁን ‘ቶምቦላ’ በዉድ ዋጋ ይጋዛሉ። ዕድሉ ቀንቶኣቸው እነዚያን ‘ፈጣንና ፈጣጣ’ ሎተሪዎችን ለአንዴና ለመጨረሻ አራግፈዉ ለመገላገል ተመኙ። ግን ክፉ ዕድል ሆኖ ብዙ የደከሙለትን  ‘ቶምቦላ’ መጨረሻዉን ለማየት ሳይታደሉ የመሄጃ ጊዜያቸዉ ደረሰና የያዙትን ሁሉ ለዘመድ አዝማዶቻቸዉ በዉርስ ሰጥተዉ ይሰናበታሉ።

የሰዉዬዉ ወራሾችም የነገሩን አያያዝ አልቻሉበትምና አንዱን ሲይዙ ሌላዉ እየሸሸ ገና ከጅምሩ በሰዶ- ማሳደድ ጨዋታ ልባቸዉ ዉልቅ ይላል። “ልፋ ያለዉ በህልሙ ዳዉላ ይሸከማል” ይባል የል! ዉድ ዋጋ የተከፈለበትና እጅግ የተደከመበት ታላቁ ሎተሪም ገና ተፍቆ ሳይፈተሽ ዉጤቱ ከወዲሁ ባለማማሩ ከመጠቅለያዉ እንኳ በወጉ ሳይገለጥ እንደተሸፋፈነ ወደመጣበት መልሰዉታል። ፈጣኖቹም ቢሆኑ ኣንድ በኣንድ እየተመዘዙ ሲፋቁና ሲጣሉ የተቀሩት ደግሞ አንዳችም ተስፋ የሚጣልባቸዉ ባለመሆናቸው የሰዉዬዉ ቤት ግድግዳዉ ተንዶ ጣራዉ ሊፈራርስ የቀናት ዕድሜ ቀርተዉታል።

ጎበዝ! በዚህ ወቅት ብርቱ ጉዳዮች ኣሉብን። ለሕዝባቸዉ ነጻነትና ክብር የወደቁ ጀግኖቻችንን እናስባለን። የተያያዝነዉን ትግል ለማፋጠን ደግሞ ራሳችንን የበለጠ እናዘጋጃለን። ስለኦሮሞ ሕዝብ ነጻነት ሲሰሙ  የሚያምማቸዉን ደግሞ ጠንካራ ዉጋት እየለቀቅን የባሳ እናቃዣቸዋለን። ስለዚህም በፍጥነት ወደ  ጉዳዬ ልዝለቅ!

አንድ ሕዝብ ነጻነት ከሌለዉ ህሊዉናዉ አደጋ ላይ ይወድቃል። ይህ መሰል ኣደጋ የተጋረጠበት ሕዝብ ራሱን ከመከላከል የቀደመ አሳሳቢ ጉዳይ አይኖረዉም። ለዚህም ነዉ የዚህ ዓይነቱን አደጋ መከላከል ዉዴታ ብቻ ሳይሆን ግዴታም ጭምር የሚሆነዉ። ለዚህ ዓይነቱ ግዴታ ሕዝቡ የጋራ ኃላፊነት ይኖረዋል። ይህን ሃላፊነት ለመወጣት መሪዎችንና አመራሮችን በየደራጃዉ ይሰይማል። የፖለቲካ ፕሮግራሞችን ይነድፋል። ኣዋጭ የሆኑ የትግል ስልቶችን ይቀይሳል። አሳታፊና ዉጤታማ የትግል መዋቅሮችን ይዘረጋል። ኃይሉንና ጉልበቱን ያቀናጃል። ነጻነት ያለመስዋዕትነት በነጻ ኣይገኝምና ትግሉ የሚጠይቀዉን መስዋዕት ሁሉ ያቀርባል። ይህ በሕዝቡ ፍላጎትና ዉሳኔ ብቻ የሚሆን እንጂ ከየትኛዉም ኃይል ፍላጎትና ተጽዕኖ አንጻር የሚመዘንና የሚመጠን አይደለም። እንደዚያ ሊሆንም አይችልም። ጂቱ ለሚ

Guyyaa Har’aa Naannowaan Mooraa Yuuniversitii Finfinnee Humna Waraana Wayyaaneen Marfamee Jira

Aside

Ebla 25,2015 Gabaasa Qeerroo Finfinnee.

01

Yuuniversitii Finfiinnee Ebla 25,2015

Torbeewwan kana mootummaan wayyaanee haala isa mudatee jiru keessatti sodaachuu irraan daandiiwwan irratti konkolaataa dhaabee sakattaaisuu gabaasuun kenya ni yaadatama,haaluma kanaan har’ammoo mooraan barnootaa olaanoo Yuuniversitiilee keessaa fi ala humna waraana isaa qubachiisee kan jiru suuraan Qeerroon gabaasa isaa dhiyeessuun kan ibsuudha.Halkan edaa mooraa yuuniversitii kiiloo 6 fi kiiloo 4 keessa barattootni sabbontotni oromoo waraqaa balaliituu dabaa fi dhumiinsa ilmaan oromoo biyya keessaa fi biyya ollaatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamni mootummaa wayyaanee tahuu qaba kan jedhuun barruun darbamee mul’atee ture tikaa fi qaama dhokataa mooraa keessaa qabuun halkanuma funaanamuu Qeerroon gabaasee jira, haaluma kanaan har’a ganama irraa kaasee daandiin konkolaataa naannoowaa Yuuniversitii Kiiloo 4,5 fi Kiiloo 6 waraana Wayyaaneen qabamee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Haalli kun Yuuniversitii Madda Walaabuu,Bulee Horaa fi Haromayyaattis halkan edaa Ebla 24,2015 Qeerroon waraqoota barattoota dammaqsuu fi mootummaan Wayyaanee gocha suukkanneessaa ilmaan Oromoo irra gahaa jiruuf iti gaafatamaa fi seeratti dhiyaachuu akka qabu maxxanfamee akka bule Qeerroon gabaasee jira, yeroo ammaa humni waraanaa naannowan dhaabbilee barnootaa olaanoo sodaatu qubachiisee akka jiru gabaasni Qeerroo addeessaa jira.

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Yuuniversitii ABO Keessatti,Gootota Oromoo Ebla 2014 Keessa Wareegamaniif Yaadannoon Ta’uu Qeerroon Gabaase.

Aside


Dargaggoo BiilaaEbla 25,2015 Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo,
Yuunivarsiitii Amboo fi naannoo Ambootti yaadannoon gootota Oromoo bara darbee Ebla 25,2014 Keessaa ilmaan Oromoo wareegama qaalii kaffaluun qabsoo bilisummaa uummata Oromoo finiinsan waggaan 1ffaan isaa bifa adda ta’ee fi sochii warraaqsaa FDG of keessaa qabuun kabajamuu itti fufe.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo gumaa gootota wareegamanii gootota lubbuun jiranitu baasa, barruu warraaqsaa jedhu qopheeffachuun mooraa Yuunivarsiitii Amboo keessa fi uummaata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo isheef raabsuun uuffata gaddaa uffachuu, barnoota dhaabuu fi nyaata lagachuun ganamaa ganama barii lafaa irraa eegaluun hanga galgalaatti illee haala hedduu addaa ta’een
guyyaa yaadannoo gootota Oromoo kabajachuu itti fufan. Gaaffiin gootota keenya waliin taanee kaafne gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa dhiyaateef Mootummaan garboonfataa wayyaanee deebii humna waraanaa guddaa loltoota Agaazii jedhamuun beekaman nurratti bobbaasuun yakka duguugginsa sanyii (genocide) uummata Oromoo irratti rawwate. Yakka kanaaf Mootummaan Wayyaanee gaafatama seeraa fi seenaajala galee kan jiruu utuu ta’uu yeroo ammaan kana immoo maqaa filannoo fakkeessii fi kijibaa isaatiin uummata keenyaa dirqamsiisaa waan jiruuf jabeessinee balaaleffanna.

Gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruu hanga deebii sirnaa argatuu fi yakka ol aanaa uummata keenya irratti rawwachaa jiruuf Mootummaan EPRDFn hanga itti hin gaafatamnetti filannoon gaggeeffamu hin jiruu dhaamsa jedhuu gootootni barattootni Oromoo uummataaf dhaamsa dabarsan.

Ebla 15/2015 Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee Uummaata Oromoo magaalaa Amboo fi naannoo ishee irraa tajaajiloota kanneen akka bishaan dhugaatii, humna ibsaa, network fi tajaajiloota hawwaasummaa garaagaraa irraa dhaabuun uummataa daraara jiraachuun ibsame. Haalli kun wayyaaneen abdii kutannoo isa dhumaa fi guyyaan kufaatii wayyaanee baay’ee gabaabbachaa jiraachuu kan ibsu ta’uu uummatni Oromoo jiraattootni magaalaa Amboo dubbatan. Walumaa galattii yeroo ammaa kanaa sochii goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo jabeessa jiraniin wal qabatee mootummaan wayyaanee guyyaa kaleessaa humna waraanaa isaa hedduummina qaban magaalaa Amboo irraa qubsiisuun magaalaan Amboo eegumsa waraanaa jala kan jirtu ta’uun hubatamera. Mooraan Yuunibarsiitii amboos poolisii federaalaa Wayyaaneetiin guutame jira. Sochiin FDG jabaachuun hanga wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n aangoo gadhiiftutti jabaatee kan itti fufu fi gumaa Gootota wareegamanii gootota jiranitu baasa, kaayyoo gootota wareegamaniis gootota jiranitu galmaan ga’aa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo sochii isaanii jabeeffachuun yakka wayyaaneen bara darbee Oromoo irraatti rawwateef gaddaa guddaa qaban ibsachuu itti fufan.

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:: April 24, 2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Kallattiiwwan Shanan Finfinnee Irraa Bahanii Galan Irratti Konkolaataa Dhaabsisuudhaan Sakatta’a Eegale‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 24,2015
q-news3aaAkkuma beekamu baatii baatiin Ebla uummata Oromoo biratti dagatamu miti, waggaa darbe wayita kana Oromiyaa keessatti FDG baarageen barattootni oromoo,da’immanii fi maanguddoon lubbuudhaan wareegamuun kan dagatamu miti, baatiin kun bara baraan uummata Oromoo biratti kan yaadatamu ta’ee akka itti fufu dhiiga obboloota keenya baatii Ebla 2014 keessa dhangala’etu barabaraan nu yaadachiisa hafa. Haatahu malee
mootummaan Wayyaanees baatiin kun isaaf sodaa guddaa itti tahuu irra darbee torbee kana keessa sochiin uummata biyyattii kan isa dhiphiseen humna waraana isaa bakka isa sochoosisee uummata dhaanuu fi hidhuu irratti kan xiyyeeffatee ka’ee jiruudha. Gadda uummanni asuma dhiyoolubbuun namoota mootummaa Wayyaanee baqatanii fi jireenya ofii fooyyessuudhaaf biyyaa bahanii harka diina fakkaataa mootummaa Wayyaaneetti kennamaniin ummanni hiriira baheen namootni nagaan humna waraana Wayyaaneen dhaanamuudhaan miidhamanii yeroo amma Hospitaala keessatti argaman lakkoofsa kan hin qabnee fi mana hidhaatti kan guuramanis lakkaawun kana jechuun kan hin danda’amneedha.

Mootummaan Wayyaanee uummata isaa qaba jedhuun jjibbamuu mirkaneeffatee jiraachuun abdii kutatee waraana uummata nagaatti bobbaasee kan jiruu fi amma ammoo magaalaan Finfinnee keessi ganda gandaan humna qabu ramadchiisee kan jiru tahuun beekamee akkasuma guyyaa har’aa addatti kan eegale Karra Shanan Finfinnee irraa bahan,
1. Karra Qirxii/ daandii Finfinnee irraa gara Kaabaa geessu,
2. Karra Qoree/daandii Finfinnee irraa gara Jimmaatti geessu,
3. Karra Alloo/daandii Finfinnee irraa gara Walloo ykn Dasseetti geessu,
4. Karra Qaallitti/daandii Finfinneerraa gara Bishooftuutti geessuu fi
5. Karra Gafarsaa/daandii Finfinneerraa gara dhiyaatti geessu.

Finfinnee irraa kan bahuu fi kan seenu konkolaataan dhaabbatee sakatta’amuu eegalee jira, humnootni addaa daandiiwwan kana cina bosonaa keessa dhangala’ee buufatee kan jiruu fi humni daanditti bahee mul’atus sakatta’iinsa jabaa konkolaataa gaggeessuu eegale, mootummaan Wayyaanee nageenyaa isaaf sodaa keessa seenuu kan mul’isuu fi wayita ammaa kanas diddaan barattootaa akka darbe sun ka’uu of sodaachuu humnuma waraana isaa keessaan odeessi loo’ee Qeerroo qaqqabaa jira. Dhaabbilee barnootaa kanneen akka Yuuniversitii keessattis xiyyeeffatamee kan jiru barataan akka waan meeshaadhaan of qopheessuu barataa kaayyoof bahe sakatta’uun karoorfamuun kan dhagayamaa jiruu fi Qeerroon(Dargaggootni oromoo ) dhugaaf dhaabbatee harka isaa qullaa diina nama nyaataan falammii gaggeessuuf of qopheessee jiraachuu Qeerroon mooraa yuuniversitiilee garagaraa irraa gabaasee jira.

Mallattoon sodaa yeroo ammaa mootummaa Wayyaanee irraa mul’atus mallattoo kufaatii isaa tahuun waan nama hin shakkisiisneedha, kanumaan mootummaan wayyaanee daandiiwwan konkolaataa irraa humna isaan sakatta’iinsa konkolaataa uummata sakatta’uu irratti xiyyeeffatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Sagalee Qeerroo,Simbirtuu Ebla 23,2015 fi Raadiyoo Oromoo Qophii Ebla 22,2015

Aside

Sagalee QEERROO ” Haala Ammaa Irratti Qophii Addaa” Ebla 22, 2015

Aside