Camsaa 19/2015 Oromiyaa Gara Kibba Dhihaatti Kan Arrgamtuu Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa Eeggumsa Humna Waraana Wayyaanee Jala Galtee Jirti, Ummanni Oromoos humna waraanaa raayyaa ittisa sirna TPLFn marfamte.Mootummaan Wayyaanee muddamaa fi raafama siyyaasa guddaa keessa galee kan jiruu, olola maqaa misoomaaf dhaga bu’uuraa kaa’uun buufata xiyyaaraa fi Baaburaa isiniif hojjechiifna jechuun uummata gowwomsuuf Angawootni wayyaanee H/Maariyaam Dassaleen durfamu gara Godina Dhiha Oromiyaatti duula kan jiruu torbee darbee keessa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Godina bahaa Wallaggaa Naqemteetti duuluun simannaa uummataa dhabuun hedduu ittumaa muddama keessa seenuun, guyyaa har’a mataan Wayyaanee H/Maariyaam Dassaaleenyi dabballoota isaa qabachuun gara gara Godina kibba dhiha oromiyaa Magaal;aa Jimmaa seenuun dabballoota isaa malee simannaa uummata dhabuun daandii baaburaa fi xiyyaaraa isiniif galchina jechuun dabballoota isaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uun dabballootni isaa aanaa godinicha bakka bu’uun argamaniif kaabinoota aanaa fi dabballoota wayyaanee yoo ta’uu, guyyaa hardhaasa Simannaa uummata baldhaa Oromoo godina Jimmaa waan dhabaniif muddama keessa seenuun uummatni FDG nurratti kaasuuf jechuun humna waraana ittisa biyyaa mooraa Waraana dhihaa kan Magaalaa Jimmaa keessatti argamu kutaa waraana 44ffaa (44nyaa kifile Xoor) jedhamu keessa gadii baasuun Magaalaan Jimmaa fi Yuunivarsiitiin Jimmaa humna waraanaan marfamtee eegamaa jirti. Sakkatta’insii guddaan uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota magaalaa Jimmaa fi barattootaa fi hojjettoota irratti godhamaa jiraachuun ibsame.
Blog Archives
SBO Caamsaa 20,2015. Oduu, Filannoo wayyaanee irratti Ibsa ABO, Beeksisoota SBO fi Gaaffii fi deebii Inispecter Abdallaa Qaasim kutaa lammataa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 18, 2015
Aside
Poster Dhadesse Filannoo Kaabinoota Wannaanee Bakkoota Maxxanfame Irraa Funaanuun Cirtan Sababaa Jedhuun Dargaggoonni Oromoo Badii Malee Hidhamaa Jiru.
Aside
Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 18,2015
Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti dargaggoonni Oromoo lama beek-suura( poster) filannoo Wayyaaneen ittiin ofbeeksisuuf maxxansatte kan suuraa dorgomtoota OPDO dabalatee manneen uumataa fi iddoo buufata adda addaatti maxane irraa buqifatanii ciccirtan sababaa jedhuun badii tokkoon malee qabuun hidhaatti darbuun isaanii beekame.
Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa ganda bachoo booretti beek-suura Wayyaaneen mana rifeensaa tokko irratti maxxansite gaafa caamsaa14/2015 halkan dorgomtoota OPDO mana maree naannoof dorgoman lama kanneen maqaan isaanii akka itti aanutti caqafaman kunniin beek-suura irraa jara kaan keessa adda bafamuun kutamee jira.Dorgomtoonni kun:
1.Obboo Solomoon Abbabaa kantiibaa magaalaa jimmaa
OPDO bakka bu’uun mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
2.Obboo Muktaar Kadiir perezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa mana maree naannof dorgomaa kan jiru.
Yeroo ta’an daraggoota Oromoo suuraa jara kanaa fi dhaadessa filannoo Wayyaanee magaalaa keessaa funaantanii cirtaniittu sababaa jedhuun badii malee yeroo ammaa mana hidhaa keessa buusanii jiraachuun Qeerroon gabaase.
Dargaggoonni kun yeroo ammaa mana hidhaa Alaazaar kan magaalaa jimmaatti argamu keessaa hadhaa dararaa dhan dhamaa jiru. Isaanis
1.Dargaggoo Amiin konkolaachisaa baajaajii
2.Dargaggoo Amrallaa rifeensa sirreessee of jiraachisa.
Magaalan Jimmaa sakatta’iinsa fi ugguroo mootummaan Wayyaanee ummata nagaarratti gootun goolamaa jirti.
Oromo Voice Radio (OVR) broadcast- 18 May 2015
Aside
Bara Darbe Ebla 2014 Keessa Lammiileen Oromoo 59 Badii Tokkoon Malee Wayyaaneen TPLFn Qabamanii Karchallee Amboo Keessatti Hidhaman Keessaa 30 Bilisaan Gadhiifamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Caamsa 17,2015 Godina Lixa Shaggar Mana hidhaa karlchallee Amboo keessatti tti ilmaan Oromoo bara darbee baatii Ebla 2014 keessa Sochii warraaqsaa FDG keessatti hirmaattan jedhamuun badii tokko malee waggaa tokkoo oliif erga hidhaa keessa turani ilmaan Oromoo 59 galmee tokko irratti himatamanii jiran keessaa 30 bilisaan gadi lakkifamaniiru.
Dhaddachi Mana Murtii Godina lixa shaggar magaalaa Amboo Caamsaa 15/2015 Oleen ilmaan Oromoo yakka shororkeessuummaan himataman erga waggaa tookkoo oliif adabbii to’annoo seeraa jala turanii booda ragaan abbaan alangaa wayyaanee dhiyeeffate sobaa ta’uu mirkaneeffatuun ilmaan Oromoo kun badii tokko malee waggaa tokkoo oliif dararamaa kan turan bilisaan gadi lakkifamuu danda’aniru. Ilmaan Oromoo Oromummaa yakkamuu malee balleessa tokko illee hin qabnee mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessaa jedhuun sobaan yakkee dararaa erga ture booda, abbaan alangaa wayyaanee EPRDF/TPLFn raga tokko malee Oromoo nagaa mana isaanittii qabanii hidhatti darbuun erga waggaa tokkoo oliif, psychologically, physically fi mentally erga midhaa ture booda sobaan gochaa diinummaa uummata Oromoo irraa qabu muldhisuuf waan hidhee dararaa tureef, yeroo amma kanatti raga tokko illee irratti dhabuun ilmaan Oromoo kunneen bilisa ta’uu fi balleessa jedhamanii himatamaniif ragaan qubsaan hin jiru jechuun dhaddachi mana Murtii Amboo guyyaa kaleessa gaaffii tokko malee bilisaan akka gadhiifaman murtii kennuun yeroo amma kanatti ilmaan Oromoo kunneen gadhifamanii jiru. Maqaa hidhamtoota ilmaan oromoo hiikaman kanneenii :
1. Obboo Caalaa Baayisaa
2. Obboo Iddeessaa Magarsaa
3. Obboo Alamayyoo Irreessoo
4. Obboo w/Yesuus Mangashaa
5. Dargaggoo raajii Baksuu
6. Barataa Walabummaa Dabalee barataa Engineering waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Adaamaa
7. Barataa saa’uudi Jamaal barataa Yuunibarsiitii Amboo
8. Barataa Firaa’ol Tacaanee barataa Yuunibarsiitii Amboo
9. Barataa Abdataa Baatirii barataa yuunibarsiitii Amboo
10. Barataa Qananiisaa Raggasaa barataa yuunibarsiitii Amboo
11. Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa M/bsadarkaa 1ffaa Carii Amboo
12. Dubaree Ayyaantuu Dagaagaa daldaltuu hucuu Aadaa Oromoo fi Fayyaa Oromoo magaalaa Amboo
13. Barataa sanyii Cimdeessaa, barataa kolleejjii fayyaa biyyaa irraa eebbifamee hojii dhabee taa’aa ture,
14. Dargaggoo Tasfaa Dhugaasaa
15. Barataa Abdii(Gammachiis) Baddeessaa barataa Yuunibarsiitii Amboo
16. Barataa Waloo(Rabbirraa) Abboomsaa
17. Barataa Badhaasaa
18. Dargaggoo Baabbii
19. Barataa Abdiisaa Fajjii
20. Dargaggoo Dajanee
21. Dargaggoo caalaa Maandhessaa kannee keessatti argamaan ilmaan Oromoo nagaan humna Waraanaa Wayyaaneen Qe’ee fi maatii, akkasumaas barnoota isaanii irraa barattootni Oromoo ukkanfamanii hidhaan dararaa waggaa tokkoo olii erga argani dhaddachi Mana Murtii Amboo raga kijibaa/sobaa Mootummaan Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo dararaa jiru kufaa gochuun ilmaan Oromoo kun badii kan hin qabne ta’uu isaaniin bilisaan akka ghadi lakkifaman murtii dabarseen gadi lakkifamani jiru.
Qeerroon Bilisummaa Mootummaan abbaa irree Wayyaanee beenyaa, hamilee, qaamaa fi sammuu (psychologically) ilmaan Oromoo kanaaf akka beenyaa kaffalu gadi jabeessinee gaafata.
6 Oromo Students of Three Universities Abducted by TPLF Led Government Forces
Aside
6 Oromo Students of Three Universities Abducted by TPLF Led Government Forces
Qeerroo Report, May 17, 2015: As the fake 2015 so called Ethiopian election approaches, the TPLF led Ethiopian government has intensified arresting, harassing, and abduction of Oromo nationals, especially Oromo students of universities and higher educational institutions. Accordingly, the following Oromo students of Adama University, Eastern Shoa zone of Oromia regional state have been abducted by the terrorist “intelligence” forces of the Ethiopian regime and their whereabouts are unknown. Read Full; Qeerroo Report, May 17 2015
Uummaatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Mormii Sirna Wayyaaneef Qaban Jabeessuun Itti Fufan.
Aside
Dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo fi Uummaatni Oromoo Lixa Shaggar Aanota akka Midaa Qanyii, Tokkee Kuttayyee Gudar, Shanani Fi Xuqqur incinnii irratti guyyaa har’aa mormii guddaa sirna wayyaanee abbaa irree TPLF/EPRDF qaban ifatti muldhisuun hojii fi barnoota dhaabuun sagalee guddaan wayyaanee uummata Oromoo hidhaa, ajjeesaa, lafa irraa buqqisaa fi mirga dimookiraasii fi namummaa Oromoo sarbaa jiru, balaaleffatan. Dhaadannoowwaan armaan gadiis uummatni fi Dargaggootni Oromoo Midaa Qanyii, Gudarii, Xiiqur incinnii fi shanan irratti dhageessisuun Wayyaanee balaaleffachaa oolan.UNHCR-Urgent Life – saving Assistance is needed to Refugees and Asylum Seekers in Yemen
Aside
May 16, 2015
HRLHA’s Appeal to the United Nations High Commissioner for
Refugees (UNHCR)
UNHCR, Geneva
Dear Mr. Guterres,
The Human Rights League of the Horn of Africa/HRLHA is very concerned about the
current humanitarian crisis in the Republic of Yemen following the internal conflicts and
political instabilities that have broken down the social services in the country. Many nongovernmental and humanitarian organizations are reporting that the crisis in Yemen has highly affected refugees and asylum seekers who came from the Horn of Africa to Yemen to escape the volatile situations in Somalia, Ethiopia, Eritrea and other places. Among the most vulnerable are Oromo refugees and asylum seekers residing in Sanaa, Aden and other areas in Yemen. Read More:- HRLHA Appeal To UNHCR


