Gabaasa Qeerroo Caamsaa 17,2015 Midaa Qanyii

1. Harka tokkoon dimookiraasii sobaa labsaa, harka tokkoon qawwee fi rasaasaan Oromoo ajjeesuun, hidhuun dhaabbachuu qaba.
2.Nuti uummatni bilisummaa fi walabummaa barbaadna. Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
3. Magaalaan finfinnee kan Uummata Oromooti.
4.Bulchiinsi Finfinnee fi tajajilli hawwaasummaa fi Siyaasaa magaa Finfinnee qooda guddaa uummata Oromoo abbaa qe’eef kennuu qaba.
5.Nuti Qeerroon Oromoo, Barattootni Oromoo, fi uummatni Oromoo, gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin hanga nuuf kennamutti qabsoo bilisummaa Oromoo irraa duuti, hidhaan, doorsifnii fi darararaan akka nu dhaabuu hin dandeenye ni labsina jechuun dhaadannoolee qabsoo bilisummaa Oromoo faarsanii fi bilisummaa Oromoo faarsan dhageesisuun jibbinsa sirna bulchiinsa abbaa irree Wayyaaneef qaban dhageesisaniru.
Paartiin mormituu Sirna Wayyaanee Koongireensiin Federaalistii Oromoo (KFO) Qabsoo goototni dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo bara darbee Ebla irraa eegaluun diina hanga Afaanii fi Funyaanitti hidhate dura dhaabbatanii karaa nagaa fi Dimookiraasii falmachaa turan ni deeggarraa, gaaffiin barattoota Oromoo gaaffii keenya jechuun yeroo amma kanatti Dimookiraasii kijibaa Wayyaanee fi federaalizimii wayyaanee waraqaa irra malee lafa hin jirree kana ni mormina jechuun duula filannoo guyyaa hardhaa Godina dhihaa Shaggar keessatti gaggeessa kan jiraniin sochii uummataa fi dargaggoota Oromootiin liqinfamuun qabsoon jabaatee itti fufee jira.
Qeerroon bilisummaa Oromoo furmaatni mootummaa abbaa irree dimookiraasii sobaa afarsiituu FDG uummataa fi dargaggootni gaggeessa jiraniin kan furmaata waaraa argatu waan ta’eef uummatni keenya bakka jirtan hundaa harka walqabannee Mootummaa wayyaanee filannoo sobaa dahoo godhatee umrii bittaa isaa dheereffachuuf fiiga jiru dura dhaabbatne aangoo irraa qaarisuuf yeroon gamtaan falmatan amma ta’uu dhaamsa dabarse jira.