Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 15 ,2015

Aside

Barattooti Oromoo Yuniversitii Adaamaa 5 Badii Tokkoon Malee Humna Loltoota Wayyaaneen Ukkamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Nimoona

Nimoonaa(abbabaa) urgeessaa Fakkansaa

addunyaa-keessoo-3

Addunyaa Keessoo

 

MAQAA GUUTUU BAKKA BARNOOTAA BAKKA DHALOOTAA GOSAA FI SADARKAA BARNOOTAA fi Sadr/himannaa
Addunyaa Keessoo UNV/ADAAMAA Salaale,shawaa kaabaa aanaa warra jaarsoo Electrical engineering wagaa 4ffaa (himatamaa 3ffaa)
Nimoonaa(abbabaa) urgeessaa Fakkansaa UNV HAROMAYAA Shawaa kibba lixaa Soil engineering waggaa  2ffaa (himatamaa 1ffaa)
Bilisummaa Daammanaa Siyyum UNV/ADAAMAA Salaale shawaa kaabaa Accounting waggaa 3ffaa (himatamaa 4ffaa)
Mooyiboon (Tashaalee) Baqalaa Garbaa UNV JIMMAA Walagga bahaa aanaa jiddaa Health officer waggaa 2ffaa (himatamaa 5ffaa)
Magarsaa Warquu FAyyisaa UNV/HAROMAYAA Arsii qarsaa Seera waggaa 5ffaa (himatamaa 2ffaa)
Leenjisaa Alamaayyoo Sooressaa UNV/JIMMAA Shawaa lixaa Ginda barat Water engineering waggaa 3ffaa (himatamaa 6ffaa)
       

Humni Tika fi Loltuun Feederaala Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Hedduu Reebuu Saamaa Jira, Barattoota Afur Reebichaan Gara Malee Miidhe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 15,2015 Naqamte

Suuraa ,Barattoota  Naqamte 2014 Reebaman.

Suuraa ,Barattoota Naqamte 2014 Reebaman.

Caamsaa 14,2015 galgala Barattooti Oromoo diddaa sirna Wayyaaneen kaasaniin wal qabatee loltootii fi tikoonni mootummaa abbaa irree EPRDF Wayyaaneef ergaman mooraa Yuuniverstitii seenuun barattoota Oromoo reebaa turan,barattooti hedduun haa reebaman malee kanneen keessaa afur haala hamaan miidhamanii akka jiran Qeerroon gabaase.

  1. Rabbumaa Badhaasaa economics Waggaa 3ffaa
  2. Darajjee Fayisaa accounting Waggaa 3ffaa
  3. Guddataa Waaqshumaa banking wagga 3ffaa
  4. Barataa Taammiraat

Kanneen jedhaman haalaan reebamuu fi qabeenyi isaaniin loltoota Federaalaan samamee jiraachuun beekame.

Kana malees aanaa Mettaa Roobii magaalaa Eelaa keessaa Oromoota nagaa FDG gaggeessuuf qindaawaa jirtu sabaaa jedhuun hidhaatti guuraa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa,kanneen keessaa Oromoota mana hidhaa magaalaa Eelaa keessatti dararamaa jiran keessaa muraasni

  1. Shifarraa Nagarii
  2. Biraanuu Zawudee
  3. Giroo Guutamaa
  4. Abarraa Ayyalaa fi kanneen biroo maqaan hin qaqqabin dararama jiraachuun maddeen keenya gabaasan.

Uummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Keessa Jiraatan Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufuuf Murteeffatan.

Aside

Caamsaa 15,2015 Gabaasa Qeerroo Mettaa Roobii

Alaabaa konkUummatni Oromoo Aanaa Meettaa Roobii sirna bulchiinsa Wayyaanee EPRDF diduun  ejjetnoo FDG itti fufuu kan murteeffatan ta’uu wal hubachiisan. Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee diddaan warraaqsa Oromoo itti hammaachuu irraan waan qabee gadhiisu dhabee waan jirtuuf  ummata dararaa jira. Yeroo ammaa kanatti Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa, Magaalaa Gooroo, Magaalaa Shinoo fi iddoowwan birootti uummatni wal hubachuun qajeelfama Wayyaanee irraa darbu fudhachuu diduun bulchitoota ergamtoota Wayyaanee hundaaf ajajamuu dhaabee jira.

Kanuma waliin Oromiyaa bakka gara garaa keessatti Poolisoonni fi dabballootni mootummaa Wayyaanees manneen namootaa irra naanna’uudhaan nama ‘Oromiya Media Network’ hordofu qabanii hidhuudhaan dararaa jiraachuun beekame. Yuniversitiilee adda addaa keessattis sababaa Qeerroon Oromootu uummata nurraatti kaase jechuun hordoffii guddaa fi doorsisa guddaa barattoota Oromoo irratti gochuun daran uummataa fi dargaggeessi akka Wayyaanee irratti qabsaa’u kan godhe ta’uu maddeen keenya gabaasan.

Haaluma walfakkaatuun bulchaan bulchiinsa Aanaa Meettaa Roobii torbee darbe keessa konkolaataa ummata fe’ee deemuu tokko keessa Miseensota Qeerroo fi miseensota KFO keessa jira jechuudhaan gommaa konkolaataatti yommuu dhukaasuuf jedhutti konkolaatichi ummataan garagalee namootni hunduu madaa’uun mana yaalaa akka jiranii fi sababa kanaan walqabatee ummatni yeroodhaa gara yerootti bahee sagalee isaa dhageessisaa akka jiruu fi magaalaan Shinoo humna poolisii federaalaan weeraramtee akka jirtu gabaasaan nu qaqqabe jiruu ifa godhee jira.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sulultaatti Keessatti Hojjettooti Dhalootaan Oromoo Ta’an Tikoota Wayyaaneen Dararamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 14,2015,Gabaasa Qeerroo Sulultaa

aa

Sulultaa

Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa Sulultaatti hojjattoota mootummaa dhalootaan Oromoo tahanii karaa basaastota isheetiin adda baasuu fi doorsisuutti akka jiran Qeerroon gabaase.

ABO fi  Paartii congiransii federalistii Oromoo waliin tahuun hojjachaa jirtu sababa jedhuun sabboontota hojjattoota mootummaa addatti dhalootaan Oromoo tahan dabballootaa fi kaadiroota Wayyaaneetiin goolamaa jiru. Osoo hojii keenya hojjatanuu maaliif dhaaba biraa duukaa hiriirtu? Dhaabni keenya ni moo’ata booda eessa seentu? Kanaafuu Xaalayaa bakka bu’iinsaa dhaaba mormitootaa irraa fuutan nuuf laadhaatii gara dhaaba keenyatti deebi’aa jechuun doorsisaa kan jiran yoo tahu sabboontonni hojjattoonni kunneen mirga diimookraasii jettanii lallabaa turtaniidha waan taheef nu dhiisaa jechuun mormii dhageessisuun dura dhaabbataniiru.

Diddaa kaafatan sababaa jedhuun barsiisotiin dhalootaan Oromoo ta’an hidhaman keessaa , Ballaxaa Tarreessaa barsiisaa m/b caancoo sad.  2ffaa fi  Tafarii Alamuu Badhaadhaa barsiisaa m/b darbaa sad.1ffaa keessatti argamu.

Warraaqsa Bilisummaa Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Engineering Waggaa 3ffaa Kan Baratu Gammachuu Mangistuu Fi Baratooti Hedduuminaan Poolisoota Wayyaaneen Reebamuun Midhaman.

Aside

Caamsaa 14,2015 Naqamte

11262363_10202878830052159_8220994329729989471_nBarattootni muummee Afaan Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa baratan Jira barumsa dhaabuudhaan kaleessa Caamsaa 14/2015 fincila kaasuu Qeerroon gabaase.

Yeroo ammaa barattootni Yuuniversitiilee keessa jiran barumsa dhaabuudhaan mootummaa wayyaanee filannoof of qopheessaa hala mijeeffataa jiru dura dhaabbatuun FDG finiinsuu eegalan, barumsi sirnaan kan kennamaa hin jirre Yuuniversitiilee Adaamaa,Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa, Finfinee, Haromayyaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa keessatti barataan yeroo itti bilisumma faarsaa jiru, barumsa dhaabee mooraa keessa dhaadannowwan garagaraa maxxansaa, sagalee dhaadannoo sagalee sirboota qabsoo dhageessisaa jiruudha. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Wallagga irraa nu qaqqabe addeessuun kaleessa galgala irraa kaasanii mooraa keessatti:
Nuti bilisumma barbaanna,

  • Dirree qabsoo dheebonne, WBO WBO nu qaqqabi,
  • Siifan lola yaa oromoo narra hin gortuu kan jedhus sirboota qabsoo dabalataan,
  • Bilisummaan oromiyaa geesseetti,
  • Yoomiyyuu wayyaaneef jilbeenfannee hin beeknu, wayyaaneen diina keenya
    ofirratti hin fillu,
  • Oromiyaan ni bilisoomti….

Jechuudhaan sagalee dhaadannoo dhageessisaa, sirboota qabsoo fi waraqaa balaliituus darbachuun barattoota guutuu mooraa Yuuniversitii Wallaggaa kaasuun hanga dargaggoota magaalaa kaasutti fincila kaasuu sabboontota Oromoo muummee afaan Oromoo baratan irraa ka’e barattoota hunda hirmaachisuu Qeerroon gabaasee jira. Humni waraana Wayyaanes ganama har’aa naannicha buufatuu gabaasni nu gahe ibsa. Yuuniversitii Bulee Horaa fi Madda Walaabuu keessatti barattootni halkan edaa waraqoota maxxansan barumsa hin barannu, bilisummaadhaaf qabsoofna, yaa barattoota Oromoo FDGn ammaa kaasee itti fufuu qaba ka’aa hin kaanaa diina biyyaa baasna jedhuun mooraa keessa bittimsanii turan kanaanis hidhatotni fi humni waraanaa naannicha buufatuu gabaasni

Haala kana keessatti loltooti Wayyaanee barattoota hedduu reebichaan miidhuu fi kanneen kaan qaamaan caccabsanii akka jiran qeerroon gabaasa,barataa  reebichaan miidhaman keessaa engineering Waggaa sadaffaa kan baratu barataa Gammachuu Mangistuu isaan keessaa haalaan miidhamee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast 13 May 2015

Aside

TVOMT Beeksisa SBO Fii MIdiiyaa Madda Walaabuu

Aside

Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waamicha Lammummaa fi Fincila Diddaa Gabrummaa.

Hojjettoota Mootummaa Wayyaanee,Secterootaa fi sadarkaa garaagaraa irratti argamtanii Sirna Wayyaanee Kanneen Tajaajilaa Jirtan Akkasumas  Wayyaaneen EPRDF/TPLF Umurii Bittaa Isaa Dheerreffachuuf  Jecha Warreen Isin Bobbaase Hundaaf, Waamica Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo.

Yeroon mootummaa garboomsaa Wayyaanee EPRDF/TPLF ergamtuu ta’anii uummata guddaa gaanfa Afrikaa waanjoo garbummaa jalatti tiksan dhaabbachuu qaba. Oromoon akka baay’ina isaatti, guddina qabeenyaa isaatii fi baldhina lafa isaatti qooddannaan aangoo inni sirna EPRDF keessatti qabu qanfachiisaa fi salphina guddaa dha. Halli kun Oromoo mitii alagaaf illee ifaadha. Ilmaan Oromoo hundi Saba irraa dhalatan waanjoo garbummaa jalatti tiksuu fi mootummaa garboonfattuu Wayyaanee cina dhaabbatani Oromoo hidhuu, ajjeesisuun, mirga dimookiraasii, mirga namummaa irraa sarbisiisuu fi qabeenyaa uummata Oromoo dachee albuudan gabbataa saamsisaa, Oromoo qee’ee fi qabeenyaa irraa buqqisiisaa, maqaa babaldhina magaalaa Finfinnee fi Misooma magaalaa Finfinnee jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisiisaa, aadaa, afaanii,seenaa uummata Oromoo mancaasaa fi Maappii Oromiyaa adeemsa bakka lamatti qooduun caccabsanii bituuf karoorfachaa jiraachuu mootummaa EPRDF/TPLF  taa’anii ilaaluun gabrummaa,Wallaalummaa,  fafa fi doofummaa ta’uu jabeessinee  hubachiisuun, Ilmaan Oromoo sirna Mootummaa abbaa irree Wayyaanee kana keessatti ogummaa fi haala garaagaraan ramadamtanii Wayyaaneef hojjechaa jirtanii fi roorroo uummata keenyarratti fe’amee jiru kana teessanii ilaaluun yakkaa guddadha, seenaa keessatti itti gaafatama guddaa jala kan isin galchuu ta’uu ni hubachiifna. Keessaattuu ilma Oromoo taatanii kanneen sadarkaa garaagaraa irratti  itti gaafatamummaa Wayyaanee irraa fudhattanii Wayyaanee EPRDF/TPLF jiraachisuuf hojjettan addatti itti gaafatama seenaa fi Seeraa jalaa of baasuuf yeroon gamtaan uummata ofii waliin falmatan amma ta’uu jabeessinee waamicha gochuun, akka waliigalaatti ilmaan Oromoo secterootaa fi sadarkaa gita hojii garaagaraa keessatti kanneen argamtan hundaaf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa lammummaa fi FDG akka armaan gadii kanatti gadi jabeessuun isiniif dabarse. Guutuu Ibsa Kanaa:- Waamicha Lammummaa fi FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adaamaa Ganda Qonnaan Bulaa Marabbee Marmaarsaa fi Guraajjaa Furdaa Jedhamu Keessatti Maqaa Filannoon Qonnaan Bultooti Dararamaa Jiraachuun Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 13,2015 Adaamaa

Wayyaanee TPLF Sodaa filannoo baranaa irraa qabuun mootummaan tokko shaneen ummata goolaa jira.

Filmaata WayyaaneeMootummaan abbaa irree Wayyaanee shakkii paartiin mormituu ummata narratti dammakse jedhuun dabballoota isaa ummata keessa facaasuun soddaachisaa jira, Aanaa Adaamaa ganda qonnaan bulaa Marabbee marmaarsaa fi guraajjaa furdaa jedhamu keessatti ergamtooti Wayyaanee tokko shaneedhan mana qonnaan bultootaa irra deemuun foormii kanniisa filadhaa jedhuu fi maqaa akkasumas miseensummaa of irraa qabu irratti qonnaan bultoota galmeessuun ummatni akka kanniisa filatu dirqamaan mallatteesisaa jiru ,dargaggoonni naannichaa garuu akka hin mallatteesineef dura dhaabbachuun ergaa dabarsaa jiru.