Faaruu Alaabaa Oromoo(ABO) Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoon,Caamsaa 21, 2015

Aside

Wayyaanee/TPLF Filannoon Booda Maqaa OPDO Qulqulleessuu Jedhuun Sabboontota Oromoo OPDO keessa jiran Irratti Duuluuf Murtii Irra Gahee Jira.

Aside

Wayyaanee/TPLF ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran kanneen sabboonummaa qaban irratti duuluun tarkaanfii hidhaa fi ariisaa fudhachuuf murtii irra gahee jira.

Akka oduu kanaatti OPDO keessatti ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban mumul’achuun akeeka ganama OPDOn ittiin ijaaramte, kan akeekaa fi kaayyoo wayyaanee Tigraayi tarkaanfachiisuu jedhu didamaa dhufuu irraa, kun wayyaanee haalaan rifachiisee jira.

OPDO bakka duraatti deebisuun ajajaa fi qajeelfama bifa fedheetuu itti kennamu fudhatee akka hojii irra oolchuuf kan dandeessisu tarkaanfilee adda addaa fudhachuuf murtii irra kan gahan wayyaanotni, ilmaan Oromoo OPDO keessaa sabboonummaa qaban, warra mirga Oromoof haguma xiqqoollee sagalee dhageessisan hidhaa fi ariisaan rukutuun garee Muktaar Kadir warra ajaja itti laatamu qofa fudhatanii wayyaaneef gugguufanii bulanii fi mirga ummata Oromoof falmuuf warra dantaa hin qabne  kana jabeessuuf murtii irra gahanii jiraachuu hubatamee jira.

Bakka sabboontota Oromoo OPDO keessaa ari’amuuf jiranii kana kan qabatu ykn bakka isaanii kan buufamu ammoo Amaarotaa fi Tigroota Afaan Oromoo dubbatan ta’uu oduun kun ni hubachiisa. Kunis murtii Wayyaanee ammaan duraa kan OPDO keessatti abbaan fedhe itti miseensomuu fi hogganuu danda’a jedhu kan haaromsuu fi gadi jabeessu akka ta’es barameera.

 

Dargaggoonni Oromoo Godina Lixa Sahggar Aanaa Daawwoo Keessaa Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 21,2015

Anaa shaggarMootumman Abbaa Irree Wayyaanee hidhaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti kan daraan itti fufe yoo ta’uu gaafa Caamsaa 01,2015 dargaggoo Tamasgeen Asheetee Godina lixa Shaggar Aanaa Daawoo magaala Buusaa keessatti police ergaa ukkamfamee daraara waajjira police aanaa Daawoo ti kan irraa gaha ture yoo ta’uu guyyaa kaleessa Caamsaa 20,2015  manni murtii aanichaa yakka irraa bilisa jedhu illee Seeruma ofii baasan iyyuu kan hin kabajnee abbaan irree mootumma wayyaanee dargaggoo kana baasuu diduun bakka hin beekkamnetti akka geessan oduun nu gahee jira.

Sagalee Simbirtuu Qophii Caamsaa 21,2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 20 May 2015

Aside

Har’as,Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Weerare,Barattoota Oromoo Irratti Dhukaasuun Barattoota 5 Haalaan Madeessuun Hosptala Naqamte Seenan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamtee Caamsaa 20,2015

Oromo oromiaCaamsaa 20,2015 Waraannii Mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF Magaalaa Neqemtee fi Yuunivarsiitii Wallaggaa irra qubsiifamee jiru Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti jumulaan rasaasa roobsuunyakka waraanaa barattoota irratti rawwate jira.

Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Naqemtee keressatti kan argamuu Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti halkan edaa sa’aa 3:00 irratti loltootni mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa seenuun barattoota irratti rasaasa roobsuun yakka waraanaa barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwatan. Yakka ulfaataa barattoota siivilii, homaa meeshaa tokko illee of harkaa hin qabne kana irratti rawwatameen barattootni Oromoo Shan haalaan madeeffamuun hospitaalaa Neqemtee galanii jiraachuun ibsame. Barattootni Oromoo madeeffaman kunis :

  1.  Barataa Qixxeessaa Buraayyuu barataa Geology waggaa 3ffaa bakki dhaloota godina Horroo guduruu Wallaggaa
  2. Barattuu Boontuu Waggarii barattuu Environmental science waggaa 2ffaa bakki dhaloota wallagga lixaa,
  3. Barattuu Dirribee Badhaasaa barattuu Enviromental Science waggaa 2ffaa bakki dhaloota wallagga lixaa,
  4. Barataa Amiin barataa afaan Oromoo waggaa 3ffaa fi
  5. Barataa Tashalee barataa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kanneen keessaatti argamani.

Yakka waraana mootummaan EPRDF/TPLFn uummata Oromoo fi barattoota Oromoo irratti fudhateen jiraattotii fi hojjettooti hostala Naqamtee haalaan kan gaddan yeroo ta’u Oromoonni adduunyaa irratti bakka hunda faca’anii jiran gochaa hammeenya wayyaanee kaan akka balaaleffatanii fi hirkoo baratootaaf akka ta’an Qeerroo dhaammata.

Gama biraan Haaluma kanaan walqabatee Yuunibarsiitiin Wallaggaa fi Magaalaan Neqemtee rafama guddaa keessa jirti, Mootummaan Wayyaanee lubbuu ilmaan Oromoo fi nageenya uummata Oromoof bakka tokko illee hin qabnee fi tarkaanfii gara jabinaa Oromoo irratti fudhachuun beekamu guyyaa har’aa caamsa 20/2015 immoo Magaalaa Neqemtee keessatti dabballota, fi
kaadiroota isaa waliin hiriira duula filannoo gaggeessa jira. Uummatni Oromoo magaalaa Neqemtee fi yuunibarsiitii wallaggaa humna waraanaa guddaan eegamaa jiruu, Barattootni Yuunivarsiitii Wallaggaa guyyaa hardhaa barnoota dhaabani jiru.

Humni Waraana Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Qubate Barattoota Irratti Dhukaasee 2 Madeessuun Beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 20,2015 Naqamte

Naqi99Bakka qubsuma isaa Yuuniverstii Wallaggaa kan godhate humni waraana federaalaa(TPLF) Naqamtetti bobbaafame uumata magaalaa ba’uu fi galuu dhorkaa jira. Waraanni Wayyaaneen guyyaa kaleessaa mooraa Yuuiversitii Wallaggaa qubate tajaajila barattootaaf ta’u irraa isaaf qoodamee  tajaajila waraanaaf jecha  nyaata,uffata,firaashii utuu hin hanbisin bulchiinsa Yuuniversitiin dhihaateefii jira.

Halkan edaa mooricha keessa deddeemuun barattoota irratti yeroo dhukaasaa bulanitti barattooti 2 akka madaawanii jiran madden gabaasu.

Yuuniverstiin Wallaggaa yeroo ammaa tajaajila barnootaa kennuu irra tajaajila waraanaaf kennan irra guddachaa jira. Kana irratti dabalees prof,Fiqaaduu Bayyanaan deggersa mootummaaf kan kennu yeroo ta’u humna qubate kana tajaajiluun kan mooraa qubachiise keessaa isa tokko yeroo ta’u yeroo ammaa kanatti Profeeser Fiqaaduu Bayyanaa kaadhimamaa Paarlaamaa Wayyaanee kan godhina baha Wallaggaa ka’uun akka kaadhimame ni beekama. Pr Fiqaaduun Waggaa darbe human federaalaatiin barattoota reeba jechuun man caccabsiise ta’un jibbiinsa jabaa uummata Oromootiif qaban agarsiisuun isaa ni yaadatama.

Bilbilli Keessan Suuraa Alaabaa ABO Qaba Sababaa Jedhuun Oromoonni Humna Waraana Wayyaanee Ta’an Mana Hidhaatti Darbamaa Jiru.

Aside

Caamsaa 19,2015 Godina Lixa Shaggaritti Ilmaan Oromoo humna waraana kora bittinneessa Oromiyaa Aanaa calliyaa Geedoo irra qubsiifaman  keessatti argaman Oromummaan yakkamuun hidhannoon irraa hikamee hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun beekame.

Alaabaa ABO fi walleelee warraaqsaa mobail keessan irratti fe’attanii jirtu sababaa jedhuun qabamanii isin deggertootaa fi maadhee ABO ti jechuun mana hidhaa buufamanii jiraachuu qeerroon gabaasa.

Kanneen kunis:-.

  1. Ajaja 50 Addunyaa Mantamariyaa
  2. Ajajaa 10 nama Kaasahun jedhamuu fi
  3. Loltuu See’id  jedhamu kan keessatti argaman badii tokko malee dararaa cimaaf saaxilamaani jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

Godina Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo fi Waayyuu Qilxuu Keessatti Diddaan Uummataa Jabinaan Itti Fufe,Ummannis Wagahii Duula Filatnoo Wayyaanee Guututti Lagate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 19,2015 Naqamte

diddaa9Godina Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo  gandoota Waayyuu Qilxuu,Kamisa Beeraa fi aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Bildiimmaa Qexxoo keessatti guyyaa kaleessaa uummati bakkeewwan kana jiraatu Wayyaanee fi jala deemtotashee OPDOtti waaroo salphinaa uffisan
Onaa Jimmaa Arjoottis ta’e walii gala biyyattiitti filmaata sobaa geggeessituuf mootummaan Wayyaaneen tokkoshaneen nafiladhaa jedhus falmii jabaan uummata irraa itti ka’aa jira.

Jimmaa Arjoo gandoota Waayyuu Qilxuu fi Kamisa beeraatti uumnata bobbaasee wayita Mootummaan Wayyaaneen akka hayyudureen tokko Shane’s isinitti agarsiisutti nufiladhaa yeroo jedhu uummati walgahii harkatti fashaleessuun kaabinoota haalaan naasuun akka rifatan Qeerroo Jimma arjoo gabaasee jira.

Oduu walfakkaatuun achuma ollichatti kan argamu aanaa nuunnuu qumbaa ganda Bildiimmaa qexoorraas uumnati biyyi tokko shaneen filannoo geggeessitu addunyaa kanarraa dhaga’amee hin beeku jechuun FDG Wayyaanerratti waan dhageessisaniif yeroo ammaa kana namni bakka bakkatti sosso’uuf rakkoo guddaa keessa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.

Aside

abo

Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree malee Ummatoota hin Fayyadu.

Bittaan gita bittoota Tigraay ummatootaa Itophiyaa irratti humna qawween of irroomse Itophiyaa tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa baasuu hin dandeenye. Kadhaa gargaarsa alagaa irraa argamuun jireessuu keessaa baasuu dadhabee har’as taanaan Impaayerittiin hiriira biyyoota gargaarsaan jiraatan keessatti akka hiriirtetti jirti. Saaminsi daangaa dhabe murna aangoo irra jiruun adeemsifamu abbootii aangoo duroomsee lammiilee sadarkaa of jiraachisuu dadhabuu fi abdii dhabuu irraa, kanneen osoo jireenya barbaadanii galaana keessatti dhuman, biyyoota gara garaa keessatti haala suukanneessaa fi gaddisiisaan ajjeefaman lakkoobsi guddaa dha. Bilisa tahanii gurmaa’uun, yaada qaban ibsatuun guutummaatti yakkatti fudhatamee hidhaa, ajjeechaa fi roorroo gosa gara garaa lammiilee irraan gahuun Itophiyaan biyyoota Afriikaa irra dabree sadarkaa addunyaatti iyyuu tarree duraa keessatti argamuun haala qabatamaa biyyattii keessaa ibsa. Saaminsi, cunqursaan, buqqa’insi fi dhiittaan mirga dhala namaa waggoota 24 dabraniif adeemsifamee fi sadarkaan har’a irra gahe egeree biyyattii kan dukkaneesse, ummatoota kan abdii dhabsiise dha.
Wayyaaneen qawween dhufe. Qawweenis jiraate. Fuula duras Itophiyaa abbaa irrummaa paartii tokkoo jala tursuun murtii isaa bosonaa qabatee dhufe tahuun kan shakkamu miti. Ammas kana ifaan labsatee jira.Ibsa ABO Filannoo Wayyaanee 2015 ilaalchisee